Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bulchiinsa Kaayyoo Waaqayyoo Galmaan Ga’u

Bulchiinsa Kaayyoo Waaqayyoo Galmaan Ga’u

Bulchiinsa Kaayyoo Waaqayyoo Galmaan Ga’u

“Waaqayyo wanti hundinuu akka akeeka isaatii fi akka fedha isaatiitti akka ta’u in godha.”—EFESOON 1:11.

1. Gumiin Dhuga Baatota Yihowaa hundi Roobii galgala Ebla 12, 2006 maaliif walitti qabamu?

 NAMOONNI miliyoona 16 ta’an Irbaata Gooftaa kabajuuf Roobii galgala, Ebla 12, 2006 walitti qabamu. Bakka walga’ichi itti godhamu hundaatti, maxinoon hin bukaa’in dhagna Kiristositti fakkeeffameefi wayinii diimaan dhiigasaatti fakkeeffame minjaalarra kaa’ama. Haasawaan Yaadannoo duuti Yesus hiika maalii akka qabu ibsu yommuu xumuramuu ga’u, jalqaba maxinichi, itti aanseemmoo wayinichi namoota ayyaanicharratti argamaniif naanneffama. Gumii Dhugaa Baatota Yihowaa muraasa keessatti namni tokko yookiin isaa ol ta’an maxinichaafi wayinicharraa hirmaatu. Gumiiwwan baay’ee keessatti garuu namoota ayyaanicharratti argaman keessaa wantoota kanarraa kan hirmaatan hin jiran. Haata’u malee, namoonni baay’een walga’icharratti argamaniifi bara baraaf lafarra jiraachuuf abdii qaban maxinichaafi wayinicharraa utuu hin hirmaatin, Kiristiyaanonni muraasni samiirra jiraachuuf abdii qaban qofti kan hirmaatan maaliifi?

2, 3. (a) Yihowaan haala kaayyoosaa wajjin wal simuun wantoota kan uume akkamitti? (b) Yihowaan lafaafi namoota kan uume maaliifi?

2 Yihowaan Waaqa kaayyoo qabudha. Kaayyoosaa kana galmaan ga’uufis “wanti hundinuu akka akeeka isaatii fi akka fedha isaatiitti akka ta’u in godha.” (Efesoon 1:11) Jalqabarratti Ilmasaa isa tokkicha uume. (Yohannis 1:1, 14; Mul’ata 3:14) Achiis, Ilmasaa kanaan fayyadamee ergamoota, lafaafi ilmaan namootaa dabalatee wanta hundumaa uume.—Iyoob 38:4, 7; Faarfannaa 103:19-21; Yohannis 1:2, 3; Qolosaayis 1:15, 16.

3 Sabni Kiristiyaanaa baay’een akka barsiisanitti, Yihowaan lafa kan uume namoota maatiisaa isa samii jirutti dabalamuuf ga’eessota ta’an irratti qoruuf jedhee miti. Lafa kan uume kaayyoo ifa ta’eef, jechuunis namoonni ‘akka irra jiraataniifidha.’ (Isaayaas 45:18) Waaqayyo lafa kan uume namaaf yeroo ta’u, namootas kan uume lafarra akka jiraataniifidha. (Faarfannaa 115:16) Kaayyoonsaa lafti guutummaatti jannata akka taatu, akkasumas namoota qajeeloo jannata kana babal’isaniifi kunuunsaniin akka guutamtu ture. Yihowaan, matumaa Addaamiifi Hewwaan yeroo booda gara samii akka dhaqan hin abdachiifne.—Uumama 1:26-28; 2:7, 8, 15.

Mormii Kaayyoo Waaqayyoorratti Ka’e

4. Jalqaba seenaa ilmaan namootaarratti akkaataa Yihowaan olaantummaasaa itti fayyadamurratti mormiin kan ka’e akkamitti?

