Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaa Akka Noh, Daaniʼelii fi Iyoob Beekanitti ni Beektaa?

Yihowaa Akka Noh, Daaniʼelii fi Iyoob Beekanitti ni Beektaa?

“Namoonni hamoonni firdii dhugaa hin hubatan, warri Waaqayyoon barbaaddatan garuu, wanta hundumaa in hubatu.”FAK. 28:5.

FAARFANNAA: 126, 150

1-3. (a) Guyyoota dhumaa kanatti Waaqayyoof amanamoo taanee jiraachuuf maaltu nu gargaara? (b) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

DHUMNI guyyoota dhumaa yeroo dhihaachaa dhufutti, namoonni hamoon ‘akka margaa biqiluu’ isaanii itti fufu. (Far. 92:7) Kanaafuu, ulaagaaleen amalaa dagatamuun isaanii homaa nama hin dinqisiisu. Addunyaa akkasii keessatti, ‘wanta hamaadhaaf daaʼimman taanee’ garuu immoo ‘hubannaa keenyaan gaʼeessota taʼuu’ kan dandeenyu akkamitti?—1 Qor. 14:20.

2 Deebiin isaa caqasa ijoo mata duree keenyaa keessatti argama; caqasichi, “Warri Waaqayyoon barbaaddatan garuu, wanta hundumaa [jechuunis, wanta isa gammachiisuuf barbaachisu hundumaa] in hubatu” yaada jedhu qabateera. (Fak. 28:5) Yaanni wal fakkaatu Fakkeenya 2:7, 9 irratti ni argama; caqasichi, “[Yihowaan] nama yaadni isaa qajeelaaf ogummaa in kenna” jedha. Kun immoo, namni qajeelaan kun ‘wanta qajeelaa taʼee fi firdii dhugaa, amanamummaa fi wanta baʼeessa taʼe hundumaas hubachuu’ akka dandaʼu godha.

3 Noh, Daaniʼelii fi Iyoob ogummaa akkasii qabu turan. (His. 14:14) Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo harʼaatti argamanis ogummaa qabu. Waaʼee kee hoo maal jechuutu dandaʼama? ‘Wantoota’ Yihowaa gammachiisuuf barbaachisan ‘hundumaa ni hubattaa?’ Kanaaf wanti barbaachisu waaʼee Yihowaa beekumsa sirrii qabaachuu dha. Kana sammuutti qabachuudhaan, (1) Noh, Daaniʼelii fi Iyoob Yihowaa beekuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe, (2) beekumsi kun akkamitti akka isaan fayyadee fi (3) amantii akka isaanii horachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

NOH ADDUNYAA HAMAA KEESSATTI WAAQA WAJJIN DEDDEEBIʼEERA

4. Noh Yihowaa kan beeke akkamitti? Beekumsa sirrii qabaachuun kan isa gargaare hoo akkamitti?

4 Noh Yihowaa kan beeke akkamitti? Jalqaba seenaa ilmaan namootaatii eegalee, dhiironnii fi dubartoonni amanamoo taʼan waaʼee Waaqayyoo karaawwan guguddaa sadiin barataniiru: uumamawwan mulʼatan irraa, namoota Waaqayyoon sodaatan kaan irraa fi qajeelfamaa fi ulaagaa Waaqayyo baase hojii irra oolchuun buʼaa akka qabu jireenya isaanii keessatti arguudhaani. (Isa. 48:18) Noh uumamawwan ijaan mulʼatan ilaaluudhaan, ragaa Waaqayyo jiraachuu isaa qofa utuu hin taʼin amalawwan isaa hin mulʼanne, fakkeenyaaf ‘humna isaa isa bara baraa fi Waaqayyummaa isaa’ argisiisu hedduu argeera. (Rom. 1:20) Kun immoo Noh Waaqayyo irratti amantii cimaa akka qabaatu godheera.

