Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 1

Gaaʼela Gammachuu Qabu Argachuuf Gargaarsa Waaqayyoo Gaafadhaa

Gaaʼela Gammachuu Qabu Argachuuf Gargaarsa Waaqayyoo Gaafadhaa

‘Waaqayyo inni jalqabatti isaan uume dhiiraafi dubartii godhee isaan uume.’—Maatewos 19:4

Gaaʼela isa jalqabaa kan hundeesse Yihowaadha. a Macaafni Qulqulluun Waaqayyo dubartii jalqabaa akka uumeefi ‘Addaamitti akka geesse’ dubbata. Yeroo kanatti Addaam baayʼee waan gammadeef, “Amma reefuu taʼe; isheen kun lafeen ishee lafee koo keessaa, foon ishees foon koo irraa fuudhame” jedhe. (Uumama 2:22, 23) Yeroo harʼaas Yihowaan namoonni gaaʼela dhaabbatan gammadoo akka taʼan barbaada.

Yeroo gaaʼela godhattu wanti hundi gaarii waan taʼu sitti fakkaachuu dandaʼa. Dhugaasaa dubbachuuf garuu, abbaa manaafi haadha manaa garaadhaa wal jaallatan gidduuttillee rakkinni uumamuu dandaʼa. (1 Qorontos 7:28) Birooshura kana keessatti, seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu ni argatta. Seera buʼuuraa kana hojiirra oolchuun gaaʼelakeefi maatii keetiif gammachuu argamsiisa.—Faarfannaa 19:8-11.

1 GAʼEE YIHOWAAN ISINIIF KENNE AMANAA FUDHADHAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? Abbaan manaa mataa maatiiti.—Efesoon 5:23.

Abbaa manaa yoo taate, Yihowaan haadha manaakee gara laafinaan akka qabdu sirraa eega. (1 Phexros 3:7) Gargaartuukee akka taatuuf waan ishee uumeef kabajaafi jaalalaan akka ishee qabdu barbaada. (Uumama 2:18) Fedha mataakeerra kan haadha manaakeetiif dursa kennuudhaan ofirra caalchistee akka ishee jaallattu argisiisuu qabda.—Efesoon 5:25-29.

Haadha manaa yoo taate, Yihowaan abbaa manaakeetiif ulfina akka kennituufi gaʼeesaa baʼuu akka dandaʼuuf akka isa gargaartu sirraa eega. (1 Qorontos 11:3; Efesoon 5:33) Murtoo inni godhu deggeri, akkasumas tokkummaadhaan isaa wajjin hojjedhu. (Qolosaayis 3:18) Akkas yoo goote abbaa manaakee durattis taʼe Yihowaa duratti iddoo guddaa qabaatta.—1 Phexros 3:1-6.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Abbaa manaa ykn haadha manaa gaarii taʼuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe hiriyaa gaaʼelaakee gaafadhu. Sirriitti dhaggeeffadhu; jijjiirama gochuufis wanta sii dandaʼame hunda godhi

  • Obsa qabaadhaa. Wal gammachiisuuf maal gochuu akka dandeessan baruun yeroo isinitti fudhata

2 MIIRA HIRIYAA GAAʼELAA KEETIIF XIYYEEFANNAA KENNI

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? Fedhii hiriyaa gaaʼelaakeetiif xiyyeeffannaa kennuunkee barbaachisaadha. (Filiphisiiyus 2:3, 4) Yihowaan tajaajiltoonnisaa ‘nama hundumaatti gaarummaa akka argisiisan’ kan barbaadu taʼuusaa yaadachuudhaan hiriyaa gaaʼelaakee ulfinaan qabi. (2 Ximotewos 2:24) “Dubbiin gar-malee dubbatamu akka billaa nama waraana, arrabni ogeessaa garuu in fayyisa.” Kanaaf, of eeggannaadhaan dubbadhu. (Fakkeenya 12:18) Hafuurri Yihowaa gaarummaafi jaalalaan akka dubbattu si gargaara.—Galaatiyaa 5:22, 23; Qolosaayis 4:6.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Dhimma tokkorratti hiriyaa gaaʼelaakee wajjin mariʼachuukee dura tasgabbaaʼuufi yaada hiriyaa gaaʼelaakee fudhachuuf qophaaʼaa taʼuu akka dandeessuuf kadhadhu

  • Maal dubbachuufi akkamitti dubbachuu akka qabdu sirriitti irratti yaadi

3 ILAALCHA TOKKO QABAADHAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? Yeroo gaaʼela dhaabbattan, hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin “foon tokko” taatu. (Maatewos 19:5) Taʼus, ammayyuu namoota addaddaa waan taataniif ilaalcha garaagaraa qabaachuu dandeessu. Kanaaf, yaadaafi miiraan tokko taʼuuf carraaqqii gochuun keessan gaariidha. (Filiphisiiyus 2:2) Yeroo murtoo gootan tokkummaa qabaachuun keessan baayʼee barbaachisaadha. Macaafni Qulqulluun, “Wanti yaadame, mareedhaan jabaatee in dhaabata” jedha. (Fakkeenya 20:18) Murtoo barbaachisaa taʼe tokko yommuu gootan seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluutiin geggeeffamaa.—Fakkeenya 8:32, 33.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Hiriyaa gaaʼelaakeetti odeeffannoo ykn yaadakee himuu qofa utuu hin taʼin miirakees ibsiif

  • Waadaa tokko seenuukee dura hiriyaa gaaʼelaakee wajjin mariʼadhu

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamedha.