Fakkeenya 2:1-22

  • Faayidaa ogummaa (1-22)

    • Akkuma qabeenya dhokfameetti ogummaa barbaadi (4)

    • Dandeettiin yaaduu eegumsa argamsiisa (11)

    • Addaggummaan badiisa fida (16-19)

2  Yaa ilma koo, dubbii koo yoo fudhatte,Ajajawwan kootiifis iddoo guddaa yoo kennite,*+   Gurri kee xiyyeeffannaadhaan ogummaa akka dhaggeeffatu yoo goote,+Garaa kees gara hubannaatti+ yoo qabde,   Kana malees, beekumsa gad fagoo yoo waammatte,+Hubannaa+ argachuufis sagalee kee yoo ol kaaste,   Akkuma meetiitti ishii barbaaduu kee yoo itti fufte,+Akkuma qabeenya guddaa dhokfamee jiruttis ishii barbaaddachuu kee yoo itti fufte,+   Yeroo sanatti, Yihowaa sodaachuu ni hubatta,+Beekumsa Waaqayyoos ni argatta.+   Sababiin isaas, Yihowaan ogummaa ni kenna;+Beekumsii fi hubannaanis afaan isaa keessaa ni baʼu.   Inni qajeelotaaf ogummaa ni kuusa;Warra amanamummaadhaan deemaniifis gaachana dha.+   Inni daandii haqaa ni hubata,Daandii warra isaaf amanamoo taʼaniis ni eega.+   Achiis wanta qajeelaa, haqaa fi sirrii taʼe,Guutummaa daandii wanta gaarii taʼees+ ni hubatta. 10  Ogummaan yommuu garaa kee seenu,+Beekumsis yommuu lubbuu* kee gammachiisu,+ 11  Dandeettiin yaaduu si eega,+Hubannaanis si golga, 12  Kunis, daandii hamaa irraa,Nama wanta jalʼaa dubbatu irraa,+ 13  Warra daandii dukkanaa irra deemuuf,+Daandii qajeelaa dhiisan irraa, 14  Warra balleessaa raawwachuutti gammadan irraa,Warra wantoota hamoo jalʼaa taʼanitti gammadan irraa, 15  Warra daandiin isaanii micciiramaa taʼe irraa,Akkasumas warra guutummaan daandii isaanii jalʼaa taʼe irraa si eeguufi. 16  Inni dubartii addaggee* irraa,Dubbii laafaa* dubartii baalageen* dubbattu irraas si eega;+ 17  Ishiin michuu* dargaggummaa ishii ni dhiisti,+Kakuu Waaqa ishiis ni irraanfatti; 18  Sababiin isaas, manni ishii gara duʼaatti gad ni lixa,Daandiin ishiis gara warra duʼaan moʼamaniitti geessa.+ 19  Warri ishii wajjin walitti dhufeenya qaban* hin deebiʼan,Deebiʼaniis daandii jireenyaa hin argatan.+ 20  Kanaafuu, daandii namoota gaggaarii hordofi,Daandii qajeelinaas hin gadhiisin;+ 21  Sababiin isaas, qajeelota qofatu lafa irra jiraata;Warri balleessaa hin qabnes* ishii irratti ni hafu.+ 22  Hamoonni garuu lafa irraa ni buqqifamu,+Gantoonnis ishii irraa ni balleeffamu.+

Miiljaleewwan

Ykn., “Ajajawwan koos yoo kuufatte.”
Kal., “keessummaa.” Kun nama karaa amalaa Waaqayyo irraa fagaate kan argisiisu fakkaata.
Ykn., “nama hawwatu.”
Kal., “ormi.” Kun nama karaa amalaa Waaqayyo irraa fagaate kan argisiisu fakkaata.
Ykn., “abbaa manaa.”
Kal., “gara ishiitti seenan.”
Ykn., “amanamummaa isaanii eeganis.”