Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA LAMA

‘Waaqa Dhugaa Wajjin Deddeebiʼeera’

‘Waaqa Dhugaa Wajjin Deddeebiʼeera’

1, 2. Nohiifi maatiinsaa hojii akkamiirratti bobbaʼanii turan? Rakkinni isaan mudatee ture tokko tokkohoo maalidha?

NOHI ol jedhee hiixatee qaamasaa butute diddiriirfachaa jira. Nohi hojiisaarraa xinnoo aara galfachuuf yommuu inni jirma tokkorra taaʼee markaba guddaa ijaaramaa jiru sana ilaalu sitti haa mulʼatu. Qilleensi naannoosaa jiru foolii xiraa leelee danfaa jiruun kan guutame siʼa taʼu, hojiin mukaa yommuu hojjetamu sagaleen gamasiifi gamanaa ni dhagaʼama. Nohi idduma jiru taaʼee, yommuu ilmaansaa jirma gurguddaa kutaa markabichaa garaagaraa ijaaruuf gargaaru soofanii qopheessan arguu dandaʼa. Ilmaansaa, haadhotiin manaasaaniifi haati manaasaa waggoota hedduudhaaf isaa wajjin hojjechaa jiru. Hojii baayʼee kan hojjetan taʼus, ijaaranii xumuruuf hojii baayʼeetu isaan hafa.

2 Namoonni naannoo sana jiran hundi Nohiifi maatiisaa akka gowwaatti ilaalu. Markabichi guddachaa yommuu adeemu, bishaan guutummaa lafaa balleessu ni dhufa jechuunsaanii caalaatti isaan kolfisiiseera. Nohi badiisni akka dhufu akeekkachiisuusaa kan itti fufe taʼus, kun dhuguma waan raawwatamu isaanitti hin fakkaanne. Namni tokko hojii gatii hin qabnerratti jireenyasaas taʼe kan maatiisaa maaliif akka balleessu hubachuun isaan rakkisee ture. Yihowaan inni Waaqa Nohi taʼe garuu akka gowwaatti isa hin ilaalle.

3. Nohi Waaqayyoo wajjin deddeebiʼeera jedhamuu kan dandaʼu akkamitti?

3 Macaafni Qulqulluun, ‘Nohi Waaqa dhugaa wajjin deddeebiʼeera’ (NW) jedha. (Uumama 6:9 dubbisi.) Kana jechuun maal jechuudha? Kana jechuun, Waaqayyo lafarra jiraatee ture ykn Nohi karaa taʼe tokkoon gara samii dhaqee ture jechuu miti. Kanaa mannaa, Nohiifi Yihowaan akka michuutti akka waliin deddeebiʼan kan ibsame, Nohi garaadhaa Yihowaa kan jaallatuufi kan isaaf abboomamu waan tureefidha. Macaafni Qulqulluun waggoota kumaan lakkaaʼaman booda, Nohiin ilaalchisee, “Amantii isaatiin . . . biyya lafaatti yakka muree” jedha. (Ibr. 11:7) Haataʼu malee kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Nuhoo yeroo harʼaatti amantiisaarraa maal baranna?

Nama Biyya Lafaa Jalʼaa Taʼe Keessatti Mudaa Malee Jiraate

4, 5. Bara Nohitti biyyi lafaa gadheerraa gara isa caalaa gadheetti kan jijjiirame akkamitti?

4 Nohi, biyya lafaa gadheerraa gara isa caalaa gadheetti saffisaan jijjiiramu keessatti guddate. Biyyi lafaa, bara abaabiliisaa Henok isa qajeelaa Waaqayyoo wajjin deddeebiʼettis mancaʼee ture. Henok Yihowaan namoota Waaqayyo malee jiraatanitti akka faradu raajii dubbateera. Bara Nohittimmoo hamminni ittuma caalee ture. Akka ilaalcha Yihowaatti lafti walirratti kaʼuudhaan waan guutamteef mancaatee turte. (Uma. 5:22; 6:11; Yih. 14, 15) Wantoonni hammeenyi akka babalʼatu godhan maalfaa turan?