5. Noh kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu kan barate akkamitti?

5 Amantiin “dubbicha dhagaʼuu irraa argama.” (Rom. 10:17) Noh waaʼee Yihowaa kan dhagaʼe akkamitti? Firoottan isaa irraa waan baayʼee akka barate homaa hin shakkisiisu. Namoota sana keessaa tokko, abbaa isaa Laamek isa nama amantii taʼee fi Addaam wajjin bara tokko keessa jiraate dha. (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) Kana malees akaakayyuun isaa Matusaalaanii fi abaabiliin isaa Yaared inni Noh wajjin waggaa 366 jiraates gumaacha guddaa godhanii taʼuu hin oolu. * (Luq. 3:36, 37) Tarii Noh waaʼee uumama ilmaan namootaa, kaayyoo Waaqayyo lafa kana ilmaan namootaa qajeeloo taʼaniin guutuuf qabu, akkasumas fincila Eeden keessatti kaʼee fi miidhaa isaa innumti iyyuu arge ilaalchisee namoota kana irraa fi haadhotii manaa isaanii irraa baratee taʼuu dandaʼa. (Uma. 1:28; 3:16-19, 24) Karaa kamiinuu haa taʼu, wanti Noh barate garaa isaa tuqee Waaqayyoon tajaajiluuf isa kakaaseera.—Uma. 6:9.

6, 7. Amantiin Noh abdiidhaan kan cime akkamitti?

6 Abdiin amantii keenya cimsa. Maqaan Noh hiikni isaa “Boqonnaa; Jajjabina” kan jedhu taʼuu hin oolu; Noh maqaan isaa abdii akka of keessaa qabu yommuu beeku wanta itti dhagaʼame tilmaamaa! (Uma. 5:29) Laamek hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, “Inni kun [Noh] hojii isa nuyi lafa Waaqayyo abaare kana irratti hojjennu, isa nuyi harkaan itti dadhabnu kana keessatti nu jajjabeessa” jedheera. Noh Waaqayyo irratti abdii qaba ture. Akkuma Abeelii fi Heenok warra isa dura jiraatanii, innis “sanyii” isa mataa bofichaa buruqsutti ni amana ture.—Uma. 3:15.

7 Noh raajii Uumama 3:15 irratti argamu guutummaatti hubachuu baatus, waadaan achi irratti galame kun abdii fayyinaa akka qabate hubachuun isaa hin shakkisiisu. Kana malees, waadaan Eeden keessatti galame, ergaa Heenok Waaqayyo hamoota irratti badiisa akka fidu labsaa ture wajjin wal fakkaata. (Yih. 14, 15) Ergaan Heenok inni Armaagedoonitti raawwi isaa dhumaa argatu, amantii fi abdii Noh jabeessee akka ture homaa nama hin shakkisiisu!

8. Noh waaʼee Waaqayyoo beekumsa sirrii qabaachuun isaa karaawwan kamiin eegumsa isaaf taʼe?

8 Noh waaʼee Waaqayyoo beekumsa sirrii qabaachuun isaa kan isa fayyade akkamitti? Beekumsi sirriin Noh argate, amantii fi ogummaa akka argatu gochuudhaan, miidhaa irraa keessumaa immoo miidhaa karaa hafuuraa irraa isa eegeera. Fakkeenyaaf, Noh ‘karaa Waaqayyoo irra waan deddeebi’eef’ namoota Waaqayyo irratti amantii hin qabne wajjin hin deddeebine ykn isaan wajjin hin michoomne. Namoota kana irraa haala adda taʼeen, Noh maleekota hamoo foon uffataniin hin gowwoomfamne. Namoonni yeroo sanaa garuu humna namaa olii jiiniiwwan kun qaban dinqisiifachuu irra iyyuu darbanii, tarii isaan waaqeffachuuf yaalanii taʼuu dandaʼa. (Uma. 6:1-4, 9) Kana malees, Noh ilmaan namootaa wal horanii lafa akka guutan akka isaanitti himame beeka ture. (Uma. 1:27, 28) Kanaafuu, saalqunnamtiin qaamota hafuuraa foon uffatanii fi dubartoota gidduutti godhamu wanta uumamaa ala taʼee fi dogoggora taʼuu isaa beeka ture. Ijoolleen walitti dhufeenya akkasiitiin dhalatan namoota kaan irraa adda taʼuun isaanii yommuu beekamu, yaanni Noh sirrii taʼuun isaa mirkanaaʼee taʼuu qaba. Yeroo booda, Waaqayyo lafa kana bishaaniin akka balleessu Nohiin akeekkachiisee ture. Amantiin Noh akeekkachiisa sana irratti qabu maatii isaa oolchuuf doonii akka hojjetu isa kakaaseera.—Ibr. 11:7.

