Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Yihowaan Warra Kansaa Taʼan In Beeka’

‘Yihowaan Warra Kansaa Taʼan In Beeka’

“Namni Waaqayyoon jaallatu . . . isa biratti beekamaa in taʼa.”—1 QOR. 8:3.

1. Seenaan Macaafa Qulqulluu sabni Waaqayyoo tokko tokko akka of gowwoomsan ibsu kamidha? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

GAAF tokko ganama Angafa Lubootaa kan taʼe Aaron qodaa ixaana itti aarsan qabatee balbala dunkaana Yihowaan itti waaqeffatamu dura dhaabatee ture. Dhihoosaattimmoo, Qoraahiifi namoonni 250 taʼan qodaa ixaanni itti aarsamutti Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessaa turan. (Lak. 16:16-18) Jalqabarratti namoonni sun hundi amanamummaadhaan Yihowaa kan waaqeffatan fakkaatu turan. Haataʼu malee Aaronirraa haala faallaa taʼeen, namoonni ofittoo taʼan sun of tuulummaadhaan kakaʼanii wanta lubni qofti dhiheessuu qabu dhiheessaniiru. (Lak. 16:1-11) Aarsaansaanii Yihowaa duratti fudhatama akka argatu yaaduudhaan of gowwoomsaniiru. Haataʼu malee, yaadnisaanii Yihowaa isa garaa namaa beekuufi fakkeessituu taʼuusaanii hubachuu dandaʼu kan gaddisiisudha.—Er. 17:10.

2. Museen raajii akkamii dubbatee ture? Raajiin inni dubbatehoo raawwatameeraa?

2 Wanti kun taʼuusaa guyyaa tokko dura Museen, “Bor Waaqayyo warra kan isaa taʼan . . . in argisiisa” jechuudhaan raajii dubbatee ture. (Lak. 16:5) Akkuma jedhame, “Waaqayyo biraa ibiddi dhufee [Qoraahiifi] namoota dhibba lamaa fi shantama, warra ixaana aarsan sana [yeroo fixetti]” warra dhugumaan Yihowaa waaqeffataniifi warra fakkeessitoota taʼan addaan baasuun dandaʼameera. (Lak. 16:35; 26:10) Yihowaan Aaroniin badiisa jalaa oolchuudhaan, lubni inni muudeefi dhugumaan isa waaqeffatu Aaron taʼuusaa mirkaneesseera.—1 Qorontos 8:3 dubbisi.

3. (a) Bara Phaawulos ergamaatti gumii keessatti haala akkamiitu uumamee ture? (b) Tarkaanfii Yihowaan finciltoota bara Museetti kaʼanirratti fudhaterraa barumsa akkamii arganna?

3 Waggaa 1,500 booda, jechuunis bara Phaawulos ergamaatti haalli kanaa wajjin wal fakkaatu uumamee ture. Yeroo sanatti namoonni Kiristiyaana ofiin jedhan tokko tokko barumsa sobaa kan hordofan taʼus obbolootaa wajjin gumiirratti argamaa turan. Namni tokko hubannaadhaan hin ilaalu taanaan gantoota kana obboloota gumii keessa jiranirraa adda baasuun isa rakkisuu dandaʼa. Haataʼu malee, gantoonni gumicha keessa jiraachuunsaanii, Kiristiyaanota amanamoo taʼan balaadhaaf kan saaxilu ture. Namoonni yeeyyii gogaa hoolaa uffatan taʼan kun ‘amantii warra kaanii garagalchuu’ eegalanii turan. (2 Xim. 2:16-18) Haataʼu malee Phaawulos, Yihowaan wanta akkasii callisee akka hin ilaalle, tarkaanfii inni jaarraa hedduu dura Qoraahi isa gantuu taʼeefi deggertootasaarratti fudhaterraa hubachuu hin oolu. Mee yaada Macaafa Qulqulluu xiyyeeffannaa namaa hawwatuufi barumsa irraa argachuu dandeenyu tokko haa qorru.

“ANI YIHOWAA WAANAN TAʼEEF, HIN GEDDARAMU”

4. Phaawulos amanannaa akkamii qaba ture? Amanannaa qabu Ximotewosiif kan ibse akkamitti?

4 Phaawulos, Yihowaan namoota isaaf ajajaman warra fakkeessuudhaan isa waaqeffatanirraa adda baasuu akka dandaʼu mirkanaaʼaa ture. Amanannaa guddaa inni qabu yaada inni hafuuraan geggeeffamee Ximotewosiif barreesserraa hubachuu ni dandeenya. Phaawulos, miidhaa gantoonni karaa hafuuraa obboloota gumii keessa jiran tokko tokkorraan geessisaa jiran erga caqasee booda akkas jedheera: “Haa taʼu iyyuu malee, hundeen Waaqayyo kaaʼe jabaatee in dhaabata. Mallattoo, ‘Gooftichi [“Yihowaan,” NW] warra kan isaatii in beeka’ kana malees, ‘Namni goofticha [“Yihowaa,” NW] maqaa dhaʼatu jalʼina irraa haa deebiʼu!’ jedhus in qabaata.”—2 Xim. 2:18, 19.

