Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA JAʼA

Sabasheetiif Jecha Ogummaafi Ija Jabinaan Tarkaanfii Fudhatteetti

Sabasheetiif Jecha Ogummaafi Ija Jabinaan Tarkaanfii Fudhatteetti

1-3. (a) Asteer yommuu teessoo abbaa manaasheetti dhihaattu haallisaa maal fakkaata ture? (b) Mootichi Asteeriin kan simate akkamitti?

 ASTEER suuta jettee teessoo mootichaatti yommuu dhihaattu lapheenshee garmalee rukutuu jalqabe. Mee yaadi! Manni mootummaa Faares inni guddaan Susaan keessatti argamu gabii guddaa qaba. Yeroo kanatti wanti Asteeritti dhagaʼamu sagalee yommuu suuta jettee deemtu kotteenshee dhageessisuufi uffanni mootuu taʼuushee argisiisu sokoksu qofadha. Manni mootummaa sun guddaa taʼuusaarrayyuu, utubaawwan mimmiidhaganiifi baaxiinsaa gaattiraa Libaanos isa biyya fagoodhaa dhufeen kan miidhagfame ture; taʼus Asteer yaannishee wantoota akkasiitiin akka hin hihhiramne gochuunshee barbaachisaadha. Nama teessicharra taaʼeefi akka ajjeefamtus taʼe akka ooltu murteessuu dandaʼurratti guutummaatti xiyyeeffachuu qabdi.

2 Mootichi yommuu Asteer garasaatti dhihaattu xiyyeeffannaadhaan ilaalaa siiqqee warqeesaa isheetti qabe. Siiqqee kana itti qabuunsaa salphaa fakkaatus, Asteer utuu hin waamamin mooticha duratti dhihaachuudhaan seera cabsuusheetiif dhiifama argachuushee kan argisiisu waan taʼeef lubbuushee duʼarraa kan oolchu ture. Asteer yommuu teessicha bira geessu kabajaan hiixattee fiixee siiqqee sanaa qabde.—As. 5:1, 2.

Asteer, mootichi ooʼa argisiisuusaatti gad of deebisuudhaan isa galateeffatteetti

3 Wanti waaʼee Ahashweros Mootichaa dubbatamu hundi inni qabeenya hedduufi aangoo guddaa akka qabu argisiisa. Uffanni mootonni Faares yeroo sana uffatan doolaara Ameerikaa miliyoona dhibbaan lakkaaʼamu akka baasu yaadama. Taʼus Asteer yeroo kanatti abbaan manaashee kun akka ishee jaallatu ijasaarraa hubachuu dandeesseetti. Mootichi, “Yaa Asteer mootittii, maal siif godhu? Maalis barbaadde? Walakkaa mootummaa kootii iyyuu yoo taʼe siif in kennama” jedheen.—As. 5:3.

4. Asteeriin haalawwan ulfaataa taʼan akkamiitu ishee eeggata?

4 Asteer yaalii sabashee guutummaatti balleessuuf godhamerraa isaan oolchuuf mooticha duratti dhihaachuudhaan amantiifi ija jabina guddaa akka qabdu argisiisteetti. Hamma ammaatti milkaaʼina kan argatte taʼus, ammayyuu wantoonni kana caalaa ulfaataa taʼan ishee eeggatu. Asteer, mootii of tuulaa kana gorsituunsaa inni isaaf amanamaa taʼe hamaa taʼuusaafi sabashee akka balleessu isa gowwoomsuusaa amansiisuu qabdi. Maarree, isa amansiisuu kan dandeessu akkamitti? Nutoo amantiisheerraa maal barachuu dandeenya?

‘Yeroo Itti Dubbattu’ Ogummaadhaan Filatteetti

5, 6. (a) Asteer seera buʼuuraa Lallaba 3:1, 7⁠rra jiru hojiirra kan oolchite akkamitti? (b) Akkaataan Asteer abbaa manaasheetti itti dubbatte ogummaa qabaachuushee kan argisiisu akkamitti?

5 Asteer rakkina ishee mudate hunda namoota duratti mootichatti himuu qabdii? Yoo akkas goote mooticha salphisuufi Haamaan inni gorsituusaa taʼe himaticha falmuuf yeroo akka argatu gochuu dandaʼa. Kanaaf Asteer maal gochuu qabdi? Solomoon Mootichi inni ogeessa taʼe jaarraa hedduu dura hafuuraan geggeeffamee, “Wanti hundinuu yeroo qaba, . . . calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba” jedhee barreesseera. (Lal. 3:1, 7) Mordekaayi inni amanamaan akka abbaatti ishee guddise seera buʼuuraa akkasii ijoollummaasheetii kaasee ishee barsiisee taʼuu akka qabu yaaduu dandeenya. Asteer ‘yeroo itti dubbattu’ of eeggannoodhaan filachuun barbaachisaa taʼuusaa hubattee akka turte mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

6 Asteer, “Yaa mootii, jaalala kee yoo taʼe, harʼa nyaachisa ani siif qopheesse irratti Haamaanii wajjin anaaf argami” jetteen. (As. 5:4) Mootichi yaada kanarratti walii galuudhaan Haamaaniin waamsise. Asteer akkamitti ogummaadhaan akka dubbatte hubatteettaa? Akkas gochuudhaan ulfina abbaa manaashee kan eegde taʼuusaarrayyuu, wanta ishee yaaddesse isatti himuuf haala caalaatti mijataa taʼe uumteetti.—Fakkeenya 10:19 dubbisi.

7, 8. Nyaachisni Asteer jalqaba qopheessite maal fakkaata ture? Taʼus yeroo kanatti wanta ishee yaaddesse mootichatti himuurraa kan of qusatte maaliifi?

7 Asteer nyaachisa sanarratti wanta abbaan manaashee jaallatu hunda akka dhiheessite beekamaadha. Haalli nama gammachiisu akka uumamu gochuuf nyaachisa sanarratti wayinii gaariin dhihaateera. (Far. 104:15) Yeroo kanatti Ahashweros waan gammadeef, ammas Asteer maal akka barbaadde ishee gaafate. Ammahoo Asteer dubbachuu qabdii?

8 Asteer yeroo kanatti dubbachuun sirrii akka taʼe itti hin dhagaʼamne. Kanaa mannaa, mootichiifi Haamaan nyaachisa isheen yeroo lammataatiif guyyaa ittaanu qopheessiturratti akka argaman afeerte. (As. 5:7, 8) Asteer hanga ammaatti kan turte maaliifi? Sabnishee hundi labsii mootichi baaseen dhumuuf akka jedhan yaadadhu. Asteer yeroo sirrii taʼetti tarkaanfii fudhachuu baannaan, namoonni baayʼeen ajjeefamuu dandaʼu. Kanaaf, hanga carraa gara biraa argattutti eeguudhaan abbaa manaasheetiif ulfina guddaa akka kennitu argisiisuu barbaadde.

9. Obsi faayidaa akkamii qaba? Gama kanaan fakkeenya Asteer hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Obsi amala namoonni baayʼeen hin qabneefi iddoo guddaa qabudha. Asteer baayʼee kan dhiphatteefi mootichatti himuu kan barbaadde taʼus, haala mijaaʼaa argachuuf obsaan eegdeetti. Nutis yeroo baayʼee wantoota sirreeffamuu qaban waan arginuuf, fakkeenyasheerraa waan hedduu barachuu dandeenya. Namni aangoo qabu tokko dogoggora tokko akka sirreessu amansiisuu yoo barbaanne, fakkeenya Asteer hordofuudhaan obsa qabaachuun keenya barbaachisaadha. Fakkeenyi 25:15, “Namni obsa-qabeessi bulchaa biyyaa garaa in laaffifata, namni arraba toles lafee nama in cabsa” jedha. Akkuma Asteer yeroo sirrii taʼettiifi arraba laafaadhaan kan dubbannu yoo taʼe, mormii akka lafee jabaa taʼellee cabsuu dandeenya. Maarree Asteer obsaafi ogummaa qabaachuusheetti Waaqnishee Yihowaan ishee eebbiseeraa?

Obsi Murtoo Sirrii Argachuuf Gargaara

10, 11. Haamaan nyaachisa guyyaa jalqabaarratti erga argamee booda kan gammade maaliifi? Haati manaasaafi michoonnisaa maal akka godhu isa gorsan?

10 Asteer obsa qabaachuunshee wantoonni gurguddaan akka raawwataman godheera. Haamaan nyaachisa guyyaa jalqabaa sana booda, mootichiifi Asteer iddoo guddaa akka isaaf kennan waan itti dhagaʼameef, “gammadee yaadni isaas itti tolee” ture. Haataʼu malee, Haamaan balbala mana mootummaa dura yommuu darbu Mordekaayi inni Yihudiin ammayyuu akka isaaf hin sagadne arge. Mataduree darberratti, Mordekaayi sagaduu kan dide waan isa tuffateef utuu hin taʼin, yaada garaa qulqulluu qabaachuufi hariiroo Yihowaa wajjin qabu eeguu waan barbaadeef akka taʼe ilaallee turre. Taʼus Haamaan yeruma sana “aaree bobaʼe.”—As. 5:9.

