Faarfannaa 92:1-15

  • Yihowaan bara baraaf kan ol qabame dha

    • Hojii isaa isa guddaa fi yaada isaa isa gad fagoo (5)

    • ‘Namni qajeelaan akkuma mukaatti ni lalisa’ (12)

    • Maanguddoonni dagaaguu isaanii itti fufu (14)

Faarfannaa. Faarfannaa guyyaa Sanbataa. 92  Yihowaadhaaf galata galchuun gaarii dha,+Yaa Isa Hundaa Olii, maqaa keetiif faarfannaa galataa faarfachuun,*   Ganama jaalala kee isa amanamaa,Halkanis amanamummaa kee labsuun,+   Meeshaa muuziqaa ribuu kudhan qabuu fi meeshaa muuziqaa ribuu sadii qabuun,Sagalee baganaa namatti toluunis+ faarfachuun gaarii dha.   Yaa Yihowaa, gochawwan keetiin kan kaʼe na gammachiisteetta;Hojiiwwan harka keetiitiin kan kaʼes nan ililcha.   Yaa Yihowaa, hojiin kee akkam guddaa dha!+ Yaanni kee akkam gad fagoo dha!+   Namni hubannaa hin qabne isa beekuu hin dandaʼu;Namni gowwaanis kana hubachuu hin dandaʼu:+   Hamoonni akka aramaatti* kan biqilan,Warri balleessaa raawwatanis kan lalisan taʼus,Bara baraaf ni balleeffamu.+   Yaa Yihowaa, ati garuu bara baraaf kan ol qabamte dha.   Yaa Yihowaa, miira injifannootiin gara diinota kee ilaali,Diinonni kee akkamitti akka badan ilaali;Warri balleessaa raawwatan hundi ni bittinnaaʼu.+ 10  Ati garuu jabina* koo akkuma kan gafarsaatti ol ni qabda;Anis zayitii haaraadhaan gogaa koo nan laaffisa.+ 11  Ijji koo miira injifannootiin gara diinota koo ni ilaala;+Gurri koos waaʼee kufaatii namoota hamoo warra na haleelanii ni dhagaʼa. 12  Namni qajeelaan garuu akkuma muka meexxiitti ni lalisa,Akka gaattiraa Libaanonittis ni guddata.+ 13  Isaan mana Yihowaa keessa dhaabamaniiru;Mooraawwan Waaqa keenyaa keessattis ni lalisu.+ 14  Bara dullumaatti* illee ni dagaagu;+Akkuma jabaatanitti,* akkuma lalisanittis itti fufu,+ 15  Isaan Yihowaan qajeelaa taʼuu isaa ni labsu. Inni Qarsaa koo+ isa jalʼinni keessatti hin argamne dha.

Miiljaleewwan

Ykn., “muuziqaa qopheessuun.”
Ykn., “margaatti.”
Kal., “gaanfa.”
Ykn., “Yeroo harrii baasanitti.”
Kal., “coomanitti.”