Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Namoonni Wanta Macaafni Qulqulluun Barsiisu Hojiirra Akka Oolchan Gargaaraa

Namoonni Wanta Macaafni Qulqulluun Barsiisu Hojiirra Akka Oolchan Gargaaraa

Namoonni Wanta Macaafni Qulqulluun Barsiisu Hojiirra Akka Oolchan Gargaaraa

“Lafti gaariin, fakkeenya warra dubbicha dhaga’anii, garaa gaariidhaa fi abboomamaadhaan fudhatanii, rakkina hundumaa obsanii ija godhatanii ti.”—LUQAAS 8:15.

1, 2. (a) Kitaabni Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu kaayyoo maaliitiif qophaa’e? (b) Waggoota dhihoodhaa asitti Yihowaan carraaqqii sabnisaa namoota bartoota taasisuuf godhan kan eebbise akkamitti?

“KITAABICHI baay’ee gaariidha. Anis ta’e namoonni ani Macaafa Qulqulluu qayyabsiisu kitaabicha jaallanneerra. Kitaabni kun namoonni akkuma balbalasaaniirra dhaabatanitti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf gargaara.” Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? * jedhamu ilaalchisee akkas jechuudhaan kan dubbatte Dhugaa Baatuu Yihowaa tajaajiltuu yeroo guutuu taate tokkodha. Labsituun Mootummichaa umrii dheeraa qabu tokkommoo akkas jedheera: “Waggoota 50 tajaajilarratti dabarserratti namoonni baay’een Yihowaa akka baran gargaaruuf mirga argadheera. Kitaabni qayyabannaaf qophaa’ee kun garuu baay’ee adda ta’uusaa ibsuun barbaada. Fakkeenyiifi fakkiiwwan kitaabicharratti argaman baay’ee kan nama hawwatanidha.” Atoo waa’ee kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu akkas sitti dhaga’amaa? Kitaabni Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaaru kun, abboommii Yesus: ‘Egaa dhaqaa, waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa saba hundumaa bartoota koo godhaa!’ jechuudhaan kenne raawwachuuf akka si gargaaruuf kan qophaa’edha.—Maatewos 28:19, 20.

2 Yeroo har’aatti Dhugaa Baatonni Yihowaa miliyoona  6.6 ta’an, ajaja Yesus namoota akka bartoota taasisnuuf kenne fedhiidhaan raawwachaa akka jiran arguunsaa akka Yihowaa gammachiisu homaa hin shakkisiisu. (Fakkeenya 27:11) Yihowaan carraaqqii isaan godhan eebbisaa akka jiru ifaadha. Fakkeenyaaf waggaa tajaajilaa 2005⁠tti, misiraachichi biyyoota 235 ta’anitti kan lallabame yommuu ta’u, giddu galeessaan namoonni 6,061,500 ol ta’an Macaafa Qulqulluu qayyabataniiru. Kanaan kan ka’e, namoonni hedduun ‘Dubbii Waaqayyoo akka dubbii namaatti utuu hin ta’in akka Dubbii Waaqayyootti fudhataniiru.’ (1 Tasaloniiqee 2:13) Waggoota lamaan darbanitti bartoonni haaraan miliyoona walakkaa ol ta’an jireenyasaanii seerawwan bu’uuraa Yihowaan qajeelummaadhaaf baasee wajjin wal simsiisuudhaan Waaqayyoof of murteessaniiru.

3. Mataduree kana keessatti kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamuun gargaaramuu ilaalchisee gaaffiiwwan kam ilaalla?

3 Yeroo dhihoodhaa asitti Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuudhaan gammachuu argachuu dandeesseettaa? Har’as namoonni dubbii Waaqayyoo “garaa gaariifi abboomamaadhaan fudhatanii rakkina hundumaa obsanii ija godhatan” addunyaa maratti ni argamu. (Luqaas 8:11-15) Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamuun fayyadamnee namoota bartoota taasisuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e mee haa ilaallu. Mataduree kan keessatti gaaffiiwwan armaan gaditti argaman sadanirratti mari’anna: (1) Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu kan dandeessu akkamitti? (2) Malli ittiin barsiisuuf caalaatti bu’a-qabeessa ta’e isa kami? (3) Namni tokko barataa Macaafa Qulqulluu qofa utuu hin ta’in barsiisaa Dubbii Waaqayyoo akka ta’u akkamitti gargaaruu dandeessa?

Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuu Kan Dandeessu Akkamitti?

4. Namoonni tokko tokko Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan sodaatan maaliifi? Sodaasaanii kana akka mo’an akkamitti gargaaruu dandeessa?

4 Laga guddaa tokko tarkaanfii tokkoon akka ceetu utuu gaafatamtee wanti kun matumaa ta’uu akka hin dandeenye sitti dhaga’ama ta’a. Haata’u malee, dhagaan irra ejjettee ceetu utuu sii kaa’amee ce’uun ni danda’ama jetta. Haaluma wal fakkaatuun, namni hojiin itti baay’atu tokko Macaafa Qulqulluu qayyabachuu danda’uusaa mamuu danda’a. Macaafa Qulqulluu qayyabachuun yeroo dheeraafi carraaqqii guddaa akka gaafatu isatti dhaga’amuu danda’a. Sodaasaa kana akka mo’u gargaaruu kan dandeessu akkamitti? Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamuun maree gabaabaa itti fufiinsa qabuufi barumsa argamsiisaniin gargaaramtee gara qayyabannaa Macaafa Ququlluu idilee ta’etti ceesisuu dandeessa. Akka gaariitti qophooftee kan dhaqxu yoo ta’e, deddeebiin gaaffii ati gootu akka dhagaa irra ejjetanii ittiin ce’anii isaaf ta’uu danda’a.

5. Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu dubbisuunkee barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

5 Haata’u malee, namoonni kaan kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu kanarraa akka fayyadaman gargaaruukee dura atumtiyyuu yaada kitaaba kanaa sirriitti beekuu qabda. Kitaabicha jalqabaa hanga xumuraatti dubbisteettaa? Abbaan manaafi haati manaa tokko yeroo boqonnaadhaaf deeman, kitaaba kana fudhatanii deemanii waan turaniif qarqara galaanaatti bashannanaa kitaabicha dubbisuu jalqaban. Dubartiin namoota naannoo sana daawwatanitti mi’a gurgurtu tokko isaanitti dhihaachuudhaan mataduree Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhu argite. Achiis, dubartittiin sa’aatii muraasa dura Macaafni Qulqulluun maal akka barsiisu hubachuuf akka ishee gargaaruuf Waaqayyoon kadhattee akka turte isaanitti himte. Abbaan manaafi haati manaa kunis gammachuudhaan kitaabicha isheedhaaf kennan. Atoo, hanga sa’aatiin beellamakee ga’utti ykn hojiirraa yeroo boqonnaa baatu ykn yeroo manni barumsaa cufamu kitaaba kana tarii yeroo lammaffaa dubbisuuf ‘yeroo siif kenname utuu hin dabarsin’ itti fayyadamaa jirtaa? (Efesoon 5:15, 16) Akkas gochuunkee yaada kitaaba Macaafa Qulqulluu ittiin qayyabsiisuuf gargaaru kana caalaatti beekuuf si gargaaruusaarrayyuu, ergaa kitaabicha keessatti argamu warra kaaniif akka hirtu carraa sii bana.

6, 7. Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamuun qayyabannaa jalqabsiisuu kan dandeessu akkamitti?

