Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kun Iddoo Waaqeffannaa Keenyaa Ti

Kun Iddoo Waaqeffannaa Keenyaa Ti

“Hinaaffaan mana keetii na guba.”—YOH. 2:17.

FAARFANNAA: 13, 21

1, 2. (a) Tajaajiltoonni Yihowaa bara duriitti iddoowwan waaqeffannaa akkamiitti fayyadamaa turan? (b) Yesus mana qulqullummaa Yerusaalem keessa tureef ilaalcha akkamii qaba ture? (c) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

TAJAAJILTOONNI Waaqayyoo bara duriitii kaasee iddoo itti waaqeffannaa qulqulluu geggeessan qabu. Abeel yeroo Waaqayyoof aarsaa dhiheessetti iddoo aarsaatti fayyadamee taʼuu qaba. (Uma. 4:3, 4) Nohi, Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobii fi Museenis iddoo aarsaa ijaaraniiru. (Uma. 8:20; 12:7; 26:25; 35:1; Bau. 17:15) Israaʼeloonni qajeelfama Yihowaan isaanii kenneen godoo qulqullaaʼaa ijaaraniiru. (Bau. 25:8) Yeroo boodas, waaqeffannaa Yihowaatiif mana qulqullummaa ijaaranii turan. (1 Mot. 8:27, 29) Yihudoonnis erga boojuu Baabilonii deebiʼanii booda yeroo hunda mana sagadaatti wal gaʼu turan. (Mar. 6:2; Yoh. 18:20; HoE. 15:21) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa manneen miseensota gumichaatti walitti qabamaa turan. (HoE. 12:12; 1 Qor. 16:19) Yeroo harʼaatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti Galmawwan Mootummaa kuma kudhaniin lakkaaʼaman keessatti barumsaa fi waaqeffannaadhaaf walitti qabamu.

2 Jaalallii fi dinqisiifannaan Yesus mana qulqullummaatiif qabu guddaa waan tureef barreessaan wangeelaa tokko, “Hinaaffaan mana keetii na guba” jechuudhaan yaadni dursee dubbatame, Yesus irratti akka raawwatame ibseera. (Far. 69:9; Yoh. 2:17) Galmi Mootummaa kam iyyuu akka mana qulqullummaa Yerusaalem keessa turee, kallattiidhaan “mana Yihowaa,” (NW) jedhamee hin waamamu. (2 Sen. 5:13; 33:4) Taʼus, Macaafni Qulqulluun seerawwan buʼuuraa iddoon waaqeffannaa keenya akkamitti hojii irra ooluu fi kabajamuu akka qabu argisiisan qabateera. Mata duree kana keessatti seerawwan buʼuuraa kana keessaa tokko tokkoo fi akkaataa Galmawwan Mootummaa keenya itti ilaalamuu, qarshiidhaan deggeramuu fi haareffamuu qaban irratti hojii irra ooluu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ilaalla. *

WAAQEFFANNAA QULQULLUUDHAAF KABAJA ARGISIISUU

3-5. Faayidaan Galma Mootummaa maali dha? Kun hoo ilaalcha walgaʼii achitti geggeeffamuuf qabnu irratti jijjiirama maalii fida?

3 Galmi Mootummaa, iddoo namoonni naannoo sana jiraatan waaqeffannaa qulqulluu itti geggeeffatani dha. Walgaʼiiwwan nuti torban torbaniin Galma Mootummaa keessatti geggeeffannu, nyaata hafuuraa Yihowaan nuu kennu keessaa tokko dha. Iddoo kanatti karaa jaarmiyaa isaa jajjabinaa fi qajeelfama hafuuraa arganna. Namoonni gumii irratti argaman hundi walgaʼii kan dhufan Yihowaa fi Yesus waan isaan afeeraniifi jechuun ni dandaʼama. “Maaddii gooftaa” irraa kan soorannu yeroo hunda taʼu illee, afeerrii kana akka laayyootti ilaaluu hin qabnu.—1 Qor. 10:21.

