Faarfannaa 106:1-48

  • Israaʼel dinqisiifannaa dhabe

    • Gochawwan Waaqaa yeruma sana irraanfatan (13)

    • Ulfina Waaqaa fakkii qotiyyootti jijjiiran (19, 20)

    • Waadaa Waaqaa irratti amantii hin qabaanne (24)

    • Waaqeffannaa Baʼaal irratti hirmaatan (28)

    • Daaʼimman jinniiwwaniif aarsaa taʼan (37)

106  Yaahiin jajadhaa!* Inni gaarii+ waan taʼeef, Yihowaadhaaf galata galchaa;Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.+   Gochawwan Yihowaa warra jajjaboo guutummaatti labsuuYookiin hojiiwwan isaa warra jajamuu qaban hundumaa lallabuu kan dandaʼu eenyu?+   Warri haqaan tarkaanfii fudhatan,Warri yeroo hunda wanta sirrii taʼe raawwatan+ gammadoo dha.   Yaa Yihowaa, yommuu saba keetti gaarummaa* argisiistu na yaadadhu.+ Gochawwan fayyinaa keetiinis kunuunsa naaf godhi;   Kunis gaarummaa ati warra siif filatamaniif+ raawwattu akkan dhandhamuuf,Saba kee wajjin akkan gammaduuf,Dhaala kee wajjin si jajachuudhaanis akkan siin boonuufi.   Nuti akkuma abbootii keenyaa cubbuu hojjenneerra;+Dogoggora raawwanneerra; hamminaanis deddeebineerra.+   Abbootiin keenya yeroo Gibxii keessa turanitti hojiiwwan kee warra dinqisiisoo hin hubanne.* Jaalala kee isa amanamaa isa hedduu taʼe hin yaadanne;Kanaa mannaa galaanicha, jechuunis Galaana Diimaa biratti fincila kaasan.+   Inni garuu maqaa isaatiif jedhee,+Jabina isaas beeksisuuf jedhee isaan oolche.+   Galaana Diimaa ni ifate; galaanichis ni goge;Akkuma waan gammoojjii* keessa deemaniitti gad fageenya galaanichaa keessa isaan geggeesse;+ 10  Harka diina isaanii jalaa isaan oolche,+Harka hamajaajii jalaas isaan fure.+ 11  Bishaanichi diinota isaanii ni uwwise;Isaan keessaa tokko illee hin oolle.*+ 12  Isaanis waadaa isaatti ni amanan;+Faarfannaa galataas isaaf faarfachuu jalqaban.+ 13  Taʼus wanta inni raawwate yeruma sana irraanfatan;+Gorsa isaas obsaan hin eegganne. 14  Lafa onaa keessatti fedhii ofittummaa isaaniitiif ni moʼaman;+Gammoojjii keessatti Waaqayyoon ni qoran.+ 15  Innis wanta isaan gaafatan isaaniif ni kenne,Sana booda garuu dhukkuba isaan* huqqisuun isaan rukute.+ 16  Buufaticha keessatti Museetti,Aaron isa Yihowaadhaaf qulqulluu taʼe+ sanattis ni hinaafan.+ 17  Achiis lafti banamtee Daataaniin liqimsite,Warra Abiraamii wajjin walitti qabaman irrattis ni deebite.+ 18  Garee isaanii gidduutti ibiddi ni bobaʼe;Laboobnis warra hamoo sana ni nyaate.+ 19  Isaan Horeeb keessatti jabbii tolchan,Siidaa sibiilaatiifis* ni sagadan;+ 20  Ulfina koosBifa qotiyyoo marga dheeduutti jijjiiran.+ 21  Waaqa isa Fayyisaa isaanii taʼe,Isa Gibxii keessatti wantoota guguddaa raawwate,+ 22  Isa biyya Kaam keessatti hojiiwwan dinqisiisoo,+Galaana Diimaa birattis gochawwan sodaachisoo raawwate+ ni irraanfatan. 23  Inni haxaaʼee isaan balleessuuf kaʼee ture,Haa taʼu malee, Museen inni isaaf filatame sunDheekkamsi isaa inni badiisa fidu isaan irraa akka goru gochuuf isaaniif ni kadhate.*+ 24  Sana booda biyya isaanii ishii bareedduu ni tuffatan;+Waadaa isaa irrattis amantii hin qaban turan.+ 25  Dunkaana isaanii keessatti gungumuu isaanii ittuma fufan;+Sagalee Yihowaa hin dhageenye.