Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ajjeechaa Mana Barumsaa Booda Jajjabina

Ajjeechaa Mana Barumsaa Booda Jajjabina

Ajjeechaa Mana Barumsaa Booda Jajjabina

KENNAME FUULLI jalqabaa gaazexaa tokkoo guutummaatti halluunsaa gurraacha yommuu ta’u, jechi “Maaliif?” jedhu irratti barreeffameera. Gaaffiin kun, gaaffii namoonni hedduun dargaggeessi umrii waggaa 17 tokko kibba Jarman magaalaa Vinandanitti qawweedhaan namoota 15 galaafatee, dhumarratti erga of ajjeesee booda irra deddeebi’anii gaafatanidha. Sana booda guutummaa biyya Jarmanitti alaabaan walakkaatti akka fannifamu kan godhame si’a ta’u, oduu gaddisiisaan kunis addunyaa maratti tamsa’eera.

Magaalaan Vinandan, badhaatuufi bareedduu si’a taatu, maasii wayiniifi mukkeetii ijisaanii nyaatamuun kan marfamtedha. Manni barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Albertiviil, Bitootessa 11, 2009 akkuma yeroo kaanii hojii jalqabeera. Haata’u malee akkuma tasaa, ganama sa’aatii 3:30⁠tti gochi gara jabinaafi jeequmsi ni jalqabe.

Dargaggeessi tokko, qawwee kutaa ciisichaa warrasaa keessa ture fudhatee, aariidhaan mana barumsaa dur keessatti baratu gale. Battaluma sanatti, kutaa sadii seenee barattoota sagaliifi barsiisota sadii erga ajjeesee booda, barattoota hedduummoo ni madeesse. Daqiiqaa muraasa booda poolisoonni achi ga’an. Dargaggeessi kun baqatee mana qorichaa dhihoo sanatti argamu tokko seene. Achittis nama mana qorichaa sana keessaa hojjechaa ture tokko ajjeese. Sana booda, konkolaachisaa tokko qawweedhaan dirqisiisee naannoo sanaa miliqe. Namichi konkolaataa oofus, gara kiilomeetira 40 erga adeemee booda gurbicha jalaa miliqe. Bakka tokkotti, gurbichi nama konkolaataa gurguruufi nama isarraa bituuf jedhu tokko ajjeesee, poolisoota isa qabuuf itti dhihaatan lamammoo garmalee madeesse. Dhumarrattis poolisoonni yommuu bira ga’an, qawweesaatiin of ajjeese.

Namoonni gurbaa kana beekan akka dubbatanitti, dargaggeessi kun, nama warra kaan biratti fudhatama argachuufi hiriyaa qabaachuu barbaadu ture. Kana akka godhu kan isa kakaase maalidharee? Tarii dhiphatee, akkasumas qawwee sobaatiin taphatee ykn taphawwan viidiyoo namootarratti ka’uu jajjabeessan taphatee ta’uu danda’a. Haata’u malee, namoonni tokko tokko, maarree dargaggoonni kumaan lakkaa’aman kana ni godhu mitii? jedhu ta’a. Gurbaan kun namoota akkamii ajjeese? Namoota muraasa filatee ajjeesemoo, namoota argate hunda ajjeese? Sababa durba saddeetiifi dhiira tokko itti ajjeese ilaalchisee yaanni tokko tokko dhihaatee ture. Ta’us, dhimma kana ilaalchisee eenyuyyuu ragaa qabatamaa dhiheessuu hin dandeenye.

Tarkaanfii Atattamaan Fudhatame

Haati Haayika jedhamtu tokko, “Ilmikoo naa bilbilee mana barumsaatti namoonni ajjeefamuusaanii yommuu natti himu amanuu hin dandeenye. Haata’u malee, sagalee konkolaataa poolisiifi sagalee ambulaansii hedduu yommuun dhaga’u nan na’e” jetteetti. Poolisoonni dafanii achi ga’uunsaanii, gurbaan kun kana caalaa nama baay’ee akka hin ajjeesne godheera. Namoonni mana barumsaatii erga baqatanii booda, warri yaalii fayyaa godhan, warri gorsa kennaniifi abbootiin amantii, achitti argamanii barattoota gargaaruuf hamma danda’an yaalii godhaniiru.