11 Haamaan dhimma kana haadha manaasaafi michootasaatti yommuu himu, muka meetira 22 dheeratu qopheessuudhaan mooticha heyyama gaafatee Mordekaayiin akka irratti fannisu isa gorsan. Haamaanis gorsa kana fudhatee yeruma sana namni tokko mukicha akka qopheessu ajaje.—As. 5:12-14.

12. Mootichi galmeen seenaa mootummaa akka isaaf dubbifamu kan godhe maaliifi? Kunoo maal akka hubatu isa godheera?

12 Taʼus, halkan sana mooticha haala adda taʼe tokkotu isa mudate. Macaafni Qulqulluun, ‘mooticharraa hirribni akka badeefi’ sagalee ol fuudhanii galmee seenaa Mootummaa akka isaaf dubbisan ajajuusaa ibsa. Seenaan isaaf dubbifamu sun Ahashwerosiin ajjeesuuf yaadamee akka tures kan dabalatudha. Mootichi dhimma sana, jechuunis namoonni ajjeechaa raawwachuuf jedhan qabamanii ajjeefamuusaanii yaadate. Haataʼu malee, Mordekaayi inni yaalii godhame kana saaxilehoo? Yeroo kanatti mootichi Mordekaayiif maaltu akka godhame gaafate. Deebiinsaa maal ture? Homtuu akka hin godhamneef kan ibsu ture.—Asteer 6:1-3 dubbisi.

13, 14. (a) Haalli Haamaan gara gadheetti kan jijjiirame akkamitti? (b) Haati manaasaafi michoonnisaa maal jedhaniin?

13 Mootichi baayʼee aaree dogoggora kana sirreessuu waan barbaadeef, hojjettootasaa keessaa naannoo sana kan jiru eenyu akka taʼe gaafate. Haamaan Mordekaayiin ajjeesuuf heyyama gaafachuuf taʼuu hin oolu, nama hundumaa dura ganama bariidhaan dhaqee kellaa mootichaa keessa dhaabachaa jira. Taʼus mootichi, Haamaan heyyama kana gaafachuusaa dura, ‘Nama mootichi kabajuuf maaltu godhama?’ jedhee isa gaafate. Haamaan mootichi anumaan jechaa jira jedhee yaade. Kanaaf Haamaan, nama sana kabajuuf, uffata mootummaa akka itti uwwisan, hojjettoonni mootichaa aangoo guddaa qaban farda mootichaarra kaaʼanii Susaan keessa akka isa naannessaniifi namni hundi akka dhagaʼuuf ulfina namichaa sagalee guddaadhaan akka labsan yaada dhiheesse. Haamaan namni kabajamuuf jedhu kun Mordekaayi taʼuusaa yommuu beeku fuullisaa hangam akka gurrachaʼe yaadi. Kana malees, mootichi ulfina Mordekaayi akka labsuuf eenyuun ajaje? Kan nama dhibu Haamaaniin ajaje!—As. 6:4-10.

14 Haamaan wanta isaaf yaadame namni gara biraan fudhachuusaatti haaloo qabatee gaddaan fiigee gara manasaatti gale. Haati manaafi michoonnisaa yeroo kanatti jijjiiramni kun wanti hamaan akka Haamaanitti dhufu kan argisiisuufi yaaliin inni Mordekaayiin ajjeesuuf godhe akka isaaf hin milkoofne dubbatan.—As. 6:12, 13.

15. (a) Obsi Asteer buʼaa akkamii argamsiise? (b) Obsaan ‘eeggachuun’ keenya ogummaa kan taʼe maaliifi?

15 Asteer gaaffiishee mootichatti dhiheessuuf guyyaa dabalataa tokko obsaan eeggachaa yeroo turtetti, Haamaanimmoo wanta kufaatiisaatiif taʼu raawwachaa ture. Kana malees, mootichi hirriba akka dhabu kan godhe Yihowaa taʼuu dandaʼa. (Fak. 21:1) Kanaaf, dubbiin Waaqayyoo obsaan akka ‘eeggannu’ nu jajjabeessuunsaa sirriidha. (Miikiyaas 7:7 dubbisi.) Waaqayyoon kan eeggannu yoo taʼe, furmaanni inni rakkina keenyaaf kennu isa nuyi yaannurra baayʼee akka caalu hubachuu dandeenya.