+ 26  Kanaafuu, inni lafa onaa keessatti akka dhuman gochuufWaaʼee isaanii harka isaa ol kaasee kakate;+ 27  Sanyiiwwan isaanii saboota gidduutti akka dhuman akka godhu,Biyyoota garaa garaa keessattis akka isaan bittinneessus ni kakate.+ 28  Achiis isaan waaqeffannaa Baʼaal+ isa Pheʼor irratti ni hirmaatan,*Aarsaawwan warra duʼaniif* dhihaatanis ni nyaatan. 29  Gochawwan isaaniitiin isa dheekkamsiisan,+Dhaʼichis isaan gidduutti ni kaʼe.+ 30  Taʼus Finahaas kaʼee yommuu tarkaanfii fudhatetti,Dhaʼichi sun ni dhaabbate.+ 31  Kunis dhaloota hundumaa keessatti bara baraafAkka qajeelummaatti isaaf ni lakkaaʼame.+ 32  Isaan bishaan Mariibaa* biratti isa dheekkamsiisan,Isaaniin kan kaʼes Musee irra rakkinni ni gaʼe.+ 33  Isaan baayʼee isa aarsan,Innis arraba isaatiin ariifatee dubbate.+ 34  Akka Yihowaan isaan ajajee turetti+Isaan saboota sana haxaaʼanii hin balleessine.+ 35  Kanaa mannaa, saboota sanatti makamanii+Daandiiwwan isaanii hordofan.*+ 36  Waaqolii tolfamoo isaanii tajaajiluu isaanii itti fufan,+Waaqoliin kunis kiyyoo isaanitti taʼan.+ 37  Isaan ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaaniiJinniiwwaniif aarsaa godhanii dhiheessu turan.+ 38  Dhiiga qulqulluu,Dhiiga ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaaniiWarra waaqolii tolfamoo Kanaʼaaniif aarsaa godhan+ sanaa dhangalaasuu isaanii hin dhiisne;+Biyyattiinis dhiigaan ni faalamte. 39  Isaan hojiiwwan isaaniitiin ni xuraaʼan;Gochawwan isaaniitiin karaa hafuuraa sagaagalummaa ni raawwatan.+ 40  Kanaafuu, dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti ni bobaʼe,Dhaala isaas ni jibbe. 41  Warri isaan jibban akka isaan bulchaniif,+Yeroo baayʼee sabootatti dabarsee isaan kenne.+ 42  Diinonni isaanii isaan cunqursan,Isaanis aangoo* isaanii jala galanii turan; 43  Inni yeroo baayʼee isaan ni oolche,+Isaan garuu ni fincilu, ajajamuu ni didu,+Balleessaa isaaniitiin kan kaʼes ni salphatu turan.+ 44  Inni garuu dhiphina isaanii ni ilaala,+Iyya isaan gargaarsa argachuuf dhiheessanis ni dhagaʼa ture.+ 45  Isaaniif jedhee kakuu isaa ni yaadata,Jaalala isaa isa amanamaa isa guddaa* taʼeen kakaʼees isaaniif ni gadda ture.*+ 46  Warri isaan boojiʼan hundiAkka isaaniif gaddan ni godha ture.+ 47  Yaa Waaqa keenya Yihowaa, nu oolchi;+Maqaa kee isa qulqulluudhaaf galata akka galchinuuf,Akkasumas si jajachuudhaan akka gammannuuf,+Saboota keessaa walitti nu qabi.+ 48  Yihowaan Waaqni Israaʼel,Baraa hamma bara baraatti haa jajamu.+ Namoonni hundis, “Ameen!”* haa jedhan. Yaahiin jajadhaa!*

Miiljaleewwan

Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “milkii.”
Ykn., “hiika hojiiwwan kee warri dinqisiisoon qaban hin hubanne.”
Ykn., “lafa onaa.”
Ykn., “hin hafne.”
Ykn., “lubbuu isaanii.”
Ykn., “Siidaa baqfamee tolfameefis.”
Kal., “isa dura bakka urame sana keessa dhaabbate.”
Ykn., “isaan Baʼaal isa Pheʼoritti maxxanan.”
Jechuunis, aarsaawwan namoota duʼaniif ykn waaqolii lubbuu hin qabneef dhihaatan argisiisa.
“Wal Loluu” jechuu dha.
Ykn., “baratan.”
Kal., “harka.”
Ykn., “ni gaabba ture.”
Ykn., “hedduu.”
Ykn., “Haa taʼu!”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.