Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hojiin Ati Hojjettu Namoota Biratti Beekamuu Dhiisuun Isaa Jijjiirama Fidu Qabaa?

Hojiin Ati Hojjettu Namoota Biratti Beekamuu Dhiisuun Isaa Jijjiirama Fidu Qabaa?

HOJIIN ijaarsaa Bazaaliʼelii fi Aholiiyabiif waan haaraa hin turre. Tarii Gibxii keessatti garboota yeroo turanitti hamma yaadatanii ol xuubii baayʼee hojjetaniiru taʼa. Haa taʼu malee, waggoonni sun darbaniiru. Yeroo godoo qulqullaaʼaa adda durummaadhaan akka ijaaran hojiin isaanii kennametti, ogeeyyii harkaa taʼuudhaan hojii baayʼee adda taʼe irratti hirmaataniiru. (Bau. 31:1-11) Taʼus, hojii dinqisiisaa isaan hojjetan kana kan argan namoota muraasa qofa dha. Beekkamtii dhabuun isaanii isaan gaddisiiseeraa? Hojiin isaanii namoota biratti kan hin beekamne taʼuun isaa dhuguma jijjiirama fidu qabaa? Hojiin kee namoota biratti beekamuu dhiisuun isaa hoo jijjiirama fidu qabaa?

HOJII DINQISIISAA NAMNI MURAASNI QOFTI ARGE

Meeshaaleen godoo qulqullaaʼaa tokko tokko bocni isaanii baayʼee dinqisiisaa ture. Fakkeenyaaf, kiruubelota warqee irraa hojjetamanii fi saanduqa kakuu irratti argaman ilaali. Phaawulos ergamaan kiruubelonni kun “ulfina qabeeyyii” akka taʼan dubbateera. (Ibr. 9:5, NW) Kiruubelonni warqee tumame irraa hojjetaman kun miidhagina dinqisiisaa akkamii qabaachuu akka dandaʼan tilmaami!—Bau. 37:7-9.

Meeshaaleen Bazaaliʼelii fi Aholiiyab hojjetan yeroo harʼaa jiru utuu taʼee, muuziyamii baayʼee beekamaa taʼe keessatti kan daawwataman siʼa taʼu, dinqisiifannaa namoota hedduus ni argatu turan. Haa taʼu malee, yeroo isaan itti hojjetamanitti namoota hammamiitu miidhagina hojiiwwan kanaa arguu dandaʼe laata? Kiruubelonni kan kaaʼaman iddoo hundumaa caalaa qulqullaaʼaa taʼe keessa dha; kanaafuu, isaan ilaaluu kan dandaʼu angafa lubootaa isa waggaatti siʼa tokko, jechuunis guyyaa araarsaatti iddoo sana seenu qofa dha. (Ibr. 9:6, 7) Kanaafuu, hojiiwwan kana kan argan namoota baayʼee muraasa taʼan qofa dha.

BEEKKAMTII KAN HIN ARGANNE TAʼUS GAMMACHUU ARGACHUU

Bazaaliʼel ykn Aholiiyab utuu taatee fi meeshaawwan boca dinqisiisaa qaban akkasii hojjechuuf baayʼee kan dadhabde taʼus, hojii kana kan argan namoota muraasa qofa utuu taʼanii maaltu sitti dhagaʼama? Yeroo harʼaatti namoonni milkaaʼina akka argatan kan isaanitti dhagaʼamu, hiriyoota isaanii irraa dinqisiifannaa yeroo argatani dha. Kun karaa gatii carraaqqii isaanii itti hubatan akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Tajaajiltoonni Yihowaa garuu ilaalcha kana irraa adda taʼe qabu. Akkuma Bazaaliʼelii fi Aholiiyab wanta Yihowaan barbaadu hojjechuu fi isa biratti fudhatama argachuu keenyatti gammanna.

