Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Maali dha?

Kitaabni Qulqulluun Maali dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni Qulqulluu kitaabota 66 qaba. Tilmaamaan barreeffamee xumuramuuf gara waggoota 1,600 fudhateera. Kitaabni Qulqulluun ergaa Waaqayyoo, jechuunis “dubbii Waaqayyoo” qabateera.— 1 Tasalonqee 2:13.

Mata duree kana keessatti wantoota armaan gadii ilaalla.

 Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee dhugaa jiru

  •   Kitaaba Qulqulluu eenyutu barreesse? Abbaan Kitaaba Qulqulluu Waaqayyo dha; garuu kan barreessise namoota gara 40 taʼanitti fayyadamee ti. Namoota kana keessaa tokko tokko Musee, Daawit Mooticha, Maatewos, Maarqos, Luqaasii fi Yohaannisi. a Waaqayyo ergaa isaa akka barreessaniif yaada isaa sammuu namoota barreessanii keessa kaaʼeera.—2 Ximotewos 3:16.

     Fakkeenyaaf: Hogganaan tokko barreessituun isaa bakka isaa buutee ergaa tokko akka isaaf barreessitu itti himuu dandaʼa, tarii immoo yaadawwan tokko tokko illee itti himuu dandaʼa, taʼus abbaan ergaa sanaa hogganaadhuma sana dha. Haaluma wal fakkaatuun Waaqayyo ergaa isaa akka barreessan namootatti kan fayyadame taʼus, inni Abbaa Kitaaba kanaa ti.

  •   Jechi “Kitaaba Qulqulluu” jedhu hiikni isaa maali dha? Jechi “Kitaaba Qulqulluu (Ingiliffaan Bible)” jedhu jecha afaan Giriikii baayibiliyaa (biblia) jedhu irraa kan dhufe yeroo taʼu hiikni isaa “kitaabota xixiqqoo” jechuudha. Yeroo booda immoo jechi baayibiliyaa jedhu guutummaa kitaabota xixiqqoo warra walitti qabamanii Kitaaba Qulqulluu taʼan kan ibsu taʼe.

  •   Kitaabni Qulqulluun kan barreeffame yoomi? Kitaabni Qulqulluun barreeffamuu kan jalqabe Dh.K.D. bara 1513⁠tti yeroo taʼu, barreeffamee kan xumurame immoo Dh.K.B bara 98 gara waggaa 1,600 booda dha.

  •   Kitaabni Qulqulluun inni jalqabaa jiraa? Kitaabni Qulqulluun inni jalqabaa badiisa irraa ooluu isaa ilaalchisee wanti beekamu hin jiru. Sababni isaas barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu kan barreessan wantoota bara sanatti turanii fi dafanii baduu dandaʼan, kanneen akka Paappirasii fi biraannaatti fayyadamanii ti. Haa taʼu malee, namoonni dandeettii barreessuu qaban dhaloonni gara fuulduraatti dhufu akka dubbisuuf Kitaaba Qulqulluu jaarraawwan hedduudhaaf of eggannoodhaan garagalchaniiru.

  •   “Kakuu Moofaa” fi “Kakuu Haaraan” Maali dha? Kitaabonni Kitaaba Qulqulluu Kakuu Moofaa jedhamanii waamaman harki caalaan isaanii Afaan Ibrootaan kan barreeffamanidha; b kitaabonni kun Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa jedhamaniis ni beekamu. Kitaabonni Kitaaba Qulqulluu Kakuu Haaraa jedhamanii waamaman immoo Afaan Giriikiin kan barreeffamanidha; kitaabonni kun Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii jedhamaniis ni waamamu. Kutaawwan kun lamaan wal faana Kitaaba Qulqulluu jedhamanii waamamu. c

  •   Kitaabni Qulqulluun maalfaa of keessatti qabateera? Kitaabni Qulqulluun seenaa, seerota, raajii, walaloo, fakkeenyota, faarfannaawwanii fi xalayaawwan of keessatti qabatee jira.—“ Maqaawwan kitaabota Kitaaba Qulqulluu” ilaali.

