BOQONNAA KUDHA SAGAL
Itti Gaafatamummaasaa Hunda Raawwateera
1, 2. (a) Haalli haaraan Yoseefiifi maatiisaa mudate maalidha? (b) Yoseef oduu gaddisiisaa akkamii haadha manaasaatti himuu qaba ture?
YOSEEF miʼasaa hafe walitti qabee harreetti feʼate. Yommuu inni utuu lafti hin bariʼin mandara Betlihem keessa milʼachaa harreesaa oofu sitti haa mulʼatu. Yeroo kanatti adeemsa dheeraa gara Gibxiitti gochaa jiru yaadaa akka ture hin shakkisiisu. Maatiinsaa inni xinnoon kun namoota biyya ormaa, afaan biyya ormaafi aadaa biyya ormaa wajjin akkamitti wal baruu dandaʼa laata?
2 Yoseef oduu gaddisiisaa kana Maariyaam haadha manaasaa ishee jaallatamtuutti himuun isatti ulfaatee taʼuu dandaʼus, akkuma taʼetti of jajjabeessee isheetti himeera. Ergamaan Waaqayyoo, Herodis mootichi mucaasaanii ajjeesuu akka barbaaduufi dafanii biyya sanaa baʼuu akka qaban abjuudhaan isatti himuusaa isheedhaaf ibse. (Maatewos 2:13, 14 dubbisi.) Yeroo kanatti Maariyaam baayʼee yaaddofte. Namni tokko mucaa xinnoo balleessaa hin qabneefi nama miidhuu hin dandeenye kana maaliif ajjeesuu barbaada? Sababiinsaa Yoseefiifis taʼe Maariyaamiif ifa hin turre. Taʼus Yihowaatti amanamuudhaan gara Gibxii deemuuf qophaaʼuu jalqaban.
3. Yoseefiifi maatiinsaa Betlihemii akkamitti akka baʼan ibsi. (Fakkichas ilaali.)
3 Namoonni Betlihem keessa jiran biyyi nagaadha jedhanii utuu rafaa jiranii Yoseef, Maariyaamiifi Yesus utuu lafti hin bariʼin mandarattii gadhiisanii baʼan. Achiis gara kallattii kibbaatti yommuu deeman kallattii bahaatiin aduun baʼuu kan jalqabde siʼa taʼu, wanti isaan mudachuu dandaʼu Yoseefiin yaaddessee taʼuu hin oolu. Namni muka soofuudhaan jiraatu tokko akkamitti diinota humna guddaa qabanirraa maatiisaa eeguu dandaʼa? Yeroo hunda wanta maatiisaatiif barbaachisuhoo akkamitti dhiheessuu dandaʼa? Kana malees, itti gaafatamummaa guddaa Yihowaan mucaa adda taʼe kana akka kunuunsuufi akka guddisu isaaf kenne akkamitti raawwachuu dandaʼa? Yoseef rakkoowwan gurguddaan isa eeggachaa jiru. Itti gaafatamummaasaa akkamitti akka raawwate qoruun, abbootiin yeroo harʼaa jiranis taʼe hundi keenya sababii fakkeenya amantii Yoseef hordofuun barbaachisaa itti taʼe hubachuuf nu gargaara.
Yoseef Maatiisaa Eegeera
4, 5. (a) Jireenyi Yoseef guutummaatti kan jijjiirame akkamitti? (b) Ergamaan tokko Yoseef itti gaafatamummaa guddaa akka fudhatu kan isa jajjabeesse akkamitti?
4 Yoseef jiʼoota hedduu dura mandara Naazireet keessa jiraachaa yommuu tureefi intala Elii yommuu kaadhimate jireenyisaa guutummaatti akka jijjiiramu hubatee ture. Yoseef, Maariyaam Yihowaa akka jaallattuufi ulaagaasaa wajjin haala walsimuun akka jiraattu beekus ulfa taʼuushee beeke. Kanaaf, ishee qaanessuu waan hin barbaanneef dhoksaatti ishee hiikuu yaade. a Haataʼu malee, ergamaan tokko abjuudhaan isatti mulʼatee Maariyaam kan ulfoofte hafuura Yihowaatiin akka taʼe itti hime. Ilmi isheen deessus, ‘sabasaa cubbuu isaaniirraa akka fayyisu’ isatti hime. Kana malees, “Ishee of biratti fudhachuu hin sodaatin!” jechuudhaan isaaf mirkaneesse.—Mat. 1:18-21.
5 Yoseef nama qajeelaafi nama ajajamu waan tureef, akkuma jedhame godheera. Mucaa kan isaa hin taaneefi Waaqayyo duratti iddoo guddaa qabu guddisuufi kunuunsuuf itti gaafatamummaa guddaa fudhateera. Boodas labsii mootiin tokko baaseef abboomamuudhaan, haadha manaasaa ishee ulfa taatee wajjin galmeeffamuuf Betlihem dhaqe. Mucichis bakkuma kanatti dhalate.
6-8. (a) Haalawwan gara biraan jireenya Yoseefiifi maatiisaa isa xinnoo taʼe jijjiiran maalfaa turan? (b) “Urjicha” kan erge Seexana taʼuusaa kan argisiisu maalidha? (Miiljalees ilaali.)
6 Yoseef maatiisaa fudhatee gara Naazireetitti hin deebine. Kanaa mannaa, mandara Betlihem ishee Yerusaalemirraa gara kiilomeetira 10 fagaattu keessa jiraachuu jalqabe. Hiyyeeyyii yoo taʼaniyyuu Yoseef, Maariyaamiifi Yesus akka hin rakkanneefi eegumsa akka argatan gochuuf wanta isaaf dandaʼame hunda ni godha ture. Achiis utuma baayʼee hin turin mana xinnoo tokko keessa jiraachuu jalqaban. Boodas tarii yeroo Yesus umriinsaa waggaa tokkoo ol taʼu, ammas akkuma tasaa jireenyisaanii ni jijjiirame.
7 Namoonni ogeeyyiin urjii lakkaaʼan kallattii Bahaatii, tarii Baabilonii taʼuu dandaʼa garasaanii dhufan. Namoonni kun mucaa mootii Yihudootaa taʼuuf jedhu arguuf “urjii” tokkoon geggeeffamanii gara mana Yoseefiifi Maariyaam kan dhufan siʼa taʼu, maatichaaf kabaja guddaa akka qabanis argisiisaniiru.
8 Ogeeyyiin urjii lakkaaʼan kun beekanis beekuu baatanis, Yesus isa mucaa xinnoo kana balaa guddaadhaaf saaxilaa jiru. “Urjichi” jalqaba kan isaan qajeelche gara Betlihemitti utuu hin taʼin gara Yerusaalemitti ture. b Yommuu achi gaʼanis mucaa mootii Yihudootaa taʼuuf jiru barbaadaa akka jiran Herodis Mooticha isa hamaa taʼetti himan. Innis kana yommuu dhagaʼu hinaaffaadhaan aaree bobaʼe.
9-11. (a) Qaamni Herodis ykn Seexana caalaa humna qabu dhimma sana hordofaa kan ture akkamitti? (b) Adeemsi gara Gibxiitti godhame isa mammaaksa appookiriifaarratti ibsamerraa adda kan ture akkamitti?
9 Kan nama gammachiisu garuu qaamni Herodis caalaa humna qabu dhimma kana hordofaa ture. Akkamitti? Namoonni kun mana Yesus keessa jiru gaʼanii haadhasaa wajjin yommuu isa argan kennaa isaaf kennan. Yoseefiifi Maariyaam akkuma tasaa miʼa gati jabeessa, jechuunis “warqee, ixaana fi qumbii” yommuu argatan baayʼee dinqisiifamanii taʼuu qaba. Ogeeyyiin urjii lakkaaʼan kun mucaa sana eessatti akka argan deebiʼanii Herodisitti himuuf yaadanii turan. Taʼus Yihowaan dhimma sana gidduu galee, namoonni sun karaa biraarra goranii biyyasaaniitti akka deebiʼan abjuudhaan isaan ajaje.—Maatewos 2:1-12 dubbisi.
