BOQONNAA DIGDAMII SADII
Dhiifama Gochuu Gooftaasaarraa Barateera
1. Phexros jireenyasaa keessatti gaddi guddaan kan isatti dhagaʼame yoom taʼuu dandaʼa?
PHEXROS yeroo Yesusii wajjin ijisaanii walirra buʼe sana wanta itti dhagaʼame matumaa hin irraanfatu. Yesus abdii akka isatti kutate ykn akka isa taajjabe hamma tokko ijasaaraa hubatee turee laata? Waaʼee kanaa sirriitti beekuu baannus Macaafni Qulqulluun, “Gooftaan yommus garagalee Phexrosin ilaale” jedha. (Luq. 22:61) Taʼus Phexros yeroo Yesus isa milʼate kanatti dogoggora guddaa raawwachuusaa hubateera. Phexros Gooftaasaa isa jaallatamaa matumaa akka hin ganne irra deddeebiʼee dubbatee kan ture taʼus, wanta Yesus waaʼeesaa dursee dubbate raawwachuusaa hubate. Guyyaan kun Phexrosiif, guyyaa jireenyasaa keessatti gaddi guddaan isatti dhagaʼame taʼuu hin oolu.
2. Phexros barumsa akkamii barachuun isa barbaachisa ture? Nutoo seenaasaarraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Taʼus, haalli Phexros fooyyaʼuu hin dandaʼu jechuu miti. Phexros nama amantii cimaa qabu waan tureef, dogoggorasaarraa deebiʼuufi Yesusirraa barumsa guddaa tokko barachuuf carraa qaba ture. Barumsi kunis dhiifama gochuu wajjin kan wal qabatedha. Hundi keenya dhiifama gochuu barachuun waan nu barbaachisuuf, Phexros barumsa kana akkamitti akka barate haa ilaallu.
Phexros Waan Hedduu Barachuu Qaba
3, 4. (a) Phexros gaaffii akkamii Yesusiin gaafate? Yeroo kanatti Phexros maal yaadee taʼuu dandaʼa? (b) Yesus, ilaalchi yeroo sana ture Phexrosirratti dhiibbaa akka godhe kan argisiise akkamitti?
3 Phexros kun taʼuusaa gara jiʼa jaʼaa dura bakka dhalootaasaa kan taate mandara Qifirnaahom keessatti, “Gooftaa, obboleessi koo siʼa meeqa yoo na yakke dhiisuuf? Hamma siʼa torbaattii?” jedhee Yesusiin gaafatee ture. Phexros, yeroo akkas jedhu tarii gara balʼeessa akka taʼe isatti dhagaʼame taʼuu dandaʼa. Kana malees geggeessitoonni amantii bara sana turan, namni tokko siʼa sadii qofa dhiifama gochuu qaba jedhanii barsiisu turan. Yesus garuu, “Hamma siʼa torbaatamii torbaatti malee, hamma siʼa torbaatti siin hin jedhu” jedhee deebiseef.—Mat. 18:21, 22.
4 Yesus Phexros miidhaa namni tokko isarratti raawwate hunda galmeessee akka qabatu isa gorsuusaa turee? Lakki; kanaa mannaa isa Phexros siʼa 7 jedhe siʼa 77 jechuudhaan, jaalalli siʼa meeqa dhiifama gochuu akka qabnu ilaalchisee daangaa akka keenyu kan nuu hin heyyamne akka taʼe dubbachuusaaa ture. (1 Qor. 13:4, 5) Yesus, Phexros fakkeenya namoota naannoosaa warra gara jabeeyyii taʼaniifi dhiifama gochuuf fedhii hin qabne hordofaa akka ture argisiiseera. Haataʼu malee, namoonni fakkeenya Waaqayyoo hordofuu barbaadan irra deddeebiʼanii dhiifama gochuuf fedhii qabaachuu qabu.—1 Yohannis 1:7-9 dubbisi.