4 Ergamoota Waaqayyoo keessaa inni tokko Waaqayyorratti ka’ee, mirga filannoo gochuuf isaaf kennameen seeraan ala gargaaramuudhaan kaayyoon Yihowaa akka galma hin geenye gochuu barbaade. Gochisaa kunis, nageenya uumamawwan jaalalaan kaka’anii olaantummaa Yihowaatiif bitamuu barbaadanii booresse. Seexanni Addaamiifi Hewwaan Waaqayyorraa adda ba’anii ofiisaaniitiin akka of bulchan taasise. (Uumama 3:1-6) Seexanni Waaqayyo humna qabaachuusaa haaluu baatus, karaa Yihowaan itti olaantummaasaatti fayyadamuufi mirga inni uumamasaa bulchuuf qaburratti mormii kaase. Kanaan kan ka’es, jalqaba seenaa ilmaan namootaarratti olaantummaa Yihowaarratti gaaffiin ka’e.

5. Gaaffii gara biraa akkamiitu ka’e? Gaaffiin kunoo eenyufaa dabalata?

5 Mormiin Seexanni jalqabarratti olaantummaa Yihowaan uumama cufarratti qabu ilaalchisee kaasee, bara Iyoobittis gaaffii garabiraan akka ka’u godheera. Seexanni, sababii uumamnisaa Yihowaadhaaf itti bitamaniifi Isa tajaajilanirratti gaaffii kaase. Uumamnisaa kan isa tajaajilan yaada ofittummaatiin kaka’anii akka ta’eefi utuu qoramanii Waaqayyoon akka ganan dubbate. (Iyoob 1:7-11; 2:4, 5) Mormiin kun kan ka’e namoota tajaajiltoota Yihowaa ta’anii wajjin haala wal qabateen ta’uyyuu, Ilmasaa isa tokkicha dabalatee ergamoota Waaqayyoos kan ilaalu ture.

6. Yihowaan Maqaasaafi kaayyoosaatiif amanamaa ta’uusaa kan argisiise akkamitti?

6 Yihowaan kaayyoosaafi hiika maqaansaa qabuuf amanamaa ta’uudhaan Raajiifi Fayyisaa ta’eera. a Seexanaan akkas jedhe: “Ani sii fi dubartittii gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee gidduus diinummaa nan buusa; inni mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in iddita.” (Uumama 3:15) Yihowaan ‘dubartiisaa’ jechuunis jaarmiyaasaa ishee samiirratti argamtuun fayyadamee gaaffii Seexanni kaaseef deebii kennuusaarrayyuu, sanyiin Addaam badiisarraa oolanii jireenya akka argatan qophii godheera.—Roomaa 5:21; Galaatiyaa 4:26, 31.

‘Dhoksaa Fedhasaa’

7. Yihowaan karaa Phaawulos kaayyoosaa isa kam ibse?

7 Phaawulos xalayaa Kiristiyaanota Efesooniif barreesserratti, Yihowaan kaayyoosaa galmaan ga’uuf wantoota akkamitti akka bulchu argisiisuuf ibsa gaariidhaan gargaarameera. Akkas jechuudhaan barreesse: “Waaqayyo waan isatti gaarii fakkaate karaa Kristos itti yaadee of dura kaa’atee ture; ammas dhoksaan fedha isaa kun nu biratti akka beekamu godhe. Barri murame yeroo guututti, Waaqayyo akka ittiin [bulchiinsa kanaan NW] fayyisuuf akeeketti, wanta bantii waaqaa keessa jiru, wanta lafa irra jiru, wanta hundumaas harka Kristos jalatti walitti in qaba.” (Efesoon 1:9, 10) Kaayyoon Yihowaa inni dinqisiisaan, ilmaan namootaas ta’an ergamoonni jaalalaan kaka’anii olaantummaasaatiif bitaman tokko akka ta’an gochuudha. (Mul’ata 4:11) Karaa kanaanis, maqaan Waaqayyoo qulqulluu ta’ee ni eegama; Seexanni sobduu ta’uunsaa ni mirkanaa’a; akkasumas jaalalli Waaqayyoo ‘akka waaqarratti ta’u, lafarrattis ni ta’a.’—Maatewos 6:10.

