Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Barumsa Dogoggoraa 4: Waaqayyo Sillaaseedha

Barumsa Dogoggoraa 4: Waaqayyo Sillaaseedha

Barumsa Dogoggoraa 4: Waaqayyo Sillaaseedha

Barumsi dogoggoraa kun eessaa madde? “Barumsi Sillaasee, barumsa dhuma jaarraa 4⁠ffaatti uumamedha jechuun ni danda’ama. Gama tokkoon kun dhugaadha. . . . Barumsi ‘Waaqa tokkicha qaama sadii qabu’ jedhu bu’uura cimaa kan argate, akkasumas jireenyaafi amantii Kiristiyaanaa keessatti guutummaatti fudhatama kan argate jaarraa arfaffaa boodadha.”—Niwuu Kaatolik Insaayikilooppiidiyaa (1967), Jildii 14, fuula 299.

“Gumiin Niiqiyaa kan godhame [Dh.K.B.] Caamsaa 20, bara 325⁠tti ture. Dura taa’aa walga’ichaa kan ture Qosxanxiinos, maree sana geggeessuurratti ga’ee guddaa qaba ture; . . . walitti dhufeenya Kiristos Waaqayyoo wajjin qabu, jechuunis yaada murteessaa Yesus ‘Waaqayyo Abbaa wajjin qaama tokkodha’ jedhu gumichi akka raggaasisu yaada kan dhiheesses isadha. . . . Phaaphaasota lamaan alatti warri hafan hundi, mooticha sodaachuudhaan fedhiisaanii malee murtoo kana mallattoosaaniitiin raggaasisaniiru.”—Insaayikilooppiidiyaa Biritaanikaa (1970), Jildii 6, fuula 386.

Macaafni Qulqulluun maal jedha? “Isxifaanos . . . hafuura qulqulluudhaan guutamee, utuu ija irraa hin buqqifatinis waaqa keessa ol ilaalee, ulfina Waaqayyoo, Yesusinis gara mirga Waaqayyoo dhaabatee arge. ‘Kunoo, ani bantiiwwan waaqaa banamanii, ilmi namaas gara mirga Waaqayyoo dhaabatee nan arge’ jedhe.”—Hojii Ergamootaa 7:55, 56.

Mul’anni kun maal argisiisa? Isxifaanos humna Waaqayyoo isa hojiirratti argamuun guutamee, Yesusiin “mirga Waaqayyoo dhaabatee” arge. Kanaaf, Yesus du’aa ka’ee gara samiitti erga deebi’ee booda, Waaqa utuu hin ta’in, qaama hafuuraa mataasaa danda’e ta’eera. Asirratti qaamni sadaffaan Waaqayyo bira akka jiru hin ibsamne. Yaada Caaffata Qulqullaa’aa barumsa Sillaasee deggeru argachuuf carraaqqiin godhamus, lubni Dominikaan Maarii Eemil Buuwaamaar jedhaman kitaaba Aa loob duu kiristiyaaniizim—Laa nisaanis da dogma (Seera Amantii Kiristiyaanummaan Erga Jalqabamee Booda Akkasumaan Fudhatame Uumamuusaa) jedhamurratti akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Yaada Waaqa tokko keessa qaamni sadii jira . . . jedhu Kakuu Haaraa keessaa bakka kamittiyyuu argachuun hin danda’amu.”

Qosxanxiinos barumsi Sillaasee akka babal’atu kan godhe, falmii jabaa jaarraa arfaffaatti Waldaa keessatti uumame hambisuuf jecha ture. Haata’u malee, barumsi kun gaaffiin garabiraan akka ka’u godheera: Maariyaam isheen Yesusiin deesse, “Haadha Waaqayyootii?”

Caqasoota Macaafa Qulqulluu kana waliin ilaali: Maatewos 26:39; Yohannis 14:28; 1 Qorontos 15:27, 28; Qolosaayis 1:15, 16

DHUGAANSAA:

Barumsi Sillaasee barumsa dhuma jaarraa arfaffaatti uumamedha

[Madda fakkii fuula 13rra jiru]

Museo Bardini, Florence