5 Ergamoota Waaqayyoo gidduutti haalli gaddisiisaan tokko ni uumame. Isaan keessaa inni tokko maqaa Waaqayyoo balleesse; Addaamiifi Hewwaanis cubbuu akka raawwatan gowwoomsee Yihowaarratti kaʼuudhaan Seexana taʼe. Bara Nohittimmoo ergamoonni kaan bulchiinsa Yihowaa isa qajeelaa mormuu jalqaban. Iddoo Waaqayyo isaaniif kenne dhiisanii gara lafaa dhufanii foon uffachuudhaan dubartoota babbareedoo fuudhan. Ergamoonni of tuuloofi ofittoon kun, ilmaan namootaarrattis dhiibbaa gadhee geessisaniiru.—Uma. 6:1, 2; Yih. 6, 7.

6. Neefliimonni biyya lafaarratti dhiibbaa akkamii geessisanii turan? Yihowaanoo maal gochuuf murteesse?

6 Kana malees, ergamoonni foon uffatan kun karaa uumamaan ala taʼeen dubartoota fuudhuunsaanii ijoollee diqaalaan qaamaafi humna guddaa qaban akka dhalatan godhe. Macaafni Qulqulluun afaan jalqaba barreeffameen namoota kana “Neefliimota” jedhee waama; maqaan kun kallattiidhaan yeroo hiikamu ‘warra ol fuudhanii lafaan nama dhaʼan’ jechuudha. Neefliimonni gara jabeeyyiin nama sossodaachisan kun biyya lafaa caalaatti mancaasan. Akka ilaalcha Yihowaatti, ‘jalʼinni namaa lafarratti baayʼachuunsaa, wanti namni guyyaa hundumaa garaa isaatti yaadee qopheessu hundinuus jalʼaa taʼuunsaa’ kan nama dinqisiisu miti. Kanaaf, Yihowaan hawaasa hamaa yeroo sana ture waggaa 120⁠tti haxaaʼee balleessuuf murteesse.—Uumama 6:3-5 dubbisi.

7. Nohiifi haati manaasaa ijoolleesaanii dhiibbaa gadhee bara sana turerraa eeguurratti rakkinni akkamii isaan mudatee ture?

7 Biyya lafaa akkasii keessatti ijoollee guddisuun hangam ulfaataa akka taʼe yaadi. Taʼus Nohi gama kanaan milkaaʼina argateera. Haadha manaa gaarii argatee ture. Nohi waggaa 500 erga jiraatee booda haati manaasaa, ilmaan sadii, jechuunis Seem, Kaamiifi Yaafetiin deesseef. * Nohiifi haati manaasaa ijoolleesaanii dhiibbaa gadhee naannoosaanii jirurraa eeguu qabu turan. Ijoollee xixinnoon ‘gootota’ ykn namoota ‘beekamoo’ taʼan ajaaʼibsiifachuu kan jaallatan siʼa taʼu; Neefliimonnimmo namoota akkasii turan. Nohiifi haati manaasaa hammeenya gootonni kun raawwatan ilaalchisee wanta dubbatamu hundarraa ijoolleesaanii eeguu kan hin dandeenye taʼanis, dhugaa ajaaʼibsiisaa waaʼee Yihowaa isa hammeenya hunda jibbuu garuu isaan barsiisuu dandaʼu turan. Yihowaan walirratti kaʼuufi hammeenya biyya lafaa keessa jirutti kan gaddu taʼuusaa akka hubatan ilmaansaanii gargaaruu qabu turan.—Uma. 6:6.

Nohiifi haati manaasaa ijoolleesaanii dhiibbaa gadheerraa eeguu qabu turan

8. Yeroo harʼaattis warri ogeeyyii taʼan fakkeenya Nohiifi haadha manaasaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

