Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 15

Jechoota Dhumaa Yesuus Dubbate Irraa Maal Baranna?

Jechoota Dhumaa Yesuus Dubbate Irraa Maal Baranna?

“Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha. Isa dhagaʼaa.”—MAT. 17:5.

FAARFANNAA 17 “Nan Fedha”

QABIYYEE *

1-2. Yesuus jechoota dhumaa dubbachuu isaa dura wantoota raawwataman ibsi.

YEROON isaa guyyaa, Niisaan 14, Dh.K.B. bara 33 ture. Yesuus sobaan himatamee yakka inni hin raawwanneen erga isatti murteeffamee booda, itti qoosame, gara jabinaan dararame, achiis muka dhiphinaa irratti mismaaraan fannifame. Harki isaa fi miilli isaa mismaaraan waraaname. Yeroo hafuura fudhatus taʼe yeroo dubbatu hundatti baayʼee isa dhukkuba. Taʼus, wantoonni barbaachisoon dubbachuu qabu waan jiraniif dubbachuu qaba ture.

2 Mee jechoota Yesuus muka dhiphinaa irratti duʼuuf yommuu jedhu dubbatee fi barumsawwan irraa argachuu dandeenyu irratti haa mariʼannu. Karaa biraatiin mee ‘isa haa dhaggeeffannu.’—Mat. 17:5.

“YAA ABBAA . . . DHIIFAMA ISAANIIF GODHI”

3. Yesuus, “Yaa Abbaa . . . dhiifama isaaniif godhi” jedhee kan kadhate eenyufaʼiif taʼuu dandaʼa?

3 Yesuus maal jedhe? Yesuus muka irratti fannifamee utuu jiruu, “Yaa Abbaa . . . dhiifama isaaniif godhi” jedhee kadhate. Abbaan isaa eenyufaʼiif dhiifama akka godhu barbaade? Wanta Yesuus caqasicha irratti, “Isaan wanta gochaa jiran waan hin beekneef” jechuudhaan dubbate irraa eenyufaa akka taʼan hubachuu dandeenya. (Luq. 23:33, 34) Yesuus waaʼee loltoota Roomaa harka isaa fi miila isaa mismaaraan rukutanii jechuu isaa taʼuu hin oolu. Isaan inni eenyu akka taʼe sirriitti hin beekan turan. Kana malees, namoota akka inni ajjeefamu gaafachaa turanii fi yeroo booda isatti amanan tokko tokko sammuutti qabatee taʼuu dandaʼa. (HoE. 2:36-38) Yesuus jalʼinni haqaa isa irratti raawwatame akka isa aarsuu fi dhiifama gochuu akka isa dhowwu hin heyyamne. (1 Phe. 2:23) Kanaa mannaa, Yihowaan namoota isa ajjeesaniif dhiifama akka godhu kadhateera.

4. Yesuus mormitoota isaatiif dhiifama gochuuf fedhii qabaachuu isaa irraa maal baranna?

4 Wanta Yesuus dubbate irraa maal baranna? Nutis akkuma Yesuus warra kaaniif dhiifama gochuuf fedhii qabaachuu nu barbaachisa. (Qol. 3:13) Firoota keenya dabalatee, namoonni tokko tokko waaʼee amantii keenyaa fi akkaataa jireenyaa keenya waan hin hubanneef nu mormu taʼa. Waaʼee keenya soba dubbachuu, warra kaan fuulduratti nu salphisuu, barreeffamoota keenya balleessuu ykn miidhaa qaamaa akka nu irraan geessisan illee nu doorsisuu dandaʼu. Isaanitti haaloo qabachuu mannaa, Yihowaan namoonni nu morman sun dhugaa fudhachuuf akka isaan gargaaru isaaniif kadhachuu dandeenya. (Mat. 5:44, 45) Yeroo tokko tokko keessumaa jalʼinni haqaa guddaan yoo nu irratti raawwatame dhiifama gochuun nutti ulfaata taʼa. Taʼus, aaruu fi haaloo qabachuu keenya kan itti fufnu yoo taʼe of miina. Obboleettiin takka akkana jetteetti: “Warra kaaniif dhiifama gochuu jechuun wanti isaan raawwatan sirrii akka taʼe amanuu ykn warri kaan akka na miidhan heyyamuu jechuu akka hin taane hubadheera. Kanaa mannaa, haaloo qabachuu dhiisuuf filachuu koo argisiisa.” (Far. 37:8) Dhiifama gochuuf yommuu murteessinu, wanti nu irra gaʼe akka aarretti akka itti fufnu akka nu taasisu heyyamuu dhiisuuf filachaa jirra jechuu dha.—Efe. 4:31, 32.