5. Dhiifama gochuu caalaatti kan barannu yoom taʼuu dandaʼa?
5 Yeroo kanatti Phexros Yesusiin hin falmine. Haataʼu malee barumsi Yesus dhugumaan garaasaa tuqee turee? Yeroo tokko tokko dhiifama gochuun barbaachisaa taʼuusaa caalaatti kan barannu, hammam dhiifamni akka nu barbaachisu yommuu hubannuttidha. Kanaaf mee wantoota yommuu Yesus ajjeefamuuf turetti raawwataman haa ilaallu. Yeroo rakkisaa ture kanatti, Phexros dogoggora hedduu waan raawwateef Gooftaasaarraa dhiifama argachuun isa barbaachisee ture.
Yesus Siʼa Baayʼee Phexroosiif Dhiifama Godheera
6. Yesus waaʼee gad of deebisuu ergamootasaa barsiisuu yommuu yaale Phexros maal godhe? Taʼus Yesus akkamitti isa qabe?
6 Yeroonsaa galgala hin irraanfatamneefi Yesus yeroo dhumaatiif lafarratti dabarse ture. Yesus gad of deebisuu dabalatee ergamootasaa waan hedduu barsiisuu qaba. Yesus hojii yeroo baayʼee hojjetaan hundumaarra gad aanaa taʼe tokko hojjetu, jechuunis miillasaanii dhiquudhaan gad of deebisuurratti ergamootasaatiif fakkeenya taʼeera. Jalqabarratti Phexros, ‘Situ miillakoo dhiqaa?’ jedhee Yesusiin gaafate. Achiis ‘Miillakoo naaf hin dhiqxu’ jedhee isa morme. Booda garuu miillasaa qofa utuu hin taʼin, harkaafi mataasaas akka isaaf dhiqu gaafate. Yesus aaruu mannaa, wanti inni gochaa jiru hammam barbaachisaa akka taʼeefi hiika maalii akka qabu obsaan isaaniif ibse.—Yoh. 13:1-17.
7, 8. (a) Phexros obsa Yesus kan qore karaawwan gara biraa kamiini? (b) Yesus gaarummaa argisiisuufi dhiifama gochuusaa kan itti fufe akkamitti?
7 Sana booda utuma baayʼee hin turin, ammas Phexros wanta obsa Yesus qoru tokko raawwate. Ergamoonni sun isaan keessaa eenyu akka caalu wal falmuu kan jalqaban siʼa taʼu, Phexros gocha yellaasisaa kana keessatti gaʼee guddaa kan qabu akka ture hin shakkisiisu. Yesus garuu gaarummaadhaan kan isaan sirreesse taʼuusaarrayyuu, gocha gaarii Gooftaasaaniitiif amanamoo taʼuudhaan raawwataniif isaan galateeffateera. Haataʼu malee, hundisaanii isa dhiisanii akka baqatan raajii dubbate. Phexros garuu hamma duʼaattillee Yesus cina akka dhaabatu falme. Haataʼu malee, Yesus halkanuma sana utuma indaanqoon siʼa lama hin iyyin, Phexros siʼa sadii akka isa ganu raajii dubbate. Phexros yeroo kanatti wanta Yesus dubbate mormuu qofa utuu hin taʼin, ergamoota kaan caalaa amanamaa akka taʼu dubbachuudhaan of tuuleera.—Mat. 26:31-35; Mar. 14:27-31; Luq. 22:24-28; Yoh. 13:36-38.
8 Yesus yeroo kanatti Phexrositti abdii kutachuu jala gaʼee turee? Yesus yeroo rakkisaa kana hundatti ergamoonnisaa cubbuu kan dhaalan taʼanis wanta gaarii isaan qabanirratti xiyyeeffachuusaa itti fufeera. Yesus Phexros akka isa ganu kan beeku taʼus, “Ani garuu amantiin kee iddoodhaa akka hin badneef siif kadhadheera; ati yeroo itti gara kootti deebitutti, obboloota kee jabeessi!” isaan jedheera. (Luq. 22:32) Kanaaf Yesus, Phexros dogoggorasaarraa deebiʼee amanamummaadhaan tajaajiluusaa akka itti fufu amantii akka isarratti qabu ibseera. Yesus gaarummaa argisiisuufi dhiifama gochuu ilaalchisee fakkeenya guddaa taʼa.
9, 10. (a) Phexros iddoo dhaabaa Getesemaane keessatti sirreefamni akkamii isa barbaachisee ture? (b) Haalli Phexros maal nu yaadachiisa?
