Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dubartii ogeettii qalbii ishiitiif kabaja qabdu

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Ulfa Baasuu

Ulfa Baasuu

Waggaa waggaatti namoonni miliyoona kudhaniin lakkaaʼaman taʼe jedhanii ulfa baasisu; lakkoofsi kun baayʼina uummataa biyyoota hedduu kan caalu dha.

Filannoo dhuunfaa moo seera Waaqayyoo wajjin kan wal faallessu dha?

NAMOONNI MAAL JEDHU?

Dubartoonni ulfa kan baasisan sababii baayʼee waan qabaniif taʼuu dandaʼa: Rakkina dinagdee, walitti buʼiinsa, barnoota ol aanaa hordofuuf ykn hojii hojjechuuf walaba taʼuu waan barbaadaniif ykn qofaa isaanii ijoollee guddisuu waan hin barbaanneef taʼuu dandaʼa. Taʼus, namoonni kan biraan ulfa baasuun gama naamusaatiin dogoggora akka taʼee fi amanamummaa dubartiin ulfi qabdu kan hirʼisu dha jedhu.

KITAABNI QULQULLUUN MAAL BARSIISA?

Ija Waaqayyoo duratti lubbuun, keessattuu lubbuun namootaa qulqulluu dha. (Uumama 9:6; Faarfannaa 36:9) Dhugaan buʼuuraa kun ulfa gadameessa, jechuunis iddoo amansiisaa Waaqayyo qopheesse keessa jirus kan dabalatu dha. Barreessaan Kitaaba Qulqulluu tokko, “Gadameessa haadha koo keessatti situ na tolche” jedheera. Itti dabalees akkana jedheera: “Nama taʼuun koo utuu hin beekamin iji kee na arge, dhaladhee barri jireenya koo lakkaaʼamuu utuu hin jalqabin, guyyoonni anaaf yaadaman guutummaatti macaafa kee keessatti caafaman.”—Faarfannaa 139:13, 16.

Ilaalcha Waaqayyo lubbuu mucaa hin dhalanneef qabu, Seera inni Israaʼelootaaf kennee fi qalbii inni nuuf kenne irraa hubachuun ni dandaʼama. Seerri kun, namni dubartii ulfa irratti miidhaa geessisuudhaan ulfi akka irraa baʼu godhu, duʼaan akka adabamu dubbata; kanaaf namichi sun lubbuu balleessuu isaatiin lubbuu mataa isaa kaffala. (Baʼuu 21:22, 23) Dhugaa dha, abbootiin firdii kakaʼumsaa fi haala isaa tilmaama keessa galchuu qabu turan.—Lakkoobsa 35:22-24, 31.

Akkasumas, ilmaan namootaa qalbii wajjin uumaman. Dubartiin tokko lubbuu mucaa garaa ishii keessa jiruu kabajuudhaan qalbii ishii ykn wanta keessi ishii ishiitti himu kan dhageessu yoo taʼe, qalbiin ishii ishii hin ceephaʼu. * Wanta qalbiin ishii jedhu yoo dhagaʼuu baatte, ishii jeequu irra darbee ishii ceephaʼa taʼa. (Roomaa 2:14, 15) Qorannoowwan akka mulʼisanitti dubartoonni ulfa baasisan carraan isaan dhukkuba dhiphina sammuutiin qabamuuf qaban baayʼee guddaa dha.

Haa taʼu malee, mucaa guddisuun yeroo ulfaataa fakkaatutti, keessumaa immoo kan ishiin ulfoofte karoora malee yoo taʼe hoo? Abdii qabatamaa Waaqayyo namoota amanamoo qajeelfama isaa wajjin haala wal simuun jiraataniif kenne hubadhu: “Nama gaarummaa argisiisutti, atis gaarummaa in argisiifta; nama [ykn dubartii] hin balleessinetti, atis itti hin balleessitu.” (Faarfannaa 18:25) Akkasumas, “Waaqayyo waan dhugaa ta’e in jaallata, warra isaaf of kennanis hin gatu.”—Faarfannaa 37:28.

“Yaadni isaanii takka takka yommuu isaan hadheessu yookiin yommuu isaaniif falmu, qalbiin isaanii ragaa isaaniif baʼa.”Roomaa 2:15.

Kanaan dura ulfa baasifteetta yoo taʼe hoo?

NAMOONNI MAAL JEDHU?

Haati qeenxee taatee fi Ruut jedhamtu akkana jetteetti: “Ijoollee xixinnoo sadii guddisaan ture; arfaffaa guddisuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼamee ture. Ergan ulfa baasisee booda garuu, gocha suukanneessaa akkan raawwadhe natti dhagaʼamuu jalqabe.” * Haa taʼu malee, dubartiin kun gocha Waaqayyo duratti dhiifama hin qabne raawwattee?

KITAABNI QULQULLUUN MAAL BARSIISA?

Yesuus Kiristoos, ilaalcha Waaqayyo wantootaaf qabu akka qabu yommuu dubbatu, “Ani namoota qajeeloo utuu hin taʼin, cubbamoonni akka yaada geddaratan waamuufan dhufe” jedheera. (Luqaas 5:32) Eeyyee, cubbuuwwan ciccimoo dabalatee dogoggora raawwanneef garaadhaa akka gaabbinu yoo argisiisnee fi Waaqayyo dhiifama akka nuuf godhu kan isa gaafannu yoo taʼe, Inni balleessaa keenya nuuf dhiisuuf fedhii qaba. (Isaayaas 1:18) Faarfannaan 51:17, “Yaa Waaqayyo, ati garaa cabaadhaaf bullaaʼaa hin tuffattu!” jedha.

Waaqayyo namni tokko gad of qabee kadhannaadhaan gara isaatti deebiʼuu isaa yoo argisiise, qalbii qulqulluu fi nagaa sammuu isaaf kenna. Filiphisiyus 4:6, 7 akkana jedha: “Waan hundumaa kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa . . . Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalus . . . garaa keessanii fi yaada keessan ni eega.” * Ruut, Kitaaba Qulqulluu erga qoʼattee fi kadhannaadhaan wanta garaa ishii keessa jiru Waaqayyoof erga dhangalaastee booda keessi ishii nagaa argateera. ‘Cubbuu namaaf dhiisuun Waaqayyo bira akka jirus’ hubatteetti.—Faarfannaa 130:4.

“[Waaqayyo] akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin hojjetu, akka yakka keenyaattis nutti hin deebisu.”Faarfannaa 103:10.

^ KEY. 8 Balaan gama fayyaatiin dubartii ulfa ykn mucaa dhalachuuf jedhu irra gaʼuu dandaʼa jedhamee yaadamu, ulfa baasuudhaaf sababa quubsaa taʼuu hin dandaʼu. Hiriyoonni gaaʼelaa yommuu mucaan dhalachuuf jedhutti lubbuu haadhaa fi kan mucaa oolchuuf murteessuun dirqama yommuu isaanitti taʼutti filannoo dhuunfaa isaanii gochuu qabu. Kun kan jedhame, biyyoota guddatan hedduu keessatti, guddinni gama yaalii fayyaatiin jiru haalli akkasii baayʼee akka xiqqaatu waan godheefi dha.

^ KEY. 12 Maqaan ishii jijjiirameera.

^ KEY. 14 Abdiin duʼaa kaʼuus namni tokko, keessi isaa nagaa akka qabaatu gumaacha gochuu dandaʼa. Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 2009 irraa mata duree “Gaaffii Dubbistootaa” jalatti baʼee fi dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu daaʼimni utuu hin dhalatin duʼe duʼaa kaʼuu akka dandaʼu ibsu ilaali.