10 Ogeeyyiin urjii lakkaaʼan sun deemanii utuma baayʼee hin turin, ergamaan Yihowaa tokko “Kaʼii, mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii biyya Gibxiitti baqadhu! Herodis mucicha ajjeesuudhaaf waan barbaaduuf, hamma ani sitti himutti achuma turi!” jedhee Yoseefiin akeekkachiise. (Mat. 2:13) Kanaaf, akkuma jalqabarratti ilaalle Yoseef yeruma sana wanta itti himame raawwate. Nageenya mucaasaatiif waan yaaduuf maatiisaa fudhatee Gibxiitti baqate. Ogeeyyiin urjii lakkaaʼaniifi waaqayyolii tolfamoo waaqeffatan kun kennaa gati jabeessa waan isaanii kennaniif, Yoseef qarshii gaʼaa wanta maatiisaatiif barbaachisu ittiin bitatu argateera.
Yoseef mucaasaa eeguuf ija jabinaafi haala ofittummaarraa walaba taʼeen tarkaanfii fudhateera
11 Mammaaksi appookiriifaa, jechuunis barreeffamoota yaada sobaa qabatan keessa jiruufi afoolli yeroo booda deemsa gara Gibxiitti godhame kana ilaalchisee qophaaʼe, Yesus dinqiidhaan karicha akka gabaabse, saamtonni miidhaa akka isaanirra hin geessisne akka godheefi mukeetiin meexxii akka gadi jedhan gochuudhaan haatisaa akka irraa funaannattu akka godhe dubbatu. c Haataʼu malee, adeemsi maatichi gara biyya ormaatti godhe dheeraafi rakkisaa ture.
Yoseef maatiisaatiif jecha wanta gammachuu isaaf argamsiisu aarsaa godheera
12. Warri addunyaa hamaa taʼe keessatti ijoollee guddisan Yoseefirraa maal barachuu dandaʼu?
12 Warra kan taʼan, Yoseefirraa waan hedduu barachuu dandaʼu. Yoseef maatiisaa balaarraa eeguuf jecha hojiisaafi wanta jaallatu aarsaa godheera. Maatiisaa kennaa guddaa Yihowaan isaaf kenne akka taʼanitti ilaalee akka ture beekamaadha. Warri yeroo harʼaa jiran addunyaa sodaachisaa, humnoota balaa geessisaniin guutame, mancaʼaa taʼeefi lubbuu dargaggootaa galaafachuu dandaʼu keessatti ijoolleesaanii guddisu. Haadhotiifi abbootiin ijoolleesaanii dhiibbaa akkasiirraa eeguuf tarkaanfii fudhataniifi akkuma Yoseef jabaatanii hojjetan dinqisiifamuu qabu.
Yoseef Maatiisaa Kunuunseera
13, 14. Yoseefiifi Maariyaam maatiisaanii fudhatanii Naazireetitti kan deebiʼan maaliifi?
13 Utuma baayʼee hin turin ergamaan tokko Herodis duʼuusaa Yoseefitti waan himeef, maatichi Gibxii keessa baayʼee waan ture hin fakkaatu. Yoseef maatiisaa fudhatee gara biyyasaatti deebiʼe. Raajiin bara duriitti dubbatame tokko Yihowaan ilmasaa “biyya Gibxii” akka waamu ibsa. (Mat. 2:15) Yoseef raajiin kun akka raawwatamu kan godhe taʼus, maatiisaa fudhatee eessa dhaqa laata?
14 Yoseef nama of eeggatu ture. Arkelaawos akkuma abbaasaa hamaafi kan nama ajjeesu waan tureef, bakka Herodis buʼuusaa yommuu dhagaʼu sodaatee ture. Yoseef qajeelfama Yihowaan isaaf kenneen, balaa Yerusaalemitti isarra gaʼuu dandaʼurraa baqachuudhaan, maatiisaa fudhatee Naazireet ishee Galiilaatti argamtuufi kallattii kaabaatiin jirtutti gale. Inniifi Maariyaam ijoolleesaanii kan guddisan biyya kanattidha.—Maatewos 2:19-23 dubbisi.
15, 16. Yoseef hojii akkamii hojjeta ture? Miʼa akkamiitti fayyadamee taʼuu dandaʼa?