“ANAA WAJJIN JANNATA KEESSA NI TAATA”

5. Yesuus yakkamtoota isa biratti fannifamanii turan keessaa isa tokkoof abdii akkamii kenne? Abdii kana kan isaaf kenne hoo maaliifi?

5 Yesuus maal jedhe? Yakkamtoonni lama Yesuus biratti fannifamanii turan. Jalqaba irratti lamaan isaanii iyyuu isatti qoosaa turan. (Mat. 27:44) Booda garuu inni tokko isatti qoosuu dhiise. Yesuus “balleessaa tokko illee” akka hin hojjenne hubateera. (Luq. 23:40, 41) Kana malees, Yesuus duʼaa kaafamee gaaf tokko mootii taʼee akka bulchu amantii qabu ibse. Fayyisaa isaa isa duʼuuf jedhuun, “Yaa Yesuus, yommuu gara Mootummaa keetti dhuftu na yaadadhu” jedhe. (Luq. 23:42) Namichi kun amantii guddaa akka qabu argisiiseera! Yesuusis, “Ani dhuguman sitti hima harʼa, anaa wajjin [Mootummicha keessa utuu hin taʼin] Jannata keessa ni taata” jedheen. (Luq. 23:43) Yesuus jechoota “anaa” fi ‘siʼi’ jedhanitti fayyadamuudhaan dhuunfaatti waadaa isaaf galuu isaa hubadhaa. Yesuus Abbaan isaa araara qabeessa akka taʼe waan beekuuf yakkamaa duʼuuf jedhu kanaaf abdii kenneera.—Far. 103:8.

6. Wanta Yesuus yakkamaa sanatti dubbate irraa maal baranna?

6 Wanta Yesuus dubbate irraa maal baranna? Yesuus amala Abbaa isaa guutummaatti calaqqisiisa. (Ibr. 1:3) Wantoota gadhee kanaan dura raawwachaa turretti garaadhaa yoo gaabbinee fi karaa dhiiga Yesuus Kiristoos isa dhangalaʼeen cubbuu keenyaaf dhiifama akka argannu yoo amanne, Yihowaan dhiifama nuu gochuu fi araara nutti argisiisuuf hawwii guddaa qaba. (1 Yoh. 1:7) Namoonni tokko tokko Yihowaan dogoggora kanaan dura raawwataniif dhiifama akka isaaniif godhu amanuun isaanitti ulfaata taʼa. Yeroo tokko tokko akkas kan isinitti dhagaʼamu yoo taʼe, yaada kanatti aanee jiru irratti xiinxalaa: Yesuus duʼuu isaa yeroo muraasa dura yakkamaa amantii argisiisuu jalqabe tokkoof dhiifama godheera. Maarree Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo ajajawwan isaa eeguuf wanta isaaniif dandaʼame hunda gochaa jiraniif dhiifama hin godhuu?—Far. 51:1; 1 Yoh. 2:1, 2.

“ILAA ILMA KEE! . . . ILAA, HAADHA TEE!”

7. Yohaannis 19:26, 27 irratti akka ibsametti Yesuus Maariyaamii fi Yohaannisiin maal jedhe? Akkas kan jedhe hoo maaliifi?