9, 10. Amantii akka kan Noh qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Amantii akka kan Noh horachuu kan dandeenyu akkamitti? Barattoota Kitaaba Qulqulluu gaarii taʼuun, wanti barannu garaa keenya akka tuqu gochuunii fi barumsichi akka nu sirreessuu fi nu qajeelchu heyyamuun, amantii akkasii horachuuf baayʼee barbaachisaa dha. (1 Phe. 1:13-15) Yeroo kana goonu immoo amantiinii fi ogummaan karoora Seexanaa haxxummaadhaan guutamee fi hafuura hamaa addunyaa kanaa irraa nu eega. (2 Qor. 2:11) Hafuurri addunyaa kun lolaa fi mancaʼina amalaa babalʼisa. Akkasumas namoonni hawwii foonii irratti akka xiyyeeffatan godha. (1 Yoh. 2:15, 16) Kana malees, namoonni karaa hafuuraa dadhaboo taʼan ragaawwan guyyaan Waaqayyoo inni guddaan dhihaachuu isaa argisiisaniif dantaa akka dhaban gochuu dandaʼa. Yesuus bara keenyaa fi bara Noh wal bira qabee yeroo dubbatetti kan xiyyeeffate, hammina irratti ykn mancaʼina amalaa irratti utuu hin taʼin, wantoota hafuuraatiif dantaa dhabuun balaa qabaachuu isaa irratti ture.—Maatewos 24:36-39 dubbisi.

10 Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Akkaataan jireenyaa koo Yihowaa sirriitti akkan beeku argisiisaa? Amantiin koo, ulaagaalee Waaqayyo qajeelinaaf baase wajjin wal simee akkan jiraadhu qofa utuu hin taʼin waaʼee isaanii akkan labsus na kakaasaa?’ Deebiin gaaffilee kanaaf kennitan ‘karaa Waaqayyoo irra akka deddeebiʼaa’ jirtan kan argisiisu akka taʼu ni hawwina.

DAANIʼEL BAABILON ISHII WAAQEFFANNAA SOBAATIIN GUUTAMTE KEESSATTI OGUMMAA AKKA QABU ARGISIISEERA

11. (a) Daaniʼel yeroo dargaggummaa isaatti Waaqayyoof buluun isaa, waaʼee akkaataa guddinaa isaa maal argisiisa? (b) Amalawwan Daaniʼel qabu keessaa isa kam hordofuu barbaadda?

11 Daaniʼel Yihowaa kan beeke akkamitti? Daaniʼel warri isaa akka inni Yihowaa fi Dubbii isaa isa barreeffame jaallatu akka gaariitti akka isa barsiisan beekamaa dha. Kana malees, Daaniʼel jireenya isaa guutuu jaalala akkasii qabaatee jiraateera. Yeroo dulloometti illee, Kitaabota Qulqulluu gadi fageenyaan qoruu isaa ni beekna. (Dan. 9:1, 2) Daaniʼel Yihowaa sirriitti beeka ture; akkasumas wanta inni Israaʼelootaaf godhe hunda beeka. Kadhannaa inni Daaniʼel 9:3-19 irratti gad of qabuudhaan garaadhaa dhiheesse irraa kana hubachuu dandeenya. Kadhannaa kana dubbisaatii gadi fageenyaan irratti xiinxalaa. ‘Kadhannaan kun waaʼee Daaniʼel maal na barsiisa?’ jedhaatii of gaafadhaa.

12-14. (a) Daaniʼel ogummaa Waaqayyo biraa argamu akka qabu kan argisiise karaawwan kamiini? (b) Daaniʼel ija jabinaan Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu isaatiin eebba akkamii argate?