6 Kitaaba kana yommuu tajaajilarratti raabsitu fakkeenyawwan, caqasootaafi gaaffiiwwan fuula 4, 5fi 6⁠rratti argaman karaa bu’a-qabeessa ta’een itti fayyadami. Fakkeenyaaf gaaffii akkas jedhu gaafachuudhaan marii jalqabuu dandeessa: “Rakkoowwan hedduu yeroo har’aatti ilmaan namootaarra ga’aa jiraniif qajeelfamni amansiisaan eessaa argamuu danda’a?” Deebii namni kun kennu xiyyeeffannaadhaan erga dhaggeeffattee booda 2 Ximotewos 3:16, 17 dubbisuudhaan Macaafni Qulqulluun rakkoo ilmaan namootaarra ga’uuf furmaata akka kennu ibsiif. Achiis fakkiiwwan fuula 4fi 5⁠rratti argaman itti argisiisuudhaan akkas jedhii gaafadhu: “Wantoota fakkiiwwan kanarratti argitu keessaa baay’ee kan si yaaddessu isa kami?” Fakkiiwwan sana keessaa tokko yoo sitti argisiise, kitaabicha akka sii qabu gochuudhaan caqasa rakkoo kana ilaalchisee caqasame Macaafa Qulqulluurraa dubbisiif. Ittaansuudhaanis, yaada fuula 6⁠rratti argamu dubbisuudhaan akkas jedhii isa gaafadhu: “Gaaffiiwwan dhuma fuula kanaarratti argaman ja’aan keessaa isa kamiif deebii argachuu barbaadda?” Namichi gaaffii tokko yoo filate, boqonnaa gaaffii kanaaf deebii kennu itti argisiisuudhaan kitaabicha kenniif; guyyaa garabiraa wal argitanii gaaffiisaarratti mari’achuu akka dandeessaniif beellama qabadhu.

7 Yaada armaan olitti argamuun fayyadamtee yeroo daqiiqaa shan hin guunneen maree jalqabuu dandeessa. Haata’u malee, yeroo gabaabaa kana keessatti wantoota nama sana yaaddessan hubachuu, caqasoota lama dubbisuufi ibsuu, bu’uura deddeebii gaaffii gochuuf si gargaaru kaa’uu dandeesseetta. Mareen ati nama kanaa wajjin goote baay’ee isa jajjabeessee ta’uu danda’a. Kanaan kan ka’es, namni hojiin itti baay’atullee daqiiqaa muraasa fudhatee si wajjin mari’achuuf fedhii qabaachuufi tarkaanfii ‘karaa gara jireenyaatti geessurra’ akka deddeebi’u isa gargaaruuf carraa sii bana. (Maatewos 7:14) Fedhiin nama sanaa yommuu guddachaa adeemu, sa’aatiin qayyabannaarratti dabarsitan dheerachaa adeemuu qaba. Kana gochuufimmoo, yeroo dheeraa waliin teessanii qayyabachuu akka dandeessan yaada dhiheessuufii dandeessa.

Malawwan Ittiin Barsiisuuf Caalaatti Bu’a-Qabeessa Ta’an

8, 9. (a) Namni Macaafa Qulqulluu qayyabsiistu gufuuwwaniifi qorumsawwan isa mudatan mo’uuf akka qophaa’u gargaaruu kan dandeessu akkamitti? (b) Mi’a ibidda mo’uun amantaa jabaa hundeessuuf gargaaru eessaa argachuu danda’ama?

8 Namni tokko yommuu barumsa Macaafa Qulqulluutiif abboomamuu jalqabu, rakkoowwan guddinasaatiif gufuu ta’an isa mudachuu danda’u. Phaawulos: “Karaa Kristos Yesus nama Waaqayyoo ta’ee jiraachuu kan hawwu hundinuu ari’atamuuf jira” jedheera. (2 Ximotewos 3:12) Phaawulos, ari’atama kana ibidda mana mi’a jabina hin qabneen ijaarame gubee balleessuufi meeshaawwan akka warqee, meetiifi dhagaa gati-jabeessaan ijaaraman garuu balleessuu hin dandeenyee wajjin akka wal fakkaatu ibseera. (1 Qorontos 3:10-13; 1 Phexros 1:6, 7) Namni ati Macaafa Qulqulluu qayyabsiistu amalawwan ari’atama mo’uuf isa gargaaran akka horatu gargaaruuf, mi’a ibidda danda’uun ijaaruu qabda.

9 Faarfatichi, “Dubbiin Waaqayyoo dubbii qullaa’aa . . . akka meetii iddoo ibiddaatti si’a torba baqfamee qullaa’ee” wajjin akka wal fakkaatu ibseera. (Faarfannaa 12:6) Dhugumayyuu, Macaafni Qulqulluun meeshaawwan hundee amantaa jabaa ittiin ijaaruuf gargaaran qabateera. (Faarfannaa 19:7-11; Fakkeenya 2:1-6) Kitaabni Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu caqasoota karaa bu’a-qabeessa ta’een gargaaramuu kan dandeessu akkamitti akka ta’e ibsa.

