Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Kitaaba Ogummaa Namootaa Irratti Hundaaʼe Dhaa?

Kitaabni Qulqulluun Kitaaba Ogummaa Namootaa Irratti Hundaaʼe Dhaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni Qulqulluun yaadawwan ogummaa irratti hundaaʼan hedduu qabateera. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun waaʼee ofii isaa “Kitaabni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin . . . barreeffame” akka jedhu hubadhu. (2 Ximotewos 3:16) Ragaaleen yaanni kun dhugaa taʼuu isaa mirkaneessan hedduun jiru. Yaadawwan armaan gadii ilaalaa:

  •   Namni seenaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman dhugaa akka hin taane mirkaneessuu dandaʼe tokko illee hin jiru.

  •   Namoonni Kitaaba Qulqulluu barreessan namoota amanamoo iftoomina guddaadhaan barreessan turan. Iftoominni isaanii kun immoo wanti isaan barreessan dhugaa taʼuu isaa mirkaneessa.

  •   Kitaabni Qulqulluun dhaamsa tokko qaba: Waaqayyo ilmaan namootaa bulchuuf mirga akka qabu akka mirkaneeffamu gochuu fi Mootummaa isaa samiitti fayyadamee kaayyoo isaa akka galmaan gaʼu kan ibsu dha.

  •   Kitaabni Qulqulluun waggoota kumaan lakkaaʼaman dura kan barreeffame taʼu illee, ilaalchawwan saayinsii bara durii dogoggora taʼanii fi balʼinaan fudhatama argatanii turan irraa walaba dha.

  •   Seenaawwan galmeeffaman akka mirkaneessanitti raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu raawwatamaniiru.