Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ergamoota—“hafuurota Nama Tajaajilan”

Ergamoota—“hafuurota Nama Tajaajilan”

Ergamoota—“hafuurota Nama Tajaajilan”

“Isaan kun hundinuu hafuurota hojii [“hafuurota nama tajaajilan,” NW], warra fayyina argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman mitii ree?” —IBR. 1:14.

1. Maatewos 18:10fi Ibroota 1:14rirraa jajjabina akkamii arganna?

YESUS KIRISTOS warra duuka buutotasaa gufachiisan ilaalchisee akkas jechuudhaan akeekkachiiseera: “Isaan xixinnayyoo kana keessaa tokko illee akka hin tuffanne ilaalladhaa! Ani isinittan hima, waaqa irraa ergamoonni warri isaan eeguudhaaf kennaman guyyaa hundumaa fuula abbaa koo isa waaqa irraa duratti in argamu’o.” (Mat. 18:10) Phaawulos ergamoota amanamoo ilaalchisee, “Isaan kun hundinuu hafuurota hojii [hafuurota nama tajaajilan], warra fayyina argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman mitii ree?” jechuudhaan barreesseera. (Ibr. 1:14) Yaanni, Waaqayyo namoota gargaaruuf ergamootatti akka fayyadamu ibsu kun baay’ee nama jajjabeessa. Macaafni Qulqulluun waa’ee ergamootaa maal nuu ibsa? Ergamoonni kan nu gargaaran akkamitti? Isaanirraa maal baranna?

2, 3. Hojiin ergamoonni Waaqayyoo qaban tokko tokko maalfa’i?

2 Ergamoonni amanamoon miliyoonaan lakkaa’aman samiirratti argamu. Hundisaanii, ‘jagnoota jajjaboo ajaja isaa raawwatanidha.’ (Far. 103:20; Mul’ata 5:11 dubbisi.) Ilmaan Waaqayyoo warri hafuuraa kun, ilaalcha mataasaanii, amalawwan Waaqayyoofi mirga filannaa qabu. Ergamoonni kun akka gaariitti kan gurmaa’aniifi qophii Waaqayyoo keessatti aangoo guddaa kan qaban si’a ta’u, angafni ergamootaa Mikaa’el (kun maqaa Yesus samiirratti qabudha) jedhama. (Dan. 10:13; Yih. 9) Yesus inni ‘uumama hundumaa dura dhalate,’ “Sagalicha” ykn sagalee dabarsituu Waaqayyoo si’a ta’u, Yihowaanis isatti fayyadamee wantoota hundumaa uumeera.—Qol. 1:15-17; Yoh. 1:1-3.

3 Suraafeloonni angafa ergamootaa jala ta’uudhaan, qulqullummaa Yihowaa labsu; akkasumas qulqullummaa sabasaa eegu. Ergamoonni Kiruubelota jedhamanimmoo, olaantummaasaa deggeru. (Uma. 3:24; Isa. 6:1-3, 6, 7) Ergamoonni kaanimmoo fedha Yihowaa raawwachiisuu keessatti hojii addaddaa qabu.—Ibr. 12:22, 23.

4. Yommuu hundeen lafaa kaa’ame ergamootatti maaltu dhaga’ame? Namoonni mirga waan barbaadan filachuuf isaanii kennametti sirriitti fayyadamaniiru utuu ta’ee maal argatu turan?

4 Ergamoonni hundi ‘yommuu hundeen lafaa kaa’ame’ gammadaniiru. Lafti bakka jireenya ilmaan namootaa akka taatu gochuurratti ga’ee qabanis gammachuudhaan raawwataniiru. (Iyo. 38:4, 7) Yihowaan namoota ‘ergamootaa gadi godhee’ uumeera; haata’u malee namoota akka ‘bifasaatti’ uumuudhaan amalawwansaa warra gurguddaa ta’an akka qabaatan godheera. (Ibr. 2:7; Uma. 1:26) Addaamiifi Hewwaan, akkasumas ijoolleensaanii mirga waan barbaadan filachuuf isaanii kennametti sirriitti fayyadamuudhaan, maatii Yihowaa isa uumama cufaa wajjin tokko ta’anii barabaraaf jannata keessa jiraachuu danda’u turan.

