Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Kiristiyaanni tokko namoota kaan irraa of eeguuf meeshaa waraanaa kan akka shugguxii ykn qawwee qabachuun isaa sirrii dhaa?

Gorsi kun kan kenname namoota irraa of eeguuf meeshaalee waraanaa kan akka shugguxii, qawwee ykn meeshaalee kan biraa fayyadamuu akka hin qabne akeekkachiisuufi dha. Mee yaadawwan armaan gadii hubadhu:

Ija Yihowaa duratti lubbuun, keessumaa immoo lubbuun namootaa gatii guddaa qaba. Daawit faarfatichi, Yihowaan ‘burqaa jireenyaa’ taʼuu isaa hubatee ture. (Far. 36:9) Kanaaf, Kiristiyaanni tokko nageenya ykn qabeenya isaa eeggachuuf, tarkaanfii adda addaa fudhachuu yoo filate, lubbuu namaa balleessuu fi gumaadhaan gaafatamuu irraa of eeguuf wanta isaaf dandaʼame hunda gochuutu isa irraa eegama.—Kes. 22:8; Far. 51:14.

Meeshaan namni tokko of eeguuf itti fayyadamu kam iyyuu dhiiga dhangalaasee nama gumaa akka taʼu isa taasisuu akka dandaʼu beekamaa dha. Haa taʼu malee, qawween utuu hin beekinis taʼe beekaa nama ajjeesuun salphaa akka taʼu godha. * Kana malees, namni miidhuuf dhufe jalqabuma iyyuu waan hin tasgabboofneef, namni inni kan biraan meeshaa waraanaa akka qabate yommuu argu, haalli isaa itti caaluu fi lubbuun namaa akka darbuu gochuu dandaʼa.

Yesuus, galgala duʼa isaa dura turetti duuka buutonni isaa billaa akka qabatan yommuu itti hime, akka isaan of eeganiif hin turre. (Luq. 22:36, 38) Kanaa mannaa, Yesuus billaa akka qabatan kan isaanitti hime barumsa barbaachisaa tokko isaan barsiisuuf jedhee ti; innis yommuu namoonni meeshaa waraanaa qabatan isaan mudatanitti illee deebisanii akka hin lolle isaan barsiisuufi ture. (Luq. 22:52) Pheexiros billaa isaa luqqifachuudhaan garbicha luba ol aanaa tokko irratti miidhaa erga geessisee booda, Yesuus “Billaa kee iddoo isaatti deebisi” jedhee isa ajaje. Achiis Yesuus, “Warri goraadee luqqifatan hundi goraadeedhaan badu” jechuudhaan, barumsa guddaa duuka buutonni isaa hanga harʼaatti ittiin geggeeffaman dubbateera.—Mat. 26:51, 52.

Miikiyaas 4:3 wajjin haala wal simuun sabni Waaqayyoo “billaa isaanii maarashaa, eeboo isaaniis isa ittiin muka qeexxaʼan [godhanii] in tumsiifatu.” Amalli Kiristiyaanota dhugaa warra kaan irraa adda baasee beeksisu kun, gorsa Phaawulos “Eenyuuf iyyuu wanta hamaa hamaadhaan hin deebisinaa. . . . Hamma isiniif dandaʼametti karaa keessan namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa” jedhee kennee wajjin kan wal simu dha. (Rom. 12:17, 18) Phaawulos ‘balaa saamtota’ irraa isa mudate dabalatee, rakkinni hedduun kan isa irra gaʼe taʼus, wanta dubbatee wajjin haala wal simuun jiraate malee, nageenya dhuunfaa isaa, dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irra hin caalchisne. (2 Qor. 11:26) Kanaa mannaa, Waaqayyoo fi ogummaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru irratti amanameera; ogummaan kun immoo “miʼa waraanaa irra caalti.”—Lal. 9:18.

Kiristiyaanonni lubbuun qabeenya caalaa gatii guddaa akka qabutti ilaalu. “Jireenyi [namaa] wantoota inni qabu irratti kan hundaaʼe [miti].” (Luq. 12:15) Kanaaf, wanti arraba laafaatiin dubbatame saamtuu meeshaa waraanaa hidhate dhaabuu yoo dadhabe, Kiristiyaanonni ogeeyyii taʼan dhugaa buʼuuraa gorsa Yesuus, “Nama hamaa taʼe hin morminaa” jechuudhaan kenne keessatti argamu hordofu. Kana jechuun wanta inni barbaade hunda kennuufii jechuu dha. (Mat. 5:39, 40; Luq. 6:29) * Tooftaan hunda irra caalu garuu, dursinee of eeggannoo gochuu dha. ‘Qabeenya keenya argisiifachuu’ irraa kan of qusannu yoo taʼee fi ollaawwan keenya biratti Dhugaa Baatota Yihowaa nagaa jaallatan taʼuu keenyaan kan beekamnu yoo taʼe, yakkamtoonni lola jaallatan nu irratti hin xiyyeeffatan.—1 Yoh. 2:16; Fak. 18:10.

