Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Dammaqnee Eeguu’ kan Qabnu Maaliifi?

‘Dammaqnee Eeguu’ kan Qabnu Maaliifi?

Gooftaan keessan guyyaa isa kamitti akka dhufu hin beektan.’—MAT. 24:42.

FAARFANNAA: 136, 54

1. Saʼaatii isaa fi wanta naannoo keenyatti raawwatamaa jiru hubachuun barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe fakkeenyaan ibsi. (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

SAʼAATIIN sagantichi itti jalqabamu guutuuf yeroo jedhu, teessoo keenya qabannee muuziqaa sagantichi ittiin jalqabamu dhaggeeffachuuf yeroon akka gaʼe hubanna. Yeroon kun yeroo callisnee taaʼuudhaan muuziqaa gaarii gareen muuziqaa waldaa Masaraa Eegumsaa qopheesse itti dhaggeeffannuu fi keessumaa immoo yeroo haasaawwan dhihaachuuf jedhaniif sammuu fi garaa keenya itti qopheessinu dha. Haa taʼu malee, yeroo kanatti namoonni tokko tokko sagantichi jalqabuu isaa utuu hin qalbeeffatin hafanii yaadni isaanii yoo hihhirame, asiif achi yoo jedhan ykn hiriyoota isaanii wajjin haasaʼaa kan jiran yoo taʼe hoo? Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, namoonni kun dammaqoo waan hin taaneef, saʼaatiin meeqa akka taʼe hin beekan; akkasumas wanta naannoo isaaniitti raawwatamaa jiru, jechuunis dura taaʼaan waltajjii irra baʼuu isaa, muuziqaan taphachaa kan jiru taʼuu isaa fi dhaggeeffattoonni teessoo isaanii qabachuu isaanii hin beekan. Dhiheenyatti yeroon kana caalaa bakka guddaa qabu waan dhufuuf, yeroo kanaaf immoo qophaaʼuu waan qabnuuf, haalli kun barumsa guddaa nuu taʼa. Yeroon kun yeroo isa kami?

2. Yesuus barattoonni isaa ‘dammaqanii akka eegan’ kan itti hime maaliifi?

2 Yesuus Kiristoos waaʼee “dhuma sirna kanaa” yeroo dubbatu, “Guyyaan murteeffame sun yoom akka taʼe waan hin beekneef, yeroo hunda dammaqaa eegaa” jechuudhaan duuka buutota isaa gorseera. Sana booda Yesus irra deddeebiʼee, “Dammaqaa eegaa” jechuudhaan isaan gorseera. (Mat. 24:3; Maarqos 13:32-37 dubbisi.) Maatewosis wanta dhimma kanaa wajjin wal fakkaatu ilaalchisee yeroo barreessu, Yesuus duuka buutonni isaa dammaqoo taʼanii akka jiraatan isaan akeekkachiisuuf akkana jechuu isaa barreesseera: Kanaaf, Gooftaan keessan guyyaa isa kamitti akka dhufu waan hin beekneef dammaqaa eegaa. . . . Ilmi namaa saʼaatii isin ni dhufa jettanii hin yaadnetti waan dhufuuf qophaaʼoo taʼaa.” Yesuus ammas itti dabalee, Egaa isinis, guyyichas taʼe saʼaaticha waan hin beekneef dammaqaa eegaa” jedhe.—Mat. 24:42-44; 25:13.

3. Akeekkachiisa Yesuusiif xiyyeeffannaa kan kenninu maaliifi?

3 Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, akeekkachiisa Yesuusiif xiyyeeffannaa guddaa kennina. Kan jiraannu gara xumuraa “bara isa dhumaa” keessa akka taʼee fi “rakkinni guddaan” dhiheenyatti akka jalqabu beekna! (Dan. 12:4; Mat. 24:21) Addunyaa maratti waraanota gaddisiisoo, mancaʼina amalaa fi seera dhabummaa dabalaa deemu, barumsawwan amantii nama burjaajessan, hanqina nyaataa, dhukkuboota daddarbanii fi kirkira lafaa argaa jirra. Dhugaa Baatonni Yihowaa bakka hundatti, hojii lallabaa ajaaʼibsiisaa taʼe raawwachaa akka jiran beekna. (Mat. 24:7, 11, 12, 14; Luq. 21:11) Dhufaatiin Gooftaa nuuf hiika maalii akka qabaatuu fi kaayyoo Waaqayyoo akkamitti galmaan akka gaʼu ilaaluuf hawwiidhaan eegganna.—Mar. 13:26, 27.

