Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kaayyoon Jireenyaa Maali Dha?

Kaayyoon Jireenyaa Maali Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Gaaffiin kaayyoo jireenyaa ilaalchisee kaʼu karaa hedduudhaan gaafatamuu dandaʼa, fakkeenyaaf Lafa irra kan jiraannu maaliifi? ykn Jireenyi koo kaayyoo qabaa? Kitaabni Qulqulluun kaayyoon jireenyaa keenya Waaqayyo wajjin michummaa uumuu akka taʼe argisiisa. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaabni Qulqulluun ibsu tokko tokko ilaali.

  •   Waaqayyo uumaa keenya. Kitaabni Qulqulluun, “Isatu nu uume, nuyi immoo kan isaa ti” jedha.—Faarfannaa 100:3; Mulʼata 4:11.

  •   Waaqayyo nu dabalatee uumamawwan isaa hundaaf kaayyoo qaba.—Isaayaas 45:18.

  •   Waaqayyo kaayyoo jireenyaa barbaaduu dabalatee ‘wantoota hafuuraatiif’ fedhii akka qabaannu godhee nu uume. (Maatewos 5:3) Fedhii kanas akka guuttannu barbaada.—Faarfannaa 145:16.

  •   Waaqayyo wajjin michummaa uumuudhaan fedhii hafuuraa keenya guuttanna. Waaqayyo wajjin michummaa uumuu yaadni jedhu namoota tokko tokkoof wanta hin dandaʼamne kan fakkaatu taʼus, Kitaabni Qulqulluun, “Gara Waaqayyootti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jechuudhaan nu jajjabeessa.—Yaaqoob 4:8; 2:23.

  •   Michuu Waaqayyoo taʼuuf kaayyoo inni nuuf qabu wajjin wal simnee jiraachuu qabna. Kitaabni Qulqulluun kaayyoo isaa kana ilaalchisee Lallaba 12:13 irratti akkana jedha: “Waaqayyoon sodaadhu, abboommii isaas eegi! Kun nama hundumaa irraa in barbaadama.”

  •   Gara fuulduraatti yommuu Waaqayyo rakkina balleessuu fi michoota isaa isa waaqeffataniif jireenya bara baraa kennu kaayyoon isaa inni jalqabaa guutummaatti yeroo raawwatamu arguu dandeenya.—Faarfannaa 37:10, 11.