 Kitaabni Qulqulluun waaʼee maalii dubbata?

 Kitaabni Qulqulluun gabaabumatti Waaqayyo Inni Hundumaa Dandaʼu samiiwwanii fi lafa akka uume dubbachuudhaan jalqaba. Waaqayyo namoonni akka isa beekaniif Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee maqaa isaa isa Yihowaa jedhamu beeksiseera.—Faarfannaa 83:18.

 Kitaabni Qulqulluun maqaan Waaqayyoo akka xureeffamee fi maqaa isaa akkamitti akka qulqulleessinu nutti hima.

 Kitaabni Qulqulluun kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaa fi lafaaf qabu ni ibsa. Wantoota dhiphina ilmaan namootaatiif sababa taʼan gara fuulduraatti akkamitti akka balleessus ni ibsa.

 Kitaabni Qulqulluun gorsa jireenya keenya guyyaa guyyaatiif taʼu qabateera. Gorsawwan kunis:

  •   Walitti dhufeenya gaarii qabaachuu. “Kanaafuu, wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis isaaniif godhaa.”—Maatewos 7:12.

     Kana jechuun: Akkaataa namoonni akka itti nu qaban barbaannuun warra kaan qabuu qabna.

  •   Dhiphina dandamachuu. “Matumaa waaʼee boruutiif hin yaaddaʼinaa; sababiin isaas, guyyaan boruu yaaddoo mataa isaa qaba.”—Maatewos 6:34.

     Kana jechuun: Gara fuulduraatti maaltu nu irra gaʼa jennee yaaddaʼuu mannaa rakkina saʼaatii sanatti nu irra gaʼaa jiru irratti xiyyeeffachuun gaarii dha.

  •   Gaaʼela gammachiisaa qabachuu. “Isin keessaa tokkoon tokkoon keessan akkuma of jaallattanitti haadha manaa keessan jaalladhaa; karaa biraa immoo, haati manaa abbaa manaa ishiitiif ulfina guddaa haa kennitu.”—Efesoon 5:33.

     Kana jechuun: Jaalala qabaachuu fi wal kabajuun milkaaʼina gaaʼelaatiif baayʼee barbaachisaa dha.

 Kitaabni Qulqulluun jijjiirameeraa?

 Lakki. Hayyoonni, Kitaaba Qulqulluu durii Kitaaba Qulqulluu isa amma jiruu wajjin of eeggannoodhaan wal bira qabanii ilaaluudhaan ergaan Kitaaba Qulqulluu isa jalqabaa keessa jiru akka hin jijjiiramne hubataniiru. Waaqayyo namoonni ergaa isaa akka dubbisanii fi akka hubatan waan barbaaduuf ergaan isaa akka hin jijjiiramneef eegumsa gochuun isaa nama hin dinqisiisu. dIsaayyaas 40:8.

 Hiikkaawwan Kitaabaa Qulqulluu garaa garaa kan jiraatan maaliifi?

 Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun afaanota Kitaabni Qulqulluu durii ittiin barreeffaman hin hubatan. Taʼus, “misiraachoo” Kitaaba Qulqulluu keessa jiru namoonni ‘saba, gosaa fi qooqa’ hundumaa keessaa dhufan hubachuu qabu. (Mulʼata 14:6) Kanaafuu, namoonni ergaa Waaqayyoo dubbisuu fi sirriitti hubachuu akka dandaʼaniif hiikkaa Kitaaba Qulqulluu afaan hubachuu dandaʼaniin qophaaʼe argachuun isaan barbaachisa.

 Kitaabni Qulqulluun karaawwan gurguddaa sadiin hiikama:

  •   Jechaa jechatti hiikuun hamma dandaʼame kallattiidhaan hiikuu dha.

  •   Yaada isaa hiikuun jechoota hiika Kitaaba Qulqulluu isa jalqabaa keessa jiran bakka buʼan fayyadamuu dha.