Yeruma sana gabaastonni hedduun bakka sanatti argamanii, barattoota hedduu naasuudhaan hollachaa turaniif gaafannoo gochuu jalqaban. Barataan tokko, konkolaattonni televijiinii 28, dhaabbata addaddaa 26f hojjetan mana barumsichaa dura dhaabachuusaanii akka arge dubbateera. Dorgommii cimaan sabqunnamtii hedduu gidduu ture, gabaasa hin mirkanoofne akka dhiheessan godheera. Rippoortarri tokko guyyuma yakki kun itti raawwatametti, maatiin intallisaanii jalaa ajjeefamte tokko suuraashee akka kennaniif kan isaan gaafate si’a ta’u, warri kaanimmoo barattootaaf qarshii kennanii suuraa isaan kaasaniiru. Naannoo sanatti jeequmsi guddaan waan uumameef, gabaastonni tokko tokko, haala maatiiwwan michuuwwansaanii jalaa du’an hin mufachiisneen warra kaan dursanii oduu sirrii dhiheessuuf rakkatanii turan.

Yeroo kanatti, namoonni jajjabinaafi ibsa argachuuf gara amantiitti garagalaniiru. Guyyaa balaan kun uumametti, amantiiwwan hedduun waliin ta’anii kadhannaa godhan. Namoonni hedduun, gocha kana dinqisiifataniiru. Haata’u malee, namoonni Dubbii Waaqayyoorraa jajjabina argachuu barbaadan ykn gaaffiiwwan rakkisaa ta’aniif deebii argachuu barbaadan qophii kanatti utuu hin gammadin hafaniiru. Maatiin tokko, awwaala intala ilmasaanii wajjin kutaa tokkotti barachaa turterratti argamanii turan. Haati mucichaa akkas jetteetti: “Lubni tokko rakkoowwan Iyoobirra ga’an dubbate. Lubni kun barumsa seenaa kanarraa argamu ni ibsa ykn jajjabina tokko nuu kenna jedhee yoon eegeyyuu, waa’ee kanaa homaa hin dubbanne. Iyoobirra rakkinni maaliif akka ga’es ta’e, dhumarratti eebba akkamii akka argate wanta dubbate hin qabu.”

Namichi tokko, wanta nama jajjabeessu tokkollee utuu hin dhaga’in hafuunsaa baay’ee isa aarseera. Namni kun, waggaa 30 dura Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabee kan dhiise ture. Sana booda garuu, walga’iisaanii irratti argamuu jalqabe.

Intalli Vooliizaa jedhamtuufi umriinshee waggaa 14 ta’e, Dhugaa Baatotaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachaa kan turte si’a ta’u, kutaa ajjeechaan kun itti raawwatametti dhihoo jiru keessa turte. Yommuu sagalee qawwee dhageessu, Yihowaa kadhachuu jalqabde. Sana booda haala kana akkamitti akka moote yommuu gaafatamtu, wantoonni kun guyyoota gara dhumaa sodaachisaa ta’an ilaalchisee wanti Macaafa Qulqulluurraa baratte dhugaa ta’uusaa akka ishee hubachiise dubbatteetti. (2 Ximotewos 3:1-5) Dhugaa Baatonni lama namoota jajjabeessuuf carraaqqii gochaa turan. Maanguddoon tokko garasaanii dhaqanii, “Namoonni baay’een wanta isin gochaa jirtan kana gochuu qabu” jedhan. Ajjeechaan gaddisiisaafi suukanneessaa ta’e kun, namoonni tokko tokko abdiifi jajjabina Macaafa Qulqulluu keessatti argamu akka dhaggeeffatan kakaaseera.

