Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 21

Kennaawwan Waaqayyoo ni Dinqisiifattaa?

Kennaawwan Waaqayyoo ni Dinqisiifattaa?

“Yaa Waaqayyo gooftaa ko, gocha kee isa dinqisiisaadhaa fi yaada gaarii nuuf qabdu nuuf baayʼifteetta.”FAR. 40:5.

FAARFANNAA 5 Hojii Waaqayyoo Isa Dinqisiisaa

QABIYYEE *

1-2. Akka Faarfannaan 40:5 jedhutti, Yihowaan kennaawwan akkamii nuu kenneera? Isaan irratti mariʼachuu kan qabnu hoo maaliifi?

YIHOWAAN Waaqa arjaa taʼe dha. Mee kennaawwan inni nuuf kenne tokko tokko ilaali: lafa keenya ishii bareedduu bakka jireenyaaf mijattuu taate; sammuu keenya isa dinqisiisaa taʼe; akkasumas Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu isa gatii guddaa qabu nuuf kenneera. Yihowaan kennaawwan sadan kana nuu kennuudhaan, bakka jireenyaa, dandeettii yaaduu fi warra kaanii wajjin walii galuu nuuf kenneera, akkasumas gaaffiiwwan hunda caalaa barbaachisoo taʼaniif deebii nuu kenneera.—Faarfannaa 40:5 dubbisi.

2 Mata duree kana keessatti waaʼee kennaawwan sadan kanaa yaadawwan muraasa irratti mariʼanna. Wantoota kana irratti caalaatti yommuu xiinxallu, caalaatti isaan dinqisiifanna, fedhiin Yihowaa isa Uumaa keenya jaalala qabeessa taʼe gammachiisuuf qabnus caalaatti ni guddata. (Mul. 4:11) Namoota barumsa jijjiirama tirannaa isa soba taʼeen gowwoomfaman gargaaruufis caalaatti kan qophoofne taana.

PILAANEETII KEENYA ISHII ADDA TAATE

3. Lafti adda kan taate maaliifi?

3 Akkaataa inni lafa ishii iddoo jireenyaa keenya taate itti tolche irraa ogummaa Waaqayyoo ifatti hubachuun ni dandaʼama. (Rom. 1:20; Ibr. 3:4) Pilaaneetonni naannoo aduutti marsan kan biroon kan jiran taʼus, lafti jireenyi akka itti fufu gochuuf haala mijataa taʼe waan qabduuf warra kaan irraa adda dha.

4. Lafti bidiruu nam-tolchee taʼe kam irra iyyuu ni caalti kan jennu maaliifi?

4 Karaawwan tokko tokkoon, lafti bidiruu galaana guddaa irra bololiʼaa jirtuu wajjin wal fakkaatti. Haa taʼu malee, bidiruu nam-tolchee namootaan guutamtee fi lafa keenya gidduu garaa garummaa hedduun jira. Fakkeenyaaf, namoonni bidiruu irra jiran oksijiinii, nyaataa fi bishaan ofii isaaniitii qopheeffatu utuu taʼee, akkasumas balfaa isaanii galaana keessatti gatuu hin dandaʼan utuu taʼee yeroo hammamiitiif lubbuudhaan jiraachuu dandaʼu? Namoonni bidiruu sana keessa jiran yeruma sana ni duʼu. Kana irraa haala faallaa taʼeen, lafti uumamawwan lubbu qabeeyyii biliyoonaan lakkaaʼaman ni jiraachifti. Oksijiinii, nyaataa fi bishaan nu barbaachisu hundumaa nuu qopheessiti, wantoonni barbaachisoo taʼan kunis nu jalaa hin dhuman. Balfaawwan ishii lafuma irratti kan hafan taʼus lafti bareedduu fi bakka jireenyaaf mijattu taatee itti fufteetti. Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Yihowaan lafa kan uume balfaawwan kana wantoota gaggaariitti jijjiiruu akka dandeessu godheeti. Mee wantoota dandeettii addaatiin qophaaʼan lama jechuunis, waaʼee marsaa oksijiinii fi marsaa bishaanii hamma tokko haa ilaallu.

