Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hafuurri Qulqulluun Maalidha?

Hafuurri Qulqulluun Maalidha?

Hafuurri Qulqulluun Maalidha?

YESUS yeroo tokko, “Isin keessaa abbaa kan ta’e, ilmi isaa buddeena yoo kadhate, isa inni kadhate dhowwatee, dhagaa kennaafii ree? Qurxummii yoo kadhate, qurxummii isa inni kadhate dhowwatee, bofa kan kennuuf jiraa ree? Yookiis ilmi isaa hanqaaquu yoo kadhate, torbaanqabaa in kennaafii ree?” jechuudhaan bartootasaa gaafatee ture. (Luqaas 11:11, 12) Ijoolleen Galiilaa jiraatan hanqaaquufi qurxummii nyaachuu waan jaallataniif, nyaanni gaariin maal akka ta’e beeku turan.

Yesus, mucaan beela’e tokko akkuma nyaata gaafatu, nutis hafuura qulqulluu argachuuf irra deddeebinee kadhachuu akka qabnu dubbateera. (Luqaas 11:9, 13) Hafuurri qulqulluun maal akka ta’e beekuun keenya, wanta inni jireenya keenya keessatti raawwachuu danda’u hubachuuf nu gargaara. Kanaaf, jalqaba Macaafni Qulqulluun waa’ee hafuura qulqulluu maal akka barsiisu haa qorannu.

‘Humna Abbaa’

Caaffanni Qulqullaa’oon, hafuurri qulqulluun humna Waaqayyo fedhasaa raawwachuuf itti fayyadamu akka ta’e ibsu. Gabri’el ergamaan, Maariyaam durbummaasheetti ilma akka godhattu yeroo itti hime, “Hafuurri qulqulluun si irra in bu’a, humni abbaas si golbooba, kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee in waamama” jechuudhaan dubbatee ture. (Luqaas 1:35) Akka Gabri’el dubbatetti, hafuurri qulqulluuniifi “humni abbaa” walitti dhufeenya qaba.

Yaanni kanaa wajjin wal fakkaatu kutaa Macaafa Qulqulluu kaanirrattis ibsameera. Miikiyaas raajichi, “Ani . . . humna, hafuura Waaqayyoo . . . argadheera” jedheera. (Miikiyaas 3:8) Yesus, “Hafuurri qulqulluun yommuu isin irra bu’u, humna in godhattu” jechuudhaan bartootasaatiif waadaa galeera. (Hojii Ergamootaa 1:8) Phaawulos ergamaanis waa’ee “humna hafuura qulqulluu” dubbateera.—Roomaa 15:13, 19.

Maarree, yaanni armaan olitti ilaalle maal nu hubachiisa? Hafuura qulqulluufi humna Waaqayyoo gidduu walitti dhufeenyi cimaan akka jiru hubanna. Hafuurri qulqulluun, humna Yihowaan waan tokko ittiin raawwatudha. Salphaadhumatti, hafuurri qulqulluun humna Waaqayyoo isa hojiirra jirudha. Humni kun baay’ee dinqisiisaa mitii? Uumama cufa uumuuf, humni hammamii barbaachisee akka ture hubachuu hin dandeenyu. Yihowaan karaa Isaayaas raajichaa, “Mee ol jedhaatii ija keessaniin ilaalaa! Urjoota kana hundumaa eenyutu uume? Macca isaanii lakkoobsaan eenyutu gad yaasa? Hunduma isaaniis maqaa maqaadhaan in waama, inni humna-qabeessaa fi aango-qabeessa waan ta’eef, isaan keessaa kan dhabamu tokko illee hin jiru” jechuudhaan wantoota kanarratti akka xiinxallu nutti himeera.—Isaayaas 40:26.

Kanaaf, Macaafni Qulqulluun uumamni cufti seera qabaachuufi walsimee jiraachuu kan danda’e, “humna” Waaqa isa Hundumaa Danda’uun akka ta’e ibsa. Humni Waaqayyoo inni hojiirra jiru baay’ee guddaadha; jireenyi keenya isarratti kan hundaa’e akka ta’es ifaadha.—Saanduqa “Hafuura Qulqulluu Isa Hojjiirra Jiru” jedhu ilaali.

Yihowaan uumama cufa uumuuf hafuura qulqulluutti akka gaariitti akkuma fayyadame, yeroo ammaattis hafuura kanatti fayyadamee ilmaan namootaa gargaaruu danda’a. Macaafni Qulqulluun, ragaawwan hedduu Waaqayyo tajaajiltootasaa lafarra jiraniif humna kennuuf hafuura kanatti akkamitti akka fayyadame ibsan qabateera.