Ija Jabinaan Dubbatteetti

16, 17. (a) Asteer ‘yeroon itti dubbachuu’ qabdu yoom ture? (b) Asteer, haadha manaa mootichaa ishee duraanii Waashtiirraa adda kan turte akkamitti?

16 Asteer kana caalaa obsa mootichaa ficcisiisuu waan hin qabneef, nyaachisa guyyaa lammataa kanarratti waan hunda itti himuu qabdi. Haataʼu malee akkamitti itti himuu dandeessi? Nyaachisa sanarratti mootichi yeroo lammataatiif maal akka barbaadde gaafachuudhaan carraa isheedhaaf kenne. (As. 7:2) Asteer ‘yeroon itti dubbachuu’ qabdu ammadha.

17 Asteer yaada armaan gadii dubbachuushee dura garaasheetti kadhannaa akka dhiheessite tilmaamuu dandeenya. Achiis, “Yaa mootii, fuula kee duratti faara tolaadhaan ilaalamee yoon jiraadhe, si mootichatti yoo toles, anii fi qomoon koo duʼa oollee akka jiraannuuf sin kadhadha” jetteen. (As. 7:3) Asteer murtoo mootichi murteessu kamiyyuu akka fudhattu isatti himuushee hubadhu. Asteer, Waashtii haadha manaa mootichaa ishee duraanii, taʼe jettee abbaa manaashee salphisterraa baayʼee adda turte. (As. 1:10-12) Kana malees, mootichi gowwummaadhaan Haamaaniin amanuusaatiif isa hin ceephaane. Kanaa mannaa, mootichi duʼarraa akka ishee oolchu kadhatte.

18. Asteer rakkinicha mootichatti kan himte akkamitti?

18 Gaaffiin kun mooticha baayʼee ajaaʼibsiisee akka ture hin shakkisiisu. Namni haadha manaasaa kana ajjeesuuf ija jabaate kun eenyudha? Asteer itti dabaluudhaan, “Utuu nuyi dhiiraa fi dubartiidhaan garbummaa duwwaatti gurguramneerra taʼe, kun hammuma kanatti mooticha waan hin miineef, ani hin dubbadhun ture; amma garuu anii fi qomoon koo ajjeefamnee, balleeffamnee, akka barbadeeffamnuuf dabarfamnee gurguramneerra” jetteen. (As. 7:4) Asteer rakkinicha ifatti kan saaxilte taʼus, dhimmi kun waaʼee garbummaatti gurguramuu qofaa utuu taʼee akka hin dubbanne caqasuushee hubadhu. Haataʼu malee, ajjeechaa sanyii tokko balleessuuf yaadame kana callisee dhiisuunsaa mooticharrattiyyuu miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa.

19. Mala namoota ittiin amansiisan ilaalchisee Asteerirraa maal barachuu dandeenya?

19 Fakkeenyi Asteer mala itti namoota amansiisan ilaalchisee waan hedduu nu barsiisa. Rakkina cimaa tokko, nama jaallattu ykn nama aangoo qabutti himuu yoo barbaadde, obsaafi kabaja qabaachuu, akkasumas ifatti dubbachuunkee baayʼee si gargaaruu dandaʼa.—Fak. 16:21, 23.

20, 21. (a) Akkaataan Asteer Haamaaniin itti saaxilte, mootichi tarkaanfii maalii akka fudhatu isa kakaase? (b) Haamaan hamaa taʼuunsaa yommuu saaxilamu maal godhe?

20 Ahashweros, “Namichi kana gochuudhaaf ija jabaatu kun eenyu inni? Amma eessa jira?” jedhee gaafate. Asteer qubashee itti qabdee, “Diinni keenya inni nu jibbu ‘Haamaan’ isa hamaa kana” yommuu jettu sitti haa mulʼatu. Himanni cimaan kun yommuu isarratti dhihaatu Haamaan maaltu itti dhagaʼame? Naʼee hollate. Mootiin dafee aaruu kun gorsituunsaa isa gowwoomsee haadha manaasaa ishee jaallatamtuu ajjeesisuuf akka isa mallatteessise beekee yommuu fuullisaa barbadaa ibiddaa fakkaatu sitti haa mulʼatu. Kanaaf, mootichi of tasgabbeessuuf saffisaan gara iddoo dhaabaa deeme.—As. 7:5-7.

