Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Ati Hojii Harka Keetii In Yaadda”

“Ati Hojii Harka Keetii In Yaadda”

Waaqayyotti Dhihaadhu

“Ati Hojii Harka Keetii In Yaadda”

NAMNI jaallannu yeroo dhiphatuufi yeroo duʼu arguun baayʼee nama gaddisiisa. Namni jaallannu yeroo duʼu gadduun waanuma jirudha. Haataʼu malee, Uumaan keenya Yihowaan gadda nutti dhagaʼamu akka hubatu beekuun keenya nu jajjabeessa. Kana malees, humnasaa isa guddaatti fayyadamee yeroo namoota duʼan gara jireenyaatti deebisu hawwiidhaan eegaa jira. Abdii wanta Iyoob dubbate keessatti argamuufi Iyoob 14:13-15⁠rratti ibsame qalbeeffadhu.

Mee haala Iyoob keessa ture ija qalbii keetiin ilaaluuf yaali. Iyoob nama amantii cimaa qabu kan ture siʼa taʼu, qabeenyasaa dhabuu, ijoolleesaa duʼaan dhabuufi dhukkuba cimaadhaan qabamuu dabalatee, qorumsawwan ulfaataa taʼan isarra gaʼaniiru. Rakkina guddaa keessa yommuu ture, ‘maaloo siiʼol [bakka awwaalchaa ilmaan namootaa] keessa utuu na dhoksitee’ jedhee Waaqayyoon kadhateera. (Lakkoofsa 13, hiika bara 1899) Iyoob siiʼoliin bakka itti boqonnaa argatan godhee ilaaleera. Achi keessatti akkuma qabeenya gati jabeessa Waaqayyo dhoksetti, rakkinaafi dhukkubarraa walaba taʼee jiraata. *

Iyoob barabaraaf siiʼol keessa jiraata jechuudhaa? Iyoob akkas jedhee hin amanu ture. Kadhannaasaa yeroo itti fufu, “yeroo muramaa laattee utuu na yaadattee, attam gaarii dha!” jedheera. Yeroo muraasaaf qofa siiʼol keessa akka turuufi Yihowaan akka isa yaadatu ni abdata ture. Iyoob yeroo dirqamaan siiʼol keessa turu sana, “tajaajila dirqamaa,” [NW] wajjin wal fakkeesseera. Maarree Iyoob yeroo hangamiitiif siiʼol keessa tura? “Hamma inni na furu dhufutti” jechuudhaan deebii kenneera. (Lakkoofsa 14) Siiʼol keessaa furamuu jechuun, duʼaa kaʼuu jechuudha!

Iyoob, siiʼol keessaa akka furamu kan isa amansiise maalidha? Uumaan keenya inni jaalala qabeessi, tajaajiltootasaa amanamoo warra duʼan ilaalchisee wanta isatti dhagaʼamu waan beekufidha. Iyoob, “Ati hojii harka keetii in yaadda; kanaafis ana in waamta, anis nan owwaadha” jedheera. (Lakkoofsa 15) Kanaaf, Iyoob hojii harka Waaqayyoo taʼuusaa beeka ture. Inni Jireenya Kennu, jechuunis inni Iyoobiin gadameessa haadhasaa keessatti akka uumamu gochuu dandaʼe, erga inni duʼee booda duʼaa isa kaasuu ni dandaʼa.—Iyoob 10:8, 9; 31:15.

Jechoonni Iyoob dubbate waaʼee Yihowaa isa jaalala qabeessa taʼee waan nu barsiisan qabu: Namoota akka Iyoob isatti of kennaniifi isa duratti fudhatama akka qabaatan godhee akka isaan tolchu barbaadanii wajjin walitti dhufeenya addaa qaba. (Isaayaas 64:8) Yihowaan tajaajiltootasaa warra amanamoo taʼaniif bakka guddaa kenna. Namoota amanamoo taʼanii duʼan gara jireenyaatti deebisuuf ni ‘yaada.’ Hayyuun tokko jechi afaan Ibrootaa asirratti ibsame, “jechi kun jechoota hawwii guddaa ibsuuf gargaaran keessaa isa tokko akka taʼe beekamaadha” jedhaniiru. Eeyyee, Yihowaan isaan yaadachuu qofa utuu hin taʼin, yeroo itti gara jireenyaatti isaan deebisus hawwii guddaadhaan eega.

Macaafni Iyoob, macaafota jalqabaa Yihowaan namoota duʼan duʼaa kaasuuf kaayyoo akka qabu ibsan keessaa isa tokkodha. * Yihowaan michootakee warra duʼanii wajjin deebitee akka wal argitu barbaada. Kana beekuunkee, gaddi sitti dhagaʼamu akka sitti salphatu gochuu dandaʼa. Waaʼee Waaqa jaalala qabeessa taʼe kanaa, akkasumas Waaqni kun namoota yeroo kaayyoonsaa raawwatamu argan keessaa tokko godhee akka si tolchuuf maal gochuu akka qabdu beekumsa dabalata argachuuf maaliif carraaqqii hin gootu?

[Miiljaleewwan]

^ key. 4 Barreeffamni tokko, jechi Iyoob ‘maaloo na dhoksi’ jechuudhaan dubbate, “akka qabeenya gati jabeessaatti bakka amansiisaa [na] kaʼi” jedhamee hiikamuu akka dandaʼu ibsa. Barreeffamni tokkommoo, jechi kun “akka qabeenya gati jabeessaatti na dhoksi” yaada jedhu akka dabarsu ibseera.

^ key. 8 Duʼaa kaʼanii addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatu keessa jiraachuu ilaalchisee abdii Macaafni Qulqulluun kennu beekuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 7 ilaali.