5, 6. Yaadni Phaawulos “Hundeen Waaqayyo kaaʼe” jechuudhaan barreesse hiika guddaa akkamii qaba? Kunoo Ximotewosiin kan jajjabeesse akkamitti?

5 Yaadni Phaawulos caqasa kanarratti itti fayyadameefi hiika guddaa qabu kamidha? Macaafa Qulqulluu keessatti yaadni, “Hundeen Waaqayyo kaaʼe” jedhu kan argamu caqasa kanarratti qofadha. Macaafni Qulqulluun Yerusaalem ishee magaalaa guddoo Israaʼel durii taate dabalatee, wantoota tokko tokko ibsuuf jecha “hundee” jedhutti fayyadama. (Far. 87:1, 2) Gaʼeen Yesus kaayyoo Yihowaa keessatti qabus hundeetti fakkeeffameera. (1 Qor. 3:11; 1 Phe. 2:6) Haataʼu malee Phaawulos, “Hundeen Waaqayyo kaaʼe” yeroo jedhu maal jechuusaati?

6 Phaawulos yaada Museen Qoraahiifi deggertootasaa ilaalchisee dubbateefi Lakkoobsa 16:5⁠rratti argamu ennaa ibsetti yaada “Hundeen Waaqayyo kaaʼe” jedhu caqaseera. Phaawulos wanta bara Museetti taʼe kan caqase, Ximotewosiin jajjabeessuufi Yihowaan wanta gumii keessatti raawwatamu arguufi tarkaanfii fudhachuu kan dandaʼu taʼuusaa isa yaadachiisuuf ture. Gantoonni gumii keessatti argaman kaayyoo Yihowaa fashaleessuu akka hin dandeenye tarkaanfii inni jaarraa hedduu dura Qoraahirratti fudhaterraa hubachuun ni dandaʼama. Phaawulos yaanni “hundeen Waaqayyo kaaʼe” jedhu maal akka argisiisu balʼinaan hin ibsine. Taʼus, yaadni inni itti fayyadame kun Ximotewos daandii Yihowaarratti amanannaa akka qabaatu akka godhe hin shakkisiisu.

7. Yihowaan yeroo hundumaa qajeelaafi amanamaa akka taʼu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

7 Seerawwan buʼuuraa Yihowaa hundarra kan caalaniifi kan hin jijjiiramnedha. Faarfannaan 33:11, “Mareen Waaqayyoo garuu bara baraan in dhaabata, yaadni garaa isaas dhalootaa hamma dhalootaatti in hojjeta” jedha. Caqasoonni kaanimmoo bulchiinsi Yihowaa, jaalallisaa inni amanamaan, qajeelummaansaafi amanamummaansaa barabaraaf akka jiraatan ibsu. (Bau. 15:18; Far. 106:1, NW; 112:9; 117:2) Miilkiyaas 3:6, “Ani Waaqayyo [“Yihowaa,” NW] waanan taʼeef, hin geddaramu” jedha. Haaluma wal fakkaatuun Yaaqoob 1:17, Yihowaan ‘kan hin gegeddaramne, yookiin gaaddisi gara galuu isa bira kan hin jirre’ taʼuusaa ibsa.

“MALLATTOO” YIHOWAARRATTI AMANTII QABAACHUUF GARGAARU

8, 9. “Mallattoo” fakkeenya Phaawulos barreesserratti ibsamerraa barumsa akkamii arganna?

8 Fakkeenyi Phaawulos 2 Ximotewos 2:19⁠rratti ibse, waaʼee hundee ergaan tokko irratti barreeffamee jiruufi mallattoon irratti godhamee dubbata. Bara duriitti, tarii namni ijaare eenyu akka taʼe argisiisuuf ykn kan eenyuu akka taʼe ibsuuf buʼuura mana tokkoorratti maqaa barreessuun baramaa ture. Barreessaan Macaafa Qulqulluu yaada kana akka fakkeenyaatti fayyadame Phaawulos qofadha. * Mallattoon ‘hundee Waaqayyo kaaʼerratti’ barreeffame ibsa lama qaba. Inni tokkoffaan, “Yihowaan warra kan isaatii in beeka,” inni lammaffaanimmoo, “Namni Yihowaa maqaa dhaʼatu jalʼina irraa haa deebiʼu!” kan jedhudha. Kun yaada Lakkoobsa 16:5rra jiru kan nu yaadachiisudha.—Dubbisi.