Bara Yesusitti, geggeessitoonni amantii kadhannaa namoota kaan dinqisiisu dhiheessuun isaanii baramaa ture. Haa taʼu malee, Yesus namoota irraa dinqisiifannaa argachuuf utuu hin taʼin, garaadhaa kadhachuu akka qabnu nu gorseera. Kun buʼaa akkamii argamsiisa? “Abbaan kee inni dhoksaatti argus gatii kee siif in kenna.” (Mat. 6:5, 6) Wanti iddoo guddaa qabu, kadhannaa keenya ilaalchisee wanta namootatti dhagaʼamu utuu hin taʼin, wanta Yihowaatti dhagaʼamu dha. Ilaalchi inni qabu kadhannaan keenya gatii akka qabaatu godha. Haalli kun tajaajila qulqulluu wajjin haala wal qabateen wanta raawwannu kaaniifis ni hojjeta. Gatiin hojiin keenya qabu beekkamtii namoota biratti argannuun utuu hin taʼin, Yihowaa isa “dhoksaatti argu” kan gammachiisu taʼuu isaatiin madaalama.

Ijaarsi godoo qulqullaaʼaa yeroo xumurametti, “duumessis dunkaana itti wal gaʼanitti uffise, ulfinni Waaqayyoo godicha keessa guute.” (Bau. 40:34) Kun Yihowaa biratti fudhatama akka argate kan mirkaneessu ture! Bazaaliʼelii fi Aholiiyab yeroo sanatti maaltu waan itti dhagaʼame sitti fakkaata? Hojii harkaa isaanii kana irratti maqaan isaanii barreeffamuu baatus, Waaqayyo carraaqqii isaanii akka isaaniif eebbise yeroo beekanitti akka gammadan hin shakkisiisu. (Fak. 10:22) Waggoottan itti aananitti hojiin harkaa isaanii kun tajaajila Yihowaa keessatti faayidaa irra ooluu isaa akka itti fufe yeroo argan baayʼee akka gammadan beekamaa dha. Bazaaliʼelii fi Aholiiyab addunyaa haaraa keessatti yeroo duʼaa kaʼan, godoo qulqullaaʼaan sun gara waggaa 500tiif waaqeffannaa dhugaatiif akka tajaajile yeroo beekan akka gammadan hin shakkisiisu!

Tajaajila ati gad of qabuudhaan, akkasumas fedhiidhaan raawwattu namoonni arguu baatanis, Yihowaan ni arga!

Yeroo harʼaatti jaarmiyaa Yihowaa keessatti namoonni animeeshinii hojjetan, fakkii kaasan, muuziqaa qopheessan, suuraa kaasan, hiiktonnii fi barreessitoonni namoota biratti hin beekaman. Kana jechuun, namni hojii isaan hojjetan “argu” hin jiru jechuu dha. Hojiin gumiiwwan 110,000 ol taʼanii fi addunyaa maratti argaman keessatti hojjetamus haalli isaa kanaa wajjin wal fakkaata. Tajaajilaan herregaa dhuma jiʼaatti ragaa barbaachisu galmee irratti yeroo guutu, barreessaan gumii gabaasa tajaajilaa gumii yeroo qopheessu ykn obboleessi ykn obboleettiin tokko Galma Mootummaa keessatti waan tokko yeroo suphan eenyutu arga?

Bazaaliʼelii fi Aholiiyab dhuma jireenya isaanii irratti, diizaayinii isaanii dinqisiisaa taʼee fi qulqullina hojii ijaarsaa isaaniitiif badhaasa, meedaaliyaa ykn wanta maqaan isaanii irratti barreeffamee fi ittiin boonuu dandaʼan hin arganne. Haa taʼu malee, wanta kana irra baayʼee caalu, jechuunis Yihowaa duratti fudhatama argataniiru. Yihowaan hojii isaanii akka hubate mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Tajaajila isaan gad of qabuudhaan, akkasumas fedhiidhaan kakaʼanii raawwatan haa hordofnu.