Faarfannaa 130:1-8

  • “Iddoo gad fagoo keessaa sin waammadha”

    • “Ati dogoggora hordofta utuu taʼee” (3)

    • Dhiifamni dhugaan Yihowaa biraa argama (4)

    • “Hawwiidhaan Yihowaa nan eeggadha” (6)

Faarfannaa Ol Baʼuu. 130  Yaa Yihowaa, iddoo gad fagoo keessaa sin waammadha.+   Yaa Yihowaa, sagalee koo dhagaʼi. Gurri kee kadhata ani gargaarsa argachuuf dhiheessu xiyyeeffannaadhaan haa dhagaʼu.   Yaa Yaah,* ati dogoggora hordofta* utuu taʼee,Yaa Yihowaa, eenyutu dhaabbachuu dandaʼa ture?+   Sababiin isaas, dhiifamni dhugaan si biraa argama,+Kanaanis ati ulfina guddaa argatta.*+   Yihowaa nan abdadha, guutummaan eenyummaa kootii* isa abdata;Ani dubbii isaa nan eeggadha.   Waardiyyoota lafti bariʼuu isaa eeggatan caalaa,+Eeyyee, waardiyyoota lafti bariʼuu isaa eeggatan caalaa,Hawwiidhaan Yihowaa nan eeggadha.+   Yihowaan jaalala isaatiin amanamaa waan taʼeef,+Furuufis humna guddaa waan qabuuf,Israaʼel Yihowaa eeggachuu isaa itti haa fufu.   Inni Israaʼeliin dogoggora isaa hundumaa irraa ni fura.

Miiljaleewwan

Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “galmeessitee qabatta.”
Kal., “ni sodaatamta.”
Ykn., “lubbuun koo.”