  •   Karaa biraatiin hima ijaaruudhaan hiikuun dubbisuuf akka mijatuuf jechoota tokko tokko jijijjiiruu dha. Haa taʼu malee, malli hiikkaa kun dubbisaaf akka mijatuuf jechoonni baayʼeen waan jijjiiramaniif ergaan isaa inni sirriin jijjiiramuu dandaʼa.

 Ergaan Waaqayyoo sirriitti ilmaan namootaa bira akka gaʼuuf Kitaabni Qulqulluun afaan ammayyaa hubatamuu dandaʼuu fi mala hiikkaa kallattiidhaan hiikuu wal madaalchisuudhaan hiikame hiikkaa gaarii taʼe dha. e

 Qabiyyee Kitaaba Qulqulluu murteessuu kan qabu eenyu dha?

 Abbaan Kitaabichaa Yihowaa waan taʼeef, wanta kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼuu qabu kan murteessu isa dha. Inni jalqaba Israaʼeloota durii filachuudhaan ‘dubbii isaa isa qulqulluu’ jechuunis, Kitaaba Qulqulluu afaan Ibrootaa imaanaadhaan isaanitti kenneera.—Roomaa 3:2.

 Kitaabonni Kitaaba Qulqulluu keessaa badan jiruu?

 Lakki. Kitaabni Qulqulluun kitaabota hunda qabateera; kitaabni bades hin jiru. Namoonni tokko tokko Kitaabonni durii dhokatan muraasni kutaa Kitaaba Qulqulluu akka taʼan dubbatu. f Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun ulaagaa wanti isa keessa jiru dhugaa taʼuu isaa ittiin mirkaneessu qaba. (2 Ximotewos 1:13) Ulaagaa kanatti fayyadamuudhaan kitaabonni Kitaaba Qulqulluu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffaman hundi wal simu. Kitaabonni durii namoonni tokko tokko ‘kutaa Kitaaba Qulqulluu ti’ jedhan garuu, kutaawwan Kitaaba Qulqulluu wajjin wal hin siman. g

 Caqasoota Kitaaba Qulqulluu baafachuu kan dandeenyu akkamitti?

  Maqaawwan kitaabota Kitaaba Qulqulluu

a Tokkoo tokkoon Kitaabota Kitaaba Qulqulluu eenyu akka barreessee fi yoom akka barreeffame beekuuf, mata duree “Gabatee Maqaawwan Kitaabota Kitaaba Qulqulluu” jedhu ilaali.

b Kitaabonni Kitaaba Qulqulluu muraasni Afaan Aaraam isa Afaan Ibrootaa wajjin wal fakkaatuun barreeffaman.

c Namoonni Kitaaba Qulqulluu dubbisan baayʼeen maqaawwan “Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa” fi “Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii” jedhanitti fayyadamuu filatu. Maqaawwan kanatti fayyadamuun isaanii “Kakuu Moofaan” yeroon waan itti darbeef “Kakuu Haaraatiin” akka bakka buufametti akka hin yaadamneef gargaara.

e Namoonni hedduun yaanni isaa sirriitti waan hiikamee fi dubbisuuf salphaa waan taʼeef Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa dubbisuu jaallatu. Mata duree “Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa sirriidhaa?” jedhu ilaali.

f Barreeffamoonni kun walumaa galatti maqaa appookiriifaa (wangeelota da balataa) jedhamuun beekamu. Akka kitaabni Encyclopædia Britannica jedhutti, “barreeffamoonni waaʼee Kitaaba Qulqulluu ibsan, [maqaan kun] kitaabota Kitaaba Qulqulluu keessa hin jirre kan argisiisudha.” Kana jechuun Kitaabonni kun kutaa Kitaaba Qulqulluu miti jechuu dha.

g Waaʼee kanaa caalaatti beekuuf, mata duree “Wangeelonni Dabalataa Yesuusiin Ilaalchisee Dhugaawwan Dhokatan Qabataniiruu?” jedhu ilaali.