5, 6. Ergamaan tokko Waaqayyorratti kan ka’e akkamitti? Waaqayyo tarkaanfii akkamii fudhate?

5 Ergamoonni amanamoon, yommuu maatii Waaqayyoo isa samii keessatti Isaaf abboomamuu diduun jalqabame, baay’ee gaddanii akka turan beekamaadha. Isaan keessaa inni tokko Yihowaa jajachuu didee, waaqeffatamuu barbaade. Ergamaan kun, bulchiinsa Yihowaa mormuufi sassataan olaantummaa Yihowaa fudhachuuf hawwuudhaan, Seexana (jechuunis “Mormituu”) of godhe. Seexanni haxxummaatti fayyadamee sobuudhaan, Addaamiifi Hewwaan isaa wajjin ta’anii Uumaasaanii isa jaalala qabeessarratti akka ka’an godhe.—Uma. 3:4, 5; Yoh. 8:44.

6 Yihowaan firdii Seexanarratti dabarsu ilaalchisee yeruma sana akka armaan gadii jechuudhaan, raajii Macaafa Qulqulluu isa jalqabaa dubbateera: “Ani sii fi dubartittii gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee gidduus diinummaa nan buusa; inni mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in iddita.” (Uma. 3:15) Diinummaan Seexanaafi “dubartii” Waaqayyoo sana gidduu jiru itti fufa. Eeyyee, Yihowaan jaarmiyaasaa isa samiirratti argamuufi ergamoota amanamoo ta’an qabate, akka haadha manaasaa ishee jaallatamtuutti ilaala. Raajiin kun “dhoksaa” suutuma suuta ibsamaa adeemu ta’us, abdii amansiisaa irraa arganna. Waaqayyo, kutaan jaarmiyaasaa inni samiirra jiru tokko, warra isarratti ka’an akka caccabsu gochuufi isattis fayyadamee “wanta bantii waaqaa keessa jiru, wanta lafa irra jiru” hundumaas tokko gochuuf kaayyoo qaba.—Efe. 1:8-10.

7. Bara Nohitti ergamoonni tokko tokko maal godhan? Kunoo maal isaanirra geessise?

7 Bara Nohitti ergamoonni hedduun “lafa taa’umsa isaanii” gadhiisanii, lafarratti fedha ofittummaa raawwachuuf foon uffatanii tura. (Yih. 6; Uma. 6:1-4) Yihowaan ergamoota isarratti ka’an dukkana limixiitti gad darbateera; isaanis Seexana cina dhaabachuudhaan, “macca hafuurota hamminaa” fi diinota tajaajiltoota Waaqayyoo ta’aniiru.—Efe. 6:11-13; 2 Phe. 2:4.

Ergamoonni Kan Nu Gargaaran Akkamitti?

8, 9. Yihowaan namoota gargaaruuf ergamootatti kan fayyadame akkamitti?

8 Ergamoonni Waaqayyoo, Abrahaamiin, Yaaqoobiin, Musee, Iyaasuu, Isaayaasiin Daani’eliin, Yesusiin, Phexrosiin, Yohannisiifi Phaawulosiin dabalatee namoota hedduu gargaaraniiru. Ergamoonni amanamoon, murtoo Waaqayyoo kan raawwachiisan ta’uusaarrayyuu, Seera Musee dabalatee raajiiwwaniifi qajeelfamawwan hedduu kennaniiru. (2 Mot. 19:35; Dan. 10:5, 11, 14; HoE. 7:53; Mul. 1:1) Yeroo ammaatti guutummaa Macaafa Qulqulluu waan qabnuuf, ergamoonni ergaa Waaqayyoo nuu dabarsuunsaanii barbaachisaa ta’uu dhiisuu danda’a. (2 Xim. 3:16, 17) Ergamoonni namootatti mul’achuu baatanis, jaalala Waaqayyoo raawwachuufi tajaajiltootasaa gargaaruurratti dhimmanii hojjechaa jiru.