8 Warri yeroo harʼaa jiran haala Nohiifi haati manaasaa keessa turan akka gaariitti hubachuu dandaʼu. Biyyi lafaa yeroo harʼaa jirus walirratti kaʼuufi hammeenyaan kan guutamedha. Magaalonni yeroo baayʼee dargaggoota gurmaaʼanii badii raawwataniin kan guutamanidha. Bohaartiin ijoollee xixinnoodhaaf dhihaatullee hammeenya raawwachuu kan jajjabeessudha. Warri ogeeyyii taʼan, waaʼee Yihowaa isa Waaqa nagaa taʼeefi gara fuulduraatti hammeenya hunda balleessuu ijoolleesaanii barsiisuudhaan dhiibbaa akkasiirraa isaan eeguuf wanta isaanii dandaʼame hunda godhu. (Far. 11:5; 37:10, 11) Eeyyee, gama kanaan milkaaʼina argachuun ni dandaʼama. Nohiifi haati manaasaa milkaaʼina argataniiru. Ilmaansaanii namoota gaarii taʼanii kan guddatan siʼa taʼu, isaanis haadhotii manaa akkumasaanii Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼeef dursa kennuuf fedhii qaban fuudhaniiru.

“Markaba Tolchi”

9, 10. (a) Jireenya Nohi kan jijjiire abboommii Yihowaan isaaf kenne isa kamidha? (b) Yihowaan akkaataa markabichi itti hojjetamuufi kaayyoosaa ilaalchisee Nohiin maal jedhe?

9 Gaaf tokko jireenyi Nohi guutummaatti jijjiirame. Yihowaan biyya lafaa yeroo sana ture balleessuuf kaayyoo akka qabu tajaajilaasaa jaallatamaa taʼe kanatti hime. Waaqayyo Nohiin, “Ati muka taʼu irraa markaba tolchi” jedhee ajaje.—Uma. 6:14.

10 Markabni kun akka namoonni tokko tokko yaadan markaba yeroo harʼaa jiruu wajjin tokko miti. Kutaa fuula duraa, kutaa duubaa, kutaa gidduufi waan ittiin oofan hin qabu. Kanaa mannaa saanduqa guddaa fakkaata ture. Yihowaan markabicha keessaafi duubaan leelee dibuu dabalatee, hammam dheerachuufi balʼachuu akka qabu ilaalchisee qajeelfama ifa taʼe hedduu Nohiif kenneera. Achiis, “Kunoo, ani . . . bishaan badiisaa lafa irratti nan fida . . . Wanti lafa irra jiraatu hundinuus in dhuma” jechuudhaan markaba hojjechuun maaliif akka barbaachise Nohitti himeera. Haataʼu malee, Yihowaan “Ati markabichatti in lixxa, haati manaa kee, ilmaan kee, dubartoonni ilmaan kees sii wajjin in lixu” jedhee waadaa galeef. Sanyii horiifi bineensotaa keessaas kormaafi dhalaa achitti galchuu qaba ture. Bishaan Badiisaa kanarraa ooluu kan dandaʼan warra markabichatti galan qofadha.—Uma. 6:17-20.

Nohiifi maatiinsaa abboommii Waaqayyoo raawwachuuf wal gargaaranii hojjetaniiru

11, 12. Nohi hojii guddaa akkamiitu isa eeggata ture? Hojii kana kan hojjetehoo akkamitti?

11 Nohi hojii guddaatu isa eeggata. Markabichi guddaa siʼa taʼu, dheerinnisaa meetira 133, balʼinnisaa meetira 22, hojjaansaa meetira 13 ture. Markabni kun warra yeroo harʼaatti mukarraa hojjetaman hundarra baayʼee kan caaludha. Nohi hojii kanarraa baqachuu yaalee, rakkina isa mudatu yaaduudhaan guungumee ykn salphaatti hojjechuuf qajeelfama isaa kenname jijjiireeraa? Macaafni Qulqulluun, “Nohi akkuma Waaqayyo isa abboometti kana hundumaa hojjetee in raawwate” jechuudhaan deebii kenna.—Uma. 6:22.

12 Hojichi waggoota kudhaniin lakkaaʼaman, tariimmoo waggaa 40 hanga 50 fudhachuu hin oolu. Muka jigsuu, qiqqirixanii bakka barbaadamutti geessuu, soofuu, boca itti baasuufi wal qabsiisuu qaba ture. Markabichi fooqii sadii, kutaa hedduufi maddiisaatiin balbala tokko qabaachuu qaba. Baaxiinsaa gidduunsaa ol kaʼuufi bishaan akka lolaasuuf goophachuu, baaxiisaa jalattis foddaawwan qabaachuu qaba ture.—Uma. 6:14-16.

