WAAQAYYOTTI DHIHAADHU
Inni ‘Garaa Keenya Ni Guuta’
Dhuguma Yihowaan waa’ee keenya ni yaadamoo, rakkinni nurra ga’u homaa isa hin yaaddessu? Deebiin Macaafni Qulqulluun gaaffii kanaaf kennu kan nama gammachiisudha. Waaqayyo waa’ee ilmaan namootaa kan yaadu ta’uusaarrayyuu, jireenyatti akka gammadan ni barbaada. Namoota isa hin galateeffanne hedduu dabalatee, namoonni hundi gaarummaasaa isa hangana hin jedhamnerraa guyyaa guyyaadhaan akka fayyadaman heyyameera. Yaada Phaawulos ergamaan dubbate hubadhu.—Hojii Ergamootaa 14:16, 17 dubbisi.
Phaawulos namoota magaalaa Lisxiraa keessa jiraataniifi Waaqayyoon hin waaqeffanneen akkas jedhee ture: “Bara dhaloota darbaniitti [Waaqayyo] sabni biyya lafaa irraa hundinuu karaa isaanii haa adeemaniif isaan dhiise. Haa ta’u iyyuu malee, waaqa irraa bokkaa isiniif roobsee, ija midhaaniis yeroo isaatti guuttachiise. Soora isiniif kennee garaa keessanis gammachuudhaan guute; waan gaarii kana hundumaa gochuu isaatiinis gooftummaa isaa mul’iseera [‘dhugaa malee of hin dhiifne,’ hiika bara 1899].” Namoota Phaawulosiin dhaggeeffachaa turaniif yaanni kun ergaa akkamii dabarsa?
Yaada Phaawulos dubbate hubachuun namoota Lisxiraa hin rakkisne. Kan jiraatan hawaasa qonnaan bulu keessa si’a ta’u, laftisaanii gabbataafi bishaan ga’aa kan qabudha. Haata’u malee, akkuma Phaawulos isaan yaadachiise, roobnis ta’e waqtiileen oomishaa Waaqayyo biraa kan argamanidha. Kanaafuu, oomisha gaarii yommuu argataniifi nyaata mi’aawaa yommuu nyaatan gaarummaa Waaqayyoorraa faayidaa argachaa jiru jechuudha.
Yaanni Phaawulos namoota Lisxiraatti dubbate waa’ee Yihowaa barumsa hedduu nu barsiisa.
Yihowaan mirga filannaa nuu kenneera. Yihowaan namoonni hundi “karaa isaanii haa adeemaniif” akka isaanii heyyame hubadhu. Barreeffamni namoota Macaafa Qulqulluu hiikaniif qophaa’e tokko, ibsi kun “akka fedhanitti akka deeman” ykn “wanta ofiisaaniitiin gaarii akka ta’e yaadan akka godhan” jechuu ta’uu akka danda’u dubbata. Yihowaan akka isa waaqessu eenyuuniyyuu hin dirqisiisu. Mirga filannaa, jechuunis dandeettii karaa jireenya keenya itti geggeeffannu filachuu nuu kenneera.—Keessa Deebii 30:19.
Yihowaan akka isa beeknu barbaada. Phaawulos, Waaqayyo ‘dhugaa malee akka of hin dhiisne’ dubbateera. Barreeffamni olitti caqasame yaanni kun, “inni Waaqa akkamii akka ta’e namootatti ifatti argisiiseera” jechuu ta’uu akka danda’u dubbata. Uumamawwan Waaqayyoo, gaarummaa, ogummaa, humnaafi jaalalasaa dabalatee, “bifni isaa ijaan hin argamne” maal akka fakkaatu ifatti kan mul’isanidha. (Roomaa 1:20) Yihowaan Macaafa Qulqulluu keessatti waa’ee ofiisaa waan hedduu ibseera. (2 Ximotewos 3:16, 17) Kun, inni waa’eesaa akka beeknu kan barbaadu ta’uusaa kan argisiisudha.
Waaqayyo namoota isa hin galateeffanne hedduu dabalatee, namoonni hundi gaarummaasaa isa hangana hin jedhamnerraa guyyaa guyyaadhaan akka fayyadaman heyyameera
Yihowaan gammadoo akka taanu ni barbaada. Inni ‘soora akka nuuf kennuufi garaa keenya gammachuudhaan akka guutu’ Phaawulos dubbateera. Namni cubbamaa ta’eefi Yihowaa hin beeknellee, nyaata nyaachuudhaan hamma ta’e jireenyasaa keessatti gammachuu argachuu danda’a. Haata’u malee, Waaqayyo gammachuu dhugaafi itti fufiinsa qabu akka argannu barbaada. Gammachuu kana argachuu kan dandeenyu garuu, dhugaa waa’eesaa dubbatu barannee jireenya keenya keessatti hojiirra yoo oolchine qofadha.—Faarfannaa 144:15; Maatewos 5:3.
Hundi keenya guyyaa guyyaadhaan gaarummaa Yihowaarraa faayidaa ni arganna. Waaqa isa ‘soora siif kennuufi garaakee gammachuudhaan guutuuf’ dinqisiifannaa qabdu akkamitti argisiisuu akka dandeessu caalaatti maalif hin barattu?
Caqasa Macaafa Qulqulluu Dubbifamu