GUYYICHI DHIHAATEERA

4. (a) Yeroo ammaatti Yesuus Armaagedoon yoom akka jalqabu beeka jennee amanuu kan dandeenyu maaliifi? (b) Rakkinni guddaan yoom akka jalqabu beekuu baannus, waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

4 Sagantaan walgaʼii hundi yeroo murtaaʼaa itti jalqabu akka qabu beekna. Haa taʼu malee, rakkinni guddaan waggaa kamitti akka jalqabu beekuu hin dandeenyu; guyyaa fi saʼaatii isaa beekuun immoo waan gonkumaa hin yaadamne dha. Yesuus yeroo lafa irra turetti akkana jedheera: “Waaʼee guyyaa sanaa fi saʼaatii sanaa, Abbaa qofa malee kan beeku tokko illee hin jiru; maleekonni samiis taʼan Ilmi hin beekan.” (Mat. 24:36) Haa taʼu malee, Kiristoos addunyaa Seexanaa irratti waraana banuuf aangoon isaaf kennameera. (Mul. 19:11-16) Kanaafuu, amma Yesuus Armaagedoon yoom akka jalqabamu beeka jennee yaaduuf sababii gaʼaa qabna. Nuti garuu hin beeknu. Hamma rakkinni sun dhufutti dammaqinaan eeguun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Yihowaan garuu yeroon sun yoom akka taʼe sirriitti beeka. Yeroo isa sirrii dhumni itti dhufu murteesseera. Yeroon sun guyyaa guyyaadhaan gara jalqaba isaatti fiigaa jira; jalqabni isaas “hin turu.” (Anbaaqom 2:1-3 dubbisi.) Kana akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

5. Raajiiwwan Yihowaan dubbate yeroo hunda yeruma jedhame sanatti akka raawwataman fakkeenya argisiisu dubbadhu.

5 Raajiiwwan Yihowaan dubbate yeroo hunda yeruma jedhame sanatti raawwatamu! Yeroo Israaʼeloota Gibxii keessaa itti baase ilaalchisee yeroo isaa sirriitti kan eege akkamitti akka taʼe ilaalaa. Museen waaʼee Niisaan 14, Dh.K.D. bara 1513 yeroo dubbatu, “Dhuma waggaa dhibba afurii fi soddomaa sanatti, guyyaadhuma sana macci Waaqayyoo hundinuu biyya Gibxii keessaa in ba’an” jedheera. (Bau. 12:40-42) Waggoonni “dhibba afurii fi soddomni’ sun, yeroo kakuun Yihowaan Abrahaamii wajjin gale hojii irra ooletti, jechuunis Dh.K.D. bara 1943⁠tti jalqaban. (Gal. 3:17, 18) Yeroo muraasa booda, Yihowaan Abrahaamiin akkana jedhe: “Sanyiin kee biyya kan isaanii hin ta’in keessatti galaa ta’uuf achittis garbummaatti hojjechuudhaaf waggaa dhibba afur cunqurfamuuf akka jiran dhugaa isaa beeki!” (Uma. 15:13; HoE. 7:6) Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, ‘waggoonni dhibba arfan’ dhiphinaan guutaman sun Dh.K.D. bara 1913⁠tti, jechuunis yeroo Ismaaʼel yommuu Yisihaq harma guʼetti isatti qoosetti jalqaban; kan xumuraman immoo yeroo Israaʼeloonni Dh.K.D. bara 1513⁠tti biyya Gibxiitii baʼanitti dha. (Uma. 21:8-10, NW; Gal. 4:22-29) Eeyyee, Yihowaan yeroo sabni isaa itti furaman isa sirrii jaarraawwan afur dursee dubbateera!

6. Yihowaan saba isaa akka oolchu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

6 Iyaasuun inni warra Gibxii baʼan keessaa tokko ture, akkana jechuudhaan Israaʼeloota hunda yaadachiiseera: “Isin abdii Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne hundumaa keessaa tokko illee akka hin hafne garaa keessan hundumaan, yaada keessan hundumaanis gaarii gootanii beektu; abdiin inni kenne hundinuu raawwatamaniiru, isaan keessaa tokko illee lafa bu’ee hin hafne.” (Iya. 23:2, 14) Waadaan Yihowaan rakkina guddaa irraa nu oolchuuf gales akka raawwatamu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Haa taʼu malee, badiisa sirna kanaa jalaa ooluu yoo barbaadne dammaqinaan eeguu qabna.

