Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Bara Hamaatti’ Yihowaa Tajaajiluu

‘Bara Hamaatti’ Yihowaa Tajaajiluu

ARNASTI inni umurii waggoota 70nii keessatti argamu, “Dhibeen fayyaa kootii yeroodhaa yerootti caalaatti gufuu natti taʼaa jira” jedheera. * Haalli ati keessa jirtu kanaa wajjin wal fakkaataa? Dulloomaa kan jirtu yoo taʼee fi fayyaa fi jabina dhabaa akka jirtu yoo sitti dhagaʼame, yaadni Lallaba boqonnaa 12 irratti ibsame siifis ni hojjeta taʼa. Lakkoofsa 1 irratti, barri dullumaa ‘bara hamaa’ akka taʼe ibsameera. Kana jechuun garuu abdii hin qabdu jechuu miti. Amma iyyuu gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluudhaan jireenya hiika qabu jiraachuu ni dandeessa.

AMANTII CIMAA QABAACHUU

Obboloota jaallatamoo maanguddoota taatan, qorumsi kan gaʼu isin irra qofa miti. Bara duriittis tajaajiltoonni Yihowaa maanguddoota taʼan rakkinni akka keessanii isaan mudateera. Fakkeenyaaf, Yisihaq, Yaaqoobii fi Ahiiyaan iji isaanii jaamee ture. (Uma. 27:1; 48:10; 1 Mot. 14:4) Saaraan ‘akka dadhabde’ isheetti dhagaʼameera. (Uma. 18:11, 12) Daawit Mootichi “isatti hoʼuu hin dandeenye.” (1 Mot. 1:1) Baarzilaayi inni sooressa ture, nyaata dhandhamachuus taʼe sagalee muuziqaa addaan baafachuu hin dandaʼu ture. (2 Sam. 19:32-35) Abrahaamii fi Naaʼomiin hiriyoota gaaʼelaa isaanii duʼaan dhabaniiru.—Uma. 23:1, 2; Rut. 1:3, 12.

Hundi isaanii iyyuu Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii akka itti fufanii fi gammachuu isaanii akka hin dhabne kan isaan gargaare maali dha? Abrahaam bara dullumaa isaatti abdiiwwan Waaqayyo kennetti amanuudhaan “amantiitti jabaatee” ture. (Rom. 4:19, 20) Nuyis amantii cimaa qabaachuu qabna. Amantiin akkasii umurii, dandeettii ykn haala keenya irratti kan hundaaʼe miti. Fakkeenyaaf, Yaaqoob yeroo dadhabee, iji isaa jaamee, akkasumas dhukkubsatee ciisee turetti abdiiwwan Waaqayyo kenne irratti amantii cimaa akka qabu argisiiseera. (Uma. 48:1-4, 10; Ibr. 11:21) Yeroo harʼaattis, Iinas isheen umuriin ishee waggaa 93 taʼe dhibee maashaalee qaamaa dadhabsu kan qabdu taʼus akkana jetteetti: “Guyyaa hundumaa Yihowaan baayʼee akka na eebbise natti dhagaʼama. Waaʼee Jannataa guyyaa guyyaadhaanan yaada. Kun immoo abdii naa kenna.” Kun ilaalcha gaarii dha!

Kadhannaa dhiheessuu, Dubbii Waaqayyoo qoruu fi walgaʼii irratti argamuudhaan amantii keenya cimsina. Daaniʼel inni maanguddoo ture, guyyaatti siʼa sadii kadhachaa ture; yeroo hundumaas Dubbii Waaqayyoo ni qorata ture. (Dan. 6:10; 9:2) Haannaan isheen abbaan manaa jalaa duʼee fi dulloomtee turte‘mana qulqullummaa keessaa hin dhabamtu turte.’ (Luq. 2:36, 37) Yeroo sii dandaʼamu hundatti walgaʼii irratti yeroo argamtuu fi hamma sii dandaʼame yeroo hirmaattu, ofii keetiif jajjabaachuu qofa utuu hin taʼin namoota achitti argaman hunda ni jajjabeessita. Kana malees, wanti gochuu dandeessu daangeffamaa taʼu illee, Yihowaan kadhannaa keetti ni gammada.—Fak. 15:8.