13. Nohi markaba ijaaruu caalaa hojiin isatti ulfaatee ture maal taʼuu dandaʼa? Namoonni sunoo yommuu kana dhagaʼan maal godhan?

13 Waggoota muraasa booda markabichi guddaachaa yommuu adeemu, Nohi gargaarsa maatiisaa argachuusaatti baayʼee gammadee taʼuu qaba. Haataʼu malee, hojiin markaba ijaaruu caalaa rakkisaa taʼe gara biraan Nohiif kennamee ture. Macaafni Qulqulluun Nohi, ‘qajeelina lallabaa’ akka ture dubbata. (2 Phexros 2:5 dubbisi.) Kanaaf, Nohi hawaasa hamaa, Waaqayyo malee jiraatu sana badiisni akka itti dhufu ija jabinaan akeekkachiisuuf dursa fudhatee ture. Namoonni sun yommuu kana dhagaʼan maal godhan? Yeroo booda, Yesus Kiristos namoonni yeroo sanaa “utuu hin beekin akka turan” dubbateera. Yesus namoonni sun jireenya guyyaa guyyaatiin, jechuunis nyaachuu, dhuguu, fuudhuufi heerumuudhaan qabamanii waan turaniif akeekkachiisa Nohiif xiyyeeffannaa akka hin kennine dubbateera. (Mat. 24:37-39) Namoonni baayʼeen Nohiifi maatiisaatti gaʼisanii, tokko tokkommoo isa sossodaachisanii, akkasumas garmalee isa mormanii taʼuu qaba. Markabichi akka hin ijaaramne gochuufillee yaalanii taʼuu dandaʼa.

Waaqayyo Nohiin eebbisaa akka jiru ifatti kan mulʼatu taʼus, namoonni isatti gaʼisaniiru, akkasumas ergaasaa fudhachuu didaniiru

14. Maatiiwwan Kiristiyaanaa yeroo harʼaa jiran Nohiifi maatiisaarraa maal barachuu dandaʼu?

14 Taʼus, Nohiifi maatiinsaa matumaa hojicha hin dhiisne. Nohiifi maatiinsaa biyya lafaa isa hojii isaan dursa kennaniif akka gatii hin qabne, akka dogoggoraniifi gowwoota akka taʼanitti isaan ilaalu keessa kan jiraatan taʼus amanamummaadhaan markabicha ijaaruusaanii itti fufaniiru. Kanaaf maatiiwwan Kiristiyaanaa yeroo harʼaa jiran, amantii Nohiifi maatiinsaa argisiisanirraa waan hedduu barachuu dandaʼu. Kana malees, nuyis bara Macaafni Qulqulluun “guyyoota gara dhumaa” sirna biyya lafaa jedhee waamu keessa jiraanna. (2 Xim. 3:1) Yesus barri keenya bara Nohi markaba ijaaraa turee wajjin baayʼee akka wal fakkaatu dubbateera. Kiristiyaanonni yommuu biyyi lafaa ergaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dubbatuuf dantaa dhabu, isaan ceephaʼu ykn isaan ariʼatu Nohiin yaadachuu qabu. Rakkinni akkasii Nohiifi maatiisaarras gaʼee ture.

“Markabichatti Gali!”

15. Nohi yommuu umriinsaa gara waggaa 600⁠tti dhihaatu gaddi akkamii isarra gaʼee ture?

15 Waggoonni kudhaniin lakkaaʼaman kan darban siʼa taʼu, markabichi suutuma suuta xumuramuuf jedha. Nohi umriinsaa gara waggaa 600⁠tti yommuu dhihaatu namoota jaallatu duʼaan dhabe. Abbaansaa Laamek ni duʼe. * Waggaa shan boodammoo, akaakayyuunsaa Matusaalaan inni namoota Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman hunda caalaa waggaa 969 jiraate ni duʼe. (Uma. 5:27) Matusaalaanis taʼe Laamek nama jalqabaa kan taʼe Addaamii wajjin yeroo taʼe tokkotti waliin jiraataniiru.

16, 17. (a) Nohi umriisaa waggaa 600⁠ffaatti abboommii haaraa akkamiitu isaaf kenname? (b) Wanta ajaaʼibsiisaa Nohiifi maatiinsaa arganiifi matumaa irraanfachuu hin dandeenye ibsi.

