Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amantii Walitti Makuu—Waaqayyo Ni Deggeraa?

Amantii Walitti Makuu—Waaqayyo Ni Deggeraa?

“Amantiin tokko nu godhamoo gargar nu baasa?” Gaaffiin kun dubbistoota barruu Za Siidnii Moorniing Heeraald jedhamuuf dhihaatee ture. Namoota gaaffii kanaaf deebii kennan keessaa parsantii 89 kan taʼan amantiin gargar akka nu baasu dubbataniiru.

NAMOONNI amantii walitti makuu deggeran garuu yaada kanarraa adda taʼe qabu. Hundeessaa Dhaabbata Amantii Walitti Makuu Dargaggootaa kan taʼe Iibuu Paatel, “Amantiin namootatti ooʼa hin argisiisne, . . . haala naannootiif hin dhaabanne, . . . namoota hin keessumsiisne hin jiru” jedheera.

Dhaabbileen amantii Budihaa, Kaatolikii, Pirootestaantii, Hinduu, Musiliimaafi kanneen biroo hedduun, hiyyummaa balleessuuf, mirga namummaatiif qabsaaʼuuf, fanjiin akka dhorkamu gochuuf ykn haala naannootiif xiyyeeffannaan akka kennamu gochuuf yeroo isaan itti tokkummaa uuman jira. Amantiiwwan gidduutti waliigalteefi wal dandaʼuun akka jiraatu gochuuf yeroo isaan itti mariʼatanis jira. Dungoo ibsuudhaan, sirna garaagaraa raawwachuudhaan, kadhannaa dhiheessuufi k.k.f. gochuudhaan garaagarummaa qaban ni kabaju.

Amantiiwwan walitti makuun walitti buʼiinsa gidduusaaniitti uumamu hambisuuf furmaata ni taʼaa? Karaan Waaqayyo addunyaa fooyyaʼaa taʼe fiduuf itti fayyadamu amantii walitti makuudhaa?

AARSAA TOKKUMMAA UUMUUF GODHAME

Dhaabbatoota amantii walitti makuuf hundeeffaman keessaa tokko, miseensota dhaabbata amantii addaddaa bakka buʼan 200 ol kan qabu siʼa taʼu, biyya 76 keessatti sochii gochaa jira. Kaayyoon dhaabbatichaa, “amantiiwwan walitti makaman tokkummaa akka qabaatan gochuudha.” Taʼus, kana gochuun akka dubbatan salphaa hin taane. Fakkeenyaaf, namichi dhaabbata kana hundeesse, amantiiwwan seera ittiin bulmaataarratti mallatteessan akka hin mufachiisnetti yaadni dookmantii sanarratti dhihaatu of eeggannoodhaan barreeffamuu akka qabu dubbateera. Maaliif? Sababa inni itti kana jedhe keessaa tokko, yaada ‘Waaqayyo seera ittiin bulmaataa sanarratti dabalamuu qabamoo hin qabu’ jedhurratti walii galuu dadhabuusaaniiti. Boodas, jechi Waaqayyo jedhus taʼe yaadni waaʼee Waaqayyoo ibsu seera ittiin bulmaataa sanarra akka hin jiraanne godhameera.

Waaʼeen Waaqayyoo sirumayyuu hin kaʼu taanaan faayidaan amantii maalidha? Erga akkas taʼee, sochii amantii walitti makuuf godhamu akkasii dhaabbata gargaarsaa kaanirraa maaltu adda isa godha? Kanaaf, dhaabbanni olitti caqasame akka dhaabbata amantiitti utuu hin taʼin, akka dhaabbata tokkummaa uumuuf hundeeffametti of waamuunsaa sirriidha.

AMALA GAARII BARSIISUUN QOFTI GAʼAADHAA?

Namni Daalaay Laamaa jedhamaniifi amantii walitti makuu deggeruudhaan beekamaa taʼan akkas jedhaniiru: “Amantiiwwan gurguddaa taʼan hundi ergaa walfakkaatu, jechuunis jaalala, ooʼa argisiisuufi waliif dhiisuu barsiisu. Wanti guddaan yeroo hunda amalawwan kana argisiisuudha.”

Faayidaan jaalalli, ooʼa argisiisuuniifi dhiifama gochuun qaban akka laayyootti akka hin ilaalamne beekamaadha. Yesus Lallabasaa Isa Gaaraarratti amala ilaalchisee seera beekamaa, “Waanuma namoonni akka isiniif godhaniif jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa” jedhu dubbateera. (Maatewos 7:12) Haataʼu malee, wanti amantiin dhugaa gochuu qabu waan gaarii barsiisuu qofadhaa?

