Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Komiiwwan Baramaa Taʼaniif Furmaata Argachuu

Komiiwwan Baramaa Taʼaniif Furmaata Argachuu

Komiiwwan Baramaa Taʼaniif Furmaata Argachuu

MACAAFNI QULQULLUUN gaaʼelli salphaa akka taʼetti hin dubbatu. Phaawulos ergamaan hafuura Waaqayyootiin geggeeffamee, namoonni gaaʼela godhatan ‘guyyaa guyyaadhaan rakkinni’ isaan mudachuu akka dandaʼu barreesseera. (1 Qorontos 7:28) Taʼus, namoonni gaaʼela godhatan, rakkina isaanirra gaʼu hirʼisuufi gammachuu waliisaaniitiif argamsiisan guddisuuf waan baayʼee gochuu dandaʼu. Kanatti aansuudhaan komiiwwan baramaa abbaan manaafi haati manaa dhiheessan jaʼa ilaalaa; akkasumas seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun akkamitti gargaaruu akka dandaʼu hubadhaa.

1

KOMII:

“Aniifi hiriyaan gaaʼelaakoo baayʼee walirraa fagaanneerra.”

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU:

‘Isa taʼuufi isa hin taane gargar baasaa qoraa.ʼFILIPHISIIYUS 1:10.

Gaaʼelli keessan wantoota jireenya keessan keessatti iddoo guddaa qaban keessaa isa tokkodha. Gaaʼela keessaniif dursa kennuu qabdu. Kanaafuu, sagantaan keessan komii kanaaf gumaacha gochuufi dhiisuusaa qoraa. Wanti guyyaa guyyaadhaan hojjettan isiniifi hiriyaan gaaʼelaa keessan, jireenya addaddaa akka jiraattan akka isin godhu hin heyyaminaa. Dhugaadha, hojiiniifi haalli hambisuun hin dandaʼamne, yeroo muraasaaf walirraa akka fagaattan isin dirqisiisuu dandaʼa. Haataʼu malee, wantoota toʼannoo irratti gochuu dandeessan kan akka wanta yeroo boqonnaatti hojjechuu jaallattaniifi hiriyootaa wajjin yeroo dabarsuu fakkaatan kamirrattiyyuu daangaa gochuu dandeessu; gochuus qabdu.

Namoonni tokko tokko garuu, hiriyaa gaaʼelaasaanii wajjin yeroo akka hin dabarsineef jecha, hojii dabalataarratti ykn wantoota yeroo boqonnaatti hojjechuu jaallatanirratti yeroo dheeraa dabarsu. Namoonni akkasii “walirraa fagaachaa” jiru jechuun hin dandaʼamu; kanaa mannaa rakkinarraa baqachuuf kana gochaa jiru. Ati ykn hiriyaan gaaʼelaakee haala akkasii keessatti kan argamtan yoo taʼe, sababiisaa hubachuufi furmaata itti kennuu qabdu. Walitti dhufeenya cimaa qabaachuufi ‘foon tokko taʼuu’ kan dandeessan, hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin yeroo kan dabarsitan yoo taʼe qofadha.—Uumama 2:24.

Namoonni tokko tokko gorsa kana hojiirra kan oolchan akkamitti? Hiriyoonni gaaʼelaa Andiruufi * Taanjii jedhaman Awustiraaliyaa keessa kan jiraatan siʼa taʼu, gaaʼela erga godhatanii waggaa kudhan taʼeera. Andiruun akkas jedha: “Saʼaatii dheeraa hojjechuun, akkasumas hiriyootaa wajjiniifi bashannanarratti yeroo hedduu dabarsuun, gaaʼela balaadhaaf saaxiluu akka dandaʼu baradheera. Kanaafuu, aniifi haati manaakoo waliin haasaʼuufi miira keenya walii ibsuuf yeroo ramadne.”