Jeequmsa Miiraa Nama Keessaa Hin Badne

Jechi gaariin akkamiillee, gaddaafi naasuu namoota kallattiidhaan miidhaan irra ga’e hambisuu akka hin dandeenye beekamaadha. Jechi warra mucaansaanii jalaa ajjeefame ykn ajajaa poolisii haati manaasaa warra ajjeefaman keessaa tokko ta’uushee arge guutummaatti jajjabeessuu danda’u hin jiru.

Barattoonni balaa kanarraa oolaniifi warrisaanii, sababa addaddaatiin miirrisaanii jeeqameera. Vooseeleyoos, yommuu gurbichi dhukaasa banu dafee kutaadhaa utaalee ba’e. Akkas jechuudhaan dubbateera: “Yommuun karaa foddaa utaalee ba’u, Yihowaan kadhadhe. Nan du’a jedhee waanan sodaadheef, kadhannaankoo kun isa dhumaati jedhee yaadeen ture.” Torban hedduudhaaf abjuu nama wareersuun rakkachaa kan ture ta’uusaarrayyuu, eenyuu wajjiniyyuu haasa’uu hin barbaadu ture. Keessumaa sabqunnamtii hedduun ajjeechaa kana gabaasuudhaan qarshii argachuuf yaaluunsaaniifi warra miidhamaniif dantaa dhabuunsaanii baay’ee isa aarseera. Yeroo booda garuu dhugaasaa amanee fudhateera.

Yoonoos, Vooseeleyoosii wajjin kutaa tokko keessatti kan baratu si’a ta’u, innis barattoonni kutaasaa shan yommuu ajjeefaman argeera. Akkas jedheera: “Sana booda wanta raawwatame akka gaariitti nan dubbadhan ture; haalli sun fiilmii nama sodaachisuu wajjin wal fakkaata. Amma garuu haala yeroo sanaa dubbachuun na rakkisa. Amallikoo ammaa amma jijjiirama. Yeroo tokko tokko waa’ee kanaa dubbachuu hin barbaadu; al tokko tokkommoo baay’een dubbadha.” Mucaan kun halkan ni wareera; rakkina hirribaas qaba ture.

Guyyoota muraasa booda, meeshaawwan barattoonni kun kutaa keessatti itti fayyadamaa turan isaanii deebifame. Ogeessonni waa’ee miiraa qoratan, ijoolleen kun meeshaawwan kana ilaaluunsaanii, balaa sana akka isaan yaadachiisu akeekkachiisanii turan. Yoonoos jalqabarratti uffatasaa, korojoosaafi gonfoo yommuu doqdoqqee oofu kaa’atu tuquu hin barbaanne ture. Nama gurbaa ajjeechaa raawwate fakkaatu ykn akkasaa ba’aa dugdatti baatu yommuu argu baay’ee sodaata ture. Yeroo tokko fiilmii warrisaa ilaalan keessatti yommuu sagaleen qawwee dhaga’amu baay’ee na’e. Ogeessonni xiinsammuu, namoota miidhaan miiraa irra ga’e kanaaf furmaata argamsiisuuf yaalii godhaniiru.

Abbaa Yoonoos kan ta’e Yu’argan, mana qorichaa hojjetaan tokko itti ajjeefame keessaa hojjeta ture. Warriifi hiriyoonnisaanii hedduun gaaffiiwwan gurbaan sun maaliif kana godhe? utuu ana ajjeeseera ta’eehoo? jedhaniin akka dhiphatan dubbateera. Fakkeenyaaf, dubartiin mana qorichaa sanatti qacaramtee hojjettu tokko, fooqiirra dhaabattee gurbichi yommuu karaarra adeemu isa kan argite si’a ta’u, anaanis na ajjeesuu danda’a ture jettee waan dhiphatteef, yaaliin fayyaa isheedhaa godhameera.

Namoota Tokko Tokkoof Gargaarsi Kan Godhame Akkamitti?

Namoonni tokko tokko haala sodaachisaa akkasii akka mo’an kan isaan gargaare maalidha? Yu’argan, “Al tokko tokko ulfaataa ta’us, warra kaanii wajjin ta’uun gaariidha. Warri kaan akka siif yaadan beekuunkee, kophaakee akka hin taane si hubachiisa; kunimmoo faayidaa qaba” jedheera.