16 Nohi inni abbaa amantii taʼe umriinsaa waggaa 600 yommuu taʼu Yihowaan, “Ati warra mana kee hundumaa wajjin markabichatti gali!” jechuudhaan ajaja haaraa isaaf kenne. Kana malees, Waaqayyo Nohi bineeldota qulqulluu aarsaa taʼan gosa hundaa keessaa cimdii torba torba, warra hafanimmoo lama lama markabatti akka galchu itti hime—Uma. 7:1-3.

17 Haalli yeroo kanatti raawwatame baayʼee kan nama ajaaʼibsiisu ture. Bineeldonni kumaan lakkaaʼaman, guddina, bifaafi amala garaagaraa qaban, qarreerraa didichaa, balaliʼaa, loʼaa, akkasumas tirachaa dhufaa jiru. Nohi bineeldota kana hunda kutaa markabichaa isaaniif qophaaʼetti galchuuf isaan oofeera, dirqisiiseera ykn sossobuuf yaaleera jennee yaaduun nu hin barbaachisu. Seenaansaa, ‘Nohi duukaa markabichatti galan’ jedha.—Uma. 7:9.

18, 19. (a) Seenaa waaʼee Nohi dubbatu ilaalchisee gaaffii shakkitoonni kaasaniif deebii akkamii kennuu dandeenya? (b) Akkaataa Yihowaan bineeldota oolchuuf filaterraa ogummaasaa hubachuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Shakkitoonni tokko tokko akkas jedhanii gaafatu taʼa: ‘Kun akkamitti taʼuu dandaʼa? Bineeldonni kun hundi iddoo murtaaʼe kana keessa akkamitti nagaadhaan waliin jiraachuu dandaʼu?’ Mee yaadi: Uumaan uumama cufaa bineeldota kana toʼachuu, madaqsuufi barbaachisaa taanaanis akka ajajaman gochuun humnasaatii olidhaa? Bineeldota hunda kan uume Yihowaa taʼuusaa yaadachuu qabna. Yeroo dheeraa booda Galaana Diimaa gargar hireera; akkasumas aduun bakkuma jirtu akka dhaabbattu godheera. Kanaaf wantoota seenaa waaʼee Nohi dubbatu keessatti ibsaman hunda raawwachuu hin dandaʼuuree? Ni dandaʼa; raawwateeras!

19 Waaqayyo bineeldota uume kana karaa garabiraa taʼe tokkoon oolchuu dandaʼa ture. Taʼus, ogummaasaatiin kakaʼee hojii jalqabarratti namoonni bineeldota hunda akka kunuunsan isaaniif kenne akka yaadatan karaa isaan godhuun bineeldota oolchuu filateera. (Uma. 1:28) Kanaan kan kaʼes, warri yeroo harʼaa jiran hedduun, Yihowaan bineeldotaafi namootaaf iddoo guddaa akka kennu ijoolleesaanii barsiisuuf seenaa Nohitti fayyadamu.

20. Nohiifi maatiinsaa yeroo Bishaan Badiisaa dhufuuf torban tokko hafetti hangam hojiidhaan muddamanii turan?

20 Yihowaan Bishaan Badiisaa torban tokko booda akka dhufu Nohitti hime. Yeroo kanatti maatichi hojiidhaan baayʼee muddamee taʼuu qaba. Nyaata bineeldota sana hundaafis taʼe maatichaaf barbaachisu gara markabichaatti galchuufi seeraan tuuluu, akkasumas qabeenya maatichaa markabicharratti feʼuun hangam ulfaataa akka taʼe yaadi. Keessumaa haati manaa Nohiifi haadhotiin manaa Seem, Kaamiifi Yaafet markabicha keessatti kutaa jireenyaaf mijataa taʼe qopheessuun baayʼee isaan yaaddessee taʼuu qaba.

21, 22. (a) Namoonni bara Nohi turan dantaa dhabuunsaanii nu dinqisiisuu kan hin qabne maaliifi? (b) Namoonni ollaa Nohiifi maatiisaa turan isaanitti gaʼisuusaanii kan dhiisan yoom ture?