4 Yihowaan waaqeffachuu fi wal jajjabeessuudhaaf walitti qabamuun barbaachisaa akka taʼetti waan ilaaluuf, Phaawulos ergamaan walitti qabamuu keenya akka hin dhiisneef akka nu gorsu hafuuraan isa kakaaseera. (Ibroota 10:24, 25 dubbisi.) Dhimmoota hin barbaachisneef jennee walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuu yoo dhiisne Yihowaadhaaf kabaja argisiisaa jirraa? Walgaʼiiwwan kanaaf qophaaʼuu fi hirmaannaa gaarii gochuudhaan, Yihowaa fi kennaa inni nuu kenne kana hammam akka dinqisiifannu argisiisuu dandeenya.—Far. 22:22.

5 Ilaalchi nuti Galma Mootummaatiifis taʼe sochiiwwan hafuuraa achi keessatti raawwatamaniif qabnu kabaja kan calaqqisiisu taʼuu qaba. Ilaalchi nuti gama kanaan qabnu maqaa Waaqayyoo yeroo baayʼee mallattoo Galma Mootummaa irratti argamuuf miira nuti qabnuu wajjin kan wal qabate taʼuun isaa dhugaa mitii?—1 Mootota 8:17 wajjin wal bira qabii ilaali.

6. Galmawwan Mootummaa fi namoota achitti wal gaʼan ilaalchisee namoonni tokko tokko yaada akkamii kennan? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)

6 Yeroo baayʼee namoonni Dhugaa Baatota hin taane kabaja nuti Galma Mootummaatiif qabnu ni hubatu. Fakkeenyaaf, namichi Turki keessatti argamu tokko akkana jedheera: “Galmi Mootummaa qulqulluu fi seera qabeessa taʼuun isaa na dinqisiiseera. Namoonni achitti argaman akka gaariitti kan uffatanii fi fuula isaanii irratti gammachuun kan mulʼatu siʼa taʼu, akka gaariitti na simataniiru. Kun baayʼee na ajaaʼibsiiseera.” Namichi kun yeroo hunda walgaʼii irratti argamuu kan jalqabe taʼu isaa irra iyyuu, yeroo booda cuuphameera. Gumiin magaalaa Indooneeshiyaatti argamtu keessa jiru tokko, abbootiin taayitaa fi olloonni murteeffamuu isaa dura Galma Mootummaa haaraa akka daawwatan afeeree ture. Yeroo kanatti kantiibaan magaalattiis argameera. Akka gaariitti kan ijaarame taʼuun isaa, diizaayiniin isaa fi bareedinni iddoo biqiltuu galmichaa baayʼee isa dinqisiisee ture. “Qulqullinni galma kanaa amantii cimaa akka qabdan argisiisa” jedheera.

Amalli keenya Waaqayyoof ulfina akka hin qabne kan argisiisu taʼuu dandaʼa (Keeyyata 7 fi 8 ilaali)

7, 8. Namoonni walgaʼii Kiristiyaanaa irratti argaman wanta barbaachisaa akkamii dagachuu hin qaban?

7 Kabajni nuti Waaqayyoo fi walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa inni itti nu afeereef qabnu amala keenyaan, akkaataa uffannaa fi bareedinaa keenyaan argisiifamuu qaba. Kabajni giddu galeessa taʼuus kan gaafatu dha. Amala sirrii yeroo walgaʼiiwwan gumii irratti argamnu qabaachuu qabnu ilaalchisee namoonni tokko tokko garmalee seera kan cimsan siʼa taʼan, tokko tokko immoo dantaa kan hin qabne akka taʼan hubatameera. Dhugaa dha, Yihowaan tajaajiltoonni isaas taʼe keessummoonni bakka walgaʼiitti bilisummaan akka isaanitti dhagaʼamu barbaada. Haa taʼu malee, namoonni walgaʼii irratti argaman uffannaa isaaniitiif dantaa dhabuudhaan, utuu walgaʼiin gumii geggeeffamuu ergaa barreeffamaa erguudhaan, walitti dudubbachuudhaanii fi nyaata nyaachuudhaan walgaʼii gumii irraa xiyyeeffannaa isaanii hihhiruu hin barbaadan. Warri, Galmi Mootummaa iddoo itti fiigan ykn itti taphatan akka hin taane ijoollee isaanii leenjisuu qabu.—Lal. 3:1.