Asteer hammina Haamaan ija jabinaan saaxilteetti

21 Haamaan gochisaa waan saaxilameef, garmalee sodaatee miilla Asteer mootittii jalatti lafa dhaʼe. Mootichi deebiʼee dhufee Haamaan siree Asteerirratti gombifamee ishee kadhachaa utuu jiruu yommuu argu, manumasaa keessatti mootittii gudeeduuf yaalii gochaa akka jiru aariidhaan dubbate. Kana jechuunsaa Haamaan ajjeefamuu qaba jechuusaa ture. Yeruma sana fuulasaa haguuganii achii isa fuudhanii baʼan. Yeroo kanatti hojjettoota mootichaa keessaa tokko Haamaan, Mordekaayiin irratti fannisuuf muka guddaa tokko qopheessuusaa mootichatti hime. Ahashweros yeruma sana Haamaan mukicharratti akka fannifamu ajaje.—As. 7:8-10.

22. Fakkeenyi Asteer matumaa abdii kutachuu, shakkuufi amantii keenya laaffisuu akka hin qabne kan nu barsiisu akkamitti?

22 Yeroo harʼaa addunyaa jalʼaa taʼe keessa waan jiraannuuf, murtoo sirriin yommuu raawwatamu hin arginu. Atoo akkas sitti dhagaʼamee beekaa? Asteer matumaa abdii hin kutanne, hin shakkine, akkasumas amantiishee hin laaffisne. Yeroosaatti wanta sirrii taʼe ija jabinaan kan dubbatte siʼa taʼu, isa hafemmoo Yihowaan akka raawwatu amanuudhaan isaaf dhiisteetti. Nutis akkasuma haa goonu. Yihowaan harʼas hin jijjiiramne. Akkuma Haamaaniin godhe harʼas, jalʼootaafi hamoota kiyyoo ofiisaanii qopheessan keessa akka galan gochuu ni dandaʼa.—Faarfannaa 7:11-16 dubbisi.

Yihowaafi Sabasheetiif Jecha Tarkaanfii Fudhatteetti

23. (a) Mootichi Asteeriifi Mordekaayiin kan kiise akkamitti? (b) Raajiin Yaaqoob yommuu duʼuuf jedhe Beniyaamiin ilaalchisee dubbate kan raawwatame akkamitti? (Saanduqa “ Raajii Raawwiisaa Argate” jedhu ilaali.)

23 Dhumarratti mootichi, Mordekaayi nama isa ajjeesuuf yaadamuusaa saaxile qofa utuu hin taʼin, nama Asteeriin akka abbaatti guddise taʼuusaas ni hubate. Ahashweros bakka Haamaan Mordekaayiin muummicha ministeeraa godhee muude. Achiis mootichi qabeenyasaa dabalatee mana Haaman Asteeriif kan kenne siʼa taʼu, isheenis Mordekaayiin irratti muudde.—As. 8:1, 2.

24, 25. (a) Asteer erga yaaliin Haamaan fashalaaʼee booda callistee taaʼuu kan hin qabne maaliifi? (b) Asteer yeroo lammataatiif lubbuushee balaadhaaf kan saaxilte akkamitti?

24 Amma Asteeriifi Mordekaayi badiisarraa waan oolaniif, mootittiin callistee taʼuu qabdii? Kana kan gootu ofittoo yoo taate qofadha. Yeroo kanatti labsiin Haamaan Yihudoota hunda ajjeesuuf baase guutummaa biyyichaa waliin gaʼee ture. Haamaan yeroo itti ajjeechaa kana raawwatu beekuuf, muka (hixaa) Fur jedhamuufi guyyaa mijataa taʼe beekuuf gargaaru buufateera. Mukichi gocha hafuurota xuraaʼoo wajjin walitti dhufeenya akka qabu haalasaarra hubachuun ni dandaʼama. (As. 9:24-26) Guyyaan kun gaʼuuf jiʼoonni hedduun kan hafan taʼus saffisaan dhihaachaa jira. Taʼus ajjeechaan kun hafuu dandaʼaa?