“Hafuurri Gooftichaa Ana Irra Jira”

Tajaajilli Yesus lafarratti raawwate, Waaqayyo hafuura qulqulluutti fayyadamee tajaajiltootasaatiif akkamitti humna akka kennu hamma tokko nuu ibsa. Yesus namoota Naazireetiin, “Hafuurri gooftichaa ana irra jira” jedhee ture. (Luqaas 4:18) Yesus, “humna hafuura qulqulluutiin” maalfaa raawwatee ture? (Luqaas 4:14) Namoota dhukkuba addaddaatiin qabaman fayyiseera, dha’aan bishaanii gab akka jedhu godheera, buddeenaafi qurxummii muraasa namoota kumaan lakkaa’aman nyaachiseera, akkasumas namoota du’an kaaseera. Phexros ergamaan, “Hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin fudhatamaa isa godhe” jechuudhaan waa’ee Yesus ibseera.—Hojii Ergamootaa 2:22.

Yeroo ammaatti hafuurri qulqulluun dinqiiwwan akkasii akka raawwataman gochaa hin jiru. Ta’us wantoota dinqisiisaa ta’an nuu gochuu danda’a. Akkuma Yesus bartootasaatiif mirkaneessee ture, Yihowaan tajaajiltootasaatiif hafuura qulqulluu ni kenna. (Luqaas 11:13) Phaawulos ergamaan, “Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda’a” jechuu kan danda’e kanaaf ture. (Filiphisiiyus 4:13) Hafuurri qulqulluun gargaarsa akkasii sii gochuu danda’aa? Matadureen ittaanu gaaffii kanaaf deebii kenna.

[Saanduqa fuula 5rra jiru]

Hafuurri qulqulluun qaama hin qabu kan jennu maaliifi?

Macaafni Qulqulluun, hafuura qulqulluu bishaanii wajjin wal fakkeessee ibsa. Waaqayyo, “Ani lafa dheebotaa irratti bokkaa nan roobsa, lafa gogaa keessa bishaan nan lolaasa; ani sanyii kee irratti hafuura koo, ijoollota kee irrattis eebba koo nan dhangalaasa” jechuudhaan sabasaatiif abdii kenneera.—Isaayaas 44:3.

Waaqayyo tajaajiltootasaarratti hafuurasaa yeroo dhangalaasu ‘hafuura qulqulluudhaan guutamu.’ Yesus, Yohaannis Cuuphaan, Phexros, Phaawulos, Barnaabaasiifi bartoonni Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti walitti qabamanii turan hundi, hafuura qulqulluudhaan akka guutaman ibsameera.—Luqaas 1:15; 4:1; Hojii Ergamootaa 4:8; 9:17; 11:22, 24; 13:9.

Mee yaada kana qalbeeffadhu: Qaamni tokko namoota baay’eerratti ‘dhangala’uu’ danda’aa? Qaamni tokko, namoota hedduu iddoo tokkotti walitti qabaman hunda ‘guutuu’ danda’a jettee yaaddaa? Kun ta’uu hin danda’u. Macaafni Qulqulluun, namoonni ogummaadhaan hubannaadhaan ykn beekumsa dhugaadhaan akka guutaman kan dubbatu ta’us, eenyuyyuu qaama biraatiin akka guutamu matumaa hin dubbatu.—Ba’uu 28:3; 1 Mootota 7:14; Luqaas 2:40; Qolosaayis 1:9.

Jechi afaan Giriikii “hafuura” jedhu piniwuumaa si’a ta’u, jechi kun humna ijaan hin argamne ibsuufis ni hojjeta. Akka Vaayin Eksipooziitarii Dikshinarii oov Niiwu Teestaamanti Wordis jedhamu ibsutti, jechi piniwuumaa jedhu “caalaatti qilleensa . . . akkasumas hafuura baafannu; keessumaammoo, hafuura isa akka qilleensaa ijaan hin argamne, qaama hin qabneefi humna qabu kan argisiisudha.”

Kanaaf hafuurri qulqulluun qaama hin qabu jechuudha. *

[Miiljalee]

^ key. 19 Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e fuula 201-204 mataduree, “Abbaa, Ilmaafi Hafuura Qulqulluu Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?” jedhu ilaali.

[Madda]

Photodisc/SuperStock