5. Marsaan oksijiinii maali dha? Kun immoo maal mirkaneessa?

5 Oksijiiniin gaazii lubbuu tursuu dandaʼuu fi nutis taane wantoonni lubbu qabeeyyii taʼan tokko tokko itti fayyadamani dha. Uumamawwan lubbu qabeeyyii taʼan waggaa waggaadhaan oksijiinii toonii biliyoona dhibba tokko akka ofitti fudhatan ni tilmaamama. Uumamawwan kun gaazii balfaa kaarboon daayooksaayidii jedhamu of keessaa baasu. Haa taʼu malee, uumamawwan lubbu qabeeyyii taʼan kun matumaa oksijiinii hundumaa fudhatanii hin fixan, hawaan keenyas matumaa gaazii “balfaa” kaarboon daayooksaayidiitiin hin ukkaamamu. Maaliif? Sababiin isaas Yihowaan mukeetii guguddaa irraa jalqabee hamma algee baayʼee xixiqqoo taʼaniitti uumeera; isaan immoo kaarboon daayooksaayidii fudhatanii oksijiinii baasu. Marsaan oksijiinii wanta Hojii Ergamootaa 17:24, 25 irratti ‘Waaqni namoota hundaatiif jireenyaa fi hafuura ni kenna’ jechuudhaan barreeffame kan mirkaneessu dha.

6. Marsaan bishaanii maali dha? Kun hoo maal mirkaneessa? (Saanduqa, “ Marsaa Bishaanii isa Kennaa Yihowaa Taʼe” jedhus ilaali.)

6 Bishaan bifa dhangalaʼaatiin argamu lafa irra jiraachuu kan dandaʼe pilaaneetiin keenya aduu irraa fageenya sirrii taʼe irratti waan argamtuufi. Lafti xinnuma gara aduutti dhihaattee jirti utuu taʼee, bishaan ishii irra jiru hundi hurkee dhumuu dandaʼa ture, ishiinis qarsaa baayʼee hoʼituu fi lubbuun irra hin jiraanne taati turte. Lafti xinnuma aduu irraa fagaattee jirti utuu taʼee immoo, bishaan hundi cabbii taʼa, ishiinis guutummaatti geengoo cabbii guddaatti jijjiiramti turte. Yihowaan lafa bakka sirrii taʼe kana irra waan kaaʼeef, marsaan bishaanii lafa irra jiru lubbuu jiraachisuu dandaʼa. Aduun bishaan galaanaa fi lafa irra jiru hoʼisuu fi hurkisiisuudhaan bishaan sun duumessa akka taʼu gooti. Aduun waggaa waggaadhaan bishaan haroowwan lafa irra jiran hunda irra caalu akka hurku gooti. Bishaan kun bokkaa ykn cabbii taʼee buʼuu isaa dura gara guyyaa kudhaniitiif hawaa keessa tura. Bishaanichi yeroo booda gara galaanaatti ykn gara lageenii fi haroowwaniitti deebiʼa; marsaan kunis irra deddeebiʼee dhufa. Marsaan buʼa qabeessaa fi dhaabbataa taʼe kun Yihowaan ogeessaa fi humna qabeessa taʼuu isaa mirkaneessa.—Iyo. 36:27, 28; Lal. 1:7.

7. Karaawwan dinqisiifannaa kennaa Faarfannaa 115:16 irratti ibsameef qabnu itti argisiisuu dandeenyu tokko tokko kam faʼi?