25 Asteer ammas lubbuushee balaadhaaf saaxiluudhaan utuu hin waamamin mooticha duratti dhihaatte. Yeroo kanatti imimmaanshee dhangalaastee abbaan manaashee labsii sabashee ficcisiisuuf baafame kana akka hambisu isa kadhatte. Haataʼu malee, seerri maqaa mootota Faaresiin baʼe hafuu hin dandaʼu. (Dan. 6:12, 15) Kanaaf mootichi seera haaraa akka baasan Asteeriifi Mordekaayiif aangoo kenne. Kanaan kan kaʼes, labsiin Yihudoonni diinotasaanii ofirraa ittisuuf mirga akka qaban ibsu baʼee iddoo hundaatti ergame. Namoonni misiraachoo kana Yihudootaaf geessan fardeen saffisa qabaniin kallattii hundatti ergaman. Amma Yihudoonni hedduun abdii argatan. (As. 8:3-16) Yihudoonni mootummaa balʼaa kana keessaa jiran, wanta utuu labsii haaraan kun hin baane taʼee matumaa hin yaanne, jechuunis meeshaa waraanaa hidhatanii lolaaf yommuu qophaaʼan yaaduu dandeenya. Hunda caalaammoo ‘Waaqayyo gooftaan maccaa’ sabasaa wajjin jira mitii?—1 Sam. 17:45.

Asteeriifi Mordekaayi Yihudoota mootummaa Faares keessa jiran hundatti labsii ergan

26, 27. (a) Injifannoon Yihowaan sabasaatiif kenne hangam guddaa ture? (b) Ilmaan Haamaan ajjeefamuusaaniitti raajii isa kamtu raawwatame?

26 Dhumarratti guyyaan filatame sun yommuu gaʼu, sabni Waaqayyoo qophaaʼanii turan. Amma Mordekaayi inni Yihudiin muummicha ministeeraa taʼuunsaa balʼinaan waan beekameef, abbootiin taayitaa hedduunillee Yihudoota cina dhaabataniiru. Yihowaan sabasaatiif injifannoo guddaa kenneera. Diinonnisaanii deebiʼanii miidhaa akka isaanirraan hin geessisnetti guutummaatti akka badan gochuudhaan isaan eegeera. aAs. 9:1-6.

27 Kana malees, ilmaan Haamaan isa hamaa sanaa kurnan utuu lubbuudhaan jiranii Mordekaayi nagaadhaan mana Haamaan bulchuu hin dandaʼu. Kanaaf isaanis ni ajjeefaman. (As. 9:7-10) Kanaan kan kaʼes, raajiin Macaafa Qulqulluu Amaaleqoonni hamoon diina saba Waaqayyoo taʼan guutummaatti akka balleeffaman dursee dubbatame ni raawwatame. (Kes. 25:17-19) Ilmaan Haamaan saba duuti itti murteeffame keessaa warra dhumaa taʼuu hin oolan.

28, 29. (a) Asteeriifi sabnishee waraanarratti hirmaachuunsaanii fedha Yihowaa kan ture maaliifi? (b) Yeroo harʼaa Asteer fakkeenya nuu taʼuunshee eebba kan nuu taʼu maaliifi?

28 Asteer dargaggeettii taatus, labsii waraanaafi ajjeechaa ilaallatu akka baastu itti gaafatamummaa guddaa isheedhaaf kenname raawwatteetti. Kun salphaa hin turre. Haataʼu malee, Yihowaan Masiihiin abdachiifameefi ilmaan namootaa hunda oolchu karaasaanii waan dhufuuf, sabnisaa badiisarraa eegumsa argachuu akka qaban barbaada ture. (Uma. 22:18) Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran Yesus inni Masiihii taʼe yommuu gara lafaa dhufe, duuka buutonnisaa yeroo sanaa kaasee waraanarratti akka hin hirmaanne dhowwuusaa beekuun isaan gammachiisa.—Mat. 26:52.

29 Haataʼu malee, Seexanni amantii Yihowaarratti qabnu balleessuuf yoomiyyuu caalaa waan hawwuuf, Kiristiyaanonni waraana hafuuraarra jiru. (2 Qorontos 10:3, 4 dubbisi.) Gama kanaan Asteer fakkeenya nuu taʼuunshee eebba guddaa mitii? Akkumashee ogummaafi obsaan amansiisuu, ija jabina qabaachuufi ofii keenya caalaa saba Waaqayyootiif yaaduudhaan amantii akka qabnu haa argisiisnu.

a Mootichi Yihudoonni diinotasaanii akka balleessaniif guyyaa dabalataa tokko isaaniif kenne. (As. 9:12-14) Yihudoonni injifannoo jiʼa Adaar isa yeroo ammaa dhuma Guraandhalaafi jalqaba Bitootessaarraa oolu kana yeroo harʼaallee ni kabaju. Ayyaanni kun guyyaa Haamaan Israaʼeloota balleessuuf muka buufaterratti waan hundaaʼeef Furiim jedhamee beekama.