9 Boodas iddoo dhaabaa Getesemaanee keessatti Phexrosiif al tokkoo ol sirreeffama kennuun barbaachiseera. Yommuu Yesus kadhachaa ture, Phexros Yaaqoobiifi Yohannisii wajjin taʼuudhaan dammaqinaan akka eegu itti himee ture. Yesus dhiphina guddaa keessa kan tureefi jajjabinni kan isa barbaachisu taʼus, Phexrosiifi ergamoonni kaan garuu yeroo baayʼee rafanii isaan arga ture. Yesus yeroo kanatti, “Hafuurri illee dhimmaa dha, foon garuu dadhabaa dha” jechuudhaan akka isaaniif gadduufi dhiifama akka isaaniif godhu argisiiseera.—Mar. 14:32-41.
10 Utuma baayʼee hin turin, namoonni hedduun billaa, gucaafi bokkuu qabatanii dhufan. Yeroon kun yeroo itti of eeggataniifi hubannaadhaan deddeebiʼuu qaban ture. Haataʼu malee, Phexros battaluma sanatti billaasaa luqqifatee gurra Maalkos isa garbicha angafa lubootaa ture sanaa irraa kute. Yesus yeroo kanatti obsaan Phexrosiin sirreesseera; gurra namichaas fayyiseera; humnaan namarratti kaʼuun sirrii akka hin taane ilaalchisees seera buʼuuraa duuka buutonnisaa hamma harʼaatti hordofuu qaban barsiiseera. (Mat. 26:47-55; Luq. 22:47-51; Yoh. 18:10, 11) Yesus sana dura Phexrosiif siʼa baayʼee dhiifama godhee ture. Haalli Phexros hundi keenya yeroo baayʼee cubbuu akka raawwannu nu yaadachiisa. (Yaaqoob 3:2 dubbisi.) Nu keessaa namni guyyaa guyyaadhaan Waaqayyorraa dhiifama argachuun isa hin barbaachisne jiraa? Dogoggorri Phexros galgala sana raawwate garuu kana qofa hin turre. Ammas dogoggora kanaan dura raawwate hundarra caalu raawwachuuf jedha.
Phexros Dogoggora Hundarra Caalu Raawwate
11, 12. (a) Phexros erga Yesus qabamee booda hamma tokko ija jabina akka qabu kan argisiise akkamitti? (b) Phexros wanta dursee dubbatee ture utuu hin raawwatin kan hafe akkamitti?
11 Yesus namoota isa qabuu dhufaniin, ana barbaaddu yoo taʼe, ergamoonnikoo kun haa deemanii dhiisaa jechuudhaan isaanitti dubbate. Phexros yeroo namoonni sun Yesusiin qaban waan godhu wallaalee dhaabatee ilaala ture. Achiis akkuma ergamoota kaanii innis ni baqate.
12 Phexrosiifi Yohannis takka kan dhaabatan siʼa taʼu, iddoon kun tarii naannoo mana Angafa Lubootaa isa duraa Haannaas jedhamuufi bakka Yesus jalqaba gaaffiidhaaf itti geeffame sana taʼuu hin oolu. Yommuu namoonni sun Yesusiin achii fuudhanii deeman, Phexrosiifi Yohannis ‘irraa fagaatanii’ duukaa buʼaa turan. (Mat. 26:58; Yoh. 18:12, 13) Phexros dabeessa hin turre. Bakka Yesus itti geeffame sanatti isa duukaa buʼuuniyyuu hamma tokko ija jabina akka gaafatu beekamaadha. Namoonni sun miʼa lolaa kan hidhatan siʼa taʼu, Phexrosimmoo isaan keessaa nama tokko madeessee ture. Phexros barbaachisaa taanaan Gooftaasaa wajjin duʼuufillee fedhii akka qabu dubbatee kan ture taʼus, yeroo kanatti jaalala guddaa duraan qabu dhabeera.—Mar. 14:31.
13. Karaan sirriin Kiristos duukaa itti buunu maal gochuu qofadha?
13 Akkuma Phexros, namoonni yeroo harʼaa jiran baayʼeenis akka namni kamiyyuu isaan hin arginetti ‘irraa fagaatanii’ Kiristos duukaa buʼuu barbaadu. Haataʼu malee rakkina akkamiiyyuu yoo nurraan geessise, akkuma Phexros yeroo booda barreesse, Kiristos duukaa buʼuuf karaan hundarra caalaa sirrii taʼe gama hundaatiin hamma nuu dandaʼame dhiheenyatti fakkeenyasaa hordofuudha.—1 Phexros 2:21 dubbisi.