9 “Mallattoo” fakkeenya Phaawulos dubbaterratti ibsamerraa barumsa akkamii arganna? Dimshaashumatti namoota kan Waaqayyoo taʼaniif seerawwan amalaafi seerawwan buʼuuraa Yihowaan baase, dhugaawwan lamaan armaan gaditti argamanirratti kan hundaaʼanidha: (1) Yihowaan namoota isaaf amanamoo taʼan ni jaallata, (2) Yihowaan jalʼina ni jibba. Barumsi kun gantummaa gumii keessaa kaʼuu wajjin haala wal qabateen faayidaa akkamii qaba?

10. Amalli gantoonni argisiisan obboloota amanamoo bara Phaawulos turan kan tuqe akkamitti?

10 Ximotewosiifi namoonni amanamoo taʼan kaan, amala gantoonni isaan gidduu turan argisiisaniin baayʼee jeeqamanii akka turan ifadha. Kiristiyaanonni tokko tokko gantoonni kun gumii keessa akka turan kan heyyamameef maaliif akka taʼe ni gaafatu taʼa. Akkasumas, Yihowaan amanamummaa isaan isaaf qaban waaqeffannaa gantoonni fakkeessuudhaan dhiheessanirraa adda baasee ilaaluufi dhiisuunsaa isaan yaaddessee taʼuu dandaʼa.—HoE. 20:29, 30.

11, 12. Ergaan Phaawulos barreesse amantii Ximotewos cimseera kan jennu maaliifi?

11 Ergaan Phaawulos barreesse Ximotewos, Aaron amanamaa taʼuunsaa badiisarraa akka isa oolche, Qoraahiifi deggertonnisaa fakkeessituu taʼuunsaaniimmoo fudhatama akka dhabaniifi akka balleeffaman akka isaan godhe waan isa yaadachiiseef amantiisaa akka isaaf jabeesse hin shakkisiisu. Phaawulos, Kiristiyaanonni sobaa gidduusaanii jiraatanis, Yihowaan akkuma bara Museetti godhe, namoota kansaa taʼan adda baasuu akka dandaʼu dubbachuusaa ture.

Gochi namoonni amala gantummaa qaban raawwatan amantiin Ximotewos akka raafamu hin goone (Keeyyata 10-12 ilaali)

12 Yihowaan matumaa kan hin geddaramne waan taʼeef isatti amanamuu ni dandeenya. Yihowaan jalʼina kan jibbu yommuu taʼu, namoota cubbuu hojjetaniifi yaada qalbii hin geddarannes yeroosaatti ni adaba. Ximotewosis “nama Yihowaa maqaa dhaʼatu” waan taʼeef, Kiristiyaanota sobaa warra jalʼina raawwatan balaaleffachuudhaan itti gaafatamummaasaa akka raawwatu yaadachiisni isaaf kennameera. *

WAAQEFFANNAA GARAADHAA MADDE DHIHEESSUUN EEBBA ARGAMSIISA

13. Amanannaa akkamii qabaachuu dandeenya?

13 Nutis yaada Phaawulos hafuuraan geggeeffamee barreesserraa jajjabina argachuu dandeenya. Hunda caalaa, Yihowaan isaaf amanamoo taʼuu keenya kan hubatu taʼuusaa beekuun nu gammachiisa. Yihowaan warra isaaf amanamoo taʼan beekuurra darbees namoota akkasiitiif garaadhaa ni yaada. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo guutummaa biyya lafaa in ilaala, warra garaa isaanii guutuu isa amanatan in gargaara” jedha. (2 Sen. 16:9) Kanaaf, carraaqqiin nuti ‘garaa qulqulluudhaan’ Yihowaa waaqeffachuuf goonu gatii kan hin qabne akka hin taane amanannaa qabaachuu dandeenya.—1 Xim. 1:5; 1 Qor. 15:58.