8 Yesus namoota mana Qulqullummaa keessatti hojii daldalaa hojjechaa turanitti baayʼee aaree isaan ariʼee ture. (Yoh. 2:13-17) Galmawwan Mootummaa keenyas iddoo waaqeffannaan dhugaa itti geggeeffamuu fi barumsi hafuuraa itti kennamu dha. Kanaafuu, dhimmi daldalaa dhimmoota hafuuraa wajjin wal hin qabanne iddoo kan biraatti raawwatamuu qaba.—Nahimiyaa 13:7, 8 wajjin wal bira qabii ilaali.

GALMAWWAN MOOTUMMAA IJAARUU IRRATTI GARGAARSA GOCHUU

9, 10. (a) Galmawwan Mootummaa haaraan kan ijaaramanii fi qarshiidhaan kan deggeraman akkamitti? Kun hoo buʼaa akkamii argamsiise? (b) Gumiiwwan Galma Mootummaa ijaarrachuu hin dandeenyeef qophii jaalala irratti hundaaʼe kamtu gargaarsa guddaa gochaa jira?

9 Jaarmiyaan Yihowaa Galmawwan Mootummaa ijaaruu fi ijaarsa isaatiif gargaarsa qarshii gochuudhaan guddina cimaa argisiisaa jira. Galmawwan Mootummaa kanaaf diizaayinii kan baasu, kan ijaaruu fi kan haaromsu namoota kaffaltii malee fedhiidhaan hojjetani dha. Buʼaa maaliitu argame? Sadaasa 1, 1999 irraa eegalee addunyaa maratti wiirtuuwwan waaqeffannaa babbareedoon 28,000 ol taʼan ijaaramaniiru. Kana jechuun, waggoottan 15 darban keessatti guyyaa guyyaatti giddu galeessaan Galmawwan Mootummaa haaraa shantu ijaarame jechuu dha.

10 Iddoo barbaachisu hundatti Galmawwan Mootummaa ijaaruuf carraaqqiin godhamaa jira. Kennaan jaalala irratti hundaaʼe kun seera buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoo irratti argamuu fi ‘gara lachuuf iyyuu akka wal qixxaatuuf’ wanti warra kaan irraa hafu qaawwa warra kaanii akka duuchu dubbatu irratti kan hundaaʼe dha. (2 Qorontos 8:13-15 dubbisi.) Qophii kanaan, gumiiwwan qarshii Galma Mootummaa ittiin ijaarratan hin qabneef iddoowwan waaqeffannaa mimmiidhagoon ijaaramaniiru.

11. Obboloonni tokko tokko Galma Mootummaa haaraa yeroo argatan maal jedhu? Atoo yeroo kana dhageessu maaltu sitti dhagaʼama?

11 Gumiin Kostaa Rikaatti argamuu fi qophii kana irraa fayyadame tokko akkana jechuudhaan barreesseera: “Galma Mootummaa keenya fuuldura yeroo dhaabannu abjoochaa waan jirru nutti fakkaata. Kana amanuun ulfaataa dha. Galmi bareedaan kun guutummaatti ijaaramee kan xumurame guyyaa saddeet keessatti qofa dha! Kun taʼuu kan dandaʼe, eebba Yihowaatiin, qophii jaarmiyaa isaatiin godhamee fi gargaarsa obboloota jaallatamoo taʼaniitiini. Dhuguma iyyuu, iddoon waaqeffannaa kun kennaa gati jabeessa Yihowaan nuu kenne dha. Baayʼee gammanneerra.” Yaadawwan Galma Mootummaa haaraa ilaalchisee dubbataman akkasii dhagaʼuunii fi obboloonni hedduun addunyaa maratti argaman miirri akkasii akka itti dhagaʼamaa jiru beekuun kee si hin gammachiisuu? Kun hojii Yihowaa waan taʼeef, Galmawwan Mootummaa haaraan ijaaramanii akkuma xumuramaniin, yeroo baayʼee namoota garaa qajeelaa qabanii fi waaʼee Uumaa isaanii isa jaalala qabeessa taʼee caalaatti beekuu barbaadaniin guutamu.—Far. 127:1.