8. Jechi “bulchiinsa” jedhu hiiknisaa maalidha?

8 Kaayyoon yookiin ‘fedhiin Yihowaa inni gaariin’ karaa “bulchiinsa” tokkoo raawwiisaa argata. Jechi Phaawulos asirratti gargaarame kallattiidhaan yeroo hiikamu, “bulchiinsa maatii” jechuudha. Kunis bulchiinsa akka Mootummaa Masiihichaa kan argisiisu utuu hin ta’in, karaa itti wantoonni raawwataman kan argisiisudha. b Yihowaan kaayyoosaa galmaan ga’uuf karaan inni itti wantoota raawwatu “dhoksaa” yeroo ta’u, dhoksaan kunis yeroo gara garaatti suuta suutaan ifa ta’eera.—Efesoon 1:9; 3:9, miiljalee, Hiika Addunyaa Haaraa isa hiika jechootaa qabu ilaali.

9. Yihowaan “dhoksaan fedha isaa” suuta suutaan ifa akka ta’u kan godhe akkamitti?

9 Yihowaan Jannata Eeden keessatti Sanyii abdachiise ilaalchisee kaayyoo qabu akkamitti akka raawwatu kakuu yeroo gara garaatti galeen suuta suuta ifa godheera. Kakuu Abrahaamii wajjin galerratti, Sanyiin abdachiifame gara biyya lafaatti kan dhufu karaa hidda dhalootaasaa akka ta’eefi “sabni biyya lafaa irraa hundinuu” karaa Sanyii kanaa akka eebbifaman ibseera. Kakuun kunis, namoonni kaan sanyii abdachiifame kanaa wajjin akka wal ta’iinsa uuman ibseera. (Uumama 22:17, 18) Yihowaan kakuu Seera saba Israa’elii wajjin galeenimmoo, “luboota mootii waaqaa fi lafaa” qopheessuuf kaayyoo akka qabu ibsee ture. (Ba’uu 19:5, 6) Kakuun inni Daawitii wajjin gale Sanyiin kun mootummaa tokkorratti bara baraaf mataa akka ta’u kan argisiisu ture. (2 Saamu’el 7:12, 13; Faarfannaa 89:3, 4) Kakuun Seera Musee Yihudoota gara Masiihichaatti erga geessee booda, Yihowaan karaa kaayyoosaa kana itti raawwatu caalaatti ifa godheera. (Galaatiyaa 3:19, 24) Akka dursee raajiidhaan dubbatametti, ilmaan namootaa sanyii isa abdachiifamee wajjin tokko ta’an “luboota mootii waaqaa fi lafaa” ta’u. Isaan kunis “Israa’el” warra hafuuraa haaraa ta’uudhaan “kakuu haaraa” keessa galu.—Ermiyaas 31:31-34; Ibroota 8:7-9. c

10, 11. (a) Yihowaan, eenyummaa Sanyii dursee raajiidhaan dubbatamee ifa kan godhe akkamitti? (b) Ilmi Waaqayoo inni tokkichi gara lafaa kan dhufe maaliifi?

10 Yeroon Sanyiin abdachiifame kun kaayyoo Waaqayyoo raawwachuuf gara lafaa itti dhufu ni ga’e. Yihowaan Gabri’el ergamaa gara Maariyaamitti erguudhaan ilma Yesus jedhamu akka deessuu itti hime. Ergamichis akkas isheedhaan jedhe: “Inni guddaa in ta’a ilma aabbaas jedhamee in waamama, Waaqayyo gooftaanis teessoo abaabilii isaa Daawit in kennaaf. Mana Yaaqoob irratti bara baraan in mo’a, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu.” (Luqaas 1:32, 33) Eenyummaan Sanyii abdachiifame kanaa karaa kanaan ifa ta’e.—Galaatiyaa 3:16; 4:4.