7 Dinqisiifannaa pilaaneetii keenya ishii adda taatee fi wanta ishiin nuu kennitu hundumaatiif qabnu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? (Faarfannaa 115:16 dubbisi.) Karaan inni tokko wantoota Yihowaan uume irratti xiinxaluu dha. Kun immoo wantoota gaggaarii Yihowaan nuu kenneef guyyaa guyyaadhaan akka isa galateeffannu nu kakaasa. Hamma dandaʼametti naannoo jiraannu qulqulluu goonee qabuudhaanis dinqisiifannaa lafaaf qabnu argisiisuu dandeenya.

SAMMUU KEENYA ISA ADDA TAʼE

8. Sammuun namaa karaa dinqisiisaa taʼeen kan uumame dha kan jennu maaliifi?

8 Sammuun namaa karaa dinqisiisaa taʼeen kan uumame dha. Yommuu gadameessa haadha kee keessa turtetti, sammuun kee akka itti dursee qophaaʼeen guddachaa ture; daqiiqaa tokko keessattis seelonni sammuu haaraan kumaatamaan lakkaaʼaman uumamaa turan! Namoonni qorannoo geggeessan sammuun nama gaʼeessa taʼe tokkoo tilmaamaan seelota addaa niwuroonii jedhamanii fi gara biliyoona 100 taʼan akka qabu dubbatu. Seelonni kun sammuu keenya isa gara kiiloo giraamii 1.5 ulfaatu uumaniiru. Mee dandeettii dinqisiisaa sammuun keenya qabu tokko tokko haa ilaallu.

9. Dandeettiin dubbachuu keenya kennaa Waaqayyo biraa argame taʼuu isaa kan sii mirkaneessu maali dha?

9 Dandeettiin dubbachuu keenya dinqii dha. Mee yeroo muraasaaf yommuu dubbannu maaltu akka raawwatamu yaadi. Jecha tokko yommuu dubbattutti, sammuun kee sochii maashaalee arraba, qoonqoo, hidhii, mangaagaa fi qoma kee irratti raawwatamanii fi gara 100 taʼan ni qindeessa. Wanti dubbattu akka hubatamuuf maashaaleen kun hundi sirriitti yeroo isaanii eeganii sochoʼuu qabu. Dandeettii afaan adda addaa dubbachuu ilaalchisee qorannoon bara 2019⁠tti baʼe tokko, daaʼimman reefuu dhalatan jechoota tokko tokko hubachuu akka dandaʼan ibseera. Kun wanta namoonni qorannoo geggeessan hedduun itti amanan, jechuunis dandeettii afaan hubachuu fi barachuu qabaannee akka dhalanne ibsu kan deggeru dha. Dhuguma iyyuu, dandeettiin dubbachuu keenya kennaa Waaqayyo biraa argame dha.—Bau. 4:11.

10. Kennaa dubbachuu Waaqayyo nuu kenneef dinqisiifannaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Kennaa dubbachuu keenya akka dinqisiifannu karaan itti argisiisnu keessaa inni tokko namoota barumsa jijjiirama tirannaatti amananiif wantoota hundumaa kan uume Waaqayyo taʼuu isaa maaliif akka amannu ibsuu dha. (Far. 9:1; 1 Phe. 3:15) Namoonni barumsa kana babalʼisan, nutis laftii fi jireenyi ishii irratti argamu hundi akkuma tasaa kan dhufe taʼuu isaa akka amannu gochuu barbaadu. Kitaaba Qulqulluu fi qabxiiwwan mata duree kana irraa barannetti fayyadamuudhaan Abbaa keenya isa samiitiif falmuu fi namoota nu dhaggeeffachuu barbaadaniif Yihowaan Uumaa samii fi lafaa taʼuu isaa kan amannu maaliif akka taʼe ibsuu dandeenya.—Far. 102:25; Isa. 40:25, 26.

11. Sababii sammuun keenya dinqisiisaa dha akka jennu nu taasisu keessaa tokko maali dha?

11 Dandeettiin yaadachuu keenya dinqisiisaa dha. Kanaan dura barreessaan tokko sammuun namaa odeeffannoo kitaabota guguddaa gara miliyoona 20 taʼan keessatti argamuu wajjin wal gitu yaadachuu akka dandaʼu tilmaameera. Amma garuu dandeettiin yaadachuu keenya kana irra baayʼee akka caalu yaadama. Namoonni dandeettii adda taʼe kan biraa akkamii qabu?