14. Phexros galgala Yesusiin qorachaa turanitti maal gochaa ture?
14 Phexros namoota kanatti utuu hin mulʼatin, hamma mana guddaa mandara Yerusaalem keessa jiru tokko bira gaʼutti isa duukaa buʼe. Manichi, mana Qayyaafaa isa sooressaafi angafa lubootaa tureeti. Manneen akkasii yeroo baayʼee, dallaa fuuldurasaatiin karra gudaa qabu keessatti ijaaramu. Phexros karra dallichaa bira erga gaʼee booda akka ol hin seenne dhowwame. Yohannis angafa lubootaa sana waan beekuuf dursee dallicha kan seene siʼa taʼu, xomboreen karricha eegdu Phexrosiin akka ol galchitu gaafate. Taʼus Phexros, Yohannisitti dhihaachuufis taʼe manicha keessa seenee Gooftaasaa cina dhaabachuuf yaalii kan godhe hin fakkaatu. Phexros, dallicha keessatti bakka garboonniifi hojjettoonni qorra halkan sanaa ofirraa ittisuuf ibidda qaqqaammachaa turan dhaabatee, namoota sobaan Yesusirratti dhugaa baʼuuf manichatti seenaniifi achi keessaa baʼan ilaalaa ture.—Mar. 14:54-57; Yoh. 18:15, 16, 18.
15, 16. Raajiin Yesus Phexros siʼa sadii akka isa ganu dubbate akkamitti akka raawwatame ibsi.
15 Xomboreen ol isa galchite sun ifa ibiddichaatiin akka gaariitti Phexrosiin arguu dandeesse. Eenyummaasaa waan hubatteef, “Atis Yesus namicha Galiilaa sanaa wajjin turte!” jetteen. Phexrosis naasuudhaan, Yesusiin ganuusaarrayyuu, wanti isheen jechaa jirtu akka isaaf hin galle dubbate. Isaanirraa fagaatee karra dallichaatti siqee dhaabachuuf yommuu jedhu, xomboree kan biraan tokkos isa argitee, “Namichi kun Yesus nama Naazireet sanaa wajjin ture” jetteen. Phexros yeroo kanatti, “Nama kana ani hin beeku” jedhee kakate. (Mat. 26:69-72; Mar. 14:66-68) Phexros tarii yeroo lammaffaadhaaf Yesusiin erga ganee booda indaanqoon iyyuusaa kan dhagaʼe taʼus, yeroo kanatti yaannisaa hihhiramee waan tureef raajii Yesus saʼaatii muraasa dura dubbate yaadachuu hin dandeenye.
16 Yeroo muraasa boodas Phexros eenyummaasaa dhoksuuf yaalii gochaa ture. Haataʼu malee, namoonni baayʼeen dallicha keessa dhaabachaa turan itti dhufan. Isaan keessaa inni tokko fira Maalkos isa Phexros gurrasaa irraa kute sanaa ture. Innis Phexrosiin, “Isaa wajjin iddoo dhaabaa sana keessatti ani si hin arginee?” jedhee gaafate. Phexros yeroo kanatti namoonni kun akka dogoggoran isaan amansiisuuf yaalii gochuu akka qabu isatti dhagaʼame. Kanaaf wanta isaan jedhan kana akka hin beekne dubbachuudhaan of abaaruufi kakachuutti kaʼe. Phexros yeroo kanatti siʼa sadaffaadhaaf Yesusiin ganuusaa ture. Phexros akkuma kana dubbateen, indaanqoon siʼa lammaffaadhaaf yommuu iyyitu dhagaʼe.—Yoh. 18:26, 27; Mar. 14:71, 72.
“Gooftaan yommus garagalee Phexrosin ilaale”
17, 18. (a) Phexros Gooftaasaarratti cubbuu cimaa raawwachuusaa yommuu hubatu maal godhe? (b) Phexros maal jedhee yaadee taʼuu dandaʼa?