7 Yesuus maal jedhe? (Yohaannis 19:26, 27 dubbisi.) Yesuus waaʼeen haadha isaa ishiin yeroo sanatti abbaan manaa irraa duʼee taʼuu dandaʼuu isa yaaddessee ture. Obbolaan isaa wanta jireenyaaf ishii barbaachisu ishiidhaaf gochuu dandaʼu taʼa. Haa taʼu malee, Yihowaadhaaf amanamtuu taatee akka jiraattu eenyutu ishii gargaaruu dandaʼa? Yeroo kanatti obboloonni isaa barattoota akka taʼan wanti argisiisu hin jiru. Yohaannis garuu ergamaa amanamaa fi michoota Yesuusitti dhihaatan keessaa tokko ture. Yesuus namoota isaa wajjin Yihowaa waaqeffatan akka maatii isaatti ilaala ture. (Mat. 12:46-50) Kanaafuu, Yesuus Maariyaamiif jaalala waan qabuu fi waan ishiidhaaf yaaduuf, Yohaannis Yihowaa tajaajiluu ishii akka itti fuftu akka ishii gargaaru imaanaadhaan isatti kenneera. Yesuus haadha isaatiin, “Ilaa ilma kee!” jedhe. Yohaannisiin immoo, “Ilaa, haadha tee!” jedheen. Guyyaa sanaa jalqabee Yohaannis Maariyaamiif akka ilma ishii taʼeera, akkasumas akka haadha isaatti ishii kunuunseera. Yesuus dubartii iddoo guddaa qabduu fi erga inni dhalatee kaasee jaalalaan isa kunuunsaa turteef, akkasumas yeroo inni duʼutti isa bira dhaabbachaa turteef jaalala guddaa akka qabu argisiiseera!

8. Wanta Yesuus Maariyaamii fi Yohaannisitti dubbate irraa maal barachuu dandeenya?

8 Wanta Yesuus dubbate irraa maal baranna? Hariiroon Kiristiyaanota obbolootaa fi obboleettota keenya taʼanii wajjin qabnu, hariiroo miseensota maatii keenyaa wajjin qabnu irra baayʼee caala. Firoonni keenya nu mormuu ykn nu dhiisuu dandaʼu; taʼus Yihowaa fi jaarmiyaa isaatti kan maxxannu yoo taʼe, akkuma Yesuus waadaa gale wanta dhabne “dachaa 100” ni arganna. Baayʼeen isaanii akkuma ilma, intala, haadha ykn abbaa jaallatamoo nuuf taʼu. (Mar. 10:29, 30) Maarree maatii hafuuraa amantii, akkasumas jaalala Yihowaa fi walii isaaniitiif qabaniin tokko taʼan keessa jiraachuu keessaniin maaltu isinitti dhagaʼama?—Qol. 3:14; 1 Phe. 2:17.

“YAA WAAQA KOO, MAALIIF NA DHIISTE?”

9. Yaada Yesuus dubbatee fi Maatewos 27:46 irratti argamu irraa maal baranna?

9 Yesuus maal jedhe? Yesuus duʼuu isaa yeroo muraasa dura, “Yaa Waaqa koo, yaa Waaqa koo, maaliif na dhiiste?” jedhee ture. (Mat. 27:46) Kitaabni Qulqulluun sababii itti Yesuus akkas jedhe hin ibsu. Taʼus jechoota kana irraa maal barachuu akka dandeenyu haa ilaallu. Tokkoffaa, Yesuus jechoota kana dubbachuudhaan raajiin Faarfannaa 22:1 irratti ibsame akka raawwatamu godheera. * Lammaffaa, jechoonni kun Yihowaan Ilma isaatti ‘naannessee dallaa eegumsaa’ akka hin ijaarre argisiisu. (Iyo. 1:10) Yesuus Abbaan isaa warri isa jibban amantii isaa hamma duʼaatti akka qoran heyyamuu isaa hubateera; namni hamma Yesuus qoramee beeku hin jiru. Kana malees, jechoonni kun Yesuus yakka duuti akka itti murteeffamu godhu akka hin raawwanne mirkaneessu.