Hiriyoonni gaaʼelaa Deeviifi Jeen jedhaman, Yunaayitid Isteetis keessa kan jiraatan siʼa taʼu, gaaʼela erga godhatanii waggaa 22 taʼeera; hiriyoonni gaaʼelaa kun yeroo hunda galgala keessaa saʼaatii walakkaa isa duraa muuxannoosaanii walii hiruufi yaadasaanii walii ibsuuf ramadan. Jeen, “Yeroon ramadne kun baayʼee barbaachisaa waan taʼeef, wanti tokkoyyuu yeroo kanatti akka hin fayyadamne akka nu godhu hin heyyamnu” jetteetti.

2

KOMII:

“Wantan gaaʼela koorraa argachuu barbaadu argachaa hin jiru.”

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU:

“Namni waan isatti tolu utuu hin taʼin, waan nama kan biraatti tolu haa barbaadu!”1 QORONTOS 10:24.

Namni wanta gaaʼelarraa argachaa jiru qofarratti xiyyeeffatu, al baayʼee yoo gaaʼela godhatellee matumaa gammachuu dhugaa hin argatu. Gaaʼelli milkaaʼina kan argatu, hiriyoonni gaaʼelaa fudhachuurra kennuurratti caalaatti yommuu xiyyeeffatanidha. Yesus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa” jechuudhaan sababii kun itti barbaachisaa taʼe ibseera.—Hojii Ergamootaa. 20:35.

Namoonni tokko tokko gorsa kana hojiirra kan oolchan akkamitti? Maariyaafi Maartiin, Meeksikoo keessa kan jiraatan siʼa taʼu, erga gaaʼela godhatanii waggaa 39 taʼeera. Haataʼu malee, yeroo hunda rakkinarraa walaba turan jechuu miti. Keessumaa yeroo haalli rakkisaan isaan mudate tokko hin irraanfatan. Maariyaan akkas jetteetti: “Yeroo baayʼee wal falmaa turre tokkotti, wanta Maartiiniin salphisun dubbadhe. Innis baayʼee aare. Aaree waanan tureef malee, waan sana dubbachuu barbaadee akka hin taane ibsuufiin yaale. Inni garuu na dhaggeeffachuu hin barbaanne.” Maartiinimmoo, “Yeroo waliin falminu sanatti, kana booda waliin jiraachuu akka hin dandeenyeefi gaaʼelichi milkaaʼina akka argatu carraaqqii gochuu akkan hin qabne yaaduun jalqabe” jedheera.

Maartiin kabajni isa barbaachisa. Maariyaanimmoo yaannishee akka isheedhaa hubatamu barbaaddi. Haataʼu malee, innis taʼe isheen wanta barbaadan hin arganne.

Rakkina kanaaf furmaata kennuu kan dandaʼan akkamitti ture? Maartiin akkas jedheera: “Yeroo fudhadheen tasgabbaaʼuuf yaale; achiis, lamaan keenyayyuu gorsa Macaafni Qulqulluun kabajaafi gaarummaa akka walitti argisiisnu kennu hojiirra oolchuuf murteessine. Waggoota darban hundatti, rakkoowwan hedduun yoo nu mudataniyyuu, Waaqayyo akka nu gargaaru yoo kadhanne, akkasumas gorsa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu yoo hojiirra oolchine rakkoowwan kana moʼuu akka dandeenyu baranneerra.”—Isaayaas 48:17, 18; Efesoon 4:31, 32.

3

KOMII:

“Hiriyaan gaaʼelaakoo dirqamasaa hin baʼu (dirqamashee hin baatu).”

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU:

“Nu keessaa hundumtinuu adda addaan waan godhe sababii isaa wajjin Waaqayyotti himuuf jira.”ROOMAA 14:12.

Gaaʼelli milkaaʼina akka argatu gumaacha kan godhu nama tokko qofa taanaan, buʼaan yaadame akka hin argamne beekamaadha. Hiriyoonni gaaʼelaa wal komachuudhaan itti gaafatamummaasaanii utuu hin baʼin kan hafan taanaanimmoo haallisaa caalaatti gadhee taʼa.

