Mulʼata Yohaannis 6:1-17

  • Hoolichi chaappaawwan jaʼaan jalqabaa bane (1-17)

    • Injifataa isa farda adii irra taaʼe (1, 2)

    • Inni farda diimaa gulufu nagaa lafa irraa fudhata (3, 4)

    • Inni farda gurraacha gulufu beela fida (5, 6)

    • Inni farda daalacha gulufu Duʼa jedhama (7, 8)

    • Namoota gorraʼamanii iddoo aarsaa jalatti argaman (9-11)

    • Kirkira lafaa guddaa (12-17)

6  Hoolichi+ chaappaawwan torban keessaa isa tokko yommuu banu nan arge;+ uumamawwan jiraatoo arfan+ keessaa inni tokko sagalee akka kakawweetiin, “Kottu!” yommuu jedhu nan dhagaʼe.  Ani nan arge, kunoo, fardi adiin+ tokko jira ture; inni isa irra taaʼes iddaa qaba ture; gonfoon isaaf ni kenname,+ innis injifachaa fi injifannoo isaa xumuruuf baʼe.+  Yommuu inni chaappaa isa lammaffaa banu, uumamni jiraataan inni lammaffaan,+ “Kottu!” yommuu jedhu nan dhagaʼe.  Fardi kan biraan diimaan tokko ni baʼe; inni isa irra taaʼes namoonni akka wal gorraʼaniif nagaa lafa irraa akka fuudhu aangoon isaaf kenname, goraadee guddaan tokkos isaaf kenname.+  Yommuu inni chaappaa isa sadaffaa banu,+ uumamni jiraataan inni sadaffaan,+ “Kottu!” yommuu jedhu nan dhagaʼe. Ani nan arge, kunoo, fardi gurraachi tokko jira ture; inni isa irra taaʼe harka isaatti madaallii qabatee ture.  Sagaleen uumamawwan jiraatoo arfan sana gidduudhaa kan dhufe fakkaatu tokkos, “Qamadii kiiloo* tokko dinaaree* tokkoon,+ garbuu kiiloo sadiis dinaaree tokkoon; zayitii ejersaa fi daadhii wayinii hin miidhin” yommuu jedhu nan dhagaʼe.+  Yommuu inni chaappaa isa arfaffaa banu, uumamni jiraataan inni arfaffaan,+ “Kottu!” yommuu jedhu nan dhagaʼe.  Ani nan arge, kunoo, fardi daalachi tokko jira ture; inni isa irra taaʼe maqaan isaa Duʼa jedhama. Awwaallis* itti dhihaatee isa duukaa buʼa ture. Isaan goraadee dheeraadhaan, hanqina nyaataatiin,+ dhaʼicha cimaadhaan, akkasumas bineensota bosonaatiin akka namoota ajjeesan kutaa lafaa harka afur keessaa harka tokko irratti aangoon isaaniif kenname.+  Yommuu inni chaappaa isa shanaffaa banu, lubbuu*+ namoota sababii dubbii Waaqayyoo fi sababii dhugaa baʼuu isaaniitiif gorraʼamanii+ iddoo aarsaa jalatti+ nan arge. 10  Isaanis, “Qulqulluu fi dhugaa+ kan taate yaa Gooftaa Ol Aanaa, warra lafa irra jiran irratti murteessuu fi dhiiga keenyaaf isaan irratti haaloo baʼuu irraa kan of qusattu hamma yoomiitti?”+ jedhanii sagalee guddaadhaan iyyan. 11  Tokkoon tokkoon isaaniitiif uffanni adiin ni kenname;+ isaanis hanga lakkoofsi warra akkuma isaanii garboota taʼanii fi obboloota isaanii warra akkuma isaanii ajjeefamuuf jiranii+ guututti yeroo muraasaaf akka boqotan isaanitti himame. 12  Yommuu inni chaappaa isa jaʼaffaa banu nan arge, kirkirri lafaa guddaan ni taʼe; aduun akka uffata gaddaa rifeensa* irraa tolfameetti ni gurraachofte, guutummaan addeessaas akka dhiigaa taate;+ 13  urjiileen samii akkuma mukti harbuu yommuu bubbee cimaadhaan raafamu firiiwwan isaa warri hin bilchaanne harcaʼanitti lafatti harcaʼan. 14  Samiin akka maraa kitaabaa maramaa jiruutti iddoo isaatii ni kaʼe;+ gaaronni hundii fi odolawwan hundis iddoo isaaniitii ni buqqifaman.+ 15  Achiis mootonni lafaa, abbootiin taayitaa warri ol aanoon, ajajjoonni waraanaa, sooreyyiin, warri jajjaboon, garboonni fi namoonni bilisa taʼan hundi holqawwan keessaa fi kattaawwan gaarotaa gidduutti dhokatan.+ 16  Isaan gaarotaa fi kattaawwan sanaan akkana jedhan: “Nu irratti jigaa,+ fuula isa teessoo irra taaʼe+ sanaa fi dheekkamsa Hoolichaa+ jalaa nu dhoksaa; 17  sababiin isaas, guyyaan dheekkamsaa isaanii inni guddaan dhufeera;+ eenyutu dhaabbachuu dandaʼa ree?”+

Miiljaleewwan

Ykn., “kuwaartii.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Saantima meetii warra Roomaa mindaa guyyaa tokkoo taʼe. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “Haadisis,” jechuunis bakka awwaalchaa ilmaan namootaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Dhiiga isaanii isa jireenya isaanii bakka buʼuu fi iddoo aarsaatti dhangalaʼe kan argisiisu fakkaata. Ibsa Jechootaa ilaali.
Tarii rifeensa reʼee taʼuu dandaʼa.