10. Wanta Yesuus Abbaa isaatiin jedhe irraa maal barachuu dandeenya?

10 Wanta Yesuus dubbate irraa maal baranna? Tokkoffaa, Yihowaan haalawwan rakkisoo amantii keenya qoran irraa akka nu oolchu eeguu akka hin qabne baranna. Akkuma Yesuus hamma duʼaatti qorame, nutis barbaachisaa yoo taʼe hamma duʼaatti amanamoo taʼuuf qophaaʼuu qabna. (Mat. 16:24, 25) Haa taʼu malee, Waaqayyo hamma baachuu dandeenyu caalaa akka qoramnu akka hin heyyamne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (1 Qor. 10:13) Lammaffaa, balleessaa qabaachuu baannus akkuma Yesuus dhiphachuu akka dandeenyu baranna. (1 Phe. 2:19, 20) Namoonni nu morman kan nu ariʼatan balleessaa waan raawwanneef utuu hin taʼin, kutaa addunyaa waan hin taanee fi dhugaa waan lallabnuufi. (Yoh. 17:14; 1 Phe. 4:15, 16) Yesuus, Yihowaan akka inni dhiphatu kan heyyame maaliif akka taʼe hubatee ture. Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon rakkina keessa jiran, Yihowaan wantoonni tokko tokko akka isaan irra gaʼu kan heyyame maaliif akka taʼe gaafatu. (An. 1:3) Waaqni keenya inni araara qabeessaa fi obsa qabeessa taʼe namoonni akkasii amantii akka dhabanitti hin yaadu; kanaa mannaa, jajjabina inni qofti kennuu dandaʼu akka isaan barbaachisu beeka.—2 Qor. 1:3, 4.

“NAN DHEEBODHE”

11. Yesuus jechoota Yohaannis 19:28 irratti argaman kan dubbate maaliifi?

11 Yesuus maal jedhe? (Yohaannis 19:28 dubbisi.) Yesuus “Nan dheebodhe” kan jedhe maaliifi? Akkas kan jedhe, “Wanti Kitaabonni Qulqulluun jedhan akka raawwatamuuf,” jechuunis raajiin Faarfannaa 22:15 irratti, “Jabinni koo akkuma qiraaciitti goggoge; arrabni koo laagaa kootti maxxane” jechuudhaan dubbatame akka raawwatamuufi. Yesuus dhiphina guddaa muka dhiphinaa irratti dabarse dabalatee, rakkinni sun hundi erga isa irra gaʼee booda baayʼee dheebotee taʼuu qaba. Dheebuu baʼuuf gargaarsi isa barbaachisa ture.

12. Wanta Yesuus “Nan dheebodhe” jechuudhaan dubbate irraa maal barachuu dandeenya?

12 Wanta Yesuus dubbate irraa maal baranna? Yesuus miira isaa ibsuun mallattoo dadhabinaa akka taʼetti hin yaanne; nutis akkasitti yaaduu hin qabnu. Jireenya keenya keessatti yeroo baayʼee wantoota nu barbaachisan warra kaanitti himuu dhiisuu filanna taʼa. Haa taʼu malee, yeroo gargaarsi nu barbaachisutti gargaarsa gaafachuu irraa duubatti jechuu hin qabnu. Fakkeenyaaf, yoo dulloomne ykn dhibee fayyaa yoo qabaanne, michuun keenya tokko suuqiitti ykn mana yaalaatti akka nu geessu gaafachuu qabna taʼa. Yoo gaddine ykn abdii yoo kutanne immoo, jaarsi gumii ykn Kiristiyaanni bilchaataan tokko akka nu dhaggeeffatu ykn “dubbii gaarii” nama gammachiisu nutti himuudhaan akka nu jajjabeessu gaafachuun nu barbaachisa taʼa. (Fak. 12:25) Obboloonnii fi obboleettonni keenya akka nu jaallatanii fi ‘yeroo dhiphinaatti’ nu gargaaruu akka barbaadan yaadadhaa. (Fak. 17:17) Taʼus, keessa keenya beekuu hin dandaʼan. Nuti dursa fudhannee yoo dubbanne malee gargaarsi akka nu barbaachisu beekuu dhiisuu dandaʼu.

