Faarfannaa 1:1-6

  • Daandiiwwan faallaa taʼan lama

    • Gammachuu seera Waaqayyoo dubbisuudhaan argamu (2)

    • Qajeelonni akkuma muka firii godhatuu ti (3)

    • Hamoonni akkuma habaqii bubbeen fudhatee deemuu ti (4)

1  Namni akka gorsa hamootaatti hin deddeebine,Daandii cubbamootaa irra hin dhaabbanne,+Teessuma qoostotaa irras hin teenye+ gammadaa dha.   Kanaa mannaa inni seera Yihowaatti ni gammada,+Seera isaas halkanii fi guyyaa sagalee isaa gad qabee dubbisa.*+   Inni akka muka bishaan yaaʼu biratti dhaabamee,Akka muka waqtii isaatti firii godhatuu,Baalli isaas hin coollignee ni taʼa. Wanti inni godhu hundis isaaf ni milkaaʼa.+   Hamoonni garuu akkana miti;Isaan akka habaqii bubbeen fudhatee deemuu ti.   Kanaan kan kaʼes, hamoonni yeroo murtiitti akkuma dhaabbatanitti itti hin fufan;+Cubbamoonnis yaaʼii qajeelotaa keessatti hin argaman.+   Yihowaan daandii qajeelotaa beeka,+Daandiin hamootaa garuu ni bada.+

Miiljaleewwan

Ykn., “Seera isaa irrattis halkanii fi guyyaa ni xiinxala.”