Fakkeenya 17:1-28

  • Gaariidhaaf hamaa hin deebisin (13)

  • Lolli kaʼuu isaa dura achii deemi (14)

  • Michuu dhugaan yeroo hunda jaallata (17)

  • “Garaan gammade qoricha gaarii dha” (22)

  • Hubataan qusatee dubbata (27)

17  Mana utuu lolli jiruu affeerraadhaan* guutame mannaaBakka nagaan* jirutti cabaa daabboo goggogaa nyaachuu wayya.+  2  Tajaajilaan hubannaa qabu ilma gocha qaanessaa raawwatu irratti bulchaa taʼa;Obboloota keessaa akka isa tokkoottis dhaala argata.  3  Meetiin qodaa itti baqsan keessatti, warqiinis iddoo ibiddaa keessatti ni qorama,+Garaa namaa kan qoru garuu Yihowaa dha.+  4  Namni hamaan dubbii nama miidhu xiyyeeffannaadhaan dhagaʼa,Namni gowwoomsaa raawwatus arraba wanta hamaa dubbatu dhaggeeffata.+  5  Namni hiyyeessatti qoosu hundi Uumaa isaa arrabsa,+Namni badiisa namaatti gammadus utuu hin adabamin hin hafu.+  6  Ijoolleen ijoollee gonfoo maanguddootaa ti,Abbootiinis* ulfina ilmaan* isaanii ti.  7  Dubbii qajeelaan* nama gowwaa irraa hin eegamu.+ Caalaatti immoo dubbiin sobaa bulchaa tokko irraa hin eegamu!+  8  Kennaan tokko abbaa isaatiif akkuma dhagaa gatii guddaa qabuu ti;*+Bakka deemu hundumaattis milkaaʼina isaaf ni argamsiisa.+  9  Namni balleessaadhaaf dhiifama godhu* hundi jaalala barbaada,+Namni dhimma tokko irra deddeebiʼee dubbatu garuu michoota walitti dhihaatan gargar baasa.+ 10  Nama gowwaa taʼe siʼa dhibba rukutuu mannaa+Nama hubannaa qabu siʼa tokko ifachuun faayidaa guddaa argamsiisa.+ 11  Namni hamaan fincila qofa barbaada,Ergamaan gara jabeessi garuu akka isa adabu ni ergama.+ 12  Nama gowwaa gowwummaa raawwatuu wajjin wal arguu mannaaAmaaketa ilmoolee ishii dhabdee wajjin walitti dhufuu wayya.+ 13  Namni wanta gaariidhaaf wanta hamaa deebisu kam iyyuu,Wanti hamaan mana isaa keessaa hin dhabamu.+ 14  Lola kaasuun akkuma hidha bishaanii cabsuu ti;*Lolli kaʼuu isaa dura bakka sanaa deemi.+ 15  Namni nama hamaa bilisa baasus taʼe namni nama qajeelaa balaaleffatu kam iyyuu+Yihowaa duratti jibbisiisaa dha. 16  Namni gowwaan garaa ogummaa itti argatu utuu hin qabaatin*Karaa itti ogummaa argatu qabaachuun isaa maal isa fayyada?+ 17  Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa,+Inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.+ 18  Namni hubannaa* hin qabne ollaa isaa duratti wabii taʼuuf,Harka rukutee walii galtee raawwata.+ 19  Namni lola jaallatu yakka jaallata.+ Namni karra isaa ol dheeressee ijaaru kam iyyuu kufaatii ofitti waama.+ 20  Namni garaan isaa jalʼaa taʼe milkaaʼina* hin argatu,+Namni dubbii gowwoomsaa dubbatus badiisa keessatti kufa. 21  Namni mucaa gowwaa dhalche gaddatu irra gaʼa;Abbaan mucaa hubannaa hin qabnees gammachuu hin qabu.+ 22  Garaan gammade qoricha* gaarii dha,+Hafuurri cabe* garuu humna namaa laaffisa.*+ 23  Namni hamaan daandii haqaa jalʼisuufDhoksaatti mattaʼaa* fudhata.+ 24  Ogummaan kallattiidhaan nama hubannaa qabu dura jira,Ijji nama gowwaa garuu hamma handaara lafaatti asii fi achi joora.+ 25  Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida,Garaa haadha isa deessees ni gaddisiisa.+ 26  Nama qajeelaa adabuun* gaarii miti,Namoota kabajamoo garafuunis wanta sirrii taʼe mormuu dha. 27  Namni beekumsa qabu qusatee dubbata,+Namni hubannaa qabus tasgabbaaʼaa dha.*+ 28  Namni gowwaan calluma jedhu illee akka ogeessaatti ilaalama,Namni afaan isaa qabatus akka hubataatti ilaalama.

Miiljaleewwan

^ Ykn., “tasgabbiin.”
^ Kal., “aarsaadhaan.”
^ Ykn., “Warris.”
^ Ykn., “ijoollee.”
^ Ykn., “gaariin.”
^ Ykn., “dhagaa ulfina namaaf argamsiisuu ti.”
^ Kal., “balleessaa haguugu.”
^ Kal., “bishaan gad yaasuu ti.”
^ Ykn., “hubannaa utuu hin qabaatin.”
^ Kal., “qalbii.”
^ Kal., “wanta gaarii.”
^ Ykn., “lafee gogsa.”
^ Ykn., “Abdii kutachuun.”
^ Ykn., “fayyisuuf.”
^ Kal., “Mattaʼaa bobaa keessa jiru.”
^ Ykn., “irratti adaba muruun.”
^ Kal., “hafuurri isaa qabbanaaʼaa dha.”