Miikiyaas 3:1-12

  • Geggeessitoonnii fi raajonni ni balaaleffataman (1-12)

    • Miikiyaas hafuura Yihowaatiin humnaan guutame (8)

    • Luboonni gatiidhaan barsiisu (11)

    • Yerusaalem tuullaa diiggaa taati (12)

3  Ani akkana nan jedhe: “Yaa dura buutota Yaaqoob,Isin ajajjoonni mana Israaʼel, maaloo dhagaʼaa.+ Wanta sirrii beekuun isin irra hin jiruu?   Isin garuu wanta gaarii ni jibbitu,+ wanta hamaa immoo ni jaallattu;+Saba koo irraa gogaa isaanii ni quncistu, lafee isaanii irraas foon ni kaastu.+   Kana malees foon saba kootii ni nyaattu,+Gogaa isaaniis irraa ni baastu,Akkuma wanta distiitti affeelameetti, akkuma foon distii keessa jiruutti,Lafee isaanii caccabsitanii ni hurreessitu.+   Yeroo sanatti isaan gargaarsaaf Yihowaa ni waammatu,Inni garuu deebii isaaniif hin kennu. Gocha isaanii isa hamaadhaan kan kaʼe,+Yeroo sanatti inni fuula isaa isaan jalaa ni dhoksa.+   Yihowaan raajota warra saba koo karaa irraa jalʼisan+Warra yeroo ilkaan isaaniitiin waa ciniinanitti,*+ ‘Nagaa dha!’ jedhanii labsan,+Nama afaan isaanii keessa homaa hin keenye irratti immoo waraana labsaniin* akkana jedha:   ‘Halkan isinitti ni dhufa;+ mulʼata hin argitan;+Dukkanni isinitti ni dhufan malee, hooda hin dubbatan. Raajota irratti aduun ni lixxi,Guyyaanis isaanitti dukkanaaʼa.+   Warri mulʼata argan ni qaanaʼu,+Warri hooda dubbatanis abdii ni kutatu. Deebiin Waaqayyo biraa dhufu waan hin jirreef,Hundi isaanii iyyuu qaaniidhaan afaan isaanii ni qabatu.’”   Ani garuu Yaaqoobitti fincila isaa, Israaʼelittis cubbuu isaa akkan himuuf,Hafuura Yihowaatiin humnaan,Haqaa fi jabinaan guutameera.   Isin dura buutonni mana Yaaqoob,Isin ajajjoonni mana Israaʼel,+ maaloo, kana dhagaʼaa,Isin warri haqa jibbitanii fi wanta qajeelaa taʼe hundumaa jalʼistan,+ 10  Warri Xiyooniin dhiiga dhangalaasuudhaan, Yerusaalemiinis jalʼinaan ijaartan+ kana dhagaʼaa. 11  Geggeessitoonni* ishii mattaʼaadhaan murtii kennu,+Luboonni ishii gatiidhaan barsiisu,+Raajonni ishiis maallaqaan* hooda dubbatu.+ Taʼus, “Yihowaan nuu wajjin jira mitii?+ Badiisni nutti hin dhufu”+ Jedhanii Yihowaatti amanamu.* 12  Kanaafuu, isiniin kan kaʼeXiyoon akkuma maasiitti ni qotamti,Yerusaalem tuullaa diiggaa ni taati,+Gaarri Manichaas* akkuma iddoowwan ol kaʼoo bosona keessa jiranii* ni taʼa.+

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “wanta alanfatan qabaatanitti.”
Kal., “qulqulleessaniin.”
Ykn., “Yihowaatti akka amanaman dubbatu.”
Ykn., “meetiidhaan.”
Kal., “Mataawwan.”
Ykn., “mana qulqullummaas.”
Ykn., “tabba mukeetiidhaan guutamee.”