15 Yoseefiifi Maariyaam jireenya salphaa kan jiraatan taʼus, waan ittiin jiraatan argachuun ulfaataa ture. Macaafni Qulqulluun Yoseef nama muka soofu akka taʼe kan dubbatu siʼa taʼu, jechi kun gosoota hojii mukaa hedduu kan argisiisudha. Kunis muka muruufi guuruu, gogsanii mana, bidiruu, riqicha xixinnoo, gaarii, geengoo, waanjoofi meeshaalee qonnaa hunda tolchuuf akka taʼutti mijeessuu dabalata. (Mat. 13:55) Hojiin kun humna guddaa kan gaafatu ture. Bara duriitti namni hojii mukaa hojjetu tokko yeroo baayʼee balbalasaa duratti ykn kutaa manasaa cina jiru keessatti hojjeta ture.
16 Yoseef hojii kana hojjechuuf meeshaa garaagaraa tarii abbaasaarraa dhaaletti fayyadamee taʼuu hin oolu. Tarii iskuwaadiraa, tumbii, boronqii ittiin sararan, qottoo, magaazii, qottoo soofaa, burruusa sibiilaa, burruusa mukaa, qirixii, urtuu, haphee garaagaraafi mismaaratti fayyadamee taʼuu dandaʼa.
17, 18. (a) Yesus abbaa isa guddiserraa maal baratee ture? (b) Yoseef yeroo kamiyyuu caalaa jabaatee hojjechuun kan isa barbaachise maaliifi?
17 Yesus yeroo mucaa xinnoo turetti yommuu abbaansaa isa guddise kun hojjetu hangam hubannaadhaan ilaalaa akka ture yaadi. Yesus utuu ijasaa irraa hin buqqifatin sochii Yoseef hunda, jechuunis gatiittiisaa isa balʼaa, siʼaayinasaafi ogummaa inni itti fayyadamu xiyyeeffannaadhaan ilaalaa akka ture hin shakkisiisu. Tarii Yoseef mucaansaa hojii sasalphaa akka hojjetu, jechuunis gogaa qurxummii gogetti fayyadamee muka akka laaffisu isatti argisiiseera taʼa. Mukeetiin akka odaa, qilxuu ykn ejersaa jiran garaagarummaa akkamii akka qaban Yesusiin barsiisee taʼuu hin oolu.
Yoseef ilmisaa muka sooftuu akka taʼu leenjiseera
18 Yesus kana malees, Yoseef harkasaa isa cimaa sanaan muka muruufi jirma gurguddaa uree walitti qabsiisuu qofa utuu hin taʼin, isa, obbolootasaafi haadhasaa hammachuuf yommuu itti fayyadamu argeera. Eeyyee, Yoseefiifi Maariyaam yeroo booda utuu Yesusiin hin dabalatin yoo xinnaate ijoollee jaʼa godhataniiru. (Mat. 13:55, 56) Yoseef hundasaanii kunuunsuufi sooruuf yeroo kamiyyuu caalaa jabaatee hojjechuu qaba ture.
Yoseef wanta karaa hafuuraa maatiisaatiif barbaachisu dhiheessuun iddoo guddaa akka qabu hubateera
19. Yoseef wanta karaa hafuuraa maatiisaatiif barbaachisu kan guute akkamitti?
19 Hunda caalaa garuu Yoseef wanta karaa hafuuraa maatiisaatiif barbaachisu guutuu akka qabu beeka ture. Kanaaf waaʼee Yihowaafi seerasaa ijoolleesaa barsiisuuf yeroo ramadeera. Inniifi Maariyaam yeroo hunda ijoolleesaanii mana sagadaa naannoosaanii jiruufi bakka Seerichi dubbifamee itti ibsamutti geessu turan. Tarii Yesus yommuu achii deebiʼu gaaffii hedduu waan gaafatuuf, Yoseef gaaffiisaa hunda deebisuudhaan waaʼee Yihowaafi seerasaa isa barsiisuuf waan isaa dandaʼame hunda gochuu hin oolu. Yoseef, ayyaana waggaa waggaadhaan Yerusaalemitti kabajamurratti argamuuf maatiisaa fudhatee deema ture. Yoseefiifi maatiinsaa karaa kiilomeetira 120 fagaatu deemanii Ayyaana Faasikaa waggaa waggaadhaan kabajamurratti argamuuf dhaqaa gala torban lama isaanitti fudhata ture.