10. Baratichi Macaafa Qulqulluurratti akka xiyyeeffatu gargaaruu kan dandeessu akkamitti?

10 Yommuu qayyabattan, baratichi caqasoota boqonnicha keessatti argamanirratti akka xiyyeeffatu gargaari. Gaaffiiwwan adda addaa gaafachuudhaan caqasoota ijoo ta’an akka qalbeeffatuufi akkamitti hojiirra oolchuu akka danda’u akka hubatu gargaari. Maal gochuu akka qabu dubbachuurraa of qusadhu. Kanaa mannaa fakkeenya Yesus hordofi. Yeroo tokko Yesus gaaffii namni Seera beeku tokko isa gaafateef yommuu deebii kennu: “Seera keessatti maaltu caafamee jira? Namootaaf attamitti dubbifta?” jedhee isa gaafatee ture. Namichis Caaffata Qulqullaa’oorraa caqasuudhaan deebii kan kenne yommuu ta’u, Yesusis namichi seera bu’uuraa yaada sana keessatti argamu hojiirra oolchuu kan danda’u akkamitti akka ta’e akka hubatu isa gargaare. Kana malees, fakkeenya itti himuudhaan barumsichi isa tuquu kan danda’u akkamitti akka ta’e isa hubachiise. (Luqaas 10:25-37) Kitaabni Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu baratichi seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oo keessatti argaman akkamitti hojiirra oolchuu akka danda’u hubachuuf isa gargaaraniifi fakkeenyawwan salphaa ta’an hedduu qabateera.

11. Sa’aatii qayyabannaadhaaf ramadamerratti keeyyata meeqa qayyabachuu qabdu?

11 Akkuma Yesus yaadawwan ulfaatan karaa salphaafi ifa ta’een ibsaa ture, kitaabni kunis Dubbii Waaqayyoo karaa salphaafi ifa ta’een ibsa. (Maatewos 7:28, 29) Atis barumsicha karaa salphaafi ifa ta’een barsiisuudhaan fakkeenyasaa hordofi. Barumsicha xumuruuf hin jarjarin. Kanaa mannaa, haalliifi dandeettiin barataan sun qabu, sa’aatii qayyabannaadhaaf ramadame keessatti keeyyata meeqa qayyabachuu akka qabdan murteessuuf isin gargaara. Yesus dandeettiin bartoonnisaa qaban muraasa ta’uusaa waan beekuuf, wanta yeroo sanatti hubachuu danda’an caalaa isaanitti himuudhaan ba’aa barbaachisaa hin taane isaanitti hin feene.—Yohannis 16:12.

12. Kutaa dabalataatti akkamitti fayyadamuu qabda?

12 Kitaabni Barumsa Macaafa Qulqulluu kutaawwan dabalataa keessatti mataduree 14 qabateera. Barsiisaa waan taateef, fedhii baratichaa tilmaama keessa galchuudhaan kutaan kun akkamitti yoo fudhatame gaarii ta’uu akka danda’u murteessuu qabda. Fakkeenyaaf baratichi barumsa kanaan dura baratee wajjin haala wal qabateen dhimmawwan tokko tokkorratti gaaffii yoo qabaate ykn mataduree tokko hubachuun yoo itti ulfaate, deebiisaa kutaa dabalataarraa akka ilaalu itti himuun qofti ga’aa ta’uu danda’a. Karaa garabiraadhaanimmoo, haalli baratichaa kutaa dabalataa kana isaa wajjin akka ilaaltu kan si dirqisiisu ta’uu danda’a. Kutaan dabalataa kun matadureewwan Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’aniifi barbaachisaa ta’an kan akka “‘Lubbuu’ fi ‘Hafuura’—Hiikni Jechoota Kanaa Maalidha?” akkasumas “‘Baabilon Guddittii’ Adda Baasanii Beekuu” jedhaman qabateera. Matadureewwan kanarratti nama Macaafa Qulqulluu qayyabsiistuu wajjin irratti mari’achuu barbaadda ta’a. Matadureewwan kutaa dabalataa keessatti argamaniif gaaffiiwwan waan hin qophoofneef, gaaffiiwwan gaarii qopheessuu akka dandeessuuf yaada barumsichaa akka gaariitti hubachuuf yaalii godhi.