Kiristiyaanonni namoota kaan gufachiisuu irraa of qusatu. (Rom. 14:21) Miseensi gumii tokko namoota irraa of eeguuf jedhee meeshaa waraanaa akka qabatu yoo beekan, miseensonni gumii kaan naʼuu, akkasumas gufachuu dandaʼu. Meeshaa waraanaa qabachuuf seera biratti mirga kan qabnu yoo taʼe illee, jaalalli fedhii keenya irra fedhii warra kaaniitiif dursa akka kenninu nu kakaasa.—1 Qor. 10:32, 33; 13:4, 5.

Kiristiyaanonni fakkeenya taʼuuf carraaqu. (2 Qor. 4:2; 1 Phe. 5:2, 3) Kiristiyaanni tokko, gorsi Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe erga isaaf kennamee booda, namoota irraa of eeguuf jecha meeshaa waraanaa kan qabatu yoo taʼe akka fakkeenyaatti ilaalamuu hin dandaʼu. Kanaaf itti gaafatamummaa fudhachuuf ykn gumii keessatti mirga addaa argachuuf gaʼumsa hin qabaatu. Kun Kiristiyaana hojii isaatiif jecha meeshaa waraanaa qabachuu isaa itti fufuufis ni hojjeta. Namni akkasii hojii kan biraa barbaaddachuun isaa baayʼee gaarii taʼuu dandaʼa. *

Akkuma hojii filachuun dhimma dhuunfaa taʼe, Kiristiyaanni tokko ofii isaa, maatii ykn qabeenya isaa eeguuf wanti inni raawwatus, dhimma dhuunfaa akka taʼe beekamaa dha. Taʼus, filannoon kun dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu ogummaa Waaqayyoo calaqqisiisanii fi jaalala inni nuuf qabu irratti kan hundaaʼe taʼuu qaba. Kiristiyaanonni karaa hafuuraa cimoo taʼan dhugaawwan buʼuuraa kana waan kabajaniif, namoota kaan irraa of eeguuf jecha meeshaa waraanaa hin qabatan. Dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutiin jiraachuudhaan Waaqayyotti yoo amanaman, nageenya dhugaa taʼee fi bara baraaf itti fufu akka argatan beeku.—Far. 97:10; Fak. 1:33; 2:6, 7.

Kiristiyaanonni yeroo rakkina guddaatti Yihowaatti amanamu malee, of irraa ittisuuf tarkaanfii hin fudhatan

^ key. 3 Kiristiyaanni tokko bineensa nyaataaf adamsuu ykn bineensa bosonaa irraa of eeguuf meeshaa waraanaa (kan akka shugguxii ykn qawwee) qabaachuuf murtoo mataa isaa gochuu dandaʼa. Haa taʼu malee, yeroo itti hin fayyadamnetti, meeshaalee akkasii keessaa rasaasa baasuun, tarii immoo hiikanii kaaʼuun, akkasumas bakka namni hin geenye kaaʼuun isaa barbaachisaa dha. Qawwee qabaachuun bakka seeraan dhowwaa taʼetti, iddoo daangeffametti ykn karaa kan biraa to’anaan itti godhamutti immoo Kiristiyaanonni seeraaf ajajamuu qabu.—Rom. 13:1.

^ key. 2 Gudeedamuu irraa of eeguu ilaalchisee, mata duree “Gudeedamuu Of Irraa Ittisuun kan Dandaʼamu Akkamitti?” jedhuu fi Dammaqaa! Eblaa-Waxabajjii 1994 (Amaariffa) irra jiru ilaali.

^ key. 4 Hojii meeshaa waraanaa qabachuu gaafatu hojjechuu ilaalchisee, yaada dabalataa argachuuf Masaraa Eegumsaa (Amaariffa) Sadaasa 1, 2005, ful. 31 fi Adoolessa 15, 1983, ful. 25-26 (Ingiliffa) ilaali.