11 Ilmi Waaqayyoo inni tokkichi gara biyya lafaa dhufee hamma du’aatti qoramuu qaba ture. Gaaffii Seexanni kaaseef deebii kennuun amanamummaa Yesus argisiisurratti kan hundaa’e ture. Hanga dhumaatti jabaatee Abbaasaa cina ni dhaabataa laata? Kun dhoksaa ture. Yeroo booda, Phaawulos wanta Yesus raawwate akkas jechuudhaan ibseera: “Nama Waaqayyoo ta’uu keessa iyyuu dhoksaan guddaan akka jiru amanamaa dha; kanaafis, ‘Inni foon uffatee mul’ateera, hafuurichi dhugaa galcheeraaf, ergamoota Waaqayyootti argameera, saba biyya lafaa keessatti lallabameera, guutummaa biyya lafaa keessatti itti amanameera, ulfinaan ol fudhatameera’ jedhamee himameera.” (1 Ximotewos 3:16) Eeyyee, amanamummaan Yesus sodaa tokko malee amma du’aatti argisiise, gaaffii Seexanni kaaseef deebii ga’aa argamsiiseera. Ta’us ammayyuu wantoonni dhoksaa ta’an jiru.

‘Dhoksaa Mootummaa Waaqayyoo’

12, 13. (a) Dhoksaa Mootummaa Waaqayyoo keessaa inni tokko maalidha? (b) Yihowaan namoonni muraasni gara samii akka dhaqan yeroo filetti maal gochuun isa barbaachiseera?

12 Yesus lallabaaf gara Galiilaa yeroo adeemetti, bulchiinsi kun Mootummaa Masiihichaa isa inni Mootii irratti ta’uu wajjin walitti dhufeenya akka qabu dubbateera. Bartootasaatiin akkas jedhee ture: “Dhoksaa mootummaa waaqaa beekuun isiniif kennameera.” (Maatewos 13:11) Maarqos 4:11⁠rrattimmoo, “Dhoksaan mootummaa Waaqayyoo isiniif kennameera” jedheera. Yihowaan, namoota ilmasaa wajjin tokko ta’uudhaan kutaa Sanyichaa ta’aniifi 144,000 ta’an, jechuunis “karra xinnayyoo” filachuunsaa dhoksaa kana keessaa isa tokkodha.—Luqaas 12:32; Mul’ata 14:1, 4.

13 Namoonni kan uumaman lafarra akka jiraataniif waan ta’eef, Yihowaan namoonni muraasni gara samii akka dhaqan gochuuf “uumama haaraa” qopheessuun isa barbaachisa ture. (2 Qorontos 5:17) Namoota abdii adda ta’e akkasii qaban keessaa tokko kan ture Phexros akkas jechuudhaan barreesseera: “Waaqayyo abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristosiif galanni haa ta’u! Inni araara isaa isa guddaadhaan, Yesus Kristos warra du’an keessaa ka’uu isaatiin, abdii isa jiraataa kanatti qabamnee akka jiraannuuf haaraa godhee nu dhalachiiseera. Waan hin badne, waan xurii hin qabne, waan gad deebi’aa hin adeemnes, isa waaqa keessatti isiniif eegamee jirutti darbitanii akka fudhattan godheera.”—1 Phexros 1:3, 4.

14. (a) Namoonni Yihudoota hin taane ‘dhoksaa mootummaa Waaqayyoo’ keessatti kan qooda fudhatan akkamitti? (b) “Yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” hubachuu kan dandeenye akkamitti?