Wal jajjabeessaa

Obboloonni amanamoo taatan hedduun keessan, iji keessan argee dubbisuu utuu dandeessanii fi walgaʼii irratti argamuuf jabina utuu qabaattanii kan gammaddan taʼus, kun baayʼee ulfaataa, tarii immoo kan hin dandaʼamne taʼuu dandaʼa. Garuu maal gochuu dandeessu? Wanta qabdanitti akka gaariitti fayyadamaa. Namoonni walgaʼii irratti argamuu hin dandeenye hedduun bilbilaan dhaggeeffatu. Iingeen isheen umuriin ishee waggaa 79 taʼe iji ishee kan dadhabe taʼus, barreeffama qubee gurguddaadhaan qophaaʼee fi obboleessi gumii ishee isheedhaaf maxxansutti fayyadamtee gumiidhaaf qophoofti.

Tarii wanta namoonni kaan qabaachuu barbaadan, jechuunis yeroo qabda taʼa. Yeroo kanatti fayyadamtee Macaafa Qulqulluu, barreeffamootaa Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼan, haasaawwanii fi diraamaawwan sagaleedhaan qophaaʼan maaliif hin dhaggeeffattu? Akkasumas, kennaa hafuuraa obbolootaaf kennuu fi isaanii wajjin ‘amantii waliitiin jajjabaachuuf’ dursa fudhattee isaaniif bilbiluu dandeessa.—Rom. 1:11, 12.

TAJAAJILA IRRATTI DAMMAQINAAN HIRMAACHUU

Dubbicha lallabaa

Kiristaan isheen walakkeessa waggoota 80nii keessatti argamtu, “Hamma kanaan duraa hirmaannaa gochuu dadhabuun nama gaddisiisa” jechuudhaan gadda ishee ibsiteetti. Obboloonni dullooman gammachuu isaanii eeguu kan dandaʼan akkamitti ree? Piitar inni umuriin isaa waggaa 75 taʼe, “Yeroo hunda wanta gochuu hin dandeenye irratti yaaduu mannaa, ilaalcha sirrii qabaachuudhaan wanta gochuu dandeessutti gammadi” jedheera.

Waaʼee bifawwan tajaajilaa irratti hirmaachuu dandeessuu yaaduu ni dandeessaa? Haaydiin akka kanaan duraa manaa gara manaa deemtee tajaajiluu hin dandeessu. Umurii waggoota 80nii keessa utuu jirtuu, kompiitaratti fayyadamtee xalayaa barreessuu baratte. Babalʼistoonni maanguddoo taʼan tokko tokko, iddoo bashannanaa ykn iddoo atoobisiin dhaabatu taaʼanii marii Macaafa Qulqulluu jalqabu. Dhukkubsattee yoo ciiste ykn hospitaala yoo galte, namoota si gaafachuu dhufaniif ykn namoota yaalii fayyaa sii godhaniif dhugaa baʼuudhaan iddoo jirtu naannoo tajaajilaa kee godhachuu ni dandeessaa?

Keessummoota simadhaa

Daawit Mootichi yeroo dulloometti fedhii guddaadhaan kakaʼee waaqeffannaa dhugaa babalʼiseera. Ijaarsa mana qulqullummaatiif kennaa kan kenne siʼa taʼu, karaa deggersi itti godhamus qindeesseera. (1 Sen. 28:11–29:5) Haaluma wal fakkaatuun, hojii addunyaa maratti Mootummicha babalʼisuuf raawwatamaa jiru beekuudhaan hamma humna kee deggeruu dandeessa. Dubbii nama jajjabeessuun, kennaa xinnoo isaanii kennuudhaan ykn afeerraa xinnoo isaanii gochuudhaan, qajeelchitoota ykn babalʼistoota gumii keetii hinaaffaa qaban maaliif hin jajjabeessitu? Dargaggootaaf, maatiiwwaniif, tajaajiltoota yeroo guutuutiif, warra dhukkubsataniif, akkasumas warra itti gaafatamummaa ulfaataa taʼe qabaniif kadhachuu dandeessa.

Atis taate tajaajilli kee iddoo guddaa qabdu. Maanguddoota jaallatamo, Abbaan keenya inni samii matumaa isin hin gatu. (Far. 71:9) Yihowaan isin jaallata, iddoo guddaas isinii kenna. Yeroo dhihootti, hundi keenya dhiphinaa fi rakkina tokko malee umurii dheeraa jiraanna. Akkasumas, humnaa fi fayyaa guutuu qabaachuudhaan bara baraaf Waaqa keenya isa nu jaallatu tajaajiluu keenya itti fufna!!

^ KEY. 2 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.