Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Macaafni Qulqulluun dhuguma Dubbii Waaqayyootii?

Dubbiin Waaqayyoo kitaabota kaanirraa adda akka taʼe eegda taʼa. Eeyyee, Macaafni Qulqulluun addadha. Macaafni Qulqulluun biliyoonaan lakkaaʼamu, afaanota dhibbaan lakkaaʼamaniin maxxanfameera. Gorsi macaafa kana keessa jiru, jireenya namootaa jijjiiruuf humna qaba.—1 Tasaloniiqee 2:13; 2 Ximotewos 3:16 dubbisi.

Macaafni Qulqulluun waaʼee gara fuulduraa raajii dhugaa taʼe waan dubbatuuf, Waaqayyo biraa kan argamedha. Namni ofiisaatiin raajii dhugaa dubbachuu dandaʼu hin jiru. Mee macaafa Isaayaas akka fakkeenyaatti ilaali. Koppiin macaafa kanaa inni Yesus dhalachuusaa jaarraa tokko dura barreeffame, holqa naannoo Galaana Soogiddaatti argamu keessaa argameera. Macaafichi magaalaan Baabilon namni kan keessa hin jiraanne akka taatu dubbata. Raajiin kun raawwiisaa kan argate, Yesus tajaajilasaa isa lafarraa erga xumuree waggoota hedduu boodadha.Isaayaas 13:19, 20; 2 Phexros 1:20, 21 dubbisi.

Macaafni Qulqulluun kan barreeffame akkamitti?

Macaafni Qulqulluun kan barreeffame gara waggoota 1,600 taʼan keessattidha. Namoonni macaafa kana barreessan 40 kan taʼan siʼa taʼu, hundisaanii yaada ijoo tokkorratti xiyyeeffataniiru; yaadni isaan barreessanis kan wal faalleessu miti. Kun taʼuu kan dandaʼes geggeessaa Waaqayyootiin waan barreessaniifidha.—2 Saamuʼel 23:2 dubbisi.

Yeroo tokko tokko Waaqayyo, karaa ergamootasaa, karaa mulʼataa ykn karaa abjuu qajeelfama isaanii kenna ture. Yeroo baayʼeemmoo, yaadasaa sammuu barreessaa sanaa keessa kaaʼuudhaan, barreessichi jechoota filateen ergaa Waaqayyoo akka ibsu godheera.—Mulʼata 1:1; 21:3-5 dubbisi.

 

[Fakkii fuula 16⁠rra jiru]

DEEBII GAAFFII MACAAFA QULQULLUU DABALATAA INTARNEETIIRRAA DUBBISI (Ingiliffaan)