DAMMAQOO TAʼUUN FAYYINAAF BARBAACHISAA DHA

7, 8. (a) Eegduun bara durii hojiin isaa maal ture? Kun hoo maal nu barsiisa? (b) Eegduun tokko utuu hojii irra jiruu yoo rafe maaltu uumamuu akka dandaʼu fakkeenyaan ibsi.

7 Dammaqoo taʼuun barbaachisaa taʼuu isaa, seenaawwan durii irraa barachuu ni dandeenya. Yeroo sanatti magaalaawwan guguddaan kan akka Yerusaalem jiran, dallaawwan dhedheeraadhaan marfamanii turan. Dallaawwan sun weerartoota ni ittisu; akkasumas iddoowwan eegumsaa ol kaʼoo taʼanii fi naannoo sana toʼachuuf gargaaran akka jiraatan godhu turan. Eegdonni, halkanii fi guyyaa dallaa irraa fi karra irra dhaabatu turan. Balaan gaʼuuf jedhu yoo jiraate, jiraattota magaalattii dammaqsuu qabu turan. (Isa. 62:6) Eegdonni dammaqoo taʼuun isaanii fi bakka eegumsaa isaaniitti argamuun isaanii, dhimma duʼaa fi jireenyaa ture.—His. 33:6.

8 Barreessaan seenaa Yihudii taʼe Joseefas, Dh.K.B. bara 70⁠tti loltoonni Roomaa dallaa Masaraa Antooniyaa jedhamu isa dallaa Yerusaalemiin walqabatee jiru toʼannaa isaanii jala akka oolfatan ibseera. Kun kan taʼe, eegdonni rafanii waan turaniif ture! Loltoonni Roomaa karaa sanaan mana qulqullummaa weeraranii ibidda kan itti qabsiisan siʼa taʼu, kun immoo dhuma irratti rakkinni guddaan Yerusaalemii fi saba Yihudaa irra sanaan dura gaʼee hin beekne akka gaʼu godheera.

9. Yeroo harʼaatti namoonni baayʼeen maal hin beekan?

9 Yeroo harʼaatti, mootummoonni hedduun loltootaa fi malawwan eegumsaa teknooloojii ammayyaatiin fayyadamuudhaan daangaawwan biyya isaanii eegsisu. Daangaa isaanii cabsee kan galu akka hin jiraanne, akkasumas diinonni isaan sodaachisan nagaa uummata isaanii akka hin jeeqne eegu. Haa taʼu malee, “eegdonni” kun, haalawwan sodaachisaa mootummoota ilmaan namootaa ykn namoota dhuunfaa irraa dhufan qofa arguu dandaʼu. Mootummaa Waaqayyoo isa Yesuus bulchu, sochii inni godhu, akkasumas gaʼee inni saboota hundumaa irratti murteessuudhaan raawwatus hin beekan. (Isa. 9:6, 7; 56:10; Dan. 2:44) Gama biraatiin immoo, karaa hafuuraa dammaqoo taanee yoo jiraanne, guyyaan sun yoom iyyuu yoo dhufe qophaaʼoo taana.—Far. 130:6.

YAADNI KEESSAN HIHHIRAMEE DAMMAQINAAN EEGUU HIN DHIISINAA

10, 11. (a) Waaʼee maalii of eeggachuu qabna? Maaliif? (b) Diyaabiloos, namoonni raajiiwwan Kitaaba Qulqulluutiif dantaa akka hin qabaanne gochuu isaa kan si amansiise maali dha?

10 Waaʼee eegduu bakka eegumsa isaatti halkan guutuu dammaqinaan dabarse tokkoo yaadaa. Eegumsa isaa xumuruuf xinnuma yeroo isa hafu, baayʼee dadhabee rafa. Haaluma wal fakkaatuun, nuyis dhuma sirna kanaatti dhihaachaa yeroo deemnu, dammaqinaan eeguun caalaatti rakkisaa nutti taʼaa dhufa. Dammaqinaan eeguu yoo dadhabne haalli isaa baayʼee kan nama gaddisiisu taʼa! Dhiibbaawwan gadhee of eeggachuu baannaan dammaqnee akka hin eegne nu gochuu dandaʼan sadii haa ilaallu.