17 Yesus amma mana keessaa baʼee barandaa isa ol kaʼaarra dhaabachuudhaan mooraa sana keessa ilaalaa jira. Akkuma seensa mataduree kanaarratti ibsame Phexrosii wajjin ijisaanii kan walirra buʼe yeroo kanatti ture. Phexros Gooftaasaa hangam akka gane kan hubate yeroo kanattidha. Phexros garmalee waan gaddeef dallicha keessaa baʼee adeeme. Jiini goobana turte lixaa kan jirtu taʼus, ifa waan tureef gara karaa guddaa mandarichaatti qajeele. Haataʼu malee, imimmaan ijasaa waan guuteef akka gaariitti lafa arguu hin dandeenye. Yeroo kanatti of toʼachuu waan dadhabeef hirqinfatee booʼuu jalqabe.—Mar. 14:72; Luq. 22:61, 62.
18 Namni tokko cubbuu cimaa akkasii akka raawwate yommuu hubatu, dhiifama nan argadha jedhee yaaduun akka isatti ulfaatu beekamaadha. Phexrosis akkasuma itti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee Phexros dhiifama ni argataa laata?
Phexros Dhiifama Ni Argataa Laata?
19. Phexros dogoggora raawwatetti maaltu isatti dhagaʼamee taʼuu qaba? Taʼus abdii akka hin kutanne akkamitti beekna?
19 Phexros yommuu lafti bariʼetti wanta Yesusirra gaʼe yommuu argu hammam gaddee akka ture tilmaamuun rakkisaadha. Yesus saʼaatii dheeraadhaaf gidiraan irra gaʼaa turee waaree booda yommuu duʼu, Phexros garmlee of ceephaʼee taʼuu qaba. Phexros, yeroo Gooftaansaa jireenyasaa isa lafaarraa xumuruuf jedhu kanatti caalaatti akka inni dhiphatu gumaacha gochuusaa yeroo yaadu garmalee of ceephaʼee taʼuu qaba. Phexros baayʼee kan gadde taʼus abdii hin kutanne. Yeruma sana obbolootasaa wajjin walitti qabamuu waan jalqabeef, abdii akka hin kutanne hubachuu dandeenya. (Luq. 24:33) Ergamoonni Yesus hundi gocha halkan sanatti raawwatanitti baayʼee waan gaabbaniif, sana booda hedduu akka wal jajjabeessan hin shakkisiisu.
20. Wanta yeroo Phexros gaddi irra gaʼetti raawwaterraa maal barachuu dandeenya?
20 Phexros yeroo kanatti murtoo hundarra caalaa sirrii taʼe akka godhe hubachuu dandeenya. Tajaajilaan Waaqayyoo tokkos yommuu dogoggoru, wanti bakki guddaan kennamuuf dogoggora hojjechuusaa utuu hin taʼin, dogoggora sanarraa deebiʼuufi of sirreessuuf ejjennoo cimaa qabaachuusaati. (Fakkeenya 24:16 dubbisi.) Phexros hamileensaa kan cabe taʼus, obbolootasaa wajjin walitti qabamuudhaan amantii dhugaa akka qabu argisiiseera. Namni tokko yommuu gaddu ykn abdii kutatu namoota kaanirraa adda of baasuuf qoramuu kan dandaʼu taʼus kana gochuunsaa balaadhaaf isa saaxila. (Fak. 18:1) Wanti hundarra caalaa gaarii taʼe, obbolootatti siquufi karaa hafuuraa deebiʼanii jabaachuudha.—Ibr. 10:24, 25.
21. Phexros obbolootasaa waajjin taʼuunsaa oduu akkamii akka dhagaʼu isa gargaareera?
21 Phexros oduu rifaasisaa reeffi Yesus awwaala keessa akka hin jirre ibsu dhagaʼuu kan dandaʼe obbolootasaa wajjin waan tureefidha. Phexrosiifi Yohannis gara awwaala Yesus isa dhagaadhaan cufametti fiiganii deeman. Yohannis dargaggeessa taʼuu waan hin oolleef dursee achi gaʼe. Yeroo achi gaʼu garuu, balballi awwaalichaa banamaa waan tureef keessa lixuu sodaate. Phexros garuu hin sodaanne. Akkuma fiigaa dhufeen harganaa awwaalicha keessa lixe. Haataʼu malee, awwaalichi duwwaa ture.—Yoh. 20:3-9.
