Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Barumsa Dogoggoraa 2: Hamoonni Barabaraaf Ibiddaan Gubatu

Barumsa Dogoggoraa 2: Hamoonni Barabaraaf Ibiddaan Gubatu

Barumsa Dogoggoraa 2: Hamoonni Barabaraaf Ibiddaan Gubatu

Barumsi dogoggoraa kun eessaa madde? “Hayyoota falaasamaa Giriik durii keessaa, yaanni waa’ee ibiddaan gubachuu ibsuufi bal’inaan fudhatama argate akka guddatu gochuurratti hunda caalaatti shoora guddaa kan qabu Pilaatoodha.”—Istiwaar deezaanfeer, kitaaba Joorji Miinwaa qopheesse, fuula 50.

“Dh.K.B. walakkaa jaarraa 2⁠ffaadhaa kaasee, Kiristiyaanonni waa’ee falaasama Giriikotaa hamma tokko baratan, amantiisaanii karaa falaasama Giriikiitiin ibsuu akka qaban itti dhaga’amuu jalqabe . . . Akkas gochuufimmoo caalaatti mijaa’aa ta’ee kan argatan Pilaatooniizimiidha [falaasama Pilaatoo ture].”—Za Niiwuu Insaayikilooppiidiyaa Biritaanikaa (1988), Jildii 25, fuula 890.

“Barumsi Waldaan Kiristiyaanaa barsiistu, ibiddaan gubachuun akka jiruufi gubannaan kunis barabaraaf akka ta’e mirkaneessa. Namoonni cubbuu cimaa raawwatan akkuma du’aniin lubbuunsaanii ibidda keessa buutee achitti ‘ibidda barabaraatiin’ adabamti. Kaayyoon adabbii kanaa inni guddaan barabaraaf Waaqayyorraa gargar baasuudha.”—Kaateekiizim oov za Kaatolik Charchi, maxxansa bara 1994, fuula 270.

Macaafni Qulqulluun maal barsiisa? “Warri jiran akka du’an beeku, warri du’an garuu waan tokko iyyuu hin beekan, . . . Iddoo lafa jalaa [“Sii’ol,” hiika bara 1899] lafa dhaquuf jirtu sana, hojjechuun, itti yaadanii waa qopheessuun, beekumsi, ogummaanis hin jiru.”—Lallaba 9:5, 10.

Jechi afaan Ibrootaa Shii’ol jedhuufi “iddoo warra du’anii” jedhamee hiikame, hiikawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko keessatti “sii’ol” jedhamee hiikameera. Caqasni kun haala namoonni du’an keessatti argaman ilaalchisee maal ibsa? Namoonni du’an cubbuunsaanii akka isaaniif dhiifamuuf Sii’ol keessatti gubatuu? Matumaa, sababiinsaas isaan “waan tokkoyyuu hin beekan.” Iyoob inni tajaajilaa Waaqayyoo ture dhukkuba cimaa irra ga’een yommuu dhiphate, “Iddoo lafa jalaa [“Sii’ol,” hiika bara 1899] [afaan Ibrootaatiin Shii’ol] keessa utuu ana dhoksitee” jedhee Waaqayyoon kan kadhate kanaafidha. (Iyoob 14:13) Sii’ol iddoo barabaraaf itti gubatan utuu ta’ee, kadhannaan inni dhiheesse faayidaa maalii qaba ture? Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti, Sii’ol iddoo awwaalchaa ilmaan namootaa sochii tokkoyyuu gochuu itti hin dandeenye argisiisa.

Jechi Sii’ol jedhu hiika akkasii qabaachuunsaa, yaada baay’ee amansiisaafi Caaffata Qulqullaa’oo wajjin walsimu mitii? Ilmaan namootaa cubbuu guddaa akkamiiyyuu yoo raawwatan, Waaqni jaalala qabeessa ta’e barabaraaf ibiddaan nama guba jedhanii amanuun sirrii ta’uu danda’aa? (1 Yohannis 4:8) Barabaraaf gubachuun barumsa dogoggoraa erga ta’ee, waa’ee jireenya samiihoo maal jechuutu danda’ama?

Caqasoota Macaafa Qulqulluu kana waliin ilaali: Faarfannaa 146:3, 4; Hojii Ergamootaa 2:25-27, hiika bara 1899; Roomaa 6:7, 23

DHUGAANSAA:

Waaqayyo namoota ibiddaan gubuudhaan hin adabu

[Madda fakkii fuula 11rra jiru]

Barrators—Giampolo/The Doré Illustrations For Dante’s Divine Comedy/Dover Publications Inc.