21 Namoonni naannoosaanii jiranoo maal godhan? Yihowaan Nohiifi hojiisaa eebbisaa akka jiru argaa kan turan taʼus, ‘utuu hin beekin’ hafaniiru. Bineeldonni sun markabichatti galuuf yommuu didichan fajajanii ilaaluu malee waan tokko gochuu hin dandeenye. Haataʼu malee, dantaa dhabuunsaanii nu dinqisiisuu hin qabu. Namoonni yeroo harʼaa jiranis, ragaa hedduu guyyoota gara dhumaa sirna hamaa kanaa keessa jiraachuu keenya argisiisu hin hubanne. Akkuma Phexros dursee dubbates gaʼiftoonni namoota akeekkachiisa Waaqayyoo hordofanitti ni gaʼisu. (2 Phexros 3:3-6 dubbisi.) Namoonni bara sanaa Nohiifi maatiisaattis akkasuma gaʼisanii akka turan hin shakkisiisu.

22 Namoonni kun gaʼisuusaanii kan dhiisan yoomi? Seenaansaa Nohi maatiisaafi bineeldota erga markabichatti galchee booda, Yihowaan ‘Dugda isaa duubaan balbalicha in cufe’ jedha. Yeroo kanatti gaʼiftoonni tokko tokko achi turan taanaan, tarkaanfiin Waaqayyo fudhate kun afaan isaan qabsiisee taʼuu qaba. Gaʼisuusaanii itti fufaniiru yoo taʼemmoo, akkuma Yihowaan dubbate bokkichi cimee lolaansaa yommuu lafa fudhatu, afaansaanii qabsiisee taʼuu dandaʼa.—Uma. 7:16-21.

23. (a) Yihowaan namoonni hamoon bara Nohi turan duʼuusaaniitti akka hin gammanne akkamitti beekuu dandeenya? (b) Yeroo harʼaa fakkeenya amantii Nohi hordofuun ogummaadha kan jennu maaliifi?

23 Yihowaan namoonni hamoon sun duʼuusaaniitti gammadee turee? Matumaa! (His. 33:11) Kanaa mannaa, karaasaanii jijjiiranii waan gaarii akka raawwatan carraa hedduu isaanii kennee ture. Isaanoo jijjiirama gochuu dandaʼu turanii? Jireenyi Nohi gaaffii kanaaf deebii kenna. Nohi Yihowaa wajjin deddeebiʼuufi waan hundumaarratti isaaf ajajamuudhaan badiisa kanarraa ooluun akka dandaʼamu argisiiseera. Karaa kanaan amantiinsaa, biyyi lafaa barasaatti ture yakkamaa taʼuusaa argisiiseera; jireenya Waaqayyoon gammachiisu jiraachuun akka dandaʼamus argisiiseera. Amantiinsaa isas taʼe maatiisaa oolcheera. Atis fakkeenya amantii Nohi kan hordoftu yoo taʼe, ofii kees taʼe namoota jaallattu oolchuu dandeessa. Akkuma Nohi, atis akka michuu keetti Yihowaa wajjin deddeebiʼuu dandeessa. Michummaan kunis barabaraaf kan itti fufu taʼuu dandaʼa.

^ key. 7 Namoonni bara sana turan namoota yeroo harʼaa caalaa umrii dheeraa jiraatu turan. Umrii dheeraa jiraachuu kan dandaʼan, Addaamiifi Hewwaan warra yeroo tokko mudaa hin qabneefi jabina qabanitti dhihoo waan turaniif akka taʼe haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama.

^ key. 15 Laamek ilmasaa Nohi jedhee moggaase; kunis tarii “Boqonnaa” ykn “Jajjabina” jechuu taʼuu dandaʼa. Laamek, Nohi ilmaan namootaa lafa abaaramterratti dhamaʼuurraa boqochiisuudhaan hiika maqaasaa akka raawwatus raajii dubbateera. (Uma. 5:28, 29) Taʼus, Laamek raajiin inni dubbate yommuu raawwatamu hin argine. Haati Nohiifi obboloonnisaa Bishaan Badiisaatiin dhumanii taʼuu dandaʼa.