9 Macaafni Qulqulluun, “Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata, inni isaan in oolchas” jechuudhaan nuu mirkaneessa. (Far. 34:7; 91:11) Seexanni, namoonni rakkinni yoo isaanirra ga’e Waaqayyoof amanamoo hin ta’an jechuudhaan gaaffii waan kaaseef, Seexanni qorumsa addaddaa akka nutti fidu Yihowaan ni heyyama. (Luq. 21:16-19) Haata’u malee, Waaqayyo qorumsi isaaf amanamoo ta’uu keenya mirkaneessu yoom dhaabachuu akka qabu beeka. (1 Qorontos 10:13 dubbisi.) Ergamoonni, haala fedha Yihowaa wajjin walsimuun nu gargaaruuf dammaqinaan eegaa jiru. Ergamoonni Waaqayyoo, Shaadraakiin, Meshaakiin, Abed-Neegoo, Daani’eliifi Phexrosiin kan oolchan ta’eyyuu, Isxifaanosiifi Yaaqoobiin garuu ajjeefamuurraa hin oolchine. (Dan. 3:17, 18, 28; 6:22; HoE. 7:59, 60; 12:1-3, 7, 11) Haallisaafi dhimmisaa addadda ture. Haaluma wal fakkaatuun obboloonni keenya tokko tokko mana hidhaa Naazii keessatti kan ajjeefaman ta’us, Yihowaan hedduunsaanii akka oolan gargaareera.

10. Ergamootaan alatti, eessaa gargaarsa argachuu dandeenya?

10 Caaffanni Qulqullaa’oon, namoonni hundi ergamaa isaan eegu akka qaban hin barsiisan. ‘Akka fedhasaatti yoo isa kadhanne [Waaqayyoo] akka nuuf dhaga’u’ amantaa qabna. (1 Yoh. 5:14) Dhugaadha Yihowaan ergamaan tokko akka nu gargaaru nuu erguu danda’a; gargaarsa kana garuu karaa addaddaa argachuu dandeenya. Kiristiyaanonni hidhata keenya ta’an, gargaarsaafi jajjabina nuu kennuuf kaka’uu danda’u. Waaqayyo, ‘wanta dhagna keenya keessa taa’ee nu waraanuufi’ akka ‘ergaa Seexanaa’ ta’ee nu rukutu mo’uuf, ogummaafi jabina barbaachisaa nuu kennuu danda’a.—2 Qor. 12:7-10; 1 Tas. 5:14.

Fakkeenya Yesus Duukaa Bu’aa

11. Ergamoonni Yesusiin kan gargaaran akkamitti? Yesus Waaqayyoof amanamaa ta’uudhaan maal raawwate?

11 Yihowaan Yesusii wajjin haala wal qabateen akkamitti ergamootatti akka fayyadame ilaali. Ergamoonni dhalachuufi du’aa ka’uu Yesus labsuu dabalatee, yommuu inni lafarra ture isa gargaaraniiru. Ergamoonni, Yesus akka hin qabamneefi gara jabinaan akka hin ajjeefamne gochuu danda’u turan. Kanaa mannaa, ergamaan tokko isa jajjabeessuuf ergameera. (Mat. 28:5, 6; Luq. 2:8-11; 22:43) Yesus kaayyoo Yihowaa wajjin haala walsimuun aarsaa ta’ee du’uufi namni cubbuu hin dhaalle tokko qorumsi guddaan yoo irra ga’ellee, Yihowaadhaaf amanamaa ta’uu akka danda’u mirkaneesseera. Kanaan kan ka’es Yihowaan Yesusiin du’aa kaasee jireenya hin badneefi ‘gooftummaa hundumaa’ isaa kennuudhaadhan, ergamoonni akka isaaf abboomaman godheera. (Mat. 28:18; HoE. 2:32; 1 Phe. 3:22) Kanaaf Yesus “sanyii” “dubartii” Waaqayyoo isa guddaa ta’uusaa mirkaneesseera.—Uma. 3:15; Gal. 3:16.