11 Diyaabiloos, namoonni dhimmoota hafuuraatiif dantaa akka dhaban gochaa jira. Yesuus duʼuu isaa yeroo muraasa dura, waaʼee ‘bulchaa addunyaa kanaa’ siʼa sadii barattoota isaa akeekkachiise. (Yoh. 12:31; 14:30; 16:11) Yesuus, Seexanni namoonni miira ariitii akka hin qabaannee fi raajiin Waaqayyo dubbate akka hin raawwatamne waan barbaaduuf sammuu namootaa dukkana keessa jiraachisuu akka barbaadu beeka. (Sef. 1:14) Seexanni bulchiinsa amantii sobaa addunyaatti fayyadamee sammuu namootaa jaamsa. Marii namoota wajjin gootan irraa maal hubattan? Diyaabiloos badiisa sirna kanaa isa dhufaa jiru ilaalchisee fi yeroo ammaatti Kiristoos Mootummaa Waaqayyoo irratti bulchaa kan jiru taʼuu isaa ilaalchisee, “sammuu warra hin amannee jaamseera” mitii ree? (2 Qor. 4:3-6) Namoonni, “Fedhii hin qabu” kan isiniin jedhan siʼa meeqa? Wanta addunyaa kana eeggatu isaanitti himuuf yeroo yaallu, baayʼeen isaanii dantaa hin qaban.

12. Diyaabiloos akka nu gowwoomsu heyyamuu kan hin qabne maaliifi?

12 Dantaa dhabuun ykn gorsi jalʼaan namootaa, dammaqxanii akka hin eegne akka isin godhu hin heyyaminaa. Isin, dammaqxanii eeguun keessan barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe beektu. Phaawulos, “Guyyaan Yihowaa akkuma hattuun halkaniin dhufutti akka dhufu isinumti iyyuu akka gaariitti beektu” jechuudhaan Kiristiyaanota kaaniif barreesseera. (1 Tasalonqee 5:1-6 dubbisi.) Yesuus, “Ilmi namaa saʼaatii isin ni dhufa jettanii hin yaadnetti waan dhufuuf qophaaʼoo taʼaa eegaa” jechuudhaan nu akeekkachiiseera. (Luq. 12:39, 40) Dhiheenyatti Seexanni namoota hedduu gowwoomsuudhaan yaada sobaa “Nagaa dha, tasgabbii dhas!” jedhu akka amanan godha. Wanti addunyaa irra jiru hundi gaarii dha jedhanii akka yaadan godha. Waaʼee keenya hoo maal jechuutu dandaʼama? ‘Dammaqinaan jiraachuu, akkasumas dandeettii hubannaa keenyaa eeggachuu’ yoo barbaadne, guyyaan murtii sun ‘akka hattuu itti bariʼeetti akka nu irra gaʼu’ gochuu hin qabnu. Dubbii Waaqayyoo isa barreeffame guyyaa guyyaadhaan dubbisuu fi wanta Yihowaan nuun jedhu irratti xiinxaluu kan qabnu kanaafi.

13. Hafuurri addunyaa ilmaan namootaa irratti dhiibbaa gochaa kan jiru akkamitti? Dhiibbaa gadhee kana irraa fagaachuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

13 Hafuurri addunyaa kanaa karaa hafuuraatiin akka rafnu godha. Namoonni baayʼeen dhimmawwan dhuunfaatiin qabamanii waan jiraniif, ‘Warra wantoota hafuuraa dheebotan’ miti. (Mat. 5:3) Wantoota biyya lafaa ‘hawwii foonii fi hawwii ijaa’ jajjabeessaniin xiyyeeffannaan isaanii harkifameera. (1 Yoh. 2:16) Kana malees, bohaartiiwwan addunyaa namoonni ‘wanta isaan gammachiisu akka jaallatan’ godhaniiru; qorumsi kunis yeroodhaa gara yerootti dabalaa deemeera. (2 Xim. 3:4) Phaawulos, ‘fedhii foonii isaanii [isa karaa hafuuraa akka rafan godhu] raawwachuuf dursanii karoora akka hin baafanne’ Kiristiyaanotatti kan hime kanaaf ture.—Rom. 13:11-14.

