Faarfannaa 22:1-31
Geggeessaa muuziqaatiif; “Gadamsa Dhaltuu Barraaqaatiin.”* Faarfannaa Daawit.
22 Yaa Waaqa koo, yaa Waaqa koo, maaliif na dhiiste?+
Na oolchuu irraa,Iyya dhiphina koo irraas kan fagaatte maaliifi?+
2 Yaa Waaqa koo, guyyaa irra deddeebiʼee sin waammadha, ati garuu deebii naaf hin kennitu;+Halkanis ani calluma hin jedhu.
3 Ati garuu qulqulluu dha,+Jajannaa Israaʼel siif dhiheessuunis marfamteetta.*
4 Abbootiin keenya sitti amanaman;+Isaan sitti amanamaniiru; atis isaan oolchaa turte.+
5 Isaan gara keetti ni iyyatan, ni oolanis;Sitti ni amanaman, hin qaanofnes.+
6 Ani garuu raammoo malee nama miti,Namoonni natti qoosan,* na tuffatanis.+
7 Warri na argan hundi natti qoosu;+Afaan isaanii jalʼisanii qoosaadhaan mataa isaanii natti raasaa akkana jedhu:+
8 “Yihowaatti of kenneera. Inni isa haa baraaru!
Isa biratti baayʼee jaallatamaa waan taʼeef, inni isa haa oolchu!”+
9 Gadameessa keessaa kan na baase,+Harma haadha koo irrattis tasgabbiin akka natti dhagaʼamu kan godhe siʼi.
10 Ergan dhaladhee jalqabee kunuunsa keetti nan amanama;*Gadameessa haadha tiyyaa irraa jalqabees ati Waaqa koo ti.
11 Rakkinni waan natti dhihaateef,Gargaaraa kan biraas waanan hin qabneef+ na irraa hin fagaatin.+
12 Jiboonni hedduun natti marsan,+Korommii ciccimoon Baashaan natti naannaʼan.+
13 Akkuma leenca barooduu fi wanta adamsu cicciruutti,+Afaan isaanii balʼisanii natti banan.+
14 Ani akkuma bishaaniitti dhangalaʼeera;Lafeewwan koo hundi wal gadhiisaniiru.
Onneen koo akkuma gagaa taʼeera;+Na keessattis baqeera.+
15 Jabinni koo akkuma qiraaciitti goggoge;+Arrabni koo laagaa kootti maxxane;+Ati gara biyyoo duʼaatti gad na buusta.+
16 Saroonni natti marsan;+Akkuma tuuta jalʼootaatti balbala natti cufan,+Akkuma leencaattis harka koo fi miila koo ciniinaa jiru.+
17 Lafeewwan koo hundumaa lakkaaʼuu nan dandaʼa.+
Isaan na ilaalu, ijas na irraa hin buqqifatan.
18 Uffata koo ni hihiratan,Huccuu koo irrattis carraa ni buufatan.+
19 Ati garuu yaa Yihowaa, na irraa hin fagaatin.+
Ati jabina koo ti; na gargaaruuf ariifadhu.+
20 Goraadee irraa na* oolchi,Lubbuu koo isa gatii guddaa qabus* harka sarootaa irraa oolchi.+
21 Afaan leencaa fi gaanfa gafarsaa irraa na oolchi;+Deebii naaf kenni, na oolchis.
22 Ani maqaa kee obboloota kootti nan beeksisa;+Gumii gidduuttis sin jajadha.+
23 Isin warri Yihowaa sodaattan isa jajadhaa!
Isin sanyiin Yaaqoob hundi ulfina isaaf kennaa!+
Isin sanyiin Israaʼel hundi kabaja guddaa isaaf qabaadhaa.
24 Inni rakkina isaatiin kan kaʼe isa cunqurfame* hin tuffanne, hin jibbines;+Fuula isaas isa jalaa hin dhoksine.+
Yeroo gargaarsa argachuuf gara isaatti iyyu inni isa dhagaʼeera.+
25 Gumii guddaa keessatti sin jajadha;+Warra isa sodaatan duratti wareega koo nan raawwadha.
26 Garraamonni ni nyaatu, ni quufus;+Warri Yihowaa barbaaddatan isa jajatu.+
Bara baraaf gammachuudhaan jiraadhaa.*
27 Guutummaan andaara lafaa Yihowaa ni yaadata, gara isaattis ni deebiʼa.
Maatiiwwan sabootaa hundi si duratti ni sagadu.+
28 Sababiin isaas, mootummaan kan Yihowaa ti;+Inni saboota irratti ni bulcha.
29 Sooreyyiin* lafa irratti argaman hundi ni nyaatu, ni sagadus;Warri gara biyyootti gad buʼan hundi isa duratti ni jilbeenfatu;Isaan keessaa lubbuu isaa tursuu kan dandaʼu hin jiru.
30 Sanyiiwwan isaanii isa tajaajilu;Dhaloota dhufuttis waaʼeen Yihowaa ni himama.
31 Isaan dhufanii waaʼee qajeelummaa isaa ni dubbatu.
Namoota gara fuulduraatti dhalatanitti wanta inni raawwate ni himu.
Miiljaleewwan
^ Tarii rukuttaa muuziqaa ykn bifa muuziqaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
^ Ykn., “sii dhiheessu gidduutti (irratti) moosifamteetta.”
^ Ykn., “na arrabsan.”
^ Kal., “si irratti gatameera.”
^ Ykn., “lubbuu koo.”
^ Kal., “Takkittii tiyya,” lubbuu isaa ykn jireenya isaa argisiisa.
^ Kal., “rakkina nama cunqurfamee.”
^ Kal., “Garaan keessan bara baraaf haa jiraatu.”
^ Kal., “Warri coccoomoon.”