13. Kadhannaan amantaa jabeessuuratti gahee akkamii qaba?

13 Faarfannaan 127:1, “Waaqayyo mana namaa yoo ijaaruu dhaabaate, warri isa ijaaran akkasumaan itti dadhabu” jedha. Kanaaf, Macaafa Ququlluu qayyabsiisuuf yeroo qophooftu gargaarsa Yihowaa argachuuf kadhadhu. Kadhannaan ati jalqabaafi xumura qayyabanichaarratti dhiheessitu walitti dhufeenya gaarii Yihowaa wajjin qabdu kan argisiisu haa ta’u. Baratichi ogummaa Dubbii Waaqayyoo hubachuuf isa gargaaruufi humna gorsa achirratti argamu hojiirra oolchuuf isa dandeessisu argachuuf kadhannaadhaan Yihowaatti akka dhihaatu jajjabeessi. (Yaaqoob 1:5) Akkas gochuunsaa jabina qorumsa mo’uuf isa gargaaru argamsiisuusaarrayyuu, amantaansaa jabaachaa akka adeemu isa gargaara.

Barataan Macaafa Qulqulluu Barsiisaa Akka Ta’u Gargaari

14. Bartoonni Macaafa Qulqulluu guddina akkamii gochuu qabu?

14 Bartoonni Macaafa Qulqulluu ajaja Yesus bartootasaa “abboome hundumaa” akka eegan yoo barbaadame, bartoota Dubbii Waaqayyoo ta’uurra darbanii barsiistota ta’uu qabu. (Maatewos 28:19, 20; Hojii Ergamootaa 1:6-8) Barataan tokko karaa hafuuraa guddina akkasii akka argisiisu akkamitti gargaaruu dandeessa?

15. Namni Macaafa Qulqulluu qayyabsiistu walga’iiwwan gumiirratti akka argamu jajjabeessuu kan qabdu maaliifi?

15 Guyyaa qayyabachuu jalqabdanii kaasii baratichi walga’ii gumiirratti akka argamu afeeri. Dubbii Waaqayyoo barsiisuuf leenjii kan argatte walga’iiwwanirraa ta’uusaa ibsiif. Torban muraasaaf tokkoon tokkoon dhuma sagantaa qayyabannaarratti yeroo muraasa fudhachuudhaan qajeelfama hafuuraa walga’iiwwan gumiifi walga’iiwwan gurguddaarraa argatte hiriif. Faayidaa walga’iiwwan kanarraa argatte miira ho’aadhaan dubbadhu. (Ibroota 10:24, 25) Baratichi yeroo hundaa walga’iiwwanirratti argamuu yoo jalqabe yeroo booda nama Dubbii Waaqayyoo barsiisu ta’uunsaa hin oolu.

16, 17. Barataan Macaafa Qulqulluu tokko galmawwan bira ga’uu danda’u akkamii baafachuu danda’a?

16 Barataan Macaafa Qulqulluu kun galma bira ga’uu danda’u akka baafatu gargaari. Fakkeenyaaf waa’ee wantoota barate hiriyaasaatti ykn firasaatti akka himu jajjabeessuu dandeessa. Kana malees, Macaafa Qulqulluu dubbisee fixuuf akka galma baafatu yaada kennuufii dandeessa. Yeroo hundaa Macaafa Ququlluu dubbisuu akka amaleeffatu kan gargaartu yoo ta’e, barsiifannisaa kun erga cuuphamee yeroo dheeraa boodas isa gargaaruu danda’a. Kana malees, baratichi tokkoon tokkoon boqonnaa kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamurraa caqasoota gaaffiiwwan gurguddaadhaaf deebii ta’an sammuutti qabachuuf galma akka baafatu maaliif hin jajjabeessitu? Akkas gochuunsaa, “akka hojjetaa qoramee fudhatamee, waan itti yeella’u hin qabneetti akka nama dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjetuu” akka ta’u isa gargaara.—2 Ximotewos 2:15.