12 Daaniʼel waaʼee Waaqayyoo beekumsa sirrii qabaachuun isaa kan isa fayyade akkamitti? Yihudii amanamaa taʼe tokkoof, Baabilon ishii Waaqeffannaa sobaatiin guutamte keessa jiraachuun qorumsa guddaa dha. Fakkeenyaaf, Yihowaan Yihudootaan “Mandara ani akka isin boojiʼamtanii itti geeffamtan godhe, kanaaf nagaa barbaadaa” jedhee ture. (Er. 29:7) Haa taʼu malee, isa qofa akka waaqeffatanis isaan irraa barbaada ture. (Bau. 34:14) Daaniʼel wantoota irraa eegaman kana lamaan madaallii isaa eegee gochuuf maaltu isa gargaare? Ogummaan Waaqayyo biraa argamu aangoo ilmaan namootaatiif bitamuun daangaa akka qabu akka hubatu isa gargaareera. Jaarraawwan booda, Yesuusis qajeelfama wal fakkaatu kenneera.—Luq. 20:25.

13 Guyyoota 30f gara mootichaatti malee gara waaqolii biraattis taʼe gara nama kan biraatti kadhannaan akka hin dhihaanne yeroo labsiin baʼee tureetti, Daaniʼel maal akka godhe ilaalaa. (Daaniʼel 6:7-10 dubbisi.) Daaniʼel, ‘Guyyaan soddomni gabaabaa dha’ jedhee sababii dhiheessuu ni dandaʼa ture. Haa taʼu malee, labsiin mootummaan baase, waaqeffannaa isaa akka isa dhiisisu hin heyyamne. Dhugaa dha, namoonni kaan utuu isa hin argin kophaatti kadhachuu ni dandaʼa ture. Garuu wanti inni guyyaa guyyaadhaan godhu namoota biratti beekamaa akka taʼe hubatee ture. Kanaafuu, lubbuu isaa balaadhaaf kan saaxilu yoo taʼe illee, Daaniʼel namoonni Yihowaa tajaajiluu isaa dhiiseera jedhanii akka hin yaanne waan barbaadeef, akkuma yeroo kaanii iddoo namoonni isa arguu dandaʼanitti kadhachuu isaa itti fufe.

14 Yihowaan, Daaniʼel amanamummaa fi ija jabinaan murtoo gochuu isaatiif karaa dinqii taʼeen duʼa irraa isa oolchuudhaan isa eebbiseera. Kun immoo namoonni guutummaa Mootummaa Meedoo Faares keessatti argaman waaʼee Yihowaa akka beekan godheera!—Dan. 6:25-27.

15. Amantii akka kan Daaniʼel horachuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Amantii akka kan Daaniʼel horachuu kan dandeenyu akkamitti? Amantii cimaa qabaachuuf wanti barbaachisu inni guddaan, Dubbii Waaqayyoo dubbisuu qofa utuu hin taʼin ‘hubachuu’ dha. (Mat. 13:23) Ilaalcha Yihowaan wantoota tokko tokkoof qabu beekuu ni barbaanna; kun immoo seerawwan Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti hubachuu gaafata. Kanaafuu, wanta dubbisne irratti xiinxaluu qabna. Kana malees, yeroo hunda keessumaa immoo yeroo qorumsi ykn haalli rakkisaan nu mudatutti kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuun baayʼee barbaachisaa dha. Ogummaa fi jabina argachuuf amantiidhaan kan kadhannu yoo taʼe, Yihowaan arjummaadhaan nuu kenna.—Yaq. 1:5.

IYOOB YEROO GAARIITTIS TAʼE YEROO RAKKISAATTI QAJEELFAMA WAAQAYYOO HOJII IRRA OOLCHEERA

16, 17. Iyoob waaʼee Yihowaa beekumsa sirrii taʼe kan argate akkamitti?