12. Barumsa naamusaa barachuuf dandeettii qabaachuun keenya bineensota irraa adda kan nu godhu akkamitti?

12 Uumamawwan lafa irratti argaman hundumaa keessaa, taʼeewwan kanaan dura raawwataman yaadachuu fi gamaaggamuudhaan barumsa naamusaa barachuuf dandeettii kan qaban namoota qofa dha. Kanaan kan kaʼes, amalawwan gaggaarii horachuu, akkasumas yaada keenyaa fi akkaataa jireenyaa keenya jijjiiruu ni dandeenya. (1 Qor. 6:9-11; Qol. 3:9, 10) Garaa garummaa wanta sirrii fi dogoggora taʼe gidduu jiru hubachuuf qalbii keenya leenjisuu dandeenya. (Ibr. 5:14) Jaalala, gara laafinaa fi araara argisiisuu barachuu dandeenya. Akkasumas haqa argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu dandeenya.

13. Faarfannaa 77:11, 12 wajjin haala wal simuun, kennaa dandeettii yaadachuu keenya akkamitti itti fayyadamuu qabna?

13 Kennaa dandeettii yaadachuu keenya akka dinqisiifannu karaan itti argisiisnu keessaa inni tokko, yeroowwan kanaan dura Yihowaan itti nu gargaaree fi itti nu jajjabeesse hundumaa yaadachuuf yaaluu dha. Kun immoo inni gara fuulduraattis akka nu gargaaru amanannaa qabnu nuu cimsa. (Faarfannaa 77:11, 12 dubbisi; 78:47) Karaan kana gochuu itti dandeenyu kan biraan immoo, wantoota gaggaarii namoonni kaan nuuf godhan yaadachuu fi wanta isaan nuu godhaniif kan galateeffannu taʼuu dha. Namoonni qorannaa godhan akka hubatanitti namoonni galateeffatan caalaatti gammadoo taʼu. Nutis fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan wantoota tokko tokko irraanfachuuf filachuun keenya gaarii dha. Fakkeenyaaf Yihowaan dandeettii yaadachuu mudaa hin qabne kan qabu taʼus, yaada yoo geddaranne dogoggora raawwannuuf dhiifama gochuu fi irraanfachuu filata. (Far. 25:7; 130:3, 4) Nutis yommuu warri kaan dogoggora nu miidhe tokko raawwatanii dhiifama gaafatan akkanuma akka isaaniif goonu barbaada.—Mat. 6:14; Luq. 17:3, 4.

Karaa Yihowaadhaaf ulfina fiduun itti fayyadamuudhaan, dinqisiifannaa sammuu keenyaaf qabnu argisiisuu dandeenya (Keeyyata 14 ilaali) *

14. Dinqisiifannaa sammuu keenya isa kennaa dinqisiisaa taʼeef qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Sammuu keenya karaa isa kennaa kana nuu kenneef ulfina fiduun itti fayyadamuudhaan kennaa dinqisiisaa taʼe kana akka dinqisiifannu argisiisuu dandeenya. Namoonni tokko tokko wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee ulaagaa mataa isaanii baasuudhaan sammuu isaanii kaayyoo ofittummaatiif itti fayyadamuu filataniiru. Haa taʼu malee, kan nu uume Yihowaa waan taʼeef, ulaagaan isaa ulaagaa nuti ofii keenyaaf baasuu dandeenyu kam irra iyyuu akka wayyu eeguun keenya sirrii dha. (Rom. 12:1, 2) Akka ulaagaa isaatti yommuu jiraannu jireenyi keenya nagaa qabaata. (Isa. 48:17, 18) Kana malees, jireenyi keenya kaayyoo qabaata, kaayyoon kunis Uumaa fi Abbaa keenyaaf ulfina fiduu fi isa gammachiisuu dha.—Fak. 27:11.

