Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Kitaabni Qulqulluun dhiphina dandamachuuf si gargaaruu ni dandaʼaa?
Ati maal jetta?
Eeyyee
Lakki
Taʼuu dandaʼa
Kitaabni Qulqulluun maal jedha?
“[Waaqayyo] isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.” (1 Pheexiros 5:7) Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo dhiphina isin irra gaʼu akka damdamattan isin gargaaruu akka dandaʼu dubbata.
Wanta dabalataa Kitaaba Qulqulluu irraa barannu
Kadhannaa dhiheessuudhaan, ‘nagaa Waaqayyoo’ isa dhiphinni akka hirʼatu godhu argachuu dandeessa.—Filiphisiiyus 4:6, 7.
Kana malees, Dubbii Waaqayyoo dubbisuun dhiphina dandamachuuf isin gargaara.—Maatewos 11:28-30.
Dhiphinni guutummaatti baduu ni dandaʼaa?
Namoonni tokko tokko . . . dhiphinni jireenya ilmaan namootaa keessatti waanuma eegamu akka taʼe yommuu dubbatan, kaan immoo dhiphina irraa walaba kan taʼan duʼa booda akka taʼe amanu. Maal sitti fakkaata?
Kitaabni Qulqulluun maal jedha?
Waaqayyo wantoota dhiphinaaf sababa taʼan ni balleessa. “[Duuti] kana booda hin jiru; gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda hin jiru.”—Mulʼata 21:4.
Wanta dabalataa Kitaaba Qulqulluu irraa barannu
Bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti, namoonni nagaa fi tasgabbiidhaan jiraatu.—Isaayaas 32:18.
Dhiphinnii fi yaaddoon hin barbaachisne hin yaadatamu.—Isaayaas 65:17.