Yoonoosis warri kaan isaaf yaaduusaanii kan dinqisiifatu ta’uusaa akkas jechuudhaan ibseera: “Namoonni baay’een kaardiifi ergaa naa ergu. Isaan keessaa tokko tokko, caqasa Macaafa Qulqulluu akkan dubbisu naa caqasaniiru. Kun baay’ee na fayyadeera.” Wanti isa gargaare garabiraan maalidha? Akkas jechuudhaan ibseera: “Yaanni kun humnaa ol natti ta’ee, yommuu hirribaa na dammaqsu ka’een kadhadha. Yeroo tokko tokko muuziqaa ykn barruulee Dammaqaa! sagaleedhaan waraabaman nan dhaggeeffadha” jedheera. * Itti dabalees, Macaafni Qulqulluun, biyya lafaa kan bulchu Seexana akka ta’eefi guyyoota gara dhumaa keessa akka jiraannu dubbachuudhaan, wantoonni kun hundi maaliif akka raawwataman nuu ibsa. Abbaansaa, hubannoo akkasii qabaachuunsaanii rakkina kana mo’uuf akka isaan gargaare ibseera.

Rakkinni Hundi Dhihootti Ni Bada

Guyyoota muraasa gidduutti dungoon, abaaboofi xalayaan hedduun mana barumsaa sana dura kaa’aman. Karistiin, namoonni hedduun gaaffiiwwan wanti kun maaliif raawwatame? Waaqayyo kun akka ta’u maaliif heyyame? jedhan barreessuusaanii hubatte. Gaaffiiwwan kun deebii argachuu akka qaban waan isaanitti dhaga’ameef, isheeniifi hiriyoonnishee Dhugaa Baatota ta’an lama, xalayaa barreessanii xalayaawwan kaan gidduu kaa’an.

Qophii warra ajjeefaman yaadachuudhaaf godhamerratti, dhaabbanni televijiinii tokko xalayaashee kan argisiise si’a ta’u, toora jalqabaa: Guyyoota gara dhumaatti gaaffiin, “Maaliif? jedhu, keessumaammoo gaaffiin Waaqayyo eessa ture? akkasumas wanti kun akka ga’u maaliif heyyame? jedhan irra deddeebi’anii dhaga’amu” jedhu caqaseera. Kan nama gaddisiisu, yaannisaa asirratti dhaabachuusaati.

Asirratti dhaabachuunsaa nama gaddisiisa kan jennu maaliifi? Xalayichi rakkoowwan hundi maddisaanii maal akka ta’eefi Waaqayyo “rakkoowwan ilmaan namootaarra ga’an hunda balleessuu” akka barbaadu waan ibsuufidha. Xalayichi itti dabaluudhaan, “Kutaa Macaafa Qulqulluu isa dhumaarratti, Waaqayyo imimmaan hundumaa ija namootaarraa ni haqa, duuti hin jiru, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru, akkasumas wanti duraa darbeera” jedha. Yihowaan warra du’anillee ni kaasa. Mootummaasaa isa dhihootti dhufu keessatti, wanti gaddisiisaan, ajjeechaan ykn rakkinni hin jiraatu. Waaqayyo, “Kunoo, ani waan hundumaa haaraa nan godha!” jechuudhaan waadaa galeera.—Mul’ata 21:4, 5.

[Miiljaleewwan]

^ key. 20 Barruu Dammaqaa! barreeffamaafi sagaleedhaan kan qopheessan Dhugaa Baatota Yihowaati.

[Fakkii fuula 28rra jiru]

Kaardiin, “Waa’eekee ni yaadna” jedhu Yoonoosiif ergameera

[Madda fakkii fuula 25rra jiru]

Focus Agency/WPN

[Madda fakkii fuula 25rra jiru]

© imagebroker/Alamy

[Madda fakkii fuula 26rra jiru]

Foto: picture alliance

[Madda fakkii fuula 27rra jiru]

Foto: picture alliance