16 Iyoob Yihowaa kan beeke akkamitti? Iyoob nama Israaʼel hin turre. Haa taʼu malee, fira fagoo Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob kan ture siʼa taʼu, Yihowaan immoo waaʼee ofii isaa fi kaayyoo ilmaan namootaatiif qabu balʼinaan namoota kanaaf ibseera. Karaa hin beekamne tokkoon, Iyoob waaʼee dhugaawwan iddoo guddaa qaban kanaa barateera. (Iyo. 23:12) “Ani waaʼee kee dur gurraan dhaga’eera” jedhee dubbateera. (Iyo. 42:5) Kana malees, Yihowaan iyyuu Iyoob waaʼee isaa waan qajeelaa akka dubbate ibseera.— Iyo. 42:7, 8.

Amalawwan Waaqayyoo hin mulʼanne uumama isaa isa mulʼatu irratti yommuu arginu amantiin keenya ni cima(Keeyyata 17 ilaali)

17 Akkasumas Iyoob uumamawwan ijaan argaman irraa amalawwan Waaqayyoo hin mulʼanne hubachuu dandaʼeera. (Iyo. 12:7-9, 13) Yeroo booda immoo, Eliihuu fi Yihowaan uumamatti fayyadamanii ilmaan namootaa guddina Waaqaa wajjin yommuu wal bira qabamanii ilaalaman wayittuu akka hin gale Iyoobiin hubachiisaniiru. (Iyo. 37:14; 38:1-4) Dubbiin Yihowaa waan garaa isaa tuqeef, Iyoob gad of qabuudhaan Waaqayyoon akkana jedheera: “Ati waan hundumaa gochuu akka dandeessu [“amma beekeera,” NW] akeeka kees karaatti kan hambisu hin jiru. . . . awwaaraa fi daaraa keessa taaʼee, yaada garaa koo nan geddaradha.”—Iyo. 42:2, 6.

18, 19. Iyoob Yihowaa sirriitti akka beeku karaawwan kamiin argisiise?

18 Iyoob waaʼee Waaqayyoo beekumsa sirrii qabaachuun isaa kan isa fayyade akkamitti? Iyoob qajeelfama Waaqayyoo akka gaariitti hubata ture. Yihowaa sirriitti kan beeke siʼa taʼu, akka beekumsa isaattis deddeebiʼeera. Mee kana yaadaa: Iyoob Waaqayyoon nan jaalladha jechaa namootaaf gara jabeessa taʼuu akka hin dandeenye beeka ture. (Iyo. 6:14) Warra kaan irra akka caalu godhee of ilaaluu mannaa, sooressootaafis taʼe hiyyeessotaaf jaalala obbolummaa argisiiseera. “Isuma garaa haadha koo keessatti na uumetu isaan uume mitii ree?” jedheera. (Iyo. 31:13-22) Iyoob, sana dura iddoo guddaa qabaachuun isaa fi sooressa taʼuun isaa ilaalcha ofii isaatiifis taʼee warra kaaniif qabu akka jalʼisu hin heyyamne. Dhuguma iyyuu Iyoob namoota addunyaa aangoo guddaa qabanii fi sooressa taʼan irraa baayʼee adda dha!

19 Iyoob yaada isaatiin dabalatee karaa hundumaan waaqeffannaa sobaa irraa fagaateera. Qabeenyaaf iddoo guddaa kennuu dabalatee, waaqeffannaan sobaa kam iyyuu ‘Waaqayyoon’ ganuu akka taʼe beeka ture. (Iyoob 31:24-28 dubbisi.) Gaaʼelli walitti dhufeenya qulqulluu dhiira tokkoo fi dubartii takkaa akka taʼe beeka ture. Ija hawwiitiin durba akka hin ilaalleef illee ijaa isaa wajjin kakuu galee ture. (Iyo. 31:1) Kun kan taʼe, yeroo Waaqayyo haadha manaa tokkoo ol fuudhuu cal jedhee ilaalaa turetti akka taʼe yaadadhaa. Kanaafuu, Iyoob utuu barbaadeera taʼee haadha manaa lammaffaa fuudhuu ni danda’a ture. * Haa taʼu malee, gaaʼela Waaqayyo Eeden keessatti hundeesse akka fakkeenyaa fi akka seeraatti fudhachuudhaan akka isa hordofe beekamaa dha. (Uma. 2:18, 24) Waggoota 1,600 booda, Yesuus Kiristoosis gaaʼelaa fi saalqunnamtii ilaalchisee dhaggeeffattoonni isaa dhugaa bu’uraa kana wajjin wal fakkaatu akka hordofan isaan barsiiseera.—Mat. 5:28; 19:4, 5.