“NI RAAWWATAME!”

13. Yesuus hamma duʼaatti amanamaa taʼuudhaan maal raawwateera?

13 Yesuus maal jedhe? Guyyaa sana Niisaan 14 waaree booda gara saʼaatii sagaliitti Yesuus sagalee guddaadhaan, “Ni raawwatame” jedhe. (Yoh. 19:30) Yesuus duʼuu isaa yeroo muraasa dura wanta Yihowaan akka inni raawwatu isa irraa eegu hundumaa raawwateera. Hamma duʼaatti amanamummaa isaa eeguudhaan wantoota hedduu raawwateera. Tokkoffaa, Seexanni sobduu taʼuu isaa mirkaneesseera. Yesuus namni mudaa hin qabne tokko Seexanni maal iyyuu yoo isa irraan geessise amanamummaa isaa eeguu akka dandaʼu argisiiseera. Lammaffaa, Yesuus lubbuu isaa furii godhee kenneera. Aarsaa taʼee duʼuun isaa ilmaan namootaa mudaa qaban Waaqayyo duratti qajeelota akka taʼanii fi abdii bara baraaf jiraachuu akka qabaatan godheera. Sadaffaa, Yesuus ol aantummaan Yihowaa qajeelaa taʼuu isaa mirkaneesseera, akkasumas maqaa Abbaa isaa arrabsoo irraa qulqulleesseera.

14. Guyyaa guyyaadhaan akkamitti jiraachuuf murteessuu qabna? Ibsi.

14 Wanta Yesuus dubbate irraa maal baranna? Guyyaa guyyaadhaan amanamummaa keenya eegnee jiraachuuf kutachuu qabna. Mee wanta obboleessi keenya Maaksiweel Fireendi, inni barsiisaa Mana Barumsaa Kitaaba Qulqulluu Giiliyaad taʼee tajaajile dubbate haa ilaallu. Obboleessi keenya Fireendi haasaa amanamummaa ilaalchisee walgaʼii biyyoolessaa tokko irratti dhiheesse irratti akkana jedhee ture: “Wanta harʼa gochuu ykn dubbachuu dandeessan boruuf hin kaaʼinaa. Boru akka jiraattan mirkanaaʼoo taʼuu dandeessuu? Guyyaan hundi jireenya bara baraatiif kan maltan taʼuu keessan mirkaneessuuf carraa isa dhumaa akka taʼe karaa argisiisuun jiraadhaa.” Nutis guyyaan hundi amanamummaa keenya eeggachuuf carraa isa dhumaa akka taʼe karaa argisiisuun jiraachuuf haa carraaqnu! Taanaan, duʼaaf yoo saaxilamne illee akkana jechuu dandeenya: “Yaa Yihowaa, amanamummaa koo eeguuf, Seexanni sobduu taʼuu isaa mirkaneessuuf, akkasumas maqaa kee qulqulleessuu fi ol aantummaa kee deeggaruuf wanta naaf dandaʼame hundumaa godheera!”

“ANI HAFUURA KOO IMAANAADHAAN HARKA KEETTI NAN KENNADHA”

15. Luqaas 23:46 akka jedhutti Yesuus amanannaa akkamii akka qabu ibse?

15 Yesuus maal jedhe? (Luqaas 23:46 dubbisi.) Yesuus amanannaa guutuudhaan, “Yaa Abbaa, ani hafuura koo imaanaadhaan harka keetti nan kennadha” jedheera. Jireenyi isaa gara fuulduraa Yihowaa irratti kan hundaaʼe akka taʼe beeka ture, Abbaan isaa akka isa yaadatus mirkanaaʼaa ture.