Yeroo hunda wanta hiriyaan gaaʼelaa keessan gochuu qaburratti kan xiyyeeffattan yoo taʼe, matumaa gammachuu hin argattan. Keessumaa itti gaafatamummaa keessanirraa baqachuuf, hirʼina hiriyaa gaaʼelaa keessanii sababa kan godhattan taanaan kun dhugaa taʼuunsaa hin oolu. Karaa garabiraammoo, abbaa manaa ykn haadha manaa gaarii taʼuuf kan carraaqxan yoo taʼe, gaaʼelli keessan milkaaʼina akka argatu beekamaadha. (1 Phexros 3:1-3) Kana malees, qophii Waaqayyo gaaʼelaaf godhe akka kabajjan argisiistu; akkasumas gochi keessan Waaqayyoof gammachuu guddaa argamsiisa.—1 Phexros 2:19.

Namoonni tokko tokko gorsa kana hojiirra kan oolchan akkamitti? Kiimiifi abbaan manaashee Kooriyaa keessa kan jiraatan siʼa taʼu, gaaʼela erga godhatanii waggaa 38 taʼeera. Kiim akkas jetteetti: “Yeroo tokko tokko abbaan manaakoo natti aaruudhaan na jalaa callisa, animmoo sababiinsaa maal akka taʼellee hin beeku. Kunimmoo jaalalli inni naaf qabu akka hirʼate akka natti dhagaʼamu na godha. Yeroo tokko tokko, ‘Inni na hubachuuf carraaqqii hin godhu erga taʼee, akkan isa hubadhu maaliif barbaada?’ jedheen yaada.”

Kiim rakkina uumame sanaafi wanta abbaan manaashee utuu hin godhin haferratti xiyyeeffachuu dandeessi turte. Isheen garuu karaa kanarraa adda taʼe filatte. “Akkan aaretti turuu mannaa, dursa fudhadhee nagaan akka uumamu gochuun baayʼee gaarii akka taʼe baradheera. Dhumarratti, lamaan keenyayyuu tasgabbaaʼuufi dhimma tokkorratti nagaadhaan mariʼachuu dandeenyeerra” jetteetti.—Yaaqoob 3:18.

4

KOMII:

“Haati manaakoo hin abboomamtu.”

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU:

“Kristos mataa warra dhiiraa[ti].”​ 1 QORONTOS 11:3.

Abbaan manaa haati manaasaa akka isaaf hin abboomamne isatti dhagaʼamu tokko, dura inni matummaa Yesus Kiristosiif abboomamuuf fedhii qabaachuufi dhiisuusaa qoruu qaba. Abbaan manaa tokko fakkeenya Yesus hordofuudhaan akka abboomamu argisiisuu dandaʼa.

Phaawulos ergamaan, “Kristos akkuma waldaa kristiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu!” jechuudhaan barreesseera. (Efesoon 5:25) Yesus bartootasaarratti “gooftummaa” hin argisiisne. (Maarqos 10:42-44) Duuka buutotasaatiif qajeelfama ifa taʼe kan kenne siʼa taʼu, yeroo barbaachisaa taʼettis isaan sirreesseera. Haataʼu malee, gara jabinaan isaan qabee hin beeku. Gaarummaa isaanitti argisiisa ture; akkasumas wanta humnasaaniitii ol taʼe akka raawwatan isaanirraa hin eegu. (Maatewos 11:29, 30; Maarqos 6:30, 31; 14:37, 38) Yeroo hunda fedhiisaa caalaa fedhiisaaniitiif dursa kenna ture.—Maatewos 20:25-28.