17 Barataan tokko caqasa itti qophaa’e yaadatee akka dubbatu ykn yaada caqasichaa gabaabaatti akka dubbatu gochuu mannaa, namoota waa’ee amantaasaa gaafataniif yommuu deebii kennu caqasichi mataduree irratti mari’achaa jirtanii wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu akka ibsu jajjabeessi. Ati akka firasaa ykn nama wajjin hojjetuu ta’uudhaan waa’ee amantaasaa akka sii ibsu gochuuf sagantaa shaakalaa utuu qabaattanii gaariidha. Baratichi ‘arraba laafaafi nama safeeffachuudhaan’ akkamitti akka deebii kennu itti argisiisi.—1 Phexros 3:16.

18. Barataan Macaafa Ququlluu tokko babal’isaa hin cuuphamne ta’uuf ga’eessa yoo ta’e, gargaarsa dabalataa akkamii kennuufii dandeessa?

18 Yeroo booda barataan kun tajaajilarratti hirmaachuuf ga’eessa ta’uu danda’a. Hojii kanarratti akka hirmaatu isaaf heyyamamuunsaa mirga guddaa ta’uusaa akka gaariiti ibsiif. (2 Qorontos 4:1, 7) Jaarsoliin babal’isaa hin cuuphamne ta’uuf ga’eessa akka ta’e yoo murteessan, yaada seensaa gabaabaa akka qophaa’u gargaari; akkasumas tajaajilarratti isaa wajjin hirmaadhu. Yeroo hundaa bifa tajaajilaa gara garaarratti isaa wajjin hirmaadhu; akkasumas deddeebii gaaffii bu’a-qabeessa ta’e gochuuf akkamitti qophaa’uu akka qabu itti argisiisi. Fakkeenya gaarii ta’uunkees bu’aa gaarii isaaf argamsiisa.—Luqaas 6:40.

‘Mataakees Ta’e Warra Si Dhagga’an Gara Fayyinaatti Geessi’

19, 20. Galma akkamii qabaachuu qabda? Maaliif?

19 Namni tokko “dhugaa beekuu biras akka ga’u” gargaaruun carraaqqii cimaa akka gaafatu beekamaadha. (1 Ximotewos 2:4) Haata’u malee, warri kaan barumsa Macaafa Qulqulluutiif akka abboomaman gargaaruun gammachuu hangana hin jedhamne argamsiisa. (1 Tasaloniiqee 2:19, 20) Dhugumayyuu, hojii barsiisuu addunyaa maratti geggeeffamu kanarratti ‘Waaqayyoo wajjin hojjechuun’ keenya mirga guddaa mitii?—1 Qorontos 3:9, 1899.

20 Yihowaan yeroo dhihootti Yesusiifi ergamoota ango-qabeeyyii ta’aniin fayyadamee “warra Waaqayyoon beekuu hin barbaadin, warra wangeela gooftaa keenya Yesusiif hin abboomaminis” ni adaba. (2 Tasaloniiqee 1:6-8) Lubbuun namootaa balaadhaaf saaxilameera. Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamuun fayyadamtee yoo xinnaate nama tokko qayyabsiisuuf galma baafachuu ni dandeessaa? Hojii kanarratti hirmaachuunkee, ‘mataakees ta’e warra si dhagga’an gara fayyinaatti geessuurratti’ hirmaachuuf carraa sii bana. (1 Ximotewos 4:16) Namoonni wanta Macaafni Qulqulluun barsiisuuf akka abboomaman gargaaruun yeroo kamiyyuu caalaatti amma ariifachiisaadha.

[Miiljalee]

^ key. 1 Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaa’e.

Maal Baratte?

• Kitaabni Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu kaayyoo maaliitiif qophaa’e?

• Kitaaba kanaan fayyadamtee qayyabannaa jalqabsiisuu kan dandeessu akkamitti?

• Malawwan barsiisuuf caalaatti bu’a-qabeessa ta’an maalfa’ii?

• Barataan Macaafa Qulqulluu barsiisaa Dubbii Waaqayyoo akka ta’u akkamitti gargaaruu dandeessa?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]