Fakkeenya 21:1-31
21 Garaan mootii harka Yihowaa irratti akkuma bishaan yaaʼuu ti.+
Inni gara barbaadetti isa ni qajeelcha.+
2 Namni daandiin isaa hundi sirrii fakkaatee itti mulʼata,+Yihowaan garuu garaa* namootaa ni qora.+
3 Wanta sirrii fi haqa taʼe raawwachuunAarsaa caalaa Yihowaa gammachiisa.+
4 Ijji of bokoksuu fi garaan of tuuluIbsaa hamoota geggeessu dha, taʼus cubbuu dha.+
5 Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti* geessa,+Warri jarjaran hundi garuu gara hiyyummaatti deemu.+
6 Arraba sobuun qabeenya argachuunAkkuma hurrii dafee baduu fi kiyyoo duʼa geessisuu ti.*+
7 Hamoonni haqaan hojjechuu waan didaniif,Fincilli isaanii haxaaʼee isaan balleessa.+
8 Daandiin nama yakkamaa jalʼaa dha,Hojiin nama qulqulluu garuu qajeelaa dha.+
9 Haadha manaa nyakkistuu taatee wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaaGolee baaxii manaa irra jiraachuu wayya.+
10 Namni hamaan* wanta gaarii hin taane hawwa;+Ollaa isaattis gaarummaa hin argisiisu.+
11 Namni qoostuu taʼe yommuu adabamu, namni muuxannoo hin qabne caalaatti ogeessa taʼa,Namni ogeessi yommuu hubannaa argatus beekumsa argata.*+
12 Inni Qajeelaan mana nama hamaa ni arga;Hamootattis badiisa ni fida.+
13 Namni iyya isa rakkataa dhagaʼuu didee gurra isaa qabatu kam iyyuuInnis ni iyya, garuu deebii hin argatu.+
14 Kennaan dhoksaatti kennamu aarii,+Mattaʼaan dhoksaatti kennamus* dheekkamsa finiine qabbaneessa.
15 Namni qajeelaan haqaan hojjechuun isa gammachiisa,+Namoonni hammina raawwatan garuu akkana gochuun isaan sodaachisa.
16 Namni daandii hubannaa irraa goruWarra duʼaan moʼaman gidduu ni boqota.+
17 Namni bashannana* jaallatu ni hiyyooma;+Namni daadhii wayinii fi zayitii jaallatus hin sooromu.
18 Namni hamaan furii nama qajeelaa ti,Namni gantuu taʼes bakka nama qajeelaa ni fudhatama.+
19 Haadha manaa nyakkistuu taatee fi daftee aartuu wajjin jiraachuu mannaaLafa onaa keessa jiraachuu wayya.+
20 Qabeenyi gatii guddaa qabuu fi zayitiin mana ogeessaa keessatti argama,+Namni gowwaan garuu wanta qabu ni qisaasa.*+
21 Namni qajeelummaa fi jaalala amanamaa duukaa buʼu kam iyyuuJireenya, qajeelummaa fi ulfina argata.+
22 Namni ogeessi magaalaa namoota jajjaboo irratti ol baʼuu* dandaʼa,Jabina isaan itti amanamanis ni laaffisa.+
23 Namni afaan isaa fi arraba isaa eeggatuRakkina irraa of* oolcha.+
24 Namni dantaa dhabuudhaan gocha of tuulummaa raawwatu,Nama of tuulu, nama of jajuu fi nama of bokoksu jedhama.+
25 Harki isaa hojjechuu waan diduuf,Namni dhibaaʼaan wanti inni hawwu isa ajjeesa.+
26 Namni dhibaaʼaan guyyaa guutuu sassataan ni hawwa,Namni qajeelaan garuu homaa utuu hin dhowwatin ni kenna.+
27 Aarsaan nama hamaa jibbisiisaa dha.+
Yaada hamaadhaan kakaʼee* yommuu dhiheessu immoo caalaatti jibbisiisaa dha!
28 Ragaa baatuun sobu ni bada,+Namni dhaggeeffatu garuu ragaan inni baʼu fudhatama argata.*
29 Namni hamaan ija jabeessa fakkaata,+Namni qajeelaan garuu daandiin isaa amansiisaa dha.*+
30 Ogummaan, hubannaan yookiin gorsi Yihowaa mormu gatii hin qabu.+
31 Fardi guyyaa waraanaatiif ni qopheeffama,+Fayyinni garuu Yihowaa biraa argama.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “kakaʼumsa.”
^ Ykn., “faayidaatti.”
^ Ykn tarii, “Warra duʼa barbaadaniif akkuma hurrii dafee baduu ti.”
^ Ykn., “Lubbuun nama hamaa.”
^ Ykn., “wanta godhu beeka.”
^ Kal., “bobaa jala jirus.”
^ Ykn., “gammachuu.”
^ Kal., “ni liqimsa.”
^ Ykn., “moʼuu.”
^ Ykn., “lubbuu isaa.”
^ Ykn., “Gocha qaanessaa taʼee wajjin.”
^ Kal., “bara baraaf dubbata.”
^ Ykn., “amansiisaa akka taʼu godha.”