Yoseef yeroo hunda maatiisaa gara mana qulqullummaa Yerusaalem jirutti geessa ture
20. Kiristiyaanonni mataa maatii taʼan fakkeenya Yoseef hordofuu kan dandaʼan akkamitti?
20 Kiristiyaanonni mataa maatii taʼanis fakkeenya kana ni hordofu. Mataawwan maatii wanta maatiisaaniitiif barbaachisu dhiheessuuf jabaatanii kan hojjetan taʼus, waaʼee Yihowaa ijoolleesaanii barsiisuuf dursa kennu. Ijoolleesaanii wajjin waaqeffannaa maatii gochuufi walgaʼii gurguddaarrattis taʼe walgaʼii gumiirratti argamuuf carraaqqii cimaa godhu. Akkuma Yoseef, wanti waaʼee Yihowaa ijoolleesaanii barsiisuurra caalu akka hin jirre beeku.
“Baayʼee Yaaddofne”
21. Yoseefiifi Maariyaam yeroo Ayyaana Faasikaa maal godhu turan? Yesus isaanii wajjin akka hin jirre kan hubatan yoom ture?
21 Yesus yommuu umriinsaa waggaa 12 turetti, Yoseef akkuma yeroo kaanii maatiisaa fudhatee gara Yerusaalem dhaqe. Yeroonsaa waqtii birraa yeroo Ayyaanni Faasikaa itti kabajamu siʼa taʼu, maatiiwwan hedduun baadiyyaa magariisa taʼe keessa waliin deemu turan. Yommuu naannoo Yerusaalem ishee gaararra jirtutti dhihaatan, faarfannaa beekamaa yeroo ol baʼan faarfatamu faarfatu turan. (Far. 120-134) Yeroo kanatti magaalattiin namoota kuma dhibba hedduutti lakkaaʼamaniin guutamuu hin ooltu. Ayyaanicha boodas maatiiwwan hundi gara manasaaniitti deebiʼuu jalqaban. Yoseefiifi Maariyaam hojii baayʼee waan qabaniif, Yesus namoota kaanii wajjin tariimmoo miseensota maatiisaanii wajjin deemaa waan jiru isaanitti fakkaatee ture. Yesus isaanii wajjin akka hin jirre kan hubatan Yerusaalemirraa deemsa guyyaa tokkoo erga deemanii booda ture.—Luq. 2:41-44.
22, 23. Yoseefiifi Maariyaam yommuu mucaansaanii bade maal godhan? Dhumarratti yommuu mucicha argatan Maariyaam maal jette?
22 Yoseefiifi Maariyaam yeruma sana Yesusiin barbaadaa naasuudhaan gara Yerusaalemitti deebiʼan. Daandii Yerusaalem isa namni irra hin jirrerra mucaasaanii waamaa yommuu deeman maaltu akka isaanitti dhagaʼamu sitti haa mulʼatu. Mucaan kun eessa jira laata? Isa barbaaduu jalqabanii guyyaa sadaffaasaatti, Yoseef itti gaafatamummaa guddaa Yihowaan isatti kenne utuu hin raawwatin akka hafe isatti dhagaʼamee turee laata? Dhumarrattis gara mana qulqullummaa dhaqan. Achittis, barsiisota Seeraa barumsa guddaa qaban hedduu wajjin kutaa tokko keessa taaʼee argan. Yeroo kanatti Yoseefiifi Maariyaam hangam akka gammadan tilmaamuu dandeessa.—Luq. 2:45, 46.
23 Yesus barsiisota seeraa kana dhaggeeffachaafi hawwii guddaadhaan gaaffii isaan gaafachaa ture. Namoonni sunis hubannaa mucaan kun qabuufi deebii inni kennutti baayʼee dinqisiifaman. Maariyaamiifi Yoseef garuu kana gochuusaatti baayʼee naʼanii turan. Macaafni Qulqulluun Yoseef akka dubbate kan hin ibsine taʼus, yaanni Maariyaam, “Yaa ilma ko, maaliif akkana nu goote? Kunoo, abbaan kee anis baayʼee yaaddofnee si barbaadaa turre” jechuudhaan dubbatte wanta lamaansaaniitti dhagaʼame akka gaariitti ibsa.—Luq. 2:47, 48.