12. Akkuma Yesus of qabuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

12 Yesus, ergamoonni na eegu jedhee wanta balaadhaaf isa saaxilu raawwachuudhaan Yihowaa qoruun sirrii akka hin taane beeka ture. (Maatewos 4:5-7 dubbisi.) Kanaaf, fakkeenya Yesus duukaa buunee “of qabuutti” jiraachuudhaan, wanta balaadhaaf nu saaxilurraa fagaachuufi amantiidhaan ari’atama nurra ga’u haa moonu.—Tit. 2:12.

Ergamoota Amanamoorraa Maal Baranna?

13. Fakkeenya ergamoota amanamoo 2 Phexros 2:9-11⁠rratti ibsamaniirraa maal baranna?

13 Phexros, namoota tajaajiltoota Yihowaa warra dibaman “arrabsan” yommuu morme, ergamoota amanamoo fakkeenya gaarii ta’an caqaseera. Ergamoonni kun humna guddaa kan qaban ta’us, waan gad of deebisaniif ‘Waaqayyo duratti’ namoota sanatti hin faranne. (2 Phexros 2:9-11 dubbisi.) Nuyis, warra gumii keessatti aboo qaban kabajuufi wanta sirrii akka hin taane nutti dhaga’ame tokko Yihowaa isa Abbaa Firdii Olaanaa ta’eef dhiisuudhaan, karaa sirrii hin taaneen warra kaanitti faraduurraa of haa eeggannu.—Rom. 12:18, 19; Ibr. 13:17.

14. Gad of deebisanii tajaajiluu ilaalchisee ergamootarraa maal baranna?

14 Ergamoonni Yihowaa, gad of deebisanii tajaajiluutti fakkeenya gaarii nuu ta’u. Ergamoonni tokko tokko maqaasaanii namootatti himuurraa of qusataniiru. (Uma. 32:29; Abo. 13:17, 18) Samiirra kan jiran Ergamoota miliyoonaan lakkaa’aman ta’anis, Macaafni Qulqulluun maqaadhaan kan ibsu Gabri’eliifi Mikaa’el qofadha. Kun kan ta’e, ergamootaaf ulfina sirrii hin taane kennuurraa akka of qusannu ta’uu danda’a. (Luq. 1:26; Mul. 12:7) Yohannis ergamaan yommuu ergamaa tokkoof kufee sagaduuf jedhetti ergamichi, “Kana gochuun siif hin ta’u! Ani sii fi obboloota kee[fis] . . . hidhata hojii ti” jedheera. (Mul. 22:8, 9) Kadhannaafi waaqeffannaan keenya Waaqayyoof qofa dhihaachuu qaba.—Maatewos 4:8-10 dubbisi.

15. Ergamoonni obsa qabaachuutti fakkeenya kan nuu ta’an akkamitti?

15 Obsa ilaalchisees ergamootarraa wanta barannu qabna. Ergamoonni dhoksaa Waaqayyoo beekuuf fedhii guddaa kan qaban ta’us, dhoksaan kun hundi isaanitti hin himamne. Macaafni Qulqulluun, “Kana immoo ergamoonni Waaqayyoo iyyuu keessa lixanii ilaaluu in hawwu turan” jedha. (1 Phe. 1:12) Yeroo kanatti maal godhu? Waaqayyo yeroonsaa ga’ee ‘ogummaasaa isa dachaa baay’ee qabu’ ‘karaa waldaa kristiyaanaa hanga beeksisutti’ obsaan eeggatu.—Efe. 3:10, 11.

