Faarfannaa 103:1-22

  • “Yihowaa nan jajadha”

    • Waaqni cubbuu keenya nu irraa fageessa (12)

    • Waaqni abbaa gara laafessa taʼe dha (13)

    • Waaqni biyyoo taʼuu keenya ni yaadata (14)

    • Teessoo fi mootummaa Yihowaa (19)

    • Maleekonni dubbii Waaqaa raawwatu (20)

Faarfannaa Daawit. 103  Yihowaa nan jajadha;Guutummaan eenyummaa kootii maqaa isaa isa qulqulluu haa jajatu.  2  Yihowaa nan jajadha;Wanta inni godhe hundumaas matumaa hin irraanfadhu.+  3  Inni balleessaa kee hundumaa siif dhiisa,+Dhukkuba kee hundumaas ni fayyisa;+  4  Lubbuu kee boolla* irraa ni oolcha,+Jaalala isaa isa amanamaa fi gara laafina isaas si gonfachiisa.+  5  Dargaggummaan kee akka kan risaatti akka haaromuuf,+Umurii kee guutuu wantoota gaggaariidhaan si quubsa.+  6  Yihowaan warra cunqurfaman hundumaatiif+ jechaQajeelummaa fi haqaan tarkaanfii ni fudhata.+  7  Inni daandiiwwan isaa Museetti,Gochawwan isaas ilmaan Israaʼelitti beeksiseera.+  8  Yihowaan araara qabeessaa fi gara laafessa* dha,+Aariidhaaf suuta kan jedhuu fi jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee kan taʼe dha.+  9  Inni yeroo hundumaa dogoggora hin funaanu,+Bara baraafis haaloo qabatee hin turu.+ 10  Inni akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin raawwanne,+Akka balleessaa keenyaattis nuuf hin deebisne.+ 11  Sababiin isaas, hammuma samiin lafa irraa ol fagaatu,Jaalalli isaa inni amanamaan namoota isa sodaatanitti argisiisu guddaa dha.+ 12  Akkuma bahi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu,Balleessaa keenya nu irraa fageesseera.+ 13  Akkuma abbaan tokko ijoollee isaatti gara laafina argisiisu,Yihowaanis warra isa sodaatanitti gara laafina argisiiseera.+ 14  Sababiin isaas, inni akkamitti akka tolfamne sirriitti beeka,+Biyyoo taʼuu keenyas ni yaadata.+ 15  Namni duʼu garuu umuriin isaa akkuma kan margaa ti;+Inni akka abaaboo dirree keessaatti ni daraara.+ 16  Yommuu bubbeen bubbisu garuu,Akkuma waan achi hin turreetti ni bada.* 17  Yihowaan garuu jaalala isaa isa amanamaaWarra isa sodaatanitti+ bara baraaf* ni argisiisa,Qajeelummaan isaas ijoollee ijoollee isaaniitiif,+ 18  Warra kakuu isaa eeganiif,+Akkasumas warra ajajawwan isaa of eeggannoodhaan raawwataniif ni taʼa. 19  Yihowaan samii keessatti teessoo isaa cimsee hundeesseera;+Mootummaan isaas wanta hundumaa irratti bulcha.+ 20  Isin maleekonni isaa warri humna guddaa qabdan,Warri sagalee isaatiif ajajamuudhaan* dubbii isaa raawwattan hundi, Yihowaa jajadhaa.+ 21  Raayyaawwan isaa,Tajaajiltoonni isaa warri fedhii isaa raawwattan+ hundi Yihowaa jajadhaa.+ 22  Hojiiwwan harka isaa kan taatan hundi,Iddoowwan inni bulchu* hundumaa keessatti Yihowaa jajadhaa. Guutummaan eenyummaa kootii* Yihowaa haa jajatu.

Miiljaleewwan

^ Ykn., “awwaala.”
^ Ykn., “arjaa.”
^ Kal., “Iddoon isaas kana booda isa hin beeku.”
^ Ykn., “baraa hamma bara baraatti.”
^ Kal., “sagalee dubbii isaa dhagaʼuudhaan.”
^ Ykn., “Iddoo ol aantummaa isaa.”
^ Ykn., “Lubbuun koo.”