Abbaan manaa tokko, ‘Ilaalchi ani matummaafi dubartootaaf qabu, gorsaafi fakkeenyota Macaafa Qulqulluu keessatti argaman caalaa aadaa naannoorratti kan hundaaʼedhaa?’ jedhee of gaafachuun isa barbaachisa. Fakkeenyaaf, waaʼee dubartii yaada abbaa manaasheerratti walii galuu baattus yaadashee kabajaan cimsitee ibsitu tokkoo maaltu sitti dhagaʼama? Saaraa haati manaa Abrahaam, Macaafa Qulqulluu keessatti haadha manaa abboomamtuufi fakkeenya taatu godhamtee ibsamteetti. (1 Phexros 3:1, 6) Haataʼu malee, yeroo barbaachisaa taʼetti jechuunis, yeroo Abrahaam rakkina maaticharra gaʼuuf jedhu utuu hin hubatin hafetti, yaadashee ifatti dubbatteetti.—Uumama 16:5; 21:9-12.

Abrahaam, Saaraan akka callistu akka ishee hin sossodaachisne ifadha. Abrahaam nama isheerratti gooftummaa argisiisu hin turre. Haaluma wal fakkaatuun, abbaan manaa seera Macaafa Qulqulluu hordofu tokko, haati manaasaa wanta inni barbaadu hunda akka raawwattuuf jecha ishee hin sossodaachisu. Kanaa mannaa, matummaasaatti karaa ooʼa argisiisuun fayyadamuudhaan haati manaasaa akka isa kabajju godha.

Namoonni tokko tokko gorsa kana hojiirra kan oolchan akkamitti? Jamsi inni Ingilaandi keessa jiraatuufi erga gaaʼela godhatee waggaa saddeet taʼe akkas jedheera: “Haadha manaakoo utuu hin mariisisin murtoo barbaachisaa taʼe akkan hin goone barachaan jira. Waaʼee ofiikoo qofa yaaduu dhiisuuf carraaqqiin godha. Kanaa manaa, fedhiishee dursuufan carraaqa.”

Joorji Yunaayitid Isteetis keessa kan jiraatu siʼa taʼu, erga gaaʼela godhatee waggaa 59 taʼeera. Joorji, “Haadha manaakoo akka nama anaa gad taateetti utuu hin taʼin, hiriyaa beekumsaafi dandeettii qabdu akka taatetti ishee qabuuf carraaqqii godheera” jedha.—Fakkeenya 31:10.

5

KOMII:

“Abbaan manaakoo dursa hin fudhatu.”

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU:

“Dubartoonni ogeeyyiin hundinuu mana isaanii in ijaaru, warri gowwoonni garuu, harka isaaniitiin mana ofii isaanii in diigu.”​FAKKEENYA 14:1.

Abbaan manaakee dafee murtoo kan hin goone ykn maaticha geggeessuurratti dursa kan hin fudhanne yoo taʼe, yoo xinnaate filannaa sadii qabda. (1) Yeroo hunda dadhabinasaa itti himuu ykn (2) gaʼee inni mataa maatii taʼuudhaan qabu irraa fudhachuu ykn (3) carraaqqii inni godhu kamiifiyyuu gaarummaadhaan isa galateeffachuu dandeessa. Yaadawwan jalqabarra jiran lamaan yoo filatte, harka keetiin manakee diigda. Yaada isa sadaffaatti fayyadamuun garuu, gaaʼelakee ijaaruuf ykn jabeeffachuuf si gargaara.

Dhiironni hedduun jaalala caalaa kabaja argachuuf iddoo guddaa kennu. Kanaafuu, abbaan manaakee akka kabajame akka isatti dhagaʼamu, akkasumas carraaqqiin inni maaticha geggeessuuf godhu buʼa qabeessaafi kan dinqisiifatamu akka taʼe akka isatti dhagaʼamu yoo goote, gaʼeessaa raawwachuurratti fooyyaʼiinsa gochuunsaa hin oolu. Dhugaadha, yeroo tokko tokko dhimma taʼe tokkorratti abbaa manaakee wajjin walii galuu dhiisuu dandeessa. Dhimma akkasiirratti lamaan keessan mariʼachuun isin barbaachisa. (Fakkeenya 18:13) Haataʼu malee, jechoonni ati filattuufi akkaataan sagalee ati itti dubbattu gaaʼelakee diiguu ykn ijaaruu dandaʼa. (Fakkeenya 21:9; 27:15) Yaadakee kabajaan kan ibsitu yoo taʼe, milkaaʼina argachuu ni dandeessa; jechuunis abbaan manaakee dursa fudhachuuf duubatti kan hin jenne taʼa.