Phaawulos ergamaan namoota hedduu barasaatti turaniifi Waaqayyoon tajaajilla jedhan ilaalchisee, “Isaan Waaqayyoof akka hinaafan dhugaa nan baʼaaf; haa taʼu iyyuu malee, Waaqayyoof hinaafuun isaanii akka hubannaa dhugaatti miti” jechuudhaan barreesseera. Rakkinni namoota kanaa maal ture? Phaawulos, “Qajeelummaa isa Waaqayyo kennu wallaalanii, qajeelummaa mataa isaanii dhaabbachuu yaalaniiru” jechuudhaan dubbateera. (Roomaa 10:2, 3) Wanta Waaqayyo isaanirraa barbaadu ilaalchisee hubannaa dhugaa dhabuunsaanii, hinaaffaafi amantiinsaanii fudhatama akka dhabu godheera.—Maatewos 7:21-23.

MACAAFNI QULQULLUUN AMANTII WALITTI MAKUU NI DEGGERAA?

Yesus, “Warri nagaa buusan haa gammadan” jechuudhaan dubbateera. (Maatewos 5:9) Namoonni hammeenyarraa akka fagaatan jajjabeessuudhaan, akkasumas namoota amantii garaagaraa keessa jiraniif ergaa nagaa lallabuudhaan wanta barsiise hojiirra oolcheera. (Maatewos 26:52) Namoonni ergaa Yesus lallabe fudhatan, jaalala matumaa hin badneen tokkummaa qabaachuu dandaʼaniiru. (Qolosaayis 3:14) Haataʼu malee, kaayyoon Yesus namoonni amantii garaagaraa keessaa dhufan nagaadhaan waliin jiraachuuf tokkummaa akka uuman haala mijeessuu turee? Waaqeffannaa namoonni kaan godhanirrattoo hirmaateeraa?

Geggeessitoonni amantii Fariisotaafi Saduqootaa, Yesusiin mormuusaaniirrayyuu isa ajjeesuu barbaadanii turan. Yeroo kanatti Yesus maal godhe? “Waaʼee isaanii dhiisaa! Isaan jaamota, jaamota akka isaaniis karaa in argisiisu” jechuudhaan bartootasaa barsiiseera. (Maatewos 15:14) Yesus amantii walitti makuudhaan namoota akkasii wajjin tokkummaa hin uumne.

Yeroo booda, Qorontos ishee Giriikitti argamtutti gumiin Kiristiyaanaa kan hundeeffame siʼa taʼu, magaalattii keessa amantii garaagaraa, namoota aadaafi yaada addaddaa qabantu jira ture. Kiristiyaanonni naannoo sana jiraatan maal godhu laata? Phaawulos, “Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa!” jechuudhaan isaaniif barreessee ture. Maaliif? “Kristosii fi Seexanni attamitti walii galu ree? Inni amane isa hin amanne biraa qooda maalii qaba ree?” isaaniin jedheera. Achiis, “Isaan keessaa adeemaa, ittii gargar baʼaa” jechuudhaan isaan gorseera.—2 Qorontos 6:14, 15, 17.

Macaafni Qulqulluun amantii walitti makuu akka balaaleffatu hubachuu ni dandeenya. Haataʼu malee, ‘Tokkummaan dhugaa argamuu kan dandaʼu akkamittiree?’ jettee gaafatta taʼa.

TOKKUMMAA DHUGAA UUMUU

Dhaabbanni Qorannoo Hawaa Addunyaa, teknooloojii dinqisiisaa lafa naannaʼu siʼa taʼu, waliigaltee tokkummaa biyyoonni 15 godhaniin hundeeffame. Biyyoonni tokkummaa kana hundeessan wiixinee itti fayyadamanirratti utuu walii hin galin galmasaaniirra hin gaʼan.

Sochii yeroo harʼaa amantii walitti makuuf godhamu keessattis waliigalteen akkasii jiraachuu qaba. Taʼus, tokkummaafi wal kabajuun barbaachisaa akka taʼe dubbatamus, wiixineen amantii tokkummaa qabu ijaaruuf gargaaruufi irratti walii galame hin jiru. Kanaaf, dhimmoonni seera amalaafi barsiifata amantii wajjin walqabatan ammayyuu namoota gargar baasaa jiru.

Macaafni Qulqulluun seera buʼuuraa Waaqayyo kenneefi wiixinee wajjin wal fakkaatu qabateera. Kanaaf, wanta macaafni kun barsiisuun geggeeffamuudhaan jireenya keenya qajeelchuu ni dandeenya. Namoonni gorsa macaafa kanarra jiru hojiirra oolchan, jibbiinsa qomoofi amantii moʼuudhaan nagaafi tokkummaadhaan waliin jiraachuu dandaʼaniiru. Yihowaan, “Namoonni hundi maqaa Yihowaa akka waammataniif, harka wal qabataniis akka isa tajaajilaniif qooqasaanii jijjiiree qooqa qulqulluu isaaniif nan kenna” jechuudhaan tokkummaan kun akka argamu dubbatee ture. Tokkummaan “qooqa qulqulluu,” jechuunis waaqeffannaa ilaalchisee ulaagaa Waaqayyo baase barachuudhaan argama.—Sefaaniyaa 3:9, NW; Isaayaas 2:2-4.

Dhugaa Baatonni Yihowaa, Galma Mootummaa naannookee jiru dhaqxee nagaafi tokkummaa gidduusaanii jiru akka ilaaltu si afeeru.—Faarfannaa 133:1.