22. Phexros gaddaafi shakkii qabu hundarraa akka walaba taʼu kan isa gargaare maalidha?
22 Phexros, Yesus duʼaa kaʼuusaa amanee turee? Dubartoonni amanamoo taʼan ergamoonni Waaqayyoo isaanitti mulʼatanii Yesus duʼaa kaʼuusaa akka itti himan kan dubbatan taʼus Phexros jalqabarratti hin amanne. (Luq. 23:55–24:11) Haataʼu malee, gaddiifi shakkiin Phexros keessa ture hundi galgala sana isa keessaa badeera. Yesus yeroo kanatti qaama hafuuraa humna guddaa qabu taʼee jiraachaa kan jiru taʼuusaarrayyuu, ergamootasaa hundatti mulʼateera. Yesus ergamoota hundatti mulʼachuusaa dura garuu Phexros qofatti mulʼate. Ergamoonni gaafa sana, “Gooftichi dhuguma duʼaa kaʼeera, Simoonittis mulʼateera” jechuudhaan dubbataniiru. (Luq. 24:34) Phaawulos ergamaanis yeroo booda Yesus “Phexrositti mulʼate, ergasii bartoota kudha lamaan keessaa warra hafanitti mulʼate” jechuudhaan wanta guyyaa sanatti raawwatame barreesseera. (1 Qor. 15:5) Yesus, guyyaa sana Phexrositti kan mulʼate utuu inni kophaasaa jiruu akka taʼe haalasaarraa hubachuun ni dandaʼamaa.
Akkuma Phexros dogoggora hedduu raawwachuudhaan dhiifama Gooftaasaa argachuun isa barbaachise, nu keessaa namni guyyaa guyaadhaan dhiifama argachuun isa hin barbaachisne jiraa?
23. Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiraniifi cubbuu raawwatan haala Phexros yaadachuu kan qaban maaliifi?
23 Macaafni Qulqulluun, yeroo Yesusiifi Phexros wal argan wanta taʼe hunda hin ibsu. Phexros Gooftaasaa isa jaallatamaa deebiʼee argachuudhaan hangam akka gaddeefi yaada garaa akka geddarate isaaf ibsuuf carraa argachuusaatti baayʼee gammadee taʼuu akka dandaʼu yaaduu dandeenya. Phexros waan hundumaa caalaa dhiifamni akka isaaf godhamu barbaadee ture. Maarree, namni Yesus Phexrosiif guutummaatti dhiifama hin goone jedhee shakkuu dandaʼu jiraa? Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiraniifi cubbuu raawwatanis haala Phexros yaadachuu qabu. Waaqayyo dhiifama nuuf gochuu hin dandaʼu jennee matumaa yaaduu hin qabnu. Yesus amala Abbaasaa isa “araarri isaa guddaa” taʼee guutummaatti calaqqisiisa.—Isa. 55:7.
Yesus Phexrosiif Dhiifama Gochuusaa Irra Deebiʼee Mirkaneesseef
24, 25. (a) Wanta yeroo Phexros galgala Ciisa Bishaan Galiilaa keessaa qurxummii qabuuf yaalii gochaa buletti raawwatame ibsi. (b) Phexros dinqii Yesus guyyaa ittaanu ganama raawwate yommuu argu maal godhe?
24 Yesus ergamoonnisaa gara Galiilaa dhaqanii isaa wajjin achitti akka wal argan itti himee ture. Isaanis yommuu achi gaʼan Phexros Ciisa Bishaan Galiilaa keessaa qurxummii qabuu deeme. Yeroo kanatti baayʼeensaanii isa duukaa deemanii turan. Phexros ammas galaana waggoota hedduudhaaf qurxummii keessaa qabaa turetti deebiʼe. Phexros kanaan dura qurxummii qabaa waan tureef, yeroo qurxummii qabuu dhaqe kanatti wantoonni nama gammachiisan akkamii akka isa eeggatan akka gaariitti beeka. Taʼus halkan sana guutuu qurxummii tokkollee hin qabanne.—Mat. 26:32; Yoh. 21:1-3.