Namoonni tokko tokko gorsa kana hojiirra kan oolchan akkamitti? Masheel isheen Yunaayitid Isteetis keessa jiraattuufi gaaʼela erga godhattee waggaa 30 taʼe akkas jetteetti: “Haatikoo anaafi obboleettotakoo kan guddiste gargaarsa abbaa manaa malee waan tureef, dubartii cimtuu ofiisheetiin murtoo gootu turte. Anis amalashee kana qabadhee waanan guddadheef, ajajamuuf yeroo hunda carraaqqii gochuun na barbaachisee ture. Fakkeenyaaf, ofuma kootii murtoo gochuu mannaa, abbaa manaakoo mariisisuu baradheera.”

Reechal isheen Awustiraaliyaa keessa jiraattuufi Maarkitti erga heerumtee waggaa 21 taʼes, akkaataan guddinaashee dhiibbaa isheerratti godhee ture. “Haatikoo abbaa kootiif matumaa hin abboomamtu, wal falmuufi wal tuffachuun baramaa ture. Gaaʼela godhadhee waggoota gara jalqabaatti, amala haadhakoo kana hordofaan ture. Waggoota hedduu booda garuu, gorsa Macaafni Qulqulluun kabaja argisiisuu ilaalchisee kennu hojiirra oolchuun faayidaa akka qabu baradheera. Yeroo ammaa aniifi Maark gaaʼela keenyatti baayʼee gammanna.”

6

KOMII:

“Amala hiriyaa gaaʼelaakoo isa nama aarsu dandaʼee hin jiraadhu.”

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU:

“Waliif dandaʼaa, namni tokko isa kaan yoo komate waliif dhiisaa.”QOLOSAAYIS 3:13.

Yommuu wal qorattan, amala gaarii nama hiriyaa gaaʼelaa godhachuuf yaaddan sanaarratti qofa xiyyeeffattanii waan turtaniif, hirʼina namni sun qabu matumaa hin hubanne taʼa. Ammas akkas gochuu ni dandeessuu? Hiriyaa gaaʼelaa keessan komachuuf sababii gaʼaa qabaachuu akka dandeessan hin shakkisiisu. Haataʼu malee, ‘Amala hiriyaa gaaʼelaakoo isa gaariimoo isa gadheerratti xiyyeeffachuun filadha?’ jedhaa of gaafadhaa.

Yesus hirʼina namoota kaanirratti arginu bira darbuun barbaachisaa taʼuusaa ibsuuf fakkeenya cimaa tokkotti fayyadameera. “Maaliif huuba ija obboleessa kee keessa jiru ilaalta? Utubaa isa ija kee keessa jiru hin hubattuu?” jechuudhaan gaafatee ture. (Maatewos 7:3) Huubaafi utubaa gidduu garaagarummaa guddaatu jira. Huubni utubaarra baayʼee xinnoodha. Yesus, “Duraan dursitee utubaa ija ofii keetii keessaa baasi, isa booddee huuba ija obboleessa kee keessa jiru, hubattee baasuu in dandeessa” jedhee kan dubbate kanaafidha.—Maatewos 7:5.

Yesus fakkeenya kana kan jalqabe akeekkachiisa cimaa tokko dubbachuudhaan ture. “Waaqayyo akka isinitti hin farannetti isin namatti hin faradinaa! Firdiidhuma isin namatti faraddaniin isinittis in faradama” jedheera. (Maatewos 7:1, 2) Waaqayyo dogoggora keessan, jechuunis utubaa ija keessan keessa jiru akka isinii dhiisu yoo barbaaddan, dogoggora hiriyaa gaaʼelaa keessanii dhiisuufii qabdu.—Maatewos 6:14, 15.