14. Luqaas 21:34, 35 irratti akeekkachiisa akkamii arganna?

14 Hafuura addunyaa utuu hin taʼin, hafuurri Waaqayyoo jireenya keenya irratti dhiibbaa akka godhu barbaadna. Yihowaan hafuura isaatiin fayyadamee haalawwan nu fuuldura jiran akka hubannu nu gargaareera. [1] (1 Qor. 2:12) Haa taʼu malee, namni tokko karaa hafuuraa akka rafu gochuun waan adda taʼe hin gaafatu; wantoonni bakka guddaa hin qabne sochiiwwan hafuuraa keenya akka toʼatan yoo heyyamne kana gochuu ni dandaʼu. (Luqaas 21:34, 35 dubbisi.) Namoonni kaan dammaqinaan eeguu keenyatti nutti qoosu taʼa; kun garuu miira ariifannaa dhabuuf sababii hin taʼu. (2 Phe. 3:3-7) Kanaa mannaa, walgaʼiiwwan gumii hafuurri Waaqayyoo itti argamu irratti Kiristiyaanota kaan wajjin yeroo hunda wal gaʼuu qabna.

Karaa hafuuraa dammaqaa taatee jiraachuuf, waan dandeessu hunda gochaa jirtaa? (Keeyyata 11-16 ilaali)

15. Pheexiroos, Yaaqoobii fi Yohaannis maaltu isaan mudate? Haalli kun nuunis mudachuu kan dandaʼu akkamitti?

15 Cubbuu kan dhaalle taʼuun keenya, dammaqoo taanee jiraachuun akka nutti ulfaatu gochuu dandaʼa. Yesuus, ilmaan namootaa cubbuu dhaalan dadhabina isaaniitiif salphaatti moʼamuu akka dandaʼan beeka ture. Galgala ajjeefamuu isaa dura turetti maaltu akka taʼe haa ilaallu. Yesuus, amanamaa taʼee itti fufuu akka dandaʼuuf, Abbaan isaa inni samii jabina akka isaaf kennu kadhateera. Yesuus yeroo inni kadhatutti isaan ‘dammaqanii akka eegan’ Pheexiroos, Yaaqoobii fi Yohaannisitti himee ture. Isaan garuu fuuldura isaaniitii haalli rakkisaan akka isaan eeggatu hin hubanne. Gooftaa isaanii dammaqinaan eeguu mannaa, hirriba isaan rakkiseef moʼamanii rafan. Yesuus garuu baayʼee dadhabee kan ture taʼus, gara Abbaa isaatti kadhannaa cimaa dhiheessuudhaan guutummaatti dammaqee ture. Hiriyoonni isaa kunis kanuma gochuu qabu turan.—Mar. 14:32-41.

16. Akkuma Luqaas 21:36 irratti ibsame, Yesuus ‘dammaqinaan akka eegnu’ kan nu barsiise akkamitti?

16 Karaa hafuuraa ‘dammaqinaan eeguuf’ fedhii gaarii qabaachuu qofti gaʼaa miti. Yesuus haalli bakka Getesemaanee jedhamutti taʼe raawwatamuu isaa guyyoota muraasa dura, Yihowaatti kadhannaa cimaa akka dhiheessan barattootuma isaa kanatti himee ture. (Luqaas 21:36 dubbisi.) Kanaafuu, karaa hafuuraa dammaqinaan eeguu yoo barbaadne, nutis kadhannaadhaan dammaqoo taʼuu qabna—1 Phe. 4:7.

YEROO HUNDA DAMMAQINAAN EEGAA

17. Wanta dhiheenyatti dhufuuf of qopheessuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Yesuus guyyaan dhumaa ‘saʼaatii nuti ni dhufa jennee hin yaadnetti’ akka dhufu waan dubbateef, yeroon kun yeroo karaa hafuuraa itti rafnu, yeroo gammachuu Seexannii fi addunyaan isaa nu afeeran, akkasumas wantoota foon keenya hawwu itti hordofnu miti. (Mat. 24:44) Waaqayyoo fi Kiristoos, dhiheenyatti maal akka nuuf qopheessanii fi akkamitti dammaqoo taanee eeguu akka dandeenyu Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuudhaan nutti himu. Haala karaa hafuuraa irra jirruuf, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnuuf, akkasumas dhimmoota Mootummichaa wajjin wal qabataniif xiyyeeffannaa kennuu qabna. Wanta gara fuulduraatti dhufuuf qophaaʼoo taʼuu akka dandeenyutti, yeroo keessa jirruu fi wantoota raawwatamaa jiran hubachuu qabna. (Mul. 22:20) Kun dhimma duʼaa fi jireenyaa ti!

^ [1] (keeyyata 14) Kitaaba Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira! jedhamu boqonnaa 21 ilaali.