Phexros bidiricharraa utaalee bishaanicha daakaa gara qarqaraatti baʼe
25 Yommuu lafti barʼuu jala gaʼu namni tokko qarqara bishaanichaatii isaan waamee bidiricha maddiidhaan kiyyoosaanii akka darbatan isaanitti hime. Isaanis kan ajajaman siʼa taʼu, kiyyoo qurxummii 153 qabate harkisuu jalqaban. Phexros, namni kun eenyu akka taʼe beekee ture. Kanaaf bidiricharraa utaalee bishaanicha daakaa gara qarqaraatti baʼe. Yesusis qarqara bishaanichaatti qurxummii barbadaa ibiddaatiin waadame isaanii kenne. Yeroo kanatti Phexrosiif xiyyeeffannaa addaa kenneera.—Yoh. 21:4-14.
26, 27. (a) Yesus Phexrosiif siʼa sadii carraa akkamii kenne? (b) Yesus Phexrosiif guutummaatti dhiifama gochuusaa kan mirkaneesse akkamitti?
26 Yesus, gara qurxummii hedduu ergamoonni qabaniitti quba qabee taʼuu dandaʼa, “isaan kanarra kan caalu,” (hiika bara 1899) kan isa jaallatu taʼuusaa Phexrosiin gaafate. Phexros hojii qurxummii qabuufi Yesus keessaa isa kamiin caalaatti jaallata laata? Akkuma Phexros siʼa sadii Gooftaasaa gane, Yesus ergamoota kaan duratti siʼa sadii Phexrosiin gaafachuudhaan jaalala isaaf qabu akka mirkaneessu carraa isaaf kenneera. Phexros akka isa jaallatu Yesusiif kan ibse siʼa taʼu, Yesusis, Phexros tajaajila Waaqayyootiif dursa kennuudhaan, hoolota Kiristos jechuunis duuka buutotasaa warra amanamoo sooruu, jajjabeessuufi tiksuudhaan jaalala isaaf qabu argisiisuu akka dandaʼu itti himeera.—Luq. 22:32; Yoh. 21:15-17.
27 Yesus, Phexros ammayyuu isas taʼe Abbaasaa akka tajaajilu isaaf mirkaneesseera. Phexros qajeelfama Kiristos isaaf kennu hordofuudhaan gumii keessatti hojii guddaa raawwata. Maarree kun, Yesus Phexrosiif guutummaatti dhiifama gochuusaa kan argisiisu mitii? Phexros Yesus dhiifama isaaf gochuusaatti akka galateeffateefi barumsa akka irraa argate beekamaadha.
28. Phexros hiika maqaasaa wajjin haala wal simuun kan jiraate akkamitti?
28 Phexros waggoota hedduudhaaf hojii isaaf kenname amanamummaadhaan raawwateera. Akkuma Yesus galgala duʼuusaa dura turetti isa ajaje, obbolootasaa jajjabeesseera. Duuka buutota Kiristos tiksuufi sooruudhaan hojii isatti kenname gaarummaafi obsaan raawwateera. Namni Simoon jedhamuufi Yesus, Phexros ykn Kattaa jedhee moggaase kun, nama ejjennoo cimaa qabu, jabaafi amansiisaa taʼuudhaan namoota gumii keessa jiraniif fakkeenya gaarii taʼeera. Phexros nama akkasii taʼuunsaa, ergaawwan inni barreesseefi kutaa Macaafa Qulqulluu taʼan lamaanirraa hubachuun ni dandaʼama. Ergaawwan kun Phexros dhiifama gochuu ilaalchisee barumsa Yesusirraa argate matumaa akka hin irraanfanne kan argisiisanidha.—1 Phexros 3:8, 9; 4:8 dubbisi.
29. Amantii Phexros qabuufi dhiifama Gooftaansaa godhe hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
29 Nutis akkumasaa dhiifama gochuu haa barannu. Dogoggora hedduu raawwannuuf dhiifama akka nuu godhu guyyaa guyyaadhaan Waaqayyoon ni kadhannaa? Dhiifama inni nuu godhuhoo ni fudhannaa? Dhiifamni kun nu qulqulleessuuf humna akka qabu ni amannaa? Nutoo namoota kaaniif dhiifama ni goonaa? Akkas kan goonu yoo taʼe, amantii Phexros qabuufi dhiifama Gooftaansaa godhe hordofaa jirra jechuudha.