Yohaannis Tokkoffaa 1:1-10

  • Dubbii jireenyaa (1-4)

  • Ificha keessa deddeebiʼuu (5-7)

  • Cubbuu himachuun barbaachisaa dha (8-10)

1  Waaʼee dubbii jireenyaa+ isa jalqabaa kaasee ture, isa dhageenye, isa ija keenyaan argine, isa hubannee ilaallee fi isa harka keenyaan qaqqabne sanaa isiniif barreessina;  (eeyyee, jireenyi mulʼifameera, nutis argineerra, ragaas baʼaa jirra;+ jireenya bara baraa+ isa Abbaa bira turee fi nutti mulʼifame sana isinitti himaa jirra),  isinis nuu wajjin tokkummaa* qabaachuu akka dandeessaniif, isa arginee fi isa dhageenye sana isinitti ni himna.+ Tokkummaan kunis isa nuti Abbaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoosii wajjin qabnu dha.+  Wantoota kana kan isiniif barreessinu gammachuun keenya guutuu akka taʼuufi.  Ergaan isa irraa dhageenyee fi isinitti beeksisaa jirru isa kana: Waaqayyo ifa dha,+ dukkannis matumaa isa keessa hin jiru.*  “Nuti isaa wajjin tokkummaa qabna” jennee dubbachaa, dukkana keessa deddeebiʼuu keenya yoo itti fufne, sobaa jirra, dhugaas hojii irra oolchaa hin jirru.+  Haa taʼu malee, akkuma inni ifa keessa jiru nutis ifaan yoo deddeebine, walii wajjin tokkummaa ni qabaanna, akkasumas dhiigni Ilma isaa Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa.+  “Cubbuu hin qabnu” jennee yoo dubbanne of gowwoomsaa jirra,+ dhugaanis nu keessa hin jiru.  Waaqayyo amanamaa fi qajeelaa waan taʼeef, cubbuu keenya yoo himanne, inni cubbuu keenya nuuf dhiisa, akkasumas jalʼina hundumaa irraa nu qulqulleessa.+ 10  “Nuti cubbuu hin hojjenne” jennee yoo dubbanne sobduu isa gochaa jirra, dubbiin isaas nu keessa hin jiru.

Miiljaleewwan

Ykn., “qooda.”
Ykn., “isaa wajjin tokkummaa hin qabu.”