Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 13

Amantiin Dhugaa Gammachuu Bara baraa Argamsiisa

Amantiin Dhugaa Gammachuu Bara baraa Argamsiisa

KITAABNI QULQULLUUN, “Inni qajeelaan garuu amantiidhaan jiraata” jedha. (Roomaa 1:17) Yaadni kun abdii gammachiisaa siinis ilaallatu qabateera. Akkamitti?

Yesuus Masiihichi hojii isaa isa lafa irraa erga xumuree booda Waaqayyoo wajjin taʼuuf gara samii deeme. Osoo barattoonni isaa isa ilaalanii, “ol fudhatame; duumessis ija isaanii duraa isa dhokse.” (Hojii Ergamootaa 1:9) Waaqayyos samii irratti Mootii jabaa godhee isa muude. Yeroo dhihoottis, “Ilmi namaa ulfina isaatiin maleekota isaa hundumaa wajjin yommuu dhufu, teessoo isaa isa ulfina qabeessa irra ni taaʼa. Saboonni hundi isa duratti walitti ni qabamu; innis akkuma tikseen tokko hoolota reʼoota irraa gargar foʼu, namoota gargar foʼa.” (Maatewos 25:31, 32) Kun kan taʼu yoomi?

Kitaabni Qulqulluun yeroon itti addunyaa mararratti rakkoon itti heddummaatu akka dhufuu fi kunis mallattoo Masihichi ilmaan namootaa irratti murtoo dabarsuun isaa akka hin oolle argisiisu akka taʼe dubbata. Yesuus mallattoowwan kun maalfaa akka taʼan akkana jechuudhaan dubbateera: “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa. Kirkirri lafaa guguddaan ni taʼa; bakka garaa garaattis hanqinni nyaataa fi dhaʼichi ni jiraata; wantoonni nama sodaachisan ni mulʼatu.”—Luqaas 21:7, 10, 11.

Rakkoowwan yeroo harʼaa jiran Masiihichi dhiheenyatti ilmaan namootaa irratti akka murteessu argisiisu

Yeroo harʼaatti wantoonni Yesuus dubbate yeroo raawwataman ifatti argaa jirra. Yeroo dhihootti Yesuus hamoota balleessuuf ni dhufa. Dhuma irrattis Seexanni illee ni balleeffama. Lafti guutummaatti jannata taati. Namoonni hundi walii wajjin, bineensotaa wajjin illee nagaadhaan jiraatu. “Yeeyyiin xobbaallaa hoolaa wajjin ni jiraata, qeerransis ilmoo reʼee wajjin ni ciisa, jabbiin, leencii fi horiin gabbataan waliin ni jiraatu; mucaan xinnoonis isaan ni tiksa. Isaan . . . miidhaa yookiin badiisa akkamii iyyuu hin geessisan.” (Isaayyaas 11:6, 9) “Jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, ‘Na dhukkuba’ hin jedhu.” “Yeroo sanatti ijji warra qaro dhabeeyyii ni banama, gurri duudes ni dhagaʼa.” (Isaayyaas 33:24; 35:5) Namoonni duʼan illee duʼaa ni kaʼu. “Yihowaan . . . fuula hundumaa irraa imimmaan ni haqa” “duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu.” (Isaayyaas 25:8; Mulʼata 21:4) Yeroo sanatti kaayyoon Waaqayyo jalqaba irratti lafaaf qabu ni raawwatama. Abdii baayʼee nama gammachiisu dha!

Amantiitti Guddachuu Kee Itti Fufi

Waaqayyo Jannata keessa akka jiraatan kan godhu namoota akkamiiti? Namoota amantii dhugaa qabani dha!

Amantiin dhugaa beekumsa sirrii Dubbii Waaqayyoo irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa yaadadhu. Kanaafuu, Waaqayyoo fi Yesuusiin caalaatti beekuu kee itti fufi!

Namoonni amantii dhugaa qaban bara baraaf Jannata keessa jiraatu!

Amantiin dhugaa gocha qajeelinaatiin kan deggeramu dha. Dubbiin Waaqayyoo, “Amantiin hojii hin qabnes duʼaa dha” jedha. (Yaaqoob 2:26) Wantoota gaggaarii akkanaa raawwachuudhaan amaloota Waaqayyoo warra dinqisiisoo kanneen akka humnaa, haqaa, ogummaa fi jaalalaa calaqqisiista. Amaloota gaggaarii kana horachuuf carraaqqii gochuu kee itti fufi!

Amantii dhugaa horachuun kee badhaasa hedduu siif argamsiisa. Dhuguma iyyuu, amantiin dhugaa furtuu yeroo ammaattis taʼe bara baraaf jireenya gammachuu qabu argachuuf si gargaaru dha!