Namoonni tokko tokko gorsa kana hojiirra kan oolchan akkamitti? Jeeniin isheen Ingilaandi keessa jiraattuufi Saayimanitti erga heerumtee waggaa sagal taʼe akkas jetteetti: “Abbaan manaakoo dursee karoora baasuu mannaa, saʼaatii dhumaatti waan tokko kan hojjetu taʼuunsaa baayʼee na aarsa. Yeroo wal qorannu akkan isa jaalladhu kan na godhe dafee wanta tokko kan raawwatu taʼuusaa waan tureef, amma akkas taʼuunsaa baayʼee na dhiba. Haataʼu malee, amma anis garmalee kanan nama toʼadhu taʼuunkoo dogoggora akka taʼe hubadheera. Saayimaniifi ani hirʼina xixinnoo qabnu bira walii darbuuf barachaa jirra.”

Abbaa manaa Masheel ishee olitti caqasamtee kan taʼe Kuurti akkas jedheera: “Amala hiriyaa gaaʼelaa keessan nama aarsurratti kan xiyyeeffattan yoo taʼe, dogoggorawwan sun baayʼee guddaa isinitti fakkaatu. Amalawwan jalqaba Masheeliin akkan jaalladhu na godhanirratti xiyyeeffachuun filadha.”

Milkaaʼina Argachuuf Wanta Murteessaa Taʼe

Fakkeenyonni muraasni kun, gaaʼela keessatti rakkinni uumamuunsaa kan hin oolle taʼus, moʼuun kan dandaʼamu taʼuusaa argisiisu. Milkaaʼina argachuuf wanti murteessaa taʼe maalidha? Waaqayyoof jaalala qabaachuufi gorsa Macaafa Qulqulluu keessa jiru hojiirra oolchuuf fedhii qabaachuudha.

Aleeksiifi Itoohan warri Naayijeeriyaa keessa jiraataniifi gaaʼela erga godhatan waggaa 20 ol taʼe, wanti milkaaʼina argachuuf barbaachisu maal akka taʼe barataniiru. Aleeksi, “Hiriyoonni gaaʼelaa seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu yoo hojiirra oolchan, rakkinni kamiyyuu hiikamuu akka dandaʼu hubadheera” jedheera. Haati manaasaammoo, “Yeroo hunda waliin taanee kadhachuu, akkasumas gorsa Macaafni Qulqulluun garaadhaa akka wal jaallannuufi akka walii obsinu kennu hojiirra oolchuun barbaachisaa akka taʼe baranneerra. Rakkinni amma qabnu rakkina yeroo gaaʼela godhanne qabnurra muraasadha” jetteetti.

Gorsa Dubbii Waaqayyoo keessa jiruufi maatiikee fayyaduu dandaʼu caalaatti barachuu barbaaddaa? Taanaan, Dhugaa Baatonni Yihowaa, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? * jedhamu boqonnaa 14 akka si mariisisan gaafadhu.

[Miiljaleewwan]

^ key. 10 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 63 Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan maxxanfame.

[Fakkii fuula 22rra jiru]

Walii wajjin taʼuuf yeroo ni ramadnaa?

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Kanan fudhadhu caalaa kennuuf nan carraaqaa?

[Fakkii fuula 24rra jiru]

Waldhabiinsa hiikuuf dursa nan fudhadhaa?

[Fakkii fuula 25rra jiru]

Murtoo tokko gochuukoo dura ilaalcha haadha manaakoo xiyyeeffannaa keessa nan galchaa?

[Fakkii fuula 27rra jiru]

Amala hiriyaa gaaʼelaakoo isa gaariirratti nan xiyyeeffadhaa?