MASARAA EEGUMSAA Lakk. 4 2017 | Kitaabni Qulqulluun Jireenyaa fi Duʼa Ilaalchisee Maal Jedha?
MAAL SITTI FAKKAATA?
Duuti kaayyoo Waaqayyo nuuf qabu keessaa tokko dhaa? Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiru; gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda hin jiru.”—Mulʼata 21:4.
Barruun Masaraa Eegumsaa kun Kitaabni Qulqulluun duʼaa fi jireenya ilaalchisee maal akka jedhu ibsa.
MATA DUREE FUULA JALQABAA
Duʼa Booda Jireenyi Jiraa?
Wanta duʼa booda taʼu ilaalchisee ilaalchi baayʼee adda adda waan jiruuf, bakki odeeffannoo amansiisaa irraa argannu jiraa?
MATA DUREE FUULA JALQABAA
Kitaabni Qulqulluun Jireenyaa fi Duʼa Ilaalchisee Maal Jedha?
Yeroo duunu wanti jiraachuu ishii itti fuftu nu keessa jirtii? Lubbuu hin duune qabnaa? Warri duʼan eessa jiru?
Namni Jaallattan Dhukkuba Duʼaaf Nama Saaxiluun Yeroo Qabamu
Miseensoonni maatii nama dhukkuba duʼaaf nama saaxiluun qabame sana jajjabeessuu kan dandaʼan akkamitti? Namoonni kunuunsa kennan miira yeroo dhukkubsachiisan isaanitti dhagaʼamu dandamachuu kan dandaʼan akkamitti?
Eliiʼaas Huuta fi Kitaabota Qulqulluu Dinqisiisoo Inni Afaan Ibrootaatiin Qopheesse
Eliiʼaas Huuta, hayyuun jaarraa 16ffaa Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaatiin inni qopheessee keessumaa lama diqisiisoo turan.
Yaada Baayʼee Amansiisaa Qubee Afaan Ibrootaa Ishii Xinnoo Irraa Argamu
Yesuus yeroo waaʼee qubee ishii xinnoo dubbatu waaʼee maali dubbachuu isaa ture?
Jannata Lafa Irraa—Abjuu moo Dhugaa Dha?
Ilaalchi jannata ishii lafa irraa badde ilaalchisee jiru, seenaa ilmaan namootaa keessatti yaada xiyyeefannaa guddaan kennamuuf taʼeera. Jannanni kun deebitee argamuu ni dandeessi?
Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Dhiphinni jireenya ilmaan namootaa keessatti waanuma eegamu taʼeera. Dhiphina irraa walaba taʼuun ni dandaʼamaa?
Wantoota garabiraa
Namoonni Kan Duʼan Maaliifi?
Deebiin Kitaabni Qulqulluun gaaffii kanaaf kennu jajjabinaa fi abdii namaaf argamsiisa.