14. Yihowaan waaqeffannaa akkamii jibba?

14 Yihowaan waaqeffannaa fakkeessaadhaan dhihaatu akka jibbu beekuunis kan nama gammachiisudha. Inni “Guutummaa biyya lafaa” waan ilaaluuf, namoota garaa isaanii guutuu ‘isa hin amananne’ adda baasuu ni dandaʼa. Fakkeenyi 3:32 akka dubbatutti “namni micciiramaan,” jechuunis namni utuma dhoksaadhaan cubbuu raawwatuu nama duratti fakkeessuudhaan abboomamu, “Waaqayyo duratti in ciiggaʼama.” Namni micciiramaan haxxummaadhaan namoota kan biraa yeroodhaaf gowwoomsuu kan dandaʼu taʼus, Yihowaa garuu gowwoomsuu hin dandaʼu. Macaafni Qulqulluun, “Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu” jedha. Kun kan taʼe Yihowaan humna guddaa waan qabuufi Waaqa qajeelaa waan taʼeefidha.—Fak. 28:13; 1 Ximotewos 5:24; Ibroota 4:13 dubbisi.

15. Maal gochuurraa fagaachuu qabna? Maaliif?

15 Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduunsaanii garaadhaa isa jaallatu. Obboloota gumii keessatti argaman keessaa fakkeessaadhaan Yihowaa kan waaqeffatu hin jiru jechuun ni dandaʼama. Haataʼu malee, haalli kun bara Museefi gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa keessatti uumameera erga taʼee harʼas uumamuu ni dandaʼa. (2 Xim. 3:1, 5) Taʼus, amanamummaan obboloonni keenya Yihowaadhaaf argisiisan garaadhaa kan madde taʼuuf dhiisuusaa dursinee yaaduudhaan shakkuu qabnaa? Matumaa! Ragaa qabatamaa hin taanerratti hundoofnee obboloota keenya shakkuun dogoggora guddaadha. (Roomaa 14:10-12; 1 Qorontos 13:7 dubbisi.) Hunda caalaammoo, amanamummaa obboloota keenyaa shakkuun karaa hafuuraa balaa nurraan geessisuu dandaʼa.

16. (a) Amalli fakkeessuu garaa keenya keessatti hidda akka hin godhanneef maal gochuu qabna? (b) Saanduqa “ Of Ilaalaa! Of Qoraa!” jedhurraa barumsa akkamii arganna?

16 Kiristiyaanni kamiyyuu ‘hojii ofiisaa qoree ilaaluu’ qaba. (Gal. 6:4) Cubbuu kan dhaalle waan taaneef, utuu nutti hin beekamin garaadhaa Yihowaa waaqeffachuu dhiisuu dandeenya. (Ibr. 3:12, 13) Kanaaf, Yihowaa kan tajaajillu kakaʼumsa akkamiitiin akka taʼe yeroo hunda qoruu qabna. Akkas jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Yihowaa kanan waaqeffadhu jaalalaan kakaʼee, akkasumas olaantummaasaa amanee fudhadheenii? Moo eebban karaa foonii jannata keessatti argadhuufan xiyyeeffannaa guddaa kenna?’ (Mul. 4:11) Hundi keenyayyuu hojii keenya qoruufi amalli fakkeessuu garaa keenya keessa yoo jiraate qulqulleessuudhaan eebba argachuu ni dandeenya.

AMANAMUMMAA GAMMACHUU ARGAMSIISU

17, 18. Yihowaadhaaf waaqeffannaa garaadhaa madde dhiheessuu kan qabnu maaliifi?

17 Waaqeffannaa garaadhaa madde dhiheessuuf carraaqqii yommuu goonu, eebba hedduu arganna. Faarfatichi, “Namni Waaqayyo yakka tokko illee irratti hin lakkoofne, yaada isaa keessas haxxummaan hin jirre haa gammadu!” jechuudhaan barreesseera. (Far. 32:2) Eeyyee, namoonni fakkeessuurraa fagaatan gammadoodha; gara fuulduraattis gammachuu guutuu argatu.

18 Yihowaan, namoota gocha gadhee raawwataniifi jireenya bifa lama qabu jiraatan yeroosaatti saaxiluudhaan, ‘garaagarummaa qajeelotaafi jalʼoota, warra Waaqayyoof hojjetaniifi warra isaaf hin hojjenne gidduu jiru’ ifa godha. (Mil. 3:18) Hammasitti garuu, ‘iji Waaqayyoo, gara warra qajeelotaa akka ilaalu; gurrisaas kadhatasaanii akka dhagaʼu’ beekuun keenya nu gammachiisa.—1 Phe. 3:12.

^ key. 8 Mulʼanni 21:14 kan barreeffame Phaawulos ergaasaa Ximotewosiif barreessee waggoota hedduu booda siʼa taʼu, ‘dhagoota hundee taʼan’ 12⁠rratti maqaan ergamoota Yesus 12n barreeffamee akka jiru ibsa.

^ key. 12 Matadureen ittaanu jalʼinarraa fagaachuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.