Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Yeroon Murame’ Dhihaateera

‘Yeroon Murame’ Dhihaateera

‘Yeroon Murame’ Dhihaateera

AKKUMA Anbaaqom raajichaa, bartoonni Yesusis yeroo itti rakkinni badu beekuuf hawwanii turan. Mootummaan Waaqayyoo rakkina lafarra jiru balleessuuf maal akka godhu erga baratanii booda, “Kun yoom ta’a? Milikkinni dhufa keetii, [yeroon aboo Mootummaa keetii] kan dhuma barichaas maali?” jedhanii Yesusiin gaafatan. (Maatewos 24:3) Yesusis yeroo Mootummaan sun lafa kana guutummaatti bulchu yoom akka ta’e sirriitti kan beeku Yihowaa qofa akka ta’e isaanitti himeera. (Maatewos 24:36; Maarqos 13:32) Haata’u malee, Yesusis ta’e bartoonnisaa, wantoota yeroon jedhame sun dhihaachuusaa argisiisan tokko tokko ilaalchisee raajii dubbataniiru.—Saanduqa gara mirgaatti argamu ilaali.

Rakkoowwan kun yeroo ammaatti akka babal’atan hin amantuu? Kana malees, Yesus hojiin barsiisuu addunyaa maratti akka hojjetamu raajii dubbateera. “Saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa” jedheera.—Maatewos 24:14.

Yeroo ammaattis wanti kun raawwatamaa jira. Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii kana hojjechaa jiru. Dhugaa Baatonni miliyoona torbaa ol ta’an, biyyoota 236 ta’anitti, Mootummaan kun maal akka raawwatu namootatti himaa jiru. Akkasumas, ulaagaa qajeelinaa Waaqayyo inni rakkinaafi waraansa balleessuu barbaadu baasee wajjin walsimanii akka jiraatan namoota gargaaraa jiru. Atis waa’ee Mootummaa Waaqayyoo barachuukee yoo itti fufte, addunyaa rakkinarraa walaba ta’e keessa barabaraan jiraachuuf abdii argatta.

[Fakkii fuula 24rra jiru]

Caqasoota Waa’ee Guyyoota Gara Dhumaa Ibsan

[Fakkii fuula 24rra jiru]

MAATEWOS 24:6, 7; MUL’ATA 6:4

Waraana kanaan dura ta’ee hin beekne

MAATEWOS 24:7; MAARQOS 13:8

Socho’a lafaa gurguddaa

Hanqina nyaataa

LUQAAS 21:11; MUL’ATA 6:8

Dha’icha

MAATEWOS 24:12

Seera malee jiraachuun dabalaa adeemuu

Jaalalli qabbanaa’aa adeemuu

MUL’ATA 11:18

Lafa balleessuu

2 XIMOTEWOS 3:2

Garmalee horii jaallachuu

Warraaf abboomamuu diduu

Garmalee of jaallachuu

2 XIMOTEWOS 3:3

Jaalala dhabuu

Araara kan hin jaallanne ta’uu

Namoonni kan of hin qabne ta’uusaanii

Waan gaarii jibbuu

2 XIMOTEWOS 3:4

Waaqayyoon caalaa gammachuu jaallachuu

2 XIMOTEWOS 3:5

Namoonni hedduun sobaan Kiristiyaanota ofiin jechuusaanii

MAATEWOS 24:5, 11; MAARQOS 13:6

Raajonni sobduun ka’uusaanii

MAATEWOS 24:9; LUQAAS 21:12

Kiristiyaanonni dhugaan ari’atamuusaanii

MAATEWOS 24:39

Namoonni akeekkachiisa Macaafa Qulqulluu qalbeeffachuu diduusaanii

[Fakkii fuula 24rra jiru]

Dhugaa Baatonni Yihowaa, addunyaa maratti waa’ee Mootummaa Waaqayyoo namoota barsiisu