14 Dhoksaan, Mootummaa Waaqayoo isa fuulduratti dhufuu wajjin wal qabate garabiraanimmoo, namoota muraasa samiirratti Kiristosii wajjin akka bulchaniif filataman keessa, namoonni Yihudoota hin taanes akka filataman Kaayyoo Waaqayyoo ta’uusaati. Phaawulos “bulchiinsa” yookiin karaa Yihowaan itti kaayyoosaa raawwatu yommuu ibsu akkas jedheera: “Dhaloota darban keessatti dhoksaan kun ilmaan namaatti hin argisiifamne; amma garuu Waaqayyo hafuura isaatiin ergamoota qulqullootaa fi raajotatti mul’iseera. Dhoksaan kunis warri saba Waaqayyoo hin ta’in wangeelatti amanuudhaan wanta Yihudoonni argatan akka argatan, isaanii wajjin bu’aa dhagna tokkoo akka ta’an, abdii isa Waaqayyo karaa Kristos Yesus kenne keessaas akka hirmaatan gochuuf kan qophaa’e ture.” (Efesoon 3:5, 6) Dhoksaan kun ‘ergamoota qulqullootatti’ mul’ifamee ture. Har’as haaluma wal fakkaatuun, gargaarsa hafuura qulqulluu utuu argachuu baannee “yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” hubachuu hin dandeenyu turre.—1 Qorontos 2:10; 4:1; Qolosaayis 1:26, 27.

15, 16. Yihowaan warra Kiristosii wajjin bulchan ilmaan namootaa keessaa kan filatee maaliifi?

15 “Namoonni kumaatamni dhibbaa fi kumni afurtamii arfan” ‘hoolichaa’ [Yesus Kiristosii] wajjin tulluu Xiyoon isa samiirra dhaabatanii argaman, warra “biyya lafaa keessaa furaman” akkasumas “warra sanyii namaa keessaa Waaqayyoo fi hoolichaaf furaman” jedhamanii waamamaniiru. (Mul’ata 14:1-4) Yihowaan ilmaansaa warra samiirratti argaman keessaa, Ilmisaa inni jalqabaa sanyii Eeden keessatti abdachiifame keessaa isa duraa akka ta’u filateera. Haata’u malee, warra Kiristosii wajjin bulchan ilmaan namootaa keessaa kan filate maaliifi? Phaawulos, Yihowaan namoota lakkoofsisaanii muraasa ta’e kana “warra akka akeeka isaatiitti waamamanii” fi “akka fedha isaa isa gaariitti” waamaman jechuudhaan ibseera.—Roomaa 8:17, 28-30; Efesoon 1:5, 11; 2 Ximotewos 1:9.

16 Kaayyoon Yihowaa maqaansaa inni qulqulluuniifi inni guddaan qulqulluu ta’ee akka eegamu gochuufi olaantummaasaa mirkaneessuudha. Yihowaan ogummaasaa isa homtinuu ittiin wal gituu hin dandeenyeen gargaaramee, karaa “bulchiinsa” qopheesse kanaa yookiin karaa wantoota ittiin raawwachiisuun Ilmasaa isa tokkicha gara lafaatti kan erge yeroo ta’u, innis hamma du’aatti qorameera. Kana malees, Yihowaan Mootummaan Masiihichaa inni karaa Ilmasaa bulchu kun ilmaan namootaa warra hamma du’aatti olaantummaasaatiif amanamoo ta’an akka dabalatu godheera.—Efesoon 1:8-12; Mul’ata 2:10, 11.

17. Kiristosis ta’e namoonni isaa wajjin bulchan lafarra jiraatanii kan darban ta’uusaanii beekuun keenya kan nu gammachiisu maaliifi?