12. Galma Mootummaa ijaaruu irratti hirmaachuu kan dandeessu akkamitti?

12 Obboloonni hedduun Galma Mootummaa ijaaruu irratti hirmaachuu dandaʼuu isaaniitti gammachuu guddaa argataniiru. Iddoo ijaarsaa dhaqnee gargaaruu dandeenyus dandaʼuu baannus, hundi keenya iyyuu buusii qarshii gochuudhaan hojiiwwan akkasii deggeruu dandeenya. Bara duriittis taʼe yeroo harʼaatti sabni Waaqayyoo hinaaffaa qabaachuun isaanii hojiiwwan ijaarsaa tiʼookraasii qarshiidhaan akka deggeran godheera; kun immoo Yihowaadhaaf ulfina fida.—Bau. 25:2; 2 Qor. 9:7.

GALMA MOOTUMMAA QULQULLEESSUU

13, 14. Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu kamtu Galma Mootummaa keenya qulqullinaan akka qabannu nu gargaara?

13 Galmi Mootummaa haaraan erga ijaaramee booda, amalaa fi eenyummaa Waaqa keenya isa sabrii qabuu kan argisiisu akka taʼutti qulqullinaan eegamuu qaba. (1 Qorontos 14:33, 40 dubbisi.) Macaafni Qulqulluun qulqullina hafuuraa qulqullina qaamaa wajjin wal qabsiisa. (Mul. 19:8) Kanaafuu, namoonni Yihowaa biratti fudhatama argachuu yoo barbaadan qulqullina isaanii eeggachuu qabu.

14 Seerawwan buʼuuraa kana hojii irra oolchuudhaan, haalli galma keenyaa kan nama gammachiisu taʼuu isaa amanannaa qabaannee namoota fedhii qaban gara walgaʼii keenyaatti afeeruuf yeroo hundumaa bilisummaan nutti dhagaʼamuu qaba. Isaanis Waaqa qulqulluu fi yeroo dhihootti lafa gara jannata hin faalamneetti jijjiiru akka waaqeffannu hubatu.—Isa. 6:1-3; Mul. 11:18.

15, 16. (a) Galma Mootummaa qulqullinaan qabuun salphaa kan hin taane maaliifi? Taʼus barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Galma qulqullinaan qabuuf qophiin gumichi godhu maal faʼi? Tokkoon tokkoon keenya mirga akkamii qabna?

15 Namoonni tokko tokko warra kaan caalaa qulqullinaaf iddoo guddaa kennu taʼa. Ilaalchi isaanii kun immoo akkaataa guddina isaanii ykn wantoota akka dhoqqee, biyyoo, haala daandii, akkasumas bishaan gaʼaa fi wantoota qulqullinaaf barbaachisan kaan argachuu irratti kan hundaaʼe dha. Ilaalchis taʼe haalli naannoo keenyaa maal iyyuu yoo taʼe, Galmi Mootummaa keenya maqaan Yihowaa kan itti waamamuu fi iddoo waaqeffannaa qulqulluu waan taʼeef, akka gaariitti qabamuudhaan fakkeenya taʼuu qaba.—Kes. 23:14.

