Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Eli⁠i⁠ʼaas Huuta fi Kitaabota Qulqulluu Dinqisiisoo Inni Afaan Ibrootaatiin Qopheesse

Eli⁠i⁠ʼaas Huuta fi Kitaabota Qulqulluu Dinqisiisoo Inni Afaan Ibrootaatiin Qopheesse

AFAAN IBROOTAA Kitaabni Qulqulluun ittiin qophaaʼe dubbisuu ni dandeessaa? Hin dandeessu taʼa. Tarii Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa argitee iyyuu hin beektu taʼa. Haa taʼu malee, waaʼee hayyuu jaarraa 16ffaa Eliiʼaas Huuta fi Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa lamaan inni qopheesse beekuun kee, dinqisiifannaa Kitaaba Qulqulluu si harka jiruuf qabdu siif guddisa.

Eliiʼaas Huutan magaalaa xinnoo Jarmanii Gooliitzi jedhamtuu fi daangaa Poolaandii fi Cheek Rippuubliikiitti dhihoo taate keessatti bara 1553tti dhalate. Huutan Yuunivarsiitii Luutaraan magaalaa Jeenaa keessatti qooqawwan Baha Fagoo barate. Yommuu umuriin isaa 24 guutuuf jedhutti, magaalaa Laayipsiig keessatti piroofeesara Afaan Ibrootaa taʼee muudame. Sirna barnootaa haaressuuf hojjetaa waan tureef, yeroo booda Nuurambargitti mana barumsaa barattoonni waggaa afur qofa keessatti Afaan Ibrootaa, Giriikii, Laatiinii fi Afaan Jarman barachuu itti dandaʼan hundeesseera. Yeroo sanatti manni barumsaa ykn yunivarsiitiin kana gochuu dandaʼu kan biraan hin jiru ture.

“MIIDHAGINA MAXXANSA KANAA”

Fuula mata duree Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa Huutan bara 1587tti qopheesse

Huutan bara 1587tti Kitaaba Qulqulluu Kakuu Moofaa jedhamee beekamu Afaan Ibrootaatiin qopheesse. Maxxansi kun Derekh ha-Kodesh jedhama; hiikni isaa “Karaa Qulqullinaa” jechuu siʼa taʼu, Isaayaas 35:8 irraa fudhatame. Bareedinni qubee isaa yaada, “wanti hundi miidhagina maxxansa kanaa ifatti mulʼisa” jedhu mirkaneessa. Haa taʼu malee, wanti keessumaa Kitaaba Qulqulluu kana faayida qabeessa taasise, barattoonni Afaan Ibrootaa barachuuf karaa buʼa qabeessa taʼeen itti fayyadamuu dandaʼuu isaanii ti.

Faayidaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa Huutan qopheesse hubachuuf, barataan tokko Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaatiin qophaaʼe dubbisuuf yaalii yommuu godhu rakkina isa mudatu lama haa ilaallu. Tokkoffaa, qubee adda taʼee fi hin beekamne dha, lammaffaa, maxxantoonni duraa fi duubaa (prefixes and suffixes) hundee jechootaa beekuun rakkisaa akka taʼu godhu. Fakkeenyaaf, jecha Afaan Ibrootaa נפשׁ (nafeesh jechuun dubbifamu) jedhu hiikni isaa “lubbuu” jechuu dha. Hisqiʼel 18:4 irratti maxxantuu duraa ה (ha) jedhuun kan jalqabu siʼa taʼu, jechoonni kun lamaan walitti makamanii הנפשׁ (han·nafeesh) jedhu taʼa. Nama Afaan Ibrootaa sirriitti hin beekneef jechi הנפשׁ (han·nafeesh) jedhu kun isa נפשׁ (nafeesh) jedhu irraa guutummaatti jecha kan biraa itti fakkaachuu dandaʼa.

Huutan barattoota isaa gargaaruuf, tooftaa maxxansaa adda taʼe fayyadameera; kunis qubee Afaan Ibrootaa akkaataa barreeffamaa duudaa fi qaawwa qaban (solid and outline form) godhee barreessuu dha. Hundee jechaa yommuu barreessu qubee duudaatti fayyadameera. Maxxantuu duraa fi boodaa yommuu barreessu immoo, qubee qaawwaatti fayyadameera. Tooftaan salphaan kun, barattoonni qooqicha yommuu baratan hundee jecha Afaan Ibrootaa salphaatti addaan baasanii beekuuf isaan gargaareera. Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Odeeffannoo Qoʼannaadhaaf Gargaaru Qabu (Ingiliffa) miiljalee isaa irratti tooftaa kanaa wajjin wal fakkaatu fayyadama. Hundeen jechaa hiikame qubee furdaadhaan kan barreeffame siʼa taʼu, maxxantoonni duraa fi boodaa immoo qubee furdaa hin taaneen karuma duraan barameen barreeffamu. Fakkiiwwan halluun itti dibame sun, tooftaa Kitaabni Qulqulluun Afaan Ibrootaa Huutan qopheessee Hisqiʼel 18:4 irratti itti fayyadamee fi Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Odeeffannoo Qoʼannaadhaaf Gargaaru Qabu miiljalee isaa irratti itti fayyadame tokko taʼuu isaa argisiisu.

