Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waa’ee Hafuura Qulqulluu Namoonni Yaada Addaddaa Kan Qabaatan Maaliifi?

Waa’ee Hafuura Qulqulluu Namoonni Yaada Addaddaa Kan Qabaatan Maaliifi?

Waa’ee Hafuura Qulqulluu Namoonni Yaada Addaddaa Kan Qabaatan Maaliifi?

HAFUURRI QULQULLUUN maalidha? Gaaffiin kun salphaa fakkaatus, deebii gaaffii kanaa argachuun ulfaataa ta’uu danda’a. Phaaphaasii Beenedikti 14⁠ffaan, namoota Awustiraaliyaatti walitti qabamaniin, “Waa’ee Hafuura Qulqulluu sirriitti hubachuu hin dandeenyu” jedhanii turan.

Gaaffii, Hafuurri qulqulluun maalidha? jedhu ilaalchisee, yaanni addaddaafi shakkii hedduun akka jiru beekamaadha. Deebiiwwan gaaffii kanaaf kennaman tokko tokko armaan gaditti caqasamaniiru:

Qaama garaa duuka buutota Kiristos keessa jiraatudha.

Karaa Waaqayyo lafarratti ittiin mul’atudha.

Qaama Sillaasee isa sadaffaadha.

Yaanni addaddaa kun uumamuu kan danda’e akkamitti? Dh.K.B. jaarraa arfaffaatti, hayyoonni amantii tokko tokko, hafuurri qulqulluun qaama Waaqayyoo wajjin qixxee ta’edha jedhanii erga barsiisanii kaasee, namoonni yaada addaddaa kan qaban ta’aniiru. Haata’u malee yaanni kun, yaada Caaffata Qulqullaa’oo keessatti argamu ykn barumsa duuka buutonni Kiristos jaarraa jalqabaatti turan barsiisan miti. Kitaabni Niiwu Kaatolik Insaaykilooppiidiyaa jedhamu, “Kakuun Moofaan hafuurri qulqulluun qaama qaba jedhee akka hin ibsine ifaadha . . . Hafuura Waaqayyoo jechuun salphaadhumatti humna Waaqayyooti” jechuudhaan ibseera. Itti dabaluudhaanis, “Caqasoonni Kakuu Haaraa baay’eensaanii hafuura Waaqayyoo akka waan tokkootti malee, akka waan qaama qabuutti hin ibsan; hafuurri qulqulluun, humna Waaqayyoo wajjin tokko akka ta’e ibsamuunsaa kana kan argisiisudha” jedheera.

Namoonni, humna akka qaama tokkootti hubachuun akka isaanitti ulfaatu beekamaadha. Kana ilaalchisee, qorannoon dhiheenyatti Yuunaayitid Isteetisitti godhame, namoonni baay’een yaada hafuurri qulqulluun qaama qaba ykn “wanta of danda’ee jiraatudha” jedhutti kan hin amanne ta’uusaanii ibseera. Yaada namoota kanaattimoo, barumsa hayyoonni amantii, “Hafuurri Qulqulluun, Abbaafi Ilmarraa adda ba’ee qaama mataasaa qaba” jechuudhaan ibsanitti amanuu qabna?

Deebii amansiisaa ta’e argachuuf, Macaafa Qulqulluu isa waa’ee hafuuraa qulqulluu gadi fageenyaan ibsu qoruun keenya barbaachisaadha. Phaawulos ergamaan, “Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa” jechuudhaan barreesseera.—2 Ximotewos 3:16.

Waa’ee hafuura qulqulluu dhugaasaa beekuuf carraaqii gochuu kan qabdu maaliifi? Waa’ee hafuura qulqulluu dhugaasaa beekuun, gargaarsa Waaqayyoo argachuuf karaa waan sii banuufidha. Al tokko tokko jabina keetiin waan tokko raawwachuu akka hin dandeenye sitti dhaga’amaa? Yesus, “Kadhadhaa isiniif in kennamaa . . . Egaa isin . . . ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, abbaan keessan inni waaqa irraa immoo, hammam isin caalaa warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kenna!” jechuudhaan bartootasaatiif mirkaneesseera.—Luqaas 11:9, 13.

Mataduree ittaanurratti, maalummaa hafuura qulqulluu ilaalchisee wanta Caaffanni Qulqullaa’oon barsiisan ilaalla. Akkasumas hafuurri qulqulluun jireenya keenya keessatti akkamitti nu fayyaduu akka danda’u baranna.

[Yaada gabaatti fudhatameefi fuula 3rra jiru]

Caaffanni Qulqullaa’oon maalummaa hafuura qulqulluu nuu ibsu