16 Galmi Mootummaa akka carraa kan qulqullaaʼu taʼuu hin qabu. Qaamni jaarsolii hundi sagantaan baʼuu isaa fi wantoonni iddoon waaqeffannaa gumichaa qulqulluu taʼee akka eegamu gargaaran akka gaariitti jiraachuu isaanii mirkaneessuu qaba. Wantoonni tokko tokko yeroo hunda walgaʼiin erga geggeeffamee booda qulqullaaʼuu kan qabanii fi tokko tokko immoo darbee darbee kan qulqullaaʼan waan taʼaniif, wanti dagatame akka hin jiraanneef qindoominni gaariinii fi toʼannaan barbaachisaa dha. Miseensonni gumii hundi qophii kana deggeruuf mirga qabu.

IDDOO WAAQEFFANNAA KEENYA HAARESSUU

17, 18. (a) Seenaawwan Macaafa Qulqulluu iddoo waaqeffannaa keenya suphuuf fakkeenya nuuf taʼan kam faʼi? (b) Galmi Mootummaa haala gaariidhaan qabamuu kan qabu maaliifi?

17 Tajaajiltoonni Yihowaa iddoo waaqeffannaa isaanii suphuufis carraaqqii guddaa godhu. Yoʼaas Mootichi, iddoo ‘caccabee argame deebisanii ittiin haaressuuf’ qarshii mana Yihowaatiif kennamaa turetti akka fayyadaman luboota ajajee ture. (2 Mot. 12:4, 5) Waggaa 200 booda immoo Yosiyaas Mootichi wantoota barbaachisoo taʼan haaressuuf buusii kennametti fayyadameera.—2 Seenaa 34:9-11 dubbisi.

18 Waajjiroonni damee akka gabaasanitti biyyoota tokko tokkotti namoonni manneenis taʼe meeshaalee kaan suphuuf xiyyeeffannaa hin kennan. Tarii biyyoota akkasii keessatti namoota muraasatu akkaataa itti haaressan beeka ykn meeshaa barbaachisu qaba taʼa. Haa taʼu malee, Galma Mootummaa haaressuuf xiyyeeffannaan hin kennamu taanaan, manichi utuu yeroon isaa hin gaʼin dulloomuu, akkasumas namoota naannoo sana jiraniif fakkeenya taʼuu dhiisuu dandaʼa. Gama biraatiin, miseensonni gumii hundi Galma Mootummaa isaanii haala gaariidhaan qabuuf carraaqqii gochuun isaanii Yihowaadhaaf ulfina fida; akkasumas buusii qarshii obboloonni keenya godhan qusachuuf gargaara.

Galma Mootummaa qulqulleessuu fi suphuun dagatamuu hin qabu (Keeyyata 16 fi 18 ilaali)

19. Iddoo waaqeffannaa qulqulluudhaaf itti fayyadamnu ilaalchisee murtoon kee maali dha?

19 Galmi Mootummaa mana Yihowaadhaaf murteeffame dha. Kanaafuu, seera biratti maqaa akkamii iyyuu yoo qabaate, kan nama tokkoo ykn kan gumii tokkoo miti. Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu, galmi kun kaayyoo itti ijaaramee wajjin kan wal simu akka taʼu gochuu irratti waliin hojjechuu akka qabnu nu ajaju. Namoonni gumii keessatti argaman hundi, iddoo waaqeffannaa keenyaaf kabaja qabaachuudhaan, ijaarsa haaraadhaaf buusii gochuudhaan, akkasumas erga ijaaramee booda Galma Mootummaa qulqulleessuu fi haaressuuf yeroo fi humna isaanii kennuudhaan kana gochuu dandaʼu. Carraaqqii kana deggeruudhaan, akkuma Yesus iddoo waaqeffannaa keenyaaf hinaaffaa akka qabnu argisiisna.—Yoh. 2:17.

^ KEY. 2 Mata dureen kun adda durummaadhaan waaʼee Galmawwan Mootummaa kan dubbatu taʼus, barumsi as keessatti kenname Galmawwan Walgaʼii Gurguddaas taʼe manneen kan biroo waaqeffannaa dhugaatiif oolaniifis ni hojjeta.