16. Muuxannoo Dhugaa Baatuu umuriin isaa waggaa 15 taʼe irraa maal baratte?

16 Wanta Yesuus dubbate irraa maal baranna? Lubbuun keessan balaadhaaf yoo saaxilame illee, Yihowaadhaaf amanamoo taʼaa jiraadhaa. Akkas gochuuf, ‘garaa keessan guutuudhaan Yihowaatti amanamuu’ qabdu. (Fak. 3:5) Mee fakkeenya Dhugaa Baatuu umuriin isaa waggaa 15 taʼee fi Jooshuwaa jedhamuu haa ilaallu. Jooshuwaan dhukkuba fayyuu hin dandeenyeen qabamee ture. Yaalii fayyaa seera Waaqayyoo wajjin wal faallessu fudhachuu didee ture. Duʼuu isaa yeroo muraasa dura haadha isaatiin akkana jedhe: “Harmee, ani harka Yihowaa keessan jira. . . . Kana guutummaatti mirkanaaʼaa taʼeen sitti hima: Yihowaan duʼaa kaasee gara jireenyaatti akka na deebisu sirriittan beeka. Inni keessa garaa koo beeka, anis dhugumaan isa nan jaalladha.” Tokkoon tokkoon keenya akkana jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Haalli lubbuu koo balaadhaaf saaxiluu fi amantii koo qoru yoo na mudate, jireenya koo harka Yihowaatti kennachuu fi akka inni na yaadatu isatti amanamuu nan dandaʼaa?’

17-18. Barumsa akkamii arganneerra? (Saanduqa “ Jechoota Dhumaa Yesuus Dubbate Irraa Maal Baranna?” jedhus ilaali.)

17 Jechoota dhumaa Yesuus dubbate irraa barumsawwan barbaachisoo taʼan arganneerra. Warra kaaniif dhiifama gochuu fi Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu isatti amanamuu akka qabnu nu yaadachiisaniiru. Gumii keessaa obbolootaa fi obboleettota nu gargaaruuf qophaaʼoo taʼan arganneerra; taʼus yeroo gargaarsi nu barbaachisu dursa fudhannee isaan gaafachuu qabna. Yihowaan rakkina nu mudatu kam iyyuu dandamachuuf akka nu gargaaru beekna. Akkasumas yoo duune illee, duʼaa akka nu kaasu amanannaa qabaachuudhaan, guyyaan hundi amanamummaa keenya mirkaneessuuf carraa isa dhumaa akka taʼe karaa argisiisuun jiraachuun barbaachisaa taʼuu isaa baranneerra.

18 Dhuguma iyyuu, jechoonni Yesuus muka dhiphinaa irratti fannifamee utuu jiruu dubbate wantoota hedduu nu barsiisu. Barumsa arganne hojii irra oolchuudhaan, gorsa Yihowaan Ilma isaa ilaalchisee, “Isa dhagaʼaa” jechuudhaan kenneef ajajamna.—Mat. 17:5.

FAARFANNAA 126 Dammaqi, Jabaadhu, Cimi!

^ key. 5 Akkuma Maatewos 17:5 irratti ibsame Yihowaan Ilma isaa akka dhageenyu barbaada. Mata duree kana keessatti jechoota Yesuus muka dhiphinaa irratti fannifamee duʼuuf yommuu jedhu dubbate irraa barumsa argachuu dandeenyu hedduu ilaalla.

^ key. 9 Yesuus yaada Faarfannaa 22:1 irra jiru kan caqase maaliif taʼuu akka dandaʼu ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf “Gaaffii Dubbistootaa” maxxansa kana keessatti argamu ilaali.