24. Macaafni Qulqulluun itti gaafatamummaa warra taʼuun fidu sirriitti kan ibsu akkamitti?
24 Yaanni gabaabaan Dubbii Waaqayyoo keessa jiru kun, itti gaafatamummaa warra taʼuun fidu sirriitti ibsa. Mucaa mudaa hin qabne guddisuunillee dhiphina fiduu dandaʼa. Addunyaa sodaachisaa taʼe kana keessatti warra taʼuun ‘yaaddoo’ guddaa fiduu kan dandaʼu taʼus, warri Yihowaan rakkinasaanii akka isaaniif hubatu beekuudhaan jajjabina argachuu dandaʼu.
25, 26. Yesus warrasaatiif deebii akkamii kenne? Yoseef deebii ilmisaa kenne yommuu dhagaʼu maaltu isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa?
25 Yeroo kanatti Yesus bakka iddoo kamiyyuu caalaa Yihowaa Abbaasaa isa samiitti akka dhihaatu isa godhu keessatti gammachuudhaan barachaa ture. Kanaaf, “Maali, attamitti na barbaaddan? Mana abbaa koo keessatti argamuun akka ana irra jiru hin beektan turtanii?” jechuudhaan gaarummaadhaan warrasaatiif deebii kenneera.—Luq. 2:49.
26 Yoseef jechoota Yesus dubbate kanarratti yeroo dheeraadhaaf yaadaa akka ture hin shakkisiisu. Yommuu Yesus deebii akkasii kennu Yoseef garaasaatti gammadee taʼuu dandaʼa. Kana malees mucaan inni guddisu kun waaʼee Yihowaa akkas akka itti dhagaʼamu gochuuf jabaatee isa barsiisaa tureera. Yesus yeroo kanatti umriinsaa xinnoo taʼus “abbaa” jechuun maal jechuu akka taʼe kan hubate siʼa taʼu, Yoseefis akkas akka isatti dhagaʼamu gochuuf waggoota hedduudhaaf dhamaʼaa tureera.
27. Abbaa taʼuukeetiin mirga guddaa akkamii argatteetta? Fakkeenya Yoseef yaadachuu kan qabdu maaliifi?
27 Abbaa yoo taate, ijoolleenkee abbaan jaalala qabeessa taʼeefi maatiisaa eegu nama akkamii akka taʼe akka hubatan gargaaruuf mirga guddaa akka argatte hubatteettaa? Akkasumas abbaa buddeenaa yoo taate ykn ijoollee guddistu yoo qabaatte, fakkeenya Yoseef hordofuudhaan tokkoon tokkoon ijoollee adda akka taʼaniifi gatii guddaa akka qaban gootee ilaaluu akka dandeessu yaadadhu. Ijoolleen kun caalaatti Abbaasaanii isa samii kan taʼe Yihowaatti akka dhihaatan isaan gargaari.—Efesoon 6:4 dubbisi.
Yoseef Amanamummaadhaan Itti Gaafatamummaasaa Raawwateera
28, 29. (a) Yaanni Luqaas 2:51, 52rra jiru waaʼee Yoseef maal ibsa? (b) Yoseef ilmisaa ogummaadhaan akka guddatu gargaaruurratti gaʼee akkamii qaba ture?
28 Macaafni Qulqulluun kana booda waaʼee Yoseef waan baayʼee ibsuu baatus, wantoota muraasa ibsaman kana gad fageenyaan qoruun keenya barbaachisaadha. Macaafni Qulqulluun Yesus ‘warrasaatiif abboomamaa jiraate’ jedha. Akkasumas, “Yesus . . . Waaqayyoo fi namoota irraa ayyaana argachaa, namummaadhaa fi ogummaatti in guddata ture” jedha. (Luqaas 2:51, 52 dubbisi.) Jechoonni kun waaʼee Yoseef waan hedduu ibsu. Mucaansaa inni mudaa hin qabne aangoo Yoseef akka kabajuufi akka isaaf bitamu ibsamuunsaa, Yoseef mataa maatii taʼuudhaan itti gaafatamummaasaa raawwachaa akka ture nu hubachiisa.
29 Caqasni kun Yesus ogummaadhaan guddachaa akka deemes nu hubachiisa. Yoseef ilmisaa ogummaadhaan akka guddatu gargaaruurratti gumaacha guddaa akka godhe hin shakkisiisu. Bara sanatti Yihudoonni mammaaksa beekamaa taʼe tokko qabu turan. Yeroo harʼaattis beekamaadha. Mammaaksi kun ogeeyyii taʼuu kan dandaʼan sooressoota qofadha; namoonni hojii muka hojjetan, qonnaan bultoonni, namoonni sibiila tuman, “waaʼee haqaafi murtoo dubbachuu hin dandaʼan; bakka dubbiin iddoo guddaa qabu dubbatamuttis argamuu hin qaban” jedha. Yesus yeroo booda mammaaksi kun soba taʼuusaa mirkaneesseera. Yesus yeroo ijoollee turetti, Yoseef inni hojii mukaa hojjetuufi jireenya gadaanaa jiraatu, yommuu waaʼee “haqaafi murtoo” Yihowaa akka gaariitti barsiisu yeroo baayʼee isa dhagaʼee akka ture hin shakkisiisu.
30. Yoseef mataawwan maatii yeroo harʼaa jiraniif fakkeenya kan taʼu akkamitti?
30 Yoseef, Yesus qaamaan akka guddatu gumaacha akka godhes ragaan argisiisu jira. Yesus ijoollummaasaatti kunuunsa gaarii waan argateef yeroo guddatu nama cimaafi fayya buleessa taʼuu dandaʼeera. Kana malees Yoseef ilmisaa ogummaa harkaa akka qabaatu akka gaariitti isa leenjiseera. Yesus, ilma muka sooftuu qofa utuu hin taʼin “muka soofticha” jedhamees waamameera. (Mar. 6:3) Kanaaf Yoseef akka gaariitti isa leenjiseera jechuudha. Yeroo harʼaattis, mataa maatii kan taʼan ijoolleensaanii fayya buleessa akka taʼaniifi of dandaʼanii akka jiraatan godhanii isaan guddisuurratti fakkeenya Yoseef hordofuunsaanii gaariidha.
31. (a) Yeroo Yoseef itti duʼe ilaalchisee ragaan jiru maal argisiisa? ( Saanduqichas ilaali.) (b) Yoseef yeroo harʼaa fakkeenya akkamii nuu taʼa?
31 Seenaa Macaafa Qulqulluu Yesus umriisaa waggaa 30tti akka cuuphame ibsu booda Yoseefiin ilaalchisee wanti barreeffame hin jiru. Ragaa jirurraa hubachuun akka dandaʼamutti yeroo Yesus tajaajilasaa jalqabetti Maariyaam abbaan manaashee irraa duʼee ture. (Saanduqa “ Yoseef Kan Duʼe Yoomi?” jedhu ilaali.) Taʼus, Yoseef maatiisaa balaarraa eeguu, kunuunsuufi itti gaafatamummaasaa raawwachuudhaan akka abbaa tokkootti fakkeenya gaarii taʼeera. Abbaan, mataan maatii ykn Kiristiyaanni kamiyyuu fakkeenya amantii Yoseef hordofuuf carraaqquu qaba.
a Bara sanatti namoonni wal kaadhimatan akkuma wal fuudhanitti ilaalamu turan.
b “Urjiin” kun urjii isa nuyi beeknu ykn urjii Waaqayyo biraa ergame hin turre. Kanaa mannaa, dinqiin kun mala haxxummaa Seexanni Yesusiin balleessuuf itti fayyadame keessaa tokko akka ture beekamaadha.
c Macaafni Qulqulluun dinqii Yesus jalqaba raawwate ilaalchisee, “milikkita argisiise hundumaa keessaa isa jalqabaa” waan jedhuuf, Yesus cuuphamuusaa dura dinqii hin raawwanne.—Yoh. 2:1-11.