20. Waa’e Yihowaa fi ulaagaawwan isaa sirriitti beekuun keenya, hiriyoota gaarii fi bohaartii naamusa qabu filachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

20 Amantii akka kan Iyoob horachuu kan dandeenyu akkamitti? Ammas wanti barbaachisaa taʼe, Yihowaa sirriitti beekuu fi beekumsi kun jireenya keenya hundaan akka nu qajeelchu gochuu dha. Fakkeenyaaf, Daawit faarfatichi Yihowaan ‘isa humnaan nama irratti kaʼuu jaallatu garaa guutuudhaan akka jibbu’ dubbateera; kana malees Daawit “warra haxxee wajjin” hidhata akka hin taane akekkachiiseera. (Faarfannaa 11:5; 26:4 dubbisi.) Caqasawwan kun ilaalcha Waaqayyoo akka hubattu kan si gargaaran akkamitti? Hubannaan akkasii wanta dursa kennuufii qabdu irratti, itti fayyadama intarneetii irratti, akkasumas hiriyootaa fi bohaartii yeroo filattutti kan si gargaaru akkamitti? Deebiin ati gaaffiiwwan kanaaf laattu, Yihowaa hammam akka beektu hubachuuf si gargaara. Addunyaa wal xaxaa fi hamaa taʼe kana keessatti balleessaa kan hin qabne taanee argamuuf, “dandeettii hubannaa” keenya leenjisuu qabna. Kun immoo wantoota sirrii fi dogoggora taʼan qofa utuu hin taʼin, wantoota ogummaa taʼani fi ogummaa hin taane gargar baasuufis nu gargaara.—Ibr. 5:14; Efe. 5:15.

21. Wanta Abbaa keenya isa samii gammachiisuuf barbaachisu ‘hunda hubachuuf’ maaltu nu gargaara?

21 Noh, Daaniʼelii fi Iyoob garaa guutuudhaan Yihowaa waan barbaadaniif inni isaaniif argameera. Akkasumas wantoota isa gammachiisuuf barbaachisan ‘hunda akka hubatan’ isaan gargaareera. Kanaan kan kaʼes, fakkeenya qajeelummaa taʼuu isaanii irra iyyuu jireenya milkaaʼina qabu jiraachuu danda’aniiru. (Far. 1:1-3) Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Akka Noh, Daaniʼelii fi Iyoob Yihowaa akka gaaritti nan beekaa?’ Beekumsi hafuuraa dabalaa waan dhufeef, caalaatti iyyuu Yihowaa beekuun ni dandaʼama. (Fak. 4:18) Kanaafuu, Dubbii Waaqayyoo gadi fageessaatii qoradhaa. Irrattis xiinxalaa. Akkasumas hafuura qulqulluu argachuuf kadhadhaa. Yommuu kana gootan, gara Abbaa keessan isa samiitti caalaatti dhihaachuu dandeessu. Addunyaa Waaqayyo irraa fagaate kana keessattis hubannaa fi ogummaadhaan deddeebiʼuu dandeessu.—Fak. 2:4-7.

^ key. 5 Akaakilii Noh kan taʼe Heenokis, “karaa isaa irra deddeebi’uudhaan Waaqayyoo wajjin [jiraateera].” Haa taʼu malee, Noh dhalachuu isaa waggaa 69 dura ‘Waaqni isa fudhate’.—Uma. 5:23, 24.

^ key. 19 Haalli Nohis kana wajjin wal fakkaata. Eeden keessatti fincilli kaaʼee utuu baayʼee hin turin haadha manaa tokkoo ol fuudhuun kan jalqabame taʼus, inni garuu haadha manaa takka qofa qaba ture.—Uma. 4:19.