MAXXANSA AFAAN IBROOTAA “KAKUU HAARAA”

Huutan Kitaaba Qulqulluu Kakuu Haaraa jedhamee beekamus kitaaba tokko irratti qooqa 12n qopheesseera. Maxxansi kun bara 1599 Nuurambargitti kan maxxanfame siʼa taʼu, yeroo baayʼee Nuremberg Polyglot jedhamee waamama. Huutan hiika Kitaaba Qulqulluu Maatewos-Mulʼata Afaan Ibrootaatiin akka itti dabalamu barbaadee ture. Taʼus, “qarshii hedduu kennuuf fedhii kan qabu yoo taʼe illee,” nama Afaan Ibrootaatiin isaaf hiiku argachuu hin dandeenye. * Kanaaf, ofuma isaatiin Kakuu Haaraa Afaan Giriikii irraa gara Afaan Ibrootaatti hiikuuf murteesse. Huutan hojii kan biraa hunda dhiisee, waggaa tokko qofa keessatti guutummaa hiikaa kanaa xumureera!

Hiikkaan Kitaaba Qulqulluu Maatewos-Mulʼata Huutan Afaan Ibrootaatiin qopheesse hangam gaarii ture? Hayyuun Afaan Ibrootaa beekamaan jaarraa 19ffaa Firaanitsi Deelitish akkana jedhee barreesseera: “Hiikkaan Afaan Ibrootaa inni qopheesse hubannaa qooqa Kiristiyaanota gidduutti illee yeroo baayʼee hin argamne siʼa taʼu, hanga harʼaatti illee qorannaa gochuuf barbaachisaa dha. Sababiin isaas hiikkaa isaa keessatti jechootaa sirrii taʼanii fi garaa namaa tuqan waan fayyadameef irra deddeebiʼanii ilaaluun barbaachisaa dha.”

HOJII HIIKKAA YEROO DHEERAADHAAF FAYYADU

Huutan hojii hiikkaa isaatiin hin sooromne; maxxansi isaa akka gaariitti akka hin gurguramne beekamaa dha. Taʼus, hojiin isaa baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa irra iyyuu, yeroo dheeraadhaaf kan fayyadu dha. Fakkeenyaaf, Kakuu Haaraan inni Afaan Ibrootaan qopheesse, bara 1661tti Wiiliiyaam Robartisaniin, bara 1798tti immoo Riichaardi Kadiikiin haareffamee maxxanfameera. Huutan yommuu Afaan Giriikii isa jalqabaa irraa hiiku, yaada Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa irraa fudhatame yommuu taʼutti ykn bakka Yihowaa akka argisiisu isatti dhagaʼametti, maqaawwan ulfinaa Kiiriiyoos (Gooftaa) fi Teeʼoos (Waaqayyoo) jedhan, isa “Yihowaa” (יהוה, JHVH) jedhuun bakka buusuun isaa sirrii ture. Kunis xiyyeeffannaa kan hawwatu dha; sababiin isaas hiikkaawwan Kakuu Haaraa hedduun maqaa Waaqayyoo isa dhuunfaa waan hin fayyadamneef, hiikkaan Huuta Kitaaba Qulqulluu Maatewos-Mulʼata keessatti maqaa Waaqayyootti fayyadameera; kun immoo maqaa kana iddoo isaatti deebisuun barbaachisaa akka taʼe ragaa dabalataa taʼa.

Gara fuulduraatti maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhu Kitaaba Qulqulluu Maatewos-Mulʼata keessatti yommuu argitu, hojii Eliiʼaas Huuta fi Kitaabota Qulqulluu dinqisiisoo inni Afaan Ibrootaatiin qopheesse yaadadhu.

^ KEY. 9 Hayyoonni sana dura iyyuu Kakuu Haaraa Afaan Ibrootaatiin hiikanii akka turan beekamaa dha. Isaan keessaa tokko Siiman Aatuumanos isa bara 1360tti moloksee Baayizaantaayin ture dha. Inni biraan immoo, Osvaalti Shireekanfuksi isa bara 1565tti hayyuu Jarmanii ture dha. Hiikawwan kun garuu utuu hin maxxanfamin badaniiru.