17 Yihowaan Ilmisaa gara lafaa akka dhufu gochuufi ilmaan namootaa Mootummaa Ilmasaa kana keessatti isaa wajjin akka bulchan filachuudhaan, ilmaan Addaamiif jaalala guddaa akka qabu argisiiseera. Abeelii jalqabee namoonni amanamummaasaanii eegan garabiraan kanarraa faayidaa maalii argatu? Kaayyoon Yihowaa inni jalqabaa galmasaarra akka ga’u yoo barbaadame, ilmaan namootaa garboota cubbuufi du’aa ta’anii dhalatan, karaa hafuuraas ta’e qaamaan fayyina argachuufi gara gonkummaatti deebi’uu isaan barbaachisa. (Roomaa 5:12) Namoonni bara baraan lafarra jiraachuuf abdatan hundi, mootiinsaanii yeroo lafarra turetti akkuma bartootasaatiif gochaa ture, isaaniinis akka jaallatuufi rakkoosaanii akka isaaniif hubatu beekuunsaanii baay’ee isaan jajjabeessa. (Maatewos 11:28, 29; Ibroota 2:17, 18; 4:15; 7:25, 26) Warri Kiristosii wajjin samiirratti lubootaaf mootota ta’anis, dhiiraafi dubartoota amanamoo akkuma keenya cubbuu dhaalanii wajjin qabsaa’aa turaniifi bu’aa ba’ii jireenyaa argan akka ta’an hubachuunsaanii baay’ee isaan jajjabeessa.—Roomaa 7:21-25.

Kaayyoon Yihowaa Utuu Hin Raawwatamin Hin Hafu

18, 19. Jechoonni Phaawulos Efesoon 1:8-11⁠rratti argaman ifa kan nuuf ta’an maaliifi? Mataduree itti aanurratti waa’ee maalii ilaalla.

18 Jechoonni Phaawulos Efesoon 1:8-11⁠rratti Kiristiyaanota dibamtootaaf barreesse hiika maalii akka qaban amma akka gaariitti hubanneerra. Phaawulos, Yihowaan Kiristiyaanota kanaaf “dhoksaa fedhasaa” akka isaan beeksise, Kiristosii wajjin (‘dhaala akka argatan’, 1899) akkasumas “Waaqayyo wanti hundinuu akka akeeka isaatii fi akka fedha isaatiitti akka ta’u” gochuusaa ibseera. Kunis, “bulchiinsa” Yihowaan kaayyoosaa isa dinqisiisaa galmaan ga’uuf ittiin fayyadamuu wajjin walitti dhufeenya kan qabu ta’uusaa hubanneerra. Kana hubachuun keenyammoo Irbaata Gooftaarratti maxinichaafi wayinicharraa kan hirmaatan Kiristiyaanota muraasa qofa kan ta’an maaliif akka ta’e akka hubannu nu gargaara.

19 Mataduree itti aanurratti, Yaadannoon du’a Kiristos Kiristiyaanota gara samii dhaquuf abdii qabaniif hiika maalii akka qabu, akkasumas namoonni miliyoonaan lakkaa’amaniifi bara baraan lafarra jiraachuuf abdii qaban Ayyaana Yaadannootiif xiyyeeffannaa guddaa kan kennan maaliif akka ta’e ilaalla.

[Miiljaleewwan]

a Maqaan Waaqayyoo kallattiidhaan yeroo hiikamu, “Akka Ta’u Godha” jechuudha. Yihowaan kaayyoosaa galmaan ga’uuf wanta ta’uu barbaadu hundaa ta’uu ni danda’a.—Ba’uu 3:14, miiljalee, Hiika Addunyaa Haaraa isa hiika jechootaa qabu ilaali.

b Ibsa Phaawulosirraa hubachuun akka danda’amutti, “bulchiinsi” kun bara Phaawulositti hojjechaa kan ture yeroo ta’u, Mootummaan Masiihichaa garuu hamma bara 1914⁠tti akka hin hundoofne Macaafni Qulqulluun ni argisiisa.

c Waa’ee kakuuwwan kaayyoo Waaqayyoo galmaan ga’uuf tajaajilan kanaa ibsa bal’aa argachuu yoo barbaadde, Masaraa Eegumsaa Guraandhala 1, 1989, fuula 10-15 ilaali.

Irra Deebii

• Yihowaan lafa kan uumeefi nama kan irra kaa’ee maaliifi?

• Ilmi Waaqayyoo inni tokkichi lafa kanarratti qoramuunsaa barbaachisaa kan ture maaliifi?

• Yihowaan namoota Kiristosii wajjin bulchan ilmaan namootaa gidduudhaa kan filate maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]