KITAABA QULQULLUU ISA KENNAA ADDAA TAʼE

15. Yihowaan Kitaaba Qulqulluu nuu kennuun isaa jaalala inni ilmaan namootaatiif qabu kan argisiisu akkamitti?

15 Kitaabni Qulqulluun kennaa Waaqni jaalalaan kakaʼee nuu kenne dha. Abbaan keenya inni samii ijoollee isaa warra lafa irra jiraniif baayʼee waan yaaduuf namoonni hafuuraan geggeeffamanii kitaaba kana akka barreessan godheera. Yihowaan karaa Kitaaba Qulqulluu gaaffiiwwan hunda caalaa barbaachisoo taʼaniif deebii nuu kenneera; gaaffiiwwan kana keessaa tokko tokko kanatti aansuudhaan ibsamaniiru: Eessaa dhufne? Kaayyoon jireenyaa maali dha? Gara fuulduraatti maaltu raawwatama? Yihowaan ijoolleen isaa hundi deebii gaaffiiwwan kanaa akka beekan barbaada; kanaan kan kaʼes, jaarraawwan hedduudhaaf namoonni Kitaaba Qulqulluu afaan hedduudhaan akka hiikan isaan kakaaseera. Yeroo ammaatti Kitaabni Qulqulluun guutummaatti ykn gar tokkoon isaa afaan 3,000 ol taʼuun argama! Kitaabni Qulqulluun kitaaba seenaa keessatti baayʼinaan hiikamee fi raabsame dha. Namoonni eessa iyyuu yoo jiraatan ykn afaan kam iyyuu yoo dubbatan, hedduun isaanii afaan dhalootaa isaaniitiin ergaa Kitaaba Qulqulluu barachuuf carraa argataniiru.—Saanduqa “ Kitaabni Qulqulluun Afaanota Afriikaa Keessatti Dubbatamaniin Akka Argamu Gochuu” jedhu ilaali.

16. Akka Maatewos 28:19, 20 irratti ibsametti, Kitaaba Qulqulluu akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuudhaan, barumsa achi keessatti argamu irratti xiinxaluu fi waan baranne hojii irra oolchuuf wanta nuu dandaʼame hunda gochuudhaan dinqisiifannaa kitaabichaaf qabnu argisiisuu dandeenya. Kana malees, ergaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu namoota hedduutti himuuf wanta dandeenye hunda gochuudhaan dinqisiifannaa Waaqayyoof qabnu argisiisuu dandeenya.—Far. 1:1-3; Mat. 24:14; Maatewos 28:19, 20 dubbisi.

17. Mata duree kana keessatti waaʼee kennaawwan akkamii irratti mariʼanne? Mata duree itti aanu irratti hoo maal irratti mariʼanna?

17 Mata duree kana keessatti, kennaawwan Waaqayyo nuu kenne kanneen akka lafa ishii iddoo jireenyaa keenya taate, sammuu keenya isa dinqisiisaa taʼee fi Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuura isaatiin barreeffame irratti mariʼanneerra. Haa taʼu malee kennaawwan Yihowaan nuu kennee fi ija keenyaan arguu hin dandeenye kan biroonis jiru. Mata duree itti aanu irratti kennaawwan ijaan hin argamne kana irratti mariʼanna.

FAARFANNAA 12 Yihowaa, Waaqa Guddaa

^ key. 5 Mata dureen kun dinqisiifannaa Yihowaa fi kennaawwan inni nuuf kenne sadiif qabnu nuu guddisa. Namoota Waaqayyo jiraachuu isaa shakkaniif ragaa dhiheessinee mariisisuufis nu gargaara.

^ key. 64 IBSA FAKKII: Obboleettiin takka dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu godaantota barsiisuuf jecha afaan biyya kan biraa yommuu barattu.