Faarfannaa 12:1-8
-
Yihowaan tarkaanfii fudhachuuf ni kaʼa
-
Dubbiin Waaqayyoo qulqulluu dha (6)
-
Geggeessaa muuziqaatiif; rukuttaa Shaminiitiin.* Faarfannaa Daawit.
12 Yaa Yihowaa, namni amanamaan kana booda waan hin jirreef na oolchi;Warri amanamoon namoota gidduudhaa badaniiru.
2 Isaan soba walitti dubbatu;Hidhii isaaniitiin sobaan ni jaju,* garaa gowwoomsaadhaanis* ni dubbatu.+
3 Yihowaan hidhii sobaan jaju hundumaa,Arraba of jajuu baayʼisus ni kuta;+
4 Isaan, “Nuti arraba keenyaan ni moona.
Hidhii keenyattis akkuma feenetti fayyadamna;Eenyutu gooftaa nu irratti taʼa?”+ jedhu.
5 Yihowaan, “Warri miidhaman waan cunqurfamaniif,Warri hiyyeeyyiinis waan aadaniif,+Tarkaanfii fudhachuuf nan kaʼa.
Warra isaan tuffatan* jalaas isaan nan oolcha” jedheera.
6 Dubbiin Yihowaa qulqulluu dha;+Akka meetii iddoo ibiddaa suphee irraa tolfame* keessatti qulqulleeffametti siʼa torba kan qulqulleeffame dha.
7 Yaa Yihowaa, ati isaan ni eegda;+Tokkoon tokkoon isaanis bara baraaf dhaloota kana irraa ni eegda.
8 Ilmaan namootaa seeraan ala taʼuu waan babalʼisaniif,Hamoonni ittisa tokko malee asii fi achi deddeebiʼu.+
Miiljaleewwan
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Kal., “Hidhii laafaadhaan ni dubbatu.”
^ Kal., “garaa tokkoo fi garaa tokkoon.”
^ Ykn., “isaan irratti of bokoksan.”
^ Ykn tarii, “iddoo ibiddaa lafa irratti dhaabamuu fi sibiilli itti baqfamu.”