16. Amalli keenya ergamootarratti dhiibbaa geessisuu kan danda’u akkamitti?

16 Kiristiyaanonni qorumsi irra ga’e, ‘ergamoota waaqarraa biratti ilaalchaaf ta’aniiru.’ (1 Qor. 4:9) Ergamoonni, yommuu amanamoo taanu, keessumaammoo yommuu namni cubbuu hojjete tokko yaada garaa geddaratu baay’ee gammadu. (Luq. 15:10) Ergamoonni amala gaarii dubartoonni Kiristiyaanota ta’an qaban ni argu. Macaafni Qulqulluun, “Dubartiin ergamoota Waaqayyoo duratti aboo jala jiraachuu ishee kan argisiisu, haguuggii mataa irraa qabaachuun in ta’aaf” jedha. (1 Qor. 11:3, 10) Eeyyee, ergamoonni yommuu dubartoonni Kiristiyaanaafi tajaajiltoonni Waaqayyoo lafarratti argaman hundi, qajeelfama ti’ookraasiifi seera matummaa eegan baay’ee gammadu. Abboomamuun akkasii ilmaan Waaqayyoo kanaaf yaadachiisa gaarii ta’a!

Ergamoonni Hojii Lallabaa Ni Deggeru

17, 18. Ergamoonni hojii lallabaa keenya ni deggeru kan jennu maaliifi?

17 Ergamoonni wantoota dinqisiisaa “Guyyaa Gooftaa” keessatti raawwataman tokko tokkorratti hirmaataniiru. Wantoonni kun, Mootummichi bara 1914⁠tti hundeeffamuusaafi “Mikaa’el, ergamoota isaa wajjin” Seexanaafi hafuurota hamoo samiirraa gad darbachuusaa dabalatu. (Mul. 1:10; 11:15; 12:5-9) Yohannis, “ergamaan biraa tokko, wangeela isa bara baraa baatee, warra lafa irra taa’anitti, . . . labsuudhaaf bantii waaqaa walakkaa utuu balali’uu” argeera. Ergamichis, “Yeroon firdii isaa waan ga’eef, Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf! Isa waaqa, lafa, galaana, burqituu bishaanii uumeefis sagadaa!” jedhe. (Mul. 14:6, 7) Kanaan kan ka’e, tajaajiltoonni Yihowaa Seexanni mormii cimaa isaanirraan ga’us, waa’ee Mootummicha hundeeffamee misiraachoo yommuu labsan, gargaarsa ergamootaa akka argatan mirkanaa’oodha.—Mul. 12:13, 17.

18 Yeroo ammaatti ergamoonni, akkuma Filiphos nama Itoophiyaa sana bira akka dhaqu itti himan, namoota garaa qajeelaa qaban bira akka dhaqnu kallattiidhaan nutti hin himan. (HoE. 8:26-29) Haata’u malee, muuxannoowwan yeroo ammaatti argaman hedduun akka argisiisanitti, ergamoonni namootatti hin mul’atin malee, hojii lallaba Mootummichaa kanarratti nu gargaaru; akkasumas gara namoota ‘jireenya barabaraatiif qophaa’aniitti’ nu geessu. * (HoE. 13:48, hiika bara 1899) Yeroo hunda tajaajilarratti hirmaachuudhaan, namoota ‘hafuuraafi dhugaadhaan Abbaadhaaf sagaduu’ fedhan barbaaduurratti ga’ee qabnu raawwachuun keenya baay’ee barbaachisaadha.—Yoh. 4:23, 24.

19, 20. Ergamoonni yommuu mallattoowwan “dhuma biyya lafaa” raawwatamanitti ga’ee akkamii qabu?

19 Yesus yeroo keenya ilaalchisee “dhuma biyya lafaatti” ergamoonni, “Warra hamoota warra qajeelotattii gargar in baasu” jedheera. (Mat. 13:37-43, 49) Ergamoonni, dibamtoota walitti qabuufi isaanirratti mallattoo gochuurratti ni hirmaatu. (Maatewos 24:31 dubbisi; Mul. 7:1-3) Kana malees, Yesus ergamootaa wajjin ta’uudhaan, “hoolota re’ootattii gargar in fo’a.”—Mat. 25:31-33, 46.

20 “Gaafa gooftaan Yesus ergamoota aangoo isaa wajjin waaqa irraa mul’atu,” ‘warri Waaqayyoon beekuu hin barbaanneefi wangeela gooftaa keenya Yesusiif hin abboomamne’ hundi ni balleeffamu. (2 Tas. 1:6-10) Yohannis yommuu mul’ata kana ilaale, Yesusiifi ergamoonni Waaqayyoo farda adiirra taa’anii lola qajeelummaatiif akka gulufan ibseera.—Mul. 19:11-14.

21. Ergamaan, “banaa iddoo isa lafa jalaa sanaa, fuuncaa guddaas of harkaa qabu,” Seexanaafi hafuurota hamoorratti tarkaanfii akkamii fudhata?

21 Kana malees Yohannis, “ergamaan banaa iddoo isa lafa jalaa sanaa, fuuncaa guddaas of harkaa qabu tokko, waaqa keessaa gad bu’uu isaa” argeera. Qaamni asirratti ibsame, Mikaa’el angafa ergamootaa isa Seexanaafi hafuurota hamoo hidhee gara iddoo lafa jalaatti darbatuun alatti eenyuyyuu ta’uu hin danda’u. Seexanniifi hafuuronni hamoon kun, dhuma bulchiinsa Kiristos isa Barkumeetti namoota cubbuu hin qabne yeroo dhumaatiif qoruuf yeroo gabaabaadhaaf ni gadhiifamu. Achiis Seexanniifi warri Waaqayyorratti ka’an hundi ni balleeffamu. (Mul. 20:1-3, 7-10; 1 Yoh. 3:8) Sana booda Waaqayyorratti ka’uun hin jiraatu.

22. Ergamoonni wanta dhiheenyatti raawwatamurratti kan hirmaatan akkamitti? Ga’ee ergamoonni qaban ilaalchisee maaltu nutti dhaga’amuu qaba?

22 Yeroon sirna Seexanaa kanarraa walaba itti taanu dhihaateera. Ergamoonni, hojii bakka guddaan kennamuuf kanarratti jechuunis, olaantummaa Yihowaa mirkaneessuufi kaayyoo inni lafaafis ta’e ilmaan namootaatiif qabu raawwachuurratti ga’ee guddaa qabaatu. Dhugumayyuu, ergamoonni amanamoon, “hafuurota hojii, warra fayyina argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman[idha.]” Kanaaf Yihowaan fedhasaa akka raawwannuufi jireenya barabaraa akka argannu nu gargaaruuf ergamoota kanatti fayyadamuusaatti kan galateeffannu haa taanu.

[Miiljalee]

^ key. 18 Kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaa Labsitoota Mootummichaa Ta’an jedhamu ful. 549-551 ilaali. (Ingiliffa)

Maal Jettee Deebista?

• Ergamoonni Waaqayyoo kan gurmaa’an akkamitti?

• Ergamoonni tokko tokko bara Nohitti maal godhan?

• Waaqayyo ergamootatti fayyadamee kan nu gargaaru akkamitti?

• Ergamoonni amanamoon yeroo keenyatti hojiiwwan akkamii raawwatu?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 21rra jiru]

Ergamoonni fedha Waaqayyoo raawwachuutti gammadu

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Ergamoonni akkuma Daani’eliin gargaaran, fedha Waaqayyoo wajjin haala walsimuun nu gargaaruuf dammaqanii eeggatu

[Fakkii fuula 24rra jiru]

Ergamoonni hojii lallaba Mootummichaarratti waan nu gargaaraniif ija jabeeyyii ta’aa!

[Madda]

Globe: NASA photo