Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 12

Amantii Dhugaa Akka Qabdu Argisiisi!

Amantii Dhugaa Akka Qabdu Argisiisi!

WAAQAYYO tajaajiltoonni isaa qorumsi amantii akka isaan mudatu isaan akeekkachiiseera. Dubbiin Waaqayyo, “Dammaqoo taʼaa! Diinni keessan Diyaabilos nama liqimsu barbaadee akka leenca barooduutti naannaʼaa jira” jedha. (1 Pheexiros 5:8) Seexanni amantii keessan balleessuuf kan yaalu akkamitti taʼuu dandaʼa?

Mormiin akkasii si mudatee beekaa?

Seexanni Kitaaba Qulqulluu akka hin qoʼanne gochuuf namoota kaan, tarii namoota ati jaallattutti fayyadamee dhiibbaa sirratti gochuu dandaʼa. Kana ilaalchisee Yesuus, “Namni tokko miseensonni maatii isaa diinota isatti taʼu” jedhee dursee dubbateera. (Maatewos 10:36) Miseensonni maatii fi michoonni siif yaadan dhugaawwan dinqisiisoo Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman hin beekan taʼa. Yookiin wanta namoonni kaan yaadan ni sodaatu taʼa. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun, “Namoota sodaachuun kiyyoo dha, namni Yihowaatti amanamu garuu eegumsa argata” jedha. (Fakkeenya 29:25) Namoota gammachiisuuf jettee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yoo dhiiste, kun Waaqayyoon kan gammachiisu sitti fakkaataa? Akka hin gammachiisne beekamaa dha! Karaa biraatiin immoo, amantii dhugaa yoo qabaanne Waaqayyo nu gargaara. “Nuti akka namoota amantii isa lubbuu isaanii jiraataa godhee eegu qabanii ti malee, akka namoota badiisaaf duubatti deebiʼanii miti.”—Ibroota 10:39.

Seenaa Duumaas isa jalqaba irratti ilaalle yaadadhaa. Jalqaba, haati manaa isaa amantii isaatiin isatti ni qoosti turte. Yeroo booda garuu isaa wajjin Dubbii Waaqayyoo barachuu jalqabde. Haaluma wal fakkaatuun wanta sirrii taʼe raawwachuu kee yoo itti fufte, michoonni kee fi namoonni jaallattu sii wajjin akka baratan dhiibbaa isaan irratti gochuu dandeessa. Yeroo baayʼee, miseensi maatii hin amanne tokko, ‘dubbii malee amala qulqulluu’ fi “ulfina guddaa” namoonni amantii dhugaa qaban argisiisaniin ni moʼama.—1 Pheexiros 3:1, 2.

Kana malees, Seexanni namoonni hojiin akka isaanitti baayʼatuu fi Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf yeroo akka hin qabne akka isaanitti dhagaʼamu gochuu barbaada. Yaaddoon jireenyaa, rakkoowwan dhuunfaa fi yaaddoon maallaqaa, ‘dubbicha hudhee’ amantiin kee “firii kan hin godhanne” akka taʼu gochuu barbaada. (Maarqos 4:19) Ilaalcha sirrii hin taane akkasii irraa fagaadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si Waaqa dhugaa isa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu” jedha. (Yohaannis 17:3) Eeyyee, waaʼee Waaqayyoo fi waaʼee Yesuus isa Masiihicha taʼe sanaa barachuu kee itti fufuun Jannata keessatti jireenya bara baraa argachuuf murteessaa dha.

Waaqayyo akka si gargaaru kadhadhu

Mee waaʼee Musee isa miseensa maatii mootummaa warra Gibxii ture sanaa yaadi. Inni qabeenya, beekamtii fi aangoo duukaa buʼuu ni dandaʼa ture. Haa taʼu malee, Museen, “gammachuu cubbuun yeroo muraasaaf argamsiisu mannaa, saba Waaqayyoo wajjin rakkachuu filate.” Maaliif? Kana kan godhe, ‘isa hin mulʼanne sana akka waan arguutti amantiitti cimee waan itti fufeefi.’ (Ibroota 11:24, 25, 27) Eeyyee, Museen Waaqayyo irratti amantii cimaa qaba ture. Fedhi dhuunfaa isaa irratti utuu hin taʼin, fedha Waaqayyootiif dursa kenneera; Waaqayyos baayʼisee isa eebbiseera. Atis akkana yoo goote Waaqayyo si eebbisa.

Seexanni karaa garaa garaa kiyyoo keessa si galchuuf yaala. Ati garuu kiyyoo isaa keessa galuu hin qabdu. Dubbiin Waaqayyoo, “Diyaabilosiin garuu mormaa, innis isin irraa ni baqata” jedha. (Yaaqoob 4:7) Isa mormuu kan dandeessu akkamitti?

Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee itti fufi. Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaadhaan dubbisi. Barumsa kitaabicha keessa jiru qoʼadhu. Gorsa isaas hojii irra oolchi. Akkas yoo goote, ‘meeshaa waraanaa guutuu isa Waaqayyo biraa argamu ni fudhatta,’ kun immoo, dhiibbaa Seexanaa dandamachuuf si gargaara.—Efesoon 6:13.

Namoota amantii dhugaa qabanii wajjin michoomi. Namoota Kitaaba Qulqulluu dubbisan, qoʼatanii fi gorsa isaa hojii irra oolchanii wajjin wal bari. Namoonni akkasii ‘jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasu, xiyyeeffannaa waliif ni kennu, akkasumas wal jajjabeessu.’ Atis amantiin kee akka guddatu si gargaaru.—Ibroota 10:24, 25.

Namoota amantii qabanitti michoomi

Yihowaatti Dhihaadhu. Waaqayyo akka si gargaaru isa kadhadhu, isattis amanami. Waaqayyo si gargaaruu akka barbaadu matumaa hin irraanfatin. “Inni isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa [Waaqayyo] irratti gataa.” (1 Pheexiros 5:6, 7) “Waaqayyo amanamaa waan taʼeef, hamma baachuu dandeessan caalaa akka qoramtan hin heyyamu; kanaa mannaa, jabaattanii dhaabbachuu akka dandeessaniif, yeroo qoramtanitti karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.”—1 Qorontos 10:13.

Seexanni rakkinni yoo irra gaʼe eenyu iyyuu Waaqayyoon tajaajiluu akka itti hin fufne dubbachuudhaan Waaqayyoon arrabseera. Taʼus, Seexanni sobduu taʼuu isaa argisiisuuf carraa qabda! Waaqayyo, “Isa na arrabsuuf deebii kennuu akkan dandaʼutti, yaa ilma koo, ogeessa taʼi, garaa koos gammachiisi” jedheera. (Fakkeenya 27:11) Eeyyee, amantii